< 2 Samueli 23 >

1 Nawa mawu otsiriza a Davide: “Mawu a Davide mwana wa Yese, mawu a munthu amene wakwezedwa ndi Wammwambamwamba, munthu wodzozedwa ndi Mulungu wa Yakobo, woyimba nyimbo za Israeli:
Dubbiin Daawit dhuma irratti dubbate kanaa dha: “Himanni Daawit ilmi Isseey, himanni nama Waaqni Waan Hundaa Olii, ol ol isa qabe, nama Waaqni Yaaqoob isa dibe faarfataan Israaʼel jaallatamaan sun akkana jedhe:
2 “Mzimu wa Yehova unayankhula kudzera mwa ine; mawu ake anali pakamwa panga.
“Hafuurri Waaqayyoo karaa kootiin dubbateera; dubbiin isaas arraba koo irra ture.
3 Mulungu wa Israeli anayankhula, Thanthwe la Israeli linati kwa ine: ‘Pamene munthu alamulira anthu mwachilungamo, pamene alamulira moopa Mulungu,
Waaqni Israaʼel dubbateera; Kattaan Israaʼel akkana naan jedhe: ‘Namni qajeelummaan saba bulchu, kan sodaa Waaqaatiin bulchu,
4 amakhala ngati kuwala kwa mmamawa, mmawa wopanda mitambo, monga kuwala pamene mvula yaleka kugwa imene imameretsa udzu mʼnthaka.’
inni akka ifa biiftuu ganamaa kan iddoo duumessi hin jirretti baʼuu, akkuma ifa aduu kan erga bokkaan caamee booddee marga biqilchuu ti.’
5 “Kodi banja langa silolungama pamaso pa Mulungu? Kodi Iye sanachite pangano losatha ndi ine, lokonzedwa ndi lotetezedwa mbali zonse? Kodi sadzakwaniritsa chipulumutso changa, ndi kundipatsa chokhumba changa chilichonse?
“Manni koo Waaqa duratti qajeelaa mitii? Inni kakuu bara baraa na wajjin seenee isas qajeelchee karaa hundaan ni eega mitii? Isatu fayyina koo fiixaan baasee fedhii koo hundas naaf guuta mitii?
6 Koma anthu oyipa ndiwo ayenera kutayidwa kunja ngati minga, imene sitengedwa ndi manja.
Namoonni hamoon hundinuu garuu akkuma qoraattii harkaan walitti hin qabamneetti gatamu.
7 Aliyense amene wayikhudza mingayo amayidula pogwiritsa ntchito chigwandali kapena ndodo ya mkondo; nayitentha pa moto.”
Namni qoraattii tuqu kam iyyuu miʼa sibiilaa yookaan somaa eeboo qabata; qoraattiin sunis lafuma jirutti gubama.”
8 Nawa mayina a ankhondo amphamvu a Davide: Yosebu-Basebeti wa ku Takemoni mkulu wa atsogoleri a ankhondo atatu. Iye anapha ndi mkondo ankhondo 800 nthawi imodzi.
Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yosheeb-Bashebet namichi Tahikmooni hoogganaa sadanii ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba saddeet fixe.
9 Wotsatana naye anali Eliezara mwana wa Dodo Mwahohi. Monga mmodzi mwa ankhondo atatu amphamvu a Davide, iye anali ndi Davide pamene anazunza Afilisti amene anasonkhana ku Pasi-Damimu kuchita nkhondo. Kenaka ankhondo a Israeli anabwerera mʼmbuyo.
Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar ilma Doodoo namicha gosa Ahooʼaa ture; innis yeroo Filisxeemota lolaaf achitti walitti qabamanii turan sana waraanuuf kutatanitti, namoota jajjaboo Daawit wajjin turan sadan keessaa tokko ture. Ergasii namoonni Israaʼel booddeetti deebiʼan;
10 Koma iye anayima osasuntha ndipo anakantha Afilisti mpaka mkono wake unatopa ndipo unakanirira ku lupanga lake. Yehova anapereka chigonjetso chachikulu pa tsiku limenelo. Asilikali anabwerera kwa Eliezara, kukatenga katundu wa anthu ophedwa.
inni garuu utuu lafa dhaabatee turee hin sochoʼin hamma harki isaa dadhabee goraadee isaatti gogutti Filisxeemota ni rukute. Waaqayyo gaafas moʼannoo guddaa kenne. Loltoonnis warra duʼan irraa hiikachuu qofaaf gara Eleʼaazaaritti deebiʼan.
11 Wotsatana naye anali Sama mwana wa Age Mharari. Pamene Afilisti anasonkhana pamalo pamene panali munda wa mphodza, ankhondo a Israeli anathawa Afilistiwo.
Isatti aanees Saamaa ilma Aagee namicha gosa Haraaraatu ture. Yommuu Filisxeemonni iddoo Leehi jedhamutti lafa qotiisaa kan misiraan guutame tokko biratti walitti qabamanitti loltoonni Israaʼel isaan duraa baqatan.
12 Koma Sama anayima pakati pa mundawo. Iye anawuteteza nakantha Afilistiwo ndipo Yehova anawapambanitsa koposa.
Saamaan garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatee ture. Innis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixe; Waaqayyos moʼannaa guddaa kenne.
13 Pa nthawi yokolola, atatu mwa atsogoleri makumi atatu anabwera kwa Davide ku phanga la Adulamu, pamene gulu la Afilisti linali litamanga misasa mʼchigwa cha Refaimu.
Yeroo midhaan haammamutti utuu loltoonni Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessatti walitti qabamanii jiranuu, hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
14 Nthawi imeneyo Davide anali mu linga, ndipo boma la Afilisti linali ku Betelehemu.
Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
15 Davide analakalaka madzi ndipo anati, “Haa, pakanapezeka munthu wokanditungira madzi a mʼchitsime chomwe chili pafupi ndi chipata cha ku Betelehemu!”
Daawitis Dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
16 Choncho anthu amphamvu atatuwa anadutsa mizere ya Afilisti, natunga madzi amene anali mʼchitsime chomwe chinali pafupi ndi chipata cha ku Betelehemu nabwera nawo kwa Davide. Koma iye anakana kumwa. Mʼmalo mwake anathira pansi pamaso pa Yehova.
Kanaafuu namoonni jajjaboon sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
17 Iye anati, “Inu Yehova, musalole kuti ine ndichite chinthu ichi! Kodi awa si magazi a anthu amene anayika miyoyo yawo pachiswe?” Ndipo Davide sanamwe madziwo. Zimenezi ndi zimene anachita anthu amphamvu atatuwo.
Innis, “Yaa Waaqayyoo, waan kana gochuun narraa haa fagaatu! Bishaan kun dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti kutatanii deemanii mitii?” jedhe. Kanaafuu Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
18 Abisai mʼbale wa Yowabu mwana wa Zeruya ndiye anali mtsogoleri wa anthu atatuwa. Iye anapha ndi mkondo ankhondo 300, choncho iyeyo anali wotchuka pakati pa anthu atatu aja.
Abiishaayi ilmi Zeruuyaa obboleessi Yooʼaab hoogganaa sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota sadan sanaa beekamaa taʼe.
19 Kodi iyeyo sanali wolemekezeka koposa? Iye anakhala mtsogoleri wawo ngakhale kuti sanali mʼgulu la anthu atatu aja.
Abiishaayin warra sadan caalaa ulfina hin argannee ree? Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu ajajaa isaanii taʼe.
20 Benaya mwana wa Yehoyada wa ku Kabizeeli anali munthu wolimba mtima amene anachita zinthu zamphamvu. Iye anakantha ankhondo awiri otchuka a ku Mowabu. Tsiku lina kukuzizira kwambiri, iye analowa mʼdzenje ndi kuphamo mkango.
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
21 Ndipo iye anakanthanso Mwigupto wamkulu msinkhu. Ngakhale kuti Mwiguptoyo anali ndi mkondo mʼdzanja mwake, Benaya anapita kukamenyana naye ali ndi chibonga chokha mʼmanja. Iye analanda mkondo mʼdzanja la Mwiguptoyo ndi kumupha ndi mkondo wake womwe.
Inni namicha biyya Gibxi guddicha tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe; innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
22 Izi ndi zamphamvu zimene Benaya mwana wa Yehoyada anachita. Iyeyo analinso wotchuka ngati anthu atatu amphamvu aja.
Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
23 Iye ankalemekezedwa kuposa wina aliyense mwa anthu makumi atatu aja, koma sanali mʼgulu la anthu atatu aja. Ndipo Davide anamuyika kukhala woyangʼanira asilikali omuteteza.
Inni namoota soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
24 Mʼgulu la anthu makumi atatu aja munalinso awa: Asaheli mʼbale wa Yowabu, Elihanani mwana wa Dodo wa ku Betelehemu,
Jara soddomman sana keessattis: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan ilma Doodoo namicha Beetlihem,
25 Sama Mharodi, Elika Mherodi,
Shamaa namicha gosa Haroodaa, Eliiqaa namicha gosa Haroodaa,
26 Helezi Mpaliti, Ira mwana wa Ikesi wa ku Tekowa,
Heleez namicha Phaaltii, Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa,
27 Abiezeri wa ku Anatoti, Sibekai Mhusati,
Abiiʼezer nama Anaatoot, Mebunaay nama biyya Hushaa,
28 Zalimoni Mwahohi, Maharai Mnetofa,
Zalmoon nama Ahooʼaa, Maharaayi nama Netoofaa,
29 Heledi mwana wa Baana Mnetofa, Itai mwana wa Ribai wa ku Gibeya ku Benjamini,
Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa, gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay namicha Gibeʼaa,
30 Benaya Mpiratoni, Hidayi wa ku zigwa za Gaasi.
Benaayaa nama Phiraatoon Hidaay namicha sululoota Gaʼaash,
31 Abi-Aliboni Mwaribati, Azimaveti Mbarihumi,
Abii-Alboon namicha biyya Arbaa, Azmaawet nama Barhuum,
32 Eliyahiba Msaaliboni, ana a Yaseni, Yonatani,
Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon, ilmaan Yaasheen, Yoonaataan,
33 mwana wa Sama Mharari, Ahiamu mwana wa Sarari Mharari,
ilma Shamaa namicha Haraaraa sanaa, Ahiiʼaam ilma Shaaraar namicha Aroodaa sanaa,
34 Elifeleti mwana wa Ahasibai Mmaakati, Eliamu mwana wa Ahitofele Mgiloni,
Eliiphelexi ilma Ahasbaayi nama Maʼakaat, Eliʼaam ilma Ahiitofel nama Giiloon,
35 Heziro wa ku Karimeli, Paarai Mwaribi,
Hezroo nama Qarmeloos, Faʼaraay nama biyya Arbii,
36 Igala mwana wa Natani wa ku Zoba, mwana wa Hagiri,
Yigiʼaal ilma Naataan namicha Zoobaa, Baanii gosa Gaad,
37 Zeleki Mwamoni, Naharai wa ku Beeroti, mnyamata wonyamula zida za Yowabu mwana wa Zeruya,
Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha gosa Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana ture;
38 Ira Mwitiri, Garebu Mwitiri,
Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
39 ndi Uriya Mhiti. Onse pamodzi analipo 37.
akkasumas Uuriyaa namicha Heet. Walumatti namoota soddomii torba turan.

< 2 Samueli 23 >