< 2 Akorinto 13 >
1 Uwu ndi ulendo wachitatu ndikubwera kudzakuyenderani. “Nkhani itsimikizike ndi umboni wa anthu awiri kapena atatu.”
Ani kanaan walitti siʼa sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti. “Dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.”
2 Ndinakuchenjezani kale pamene ndinali nanu ulendo wachiwiri uja. Tsopano ndikubwereza ndisanafike. Ndikabweranso sindidzachitira chifundo amene anachimwa poyamba paja kapena wina aliyense amene anachimwa,
Ani duraanuu yommuun siʼa lammaffaa isin bira turetti isin akeekkachiiseera. Amma illee fagoo taaʼee isuma irra nan deebiʼa; ani yeroon deebiʼee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjetaniifis taʼu warra kaan hundaaf garaa hin laafu;
3 popeza mufuna chitsimikizo chakuti Khristu akuyankhula kudzera mwa ine. Iye siwofowoka pofuna kuchita nanu koma ndi wamphamvu pakati panu.
kunis isin akka Kiristoos karaa kootiin dubbatu ragaa waan barbaaddaniif. Inni isin gidduutti cimaadha malee waaʼee keessan irratti dadhabaa miti.
4 Pofuna kutsimikizira, anapachikidwa ali wofowoka koma ali ndi moyo mwamphamvu ya Mulungu. Chomwechonso, ife ndife ofowoka mwa Iye, koma tidzakhala ndi moyo pamodzi naye ndi mphamvu ya Mulungu, potumikira pakati panu.
Inni dadhabbiidhaan fannifamu iyyuu, humna Waaqaatiin garuu ni jiraata. Nus akkasuma isatti dadhabdoota; taʼus isin tajaajiluuf humna Waaqaatiin isa wajjin ni jiraanna.
5 Tadzisanthulani nokha kuti muone ngati muli mʼchikhulupiriro; dziyeseni nokha. Kodi simuzindikira kuti Khristu Yesu ali mwa inu, ngati si choncho mwalephera mayesowa?
Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii?
6 Ndipo ndikhulupirira kuti mudzazindikira kuti ife sitinalephere mayesowo.
Anis akka nu qormaaticha hin kufin isin akka hubattan nan amana.
7 Tsopano tikupemphera kwa Mulungu kuti musadzachite kanthu kena kalikonse kolakwa. Osati chifukwa choti anthu aone kuti ife tapambana mayesowo koma kuti mudzachite zokhoza ngakhale anthu atamationa ngati olephera.
Nu ammas akka isin waan hamaa tokko illee hin hojjenneef Waaqa kadhanna. Kunis nu yoo waan qormaata kufne fakkaanne illee akka isin waan qajeelaa hojjettaniif malee akka namoonni qormaaticha keessatti cimnee dhaabachuu keenya arganiif miti.
8 Pakuti sitingachite chilichonse chotsutsana ndi choonadi, koma chokhacho chovomerezana ndi choonadi.
Nu dhugaaf hojjenna malee, dhugaa mormuudhaan homaa hojjechuu hin dandeenyuutii.
9 Ife timasangalala kuti pamene tafowoka, inu muli amphamvu; ndipo pemphero lathu ndi lakuti mukhale angwiro.
Yommuu nu dadhabnee isin immoo jabaattanitti ni gammanna; kadhannaan keenyas akka isin warra hirʼina hin qabne taataniif.
10 Nʼchifukwa chake ndimalemba zinthu zoterezi pamene ndili kutali, kuti ndikabwera ndisadzagwiritse ntchito ulamuliro wanga mokalipa, uwu ndi ulamuliro umene Ambuye anandipatsa kuti ndikukuzeni inu osati kukuwonongani.
Wanni ani yeroo fagoo jirutti barreessuuf kanaa dha; kunis akka ani yeroon gara keessan dhufutti taayitaa Gooftaan akka ani ittiin isin diiguuf utuu hin taʼin, akka ani ittiin isin ijaaruuf naa kennetti fayyadamee isinitti hin jabaanneef.
11 Potsiriza abale, ndikuti tsalani bwino. Yesetsani kukhala angwiro, mvetsetsani pempho langa, khalani a mtima umodzi, khalani mwamtendere. Ndipo Mulungu wachikondi ndi mtendere adzakhala nanu.
Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Waaqni jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.
12 Lonjeranani ndi mpsopsono wachiyero.
Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
13 Anthu onse a Mulungu akupereka moni.
Sabni Waaqaa hundinuu nagaa isinii dhaamu.
14 Chisomo cha Ambuye Yesu Khristu, ndi chikondi cha Mulungu, ndi chiyanjano cha Mzimu Woyera zikhale ndi inu nonse.
Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.