< 2 Samueli 13 >

1 Patapita nthawi, Amnoni mwana wa Davide anakonda Tamara, mlongo wa Abisalomu, mwana wa Davide, amene anali wokongola.
Yeroo tokko Amnoon ilmi Daawit Taamaarin jaallate; isheen akka malee bareedduu, obboleettii Abesaaloom ilma Daawit sanaa turte.
2 Amnoni sankagona tulo mpaka anadwala chifukwa cha Tamara mlongo wakeyo, pakuti iye anali asanagonepo ndi mwamuna ndipo zimaoneka kuti zinali zosatheka kuti achite chilichonse kwa iye.
Amnoon sababii jaalala obboleettii isaa Taamaariitiif akka malee dhiphatee dhibame; sababii isheen durba turteef Amnoon waan waanuma tokko illee ishee gochuu dandaʼu hin seene.
3 Koma Amnoni anali ndi mnzake dzina lake Yehonadabu mwana wamwamuna wa Simea, mʼbale wake wa Davide. Yonadabu anali munthu wochenjera kwambiri.
Amnoon michuu akka malee jalʼaa kan Yoonaadaab jedhamu tokko qaba ture; Yoonaadaab ilma Shimeʼaa obboleessa Daawit.
4 Iye anafunsa Amnoni, “Nʼchifukwa chiyani iwe mwana wa mfumu, umaoneka wowonda mmawa uliwonse? Bwanji wosandiwuza?” Amnoni anamuyankha kuti, “Ine ndamukonda Tamara, mlongo wa mʼbale wanga Abisalomu.”
Yoonaadaabis Amnooniin, “Yaa ilma mootii, dhagni kee maaliif guyyuma guyyaan huqqachaa deema? Ati natti hin himtuu?” jedhee gaafate. Amnoon immoo, “Ani Taamaar obboleettii Abesaaloom obboleessa kootii jaalladheera” isaan jedhe.
5 Yehonadabu anati, “Pita ukagone ndipo unamizire kudwala. Abambo ako akabwera kudzakuona, udzati kwa iwo, Ine ndikufuna mlongo wanga Tamara abwere kuti adzandikonzere chakudya kuti ndidye. Adzandikonzere chakudyacho ine ndikumuona ndi kudya chili mʼmanja mwake.”
Yehoonaadaabis, “Sobiitii akka nama dhukkubsateetti siree irra ciisi; yommuu abbaan kee si gaafachuu dhufutti, ‘Akka ani harka isheetii nyaadhuuf akka obboleettiin koo Taamaar dhuftee fuula koo duratti nyaata naa qopheessitu nan barbaada’ jedhiin” jedhe.
6 Kotero Amnoni anagona nakhala ngati akudwala. Mfumu itabwera kudzamuona, Amnoni anati kwa iyo, “Ine ndikufuna mlongo wanga Tamara kuti abwere adzandipangire buledi wapamwamba ineyo ndikuona, kuti ndidye ali mʼmanja mwake.”
Kanaafuu Amnoon sobee akka nama dhukkubsate tokkootti ciise. Yommuu mootichi isa gaafachuu dhufettis Amnoon, “Akka obboleettiin koo Taamaar dhuftee fuula koo duratti nyaata addaa naaf qopheessitee nyaadhu nan barbaada” jedheen.
7 Davide anatumiza mawu kwa Tamara ku nyumba yaufumu kuti, “Pita ku nyumba ya mlongo wako Amnoni ndipo ukamukonzere chakudya.”
Daawitis gara manaatti Taamaaritti nama ergee, “Gara mana obboleessa kee Amnoon dhaqiitii waan inni nyaatu qopheessiif” jedhe.
8 Choncho Tamara anapitadi ku nyumba ya mlongo wake Amnoni kumalo kumene ankagona. Anakanda ufa, nawumba buledi Amunoniyo akuona ndipo anaphika bulediyo.
Kanaafuu Taamaar kaatee gara mana obboleessa ishee Amnoon kan ciisee ture sanaa dhaqxe. Daakuu xinnoo ishee fuutee bukeessitee fuula isaa duratti tolchite.
9 Kenaka iye anatenga chiwaya ndipo anamupatsa bulediyo, koma iyeyo anakana. Amnoni anati “Uza aliyense atuluke muno.” Ndipo aliyense anatuluka.
Ergasiis buddeena tolchite sana eelee irraa fuutee dhiʼeessiteef; inni garuu nyaachuu dide. Amnoon, “Nama hunda narraa baasaa” jedhe. Kanaafuu namni hundi isa biraa baʼe.
10 Kenaka Amnoni anati kwa Tamara, “Bweretsa chakudya kuno, ku chipinda changa chogona kuti ndidye chili mʼmanja mwako.” Ndipo Tamara anatenga buledi amene anapanga ndi kubwera naye kwa mlongo wake ku chipinda chake.
Ergasiis Amnoon Taamaariin, “Akka ani harka kee irraa nyaadhuuf buddeenicha kutaa ani ciisutti naa fidi” jedhe. Taamaaris buddeena qopheessite sana fuutee Amnoon obboleessa isheetiif lafa inni ciisetti geessite.
11 Koma atabweretsa kwa iye kuti adye, anamugwira ndipo anati, “Bwera ugone nane, iwe mlongo wanga.”
Inni garuu yommuu isheen nyaata dhiʼeessiteefitti humnaan ishee qabatee, “Yaa obboleettii ko, kottuu na wajjin ciisi” jedheen.
12 Tamara anati kwa iye, “Ayi mlongo wanga! Usandikakamize. Zotere siziyenera kuchitika mu Israeli! Usachite chinthu choyipa chotere.
Isheen immoo deebiftee akkana jetteen; “Yaa obboleessa ko, waan kana hin godhin! Na hin dirqisiisin. Wanni fokkisaan akkasii Israaʼel keessatti hojjetamuu hin qabu! Ati waan hamaa kana hin godhin.
13 Kodi ukuganiza bwanji za ine? Kodi manyazi anga ndidzawachotsa bwanji? Ndipo nanga iweyo? Udzakhalatu monga mmodzi mwa zitsiru zoyipitsitsa muno mu Israeli. Chonde kapemphe kwa mfumu. Sadzakuletsa kuti undikwatire.”
Ani maalan taʼa? Salphina koos baadhee eessan dhaqa? Ati hoo? Atis Israaʼel keessatti akka gowwaa hamaa tokkootti ilaalamuu kee ti mitii? Maaloo mootichatti himadhu; inni sitti heerumuu na hin dhowwuutii.”
14 Koma sanamvere zimene amanena Tamara ndipo popeza anali wamphamvu kuposa Tamarayo, iye anamugwirira.
Inni garuu ishee dhagaʼuu dide; waan ishee caalaa jabaa taʼeefis humnaan ishee gudeede.
15 Atatero Amnoni anadana naye kwambiri. Iyeyo anamuda kuposa momwe anamukondera. Amnoni anati, “Dzuka ndipo tuluka!”
Ergasii Amnoon jibba guddaa ishee jibbe; dhugumaan hamma dur ishee jaallate caalaa ishee jibbe. Amnoonis, “Kaʼiitii baʼii deemi!” isheen jedhe.
16 Iye anayankha, “Ayi! Kundithamangitsa kukhala kulakwa kwakukulu kuposa zimene wachita kale kwa ine.” Koma anakana kumumvera.
Isheen immoo, “Hin taʼu! Na ariʼuun kee yakka ati duraan natti hojjette caalaa hammaata” jetteen. Inni garuu ishee dhagaʼuu dide.
17 Amnoni anayitana wantchito wake ndipo anati, “Mutulutse mkazi uyu muno ndipo utseke chitseko akatuluka.”
Tajaajilaa ofii isaas waamee, “Dubartii kana narraa baasiitii balbala itti cufi” jedheen.
18 Choncho wantchito wakeyo anamutulutsa ndipo anatseka chitseko atatuluka. Tamara anali atavala mkanjo wokongoletsedwa kwambiri, pakuti ichi chinali chovala chimene ana aakazi a mfumu amene sanagonepo ndi mwamuna amavala.
Tajaajilaan isaa sunis gad ishee baasee balbala itti cufe. Isheen uffata faaya adda addaatiin miidhagfame uffattee turte; intallan mootii kanneen dubarran qulqulluu taʼan uffata akkasii uffatu tureetii.
19 Tamara anatsira phulusa pamutu pake ndipo anangʼamba mkanjo wokongoletsedwa umene anavalawo. Iye anagwira manja ake kumutu ndipo anachoka, akulira mokweza pamene amapita.
Taamaaris mataa isheetti daaraa firfirfattee wandaboo ishee dheeraa faayawwaniin miidhagfame sana tarsaafte. Harka ishees mataa irra kaaʼattee sagalee ol fudhattee booʼaa deemte.
20 Mlongo wake Abisalomu anati, “Kodi Amnoni uja mlongo wako wagona nawe? Khala chete mlongo wanga. Iye uja ndi mlongo wako ndipo usazilabadire.” Choncho Tamara anakhala mʼnyumba ya Abisalomu mlongo wake ngati woferedwa.
Abesaaloom obboleessi ishee, “Amnoon obboleessi kee si wajjin turee? Yaa obboleettii ko, calʼisi; inni obboleessuma kee ti. Waan kana garaatti hin qabatin” jedheen. Taamaaris kophaa ishee mana obboleessa ishee mana Abesaaloom jiraatte.
21 Mfumu Davide itamva zimenezi, inakwiya kwambiri.
Daawit mootichi yommuu waan kana hunda dhagaʼetti baayʼee aare.
22 Abisalomu sananene mawu aliwonse kwa Amnoni; abwino kapena oyipa. Iye anamuda Amunoniyo chifukwa anachititsa manyazi mlongo wake Tamara.
Abesaaloom dubbii tolaa yookaan hamaa tokko illee Amnoonitti hin dubbanne; Abesaaloom sababii inni obboleettii isaa Taamaarin salphiseef akka malee Amnoonin jibbee ture.
23 Patapita zaka ziwiri, pamene wometa nkhosa za Abisalomu anali ku Baala-Hazori pafupi ndi malire a fuko la Efereimu, iye anayitana ana onse aamuna a mfumu kuti apite kumeneko.
Waggaa lamaa booddee warri hoolota Abesaaloom irraa rifeensa haadan magaalaa Baʼaal Hasoor kan Efreem biratti argamu sana keessa turan; innis akka isaan achi dhaqaniif ilmaan mootii hunda waame.
24 Abisalomu anapita kwa mfumu ndipo anati, “Ometa nkhosa za mtumiki wanu anabwera. Chonde mfumu ndi akuluakulu anu mubwere kudzakhala nane?”
Abesaaloomis gara mootichaa dhaqee, “Namoonni hoolota garbicha keetii irraa rifeensa haadan dhufaniiru. Maaloo mootichii fi qondaaltonni isaa garbicha kee wajjin haa deeman” jedhee kadhate.
25 Mfumu inayankha kuti, “Ayi mwana wanga, tisapite tonsefe. Tidzakhala cholemetsa kwa iwe.” Ngakhale Abisalomu anayesetsa kuwumiriza mfumuyo, inakana kupita. Mʼmalo mwake inangomudalitsa Abisalomuyo.
Mootichi immoo deebisee, “Lakki yaa ilma ko, nu hundinuu deemuu hin qabnu; nu baʼaa qofa sitti taanaa” jedheen. Abesaaloom jabeessee isa kadhatu iyyuu inni isa eebbise malee isa faana hin deemne.
26 Kenaka Abisalomu anati, “Ngati sizitero, chonde mulole mʼbale wanga Amnoni apite nane.” Mfumu inamufunsa kuti, “Apite nawe chifukwa chiyani?”
Abesaaloomis, “Yoo taʼuu baate, maaloo obboleessi koo Amnoon nu wajjin haa deemu” jedhe. Mootichi immoo, “Inni maaliif si wajjin deema?” jedhee gaafate.
27 Koma Abisalomu anamuwumiriza, kotero analola kuti Amnoni pamodzi ndi ana onse a mfumu apite naye.
Abesaaloom garuu jabeessee isa kadhate; kanaafuu inni Amnoonii fi ilmaan mootichaa kaan isa wajjin erge.
28 Abisalomu analamula antchito ake kuti, “Tamverani! Amnoni akakaledzera ndi vinyo ndipo ine ndikakanena kuti, ‘Mukantheni Amnoni,’ pamenepo mukamuphe. Musakachite mantha. Kodi ine sindinakulamuleni? Mukhale amphamvu ndipo mulimbe mtima.”
Abesaaloom akkana jedhee namoota isaa ajaje; “Dhagaʼaa! Yommuu Amnoon daadhii wayinii dhugee machaaʼutti ani, ‘Amnoonin dhaʼaa’ isiniin jedha; isinis yommuu suma isa ajjeesaa. Hin sodaatinaa. Anatu ajaja kana isinii kenne mitii? Jabaadhaa; jagnoomaas.”
29 Kotero antchito a Abisalomu anachita kwa Amnoni zimene Abisalomu anawalamula. Kenaka ana onse a mfumu anayimirira ndipo anakwera pa abulu awo nathawa.
Kanaafuu namoonni Abesaaloom waanuma Abesaaloom isaan ajaje sana Amnoonitti hojjetan. Ilmaan mootichaa hundinuus kaʼanii gaangolii isaanii yaabbatanii baqatan.
30 Ali mʼnjira, Davide anamva mphekesera yakuti, “Abisalomu wakantha ana onse a mfumu ndipo palibe ndi mmodzi yemwe amene watsala.”
Utuu isaan karaa irra jiranuu oduun, “Abesaaloom ilmaan mootichaa hunda fixeera; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne” jedhu Daawit qaqqabe.
31 Mfumu inayimirira, ningʼamba zovala zake ndi kugona pa dothi. Antchito ake onse anayimirira pomwepo atangʼamba zovala zawo.
Mootichis ol kaʼee uffata isaa tarsaasee lafa ciise; tajaajiltoonni isaa kanneen isa bira dhadhaabatanii turan hundinuus uffata isaanii tatarsaasan.
32 Koma Yehonadabu mwana wa Simea, mʼbale wake wa Davide anati, “Mbuye wanga mfumu musaganize kuti wapha ana onse a mfumu; wafa ndi Amnoni yekha. Awa ndiwo akhala maganizo a Abisalomu kuyambira tsiku limene Amnoni anagwirira mlongo wake Tamara.
Yoonaadaab ilmi Shimeʼaa ilmi obboleessa Daawit sun garuu akkana jedhe; “Gooftaan koo waan isaan ilmaan mootichaa hunda fixan hin seʼin; Amnoon qofatu duʼe. Kunis waan Abesaaloom erga Amnoon obboleettii isaa Taamaarin humnaan gudeedee jalqabee itti yaadaa turee dha.
33 Mbuye wanga mfumu musavutike ndi maganizo ndi nkhani yoti ana onse a mfumu afa. Wafa ndi Amnoni yekha.”
Gooftaan koo mootichi waaʼee oduu ilmaan mootichaa hundi ajjeefamaniiru jedhu sanaa hin yaaddaʼin; Amnoon qofatu duʼe.”
34 Nthawi imeneyi nʼkuti Abisalomu atathawa. Tsono munthu amene amalondera anayangʼana ndipo anaona anthu ambiri pa msewu wa kumadzulo kwake, akubwera kutsetsereka phiri. Mlondayo anapita kukawuza mfumu kuti, “Ndikuona anthu pa njira ya Horonaimu, mʼmbali mwa phiri.”
Yeroo kanatti Abesaaloom baqateera. Namichi eegumsaaf dhaabatee tures ol jedhee ilaalee namoota baayʼee daandii Horonaayim kan gaara cina baʼu irra dhufaa jiran arge. Namichi sunis dhaqee, “Ani karaa Horonaayim, cina gaaraatti namoota nan arga” jedhee mootichatti hime.
35 Yehonadabu anati kwa mfumu, “Taonani ana a mfumu afika. Zachitika monga momwe mtumiki wanu ananenera.”
Yoonaadaabis mootichaan, “Kunoo, ilmaan mootichaa dhufanii jiru; wanni kun akkuma garbichi kee jedhe taʼe” jedhe.
36 Pamene amatsiriza kuyankhula, ana a mfumu analowa, akulira mofuwula. Mfumunso ndi antchito ake onse analira mokhudzidwa.
Akkuma inni dubbatee fixateen ilmaan mootichaa sagalee guddaadhaan booʼaa ol galan. Mootichii fi tajaajiltoonni isaa hundinuus hiqqifatanii booʼan.
37 Abisalomu anathawa, napita kwa Talimai mwana wa Amihudi, mfumu ya ku Gesuri. Koma mfumu Davide inalira mwana wake tsiku ndi tsiku.
Abesaaloom garuu baqatee gara ilma Amiihuud, gara Talmaay mooticha Geshuur sanaa dhaqe. Daawit immoo guyyaa hunda ilma isaatiif ni booʼa ture.
38 Abisalomu atathawa ndi kupita ku Gesuri, anakhala kumeneko zaka zitatu.
Abesaaloom erga baqatee Geshuur dhaqee booddee waggaa sadii achi ture.
39 Ndipo Davide anagwidwa ndi chifundo chofuna kumulondola Abisalomu pakuti anali atatonthozedwa pa imfa ya Amnoni.
Mootichis duʼa Amnoon irraa jajjabaannaan gara Abesaaloom dhaquuf garaan isaa kakaʼe.

< 2 Samueli 13 >