< 2 Mbiri 7 >
1 Solomoni atamaliza kupemphera, moto unatsika kuchokera kumwamba ndi kutentha nsembe zopsereza ndi nsembe zina, ndipo ulemerero wa Yehova unadzaza Nyumba ya Mulunguyo.
Yommuu Solomoon kadhannaa isaa fixatetti ibiddi samiidhaa gad buʼee aarsaa gubamuu fi aarsaawwan biraa nyaatee fixe; ulfinni Waaqayyoos mana qulqullummaa guute.
2 Ansembe sanathe kulowa mʼNyumba ya Mulungu chifukwa munadzaza ulemerero wa Yehova.
Sababii ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa guuteef luboonni mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuu hin dandeenye.
3 Aisraeli onse ataona moto ukuchokera kumwamba ndi ulemerero wa Yehova pamwamba pa Nyumba ya Mulungu, anagwada poyalidwa miyalapo ndipo anagunditsa nkhope zawo pansi, ndi kulambira ndi kutamanda Yehova, ponena kuti, “Iye ndi wabwino; chikondi chake chikhala chikhalire”
Israaʼeloonni hundi yommuu ibidda samiidhaa gad buʼuu fi ulfina Waaqayyoo mana qulqullummaa irratti arganitti qarqara karaa irratti jilbeenfatanii addaan lafatti gombifamuudhaan sagadan; akkana jedhaniis Waaqayyoon galateeffatan: “Inni gaarii dha; jaalalli isaas bara baraan jiraata.”
4 Tsono mfumu ndi anthu onse anapereka nsembe pamaso pa Yehova.
Ergasii mootichii fi sabni hundi fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessan.
5 Ndipo mfumu Solomoni anapereka nsembe ngʼombe 22,000, nkhosa ndi mbuzi 120,000. Kotero mfumu ndi anthu onse anachita mwambo wopereka Nyumba kwa Mulungu.
Solomoon Mootichis loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama aarsaa dhiʼeesse; akkasiin mootichii fi namoonni hundi mana qulqullummaa Waaqaa eebbisan.
6 Ansembe anayimirira mʼmalo mwawo, monganso anachitira Alevi ndi zida zoyimbira za Yehova, zimene Davide anapanga zotamandira Yehova ndipo zimagwiritsidwa ntchito pamene amatamanda, ponena kuti, “Chikondi chake chikhale chikhalire.” Moyangʼanizana ndi Alevi, ansembe amaliza malipenga, ndipo Aisraeli onse anali atayimirira.
Luboonni akkuma Lewwonni miʼoota faarfannaa Waaqayyo kanneen Daawit Mootichi ittiin Waaqayyoon jajachuudhaaf tolche kanneen yeroo inni, “Jaalalli isaa bara baraan ni jiraata” jedhee galateeffatutti fayyadan sana harkatti qabatanii dhaaban. Luboonnis fuullee Lewwotaa dhaabatanii malakata isaanii afuufan; Israaʼeloonni hundis dhadhaabachaa turan.
7 Solomoni anapatula malo a pakati pa bwalo kutsogolo kwa Nyumba ya Yehova ndipo pamenepo anapereka nsembe zopsereza ndi mafuta, zopereka za chiyanjano, chifukwa guwa lansembe lamkuwa limene anapanga panalibe malo woti nʼkuperekerapo nsembe zopsereza, nsembe za ufa ndi mafuta.
Solomoonis iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baase; inni sababii iddoon aarsaa kan inni naasii irraa hojjetee ture sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma baachuu hin dandaʼiniif aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa nagaa sana achumatti ni dhiʼeesse.
8 Choncho nthawi imeneyi, Solomoni anachita chikondwerero kwa masiku asanu ndi awiri pamodzi ndi Aisraeli onse. Unali msonkhano waukulu, kuyambira ku Lebo Hamati mpaka ku chigwa cha ku Igupto.
Kanaafuu Solomoon yeroo sanatti bultii torbaaf Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate.
9 Pa tsiku lachisanu ndi chitatu panali msonkhano, pakuti anachita mwambo wopereka guwa lansembe kwa masiku asanu ndi awiri ndi masiku enanso asanu ndi awiri achikondwerero.
Isaanis sababii bultii torba ayyaana eebba iddoo aarsaa ayyaaneffatanii bultii torba immoo ittuma fufanii ayyaana daasii ayyaaneffataniif bultii saddeettaffaatti wal gaʼii guddaa tokko ni godhatan.
10 Pa tsiku la 23 la mwezi wachisanu ndi chiwiri, Solomoni anawuza anthu aja kuti apite kwawo. Anthu anali achimwemwe ndi okondwa mʼmitima mwawo chifukwa cha zinthu zabwino zimene Yehova anachitira Davide ndi Solomoni ndiponso anthu ake Aisraeli.
Solomoonis guyyaa digdamii sadaffaa jiʼa torbaffaatti akka isaan mana isaaniitti galaniif namoota gad dhiise; isaanis sababii Waaqayyo Daawitiif, Solomoonii fi saba isaa Israaʼeliif waan gaarii godheef garaa isaaniitti gammadanii ni ililchan.
11 Solomoni atatsiriza kumanga Nyumba ya Yehova ndi nyumba yaufumu ndi kukwaniritsa kuchita zonse zimene zinali mu mtima mwake pa Nyumba ya Yehova ndi nyumba yake yaufumu,
Yommuu Solomoon mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa fixee waan mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa ofii isaa keessatti hojjechuu barbaade hunda raawwatetti,
12 Yehova anamuonekera usiku ndipo anati: “Ine ndamva pemphero lako ndipo ndadzisankhira malo ano kukhala Nyumba yanga yoperekeramo nsembe.
Waaqayyos halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen: “Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera.
13 “Ine ndikatseka kumwamba kuti mvula isagwe, kapena kulamulira dzombe kuti liwononge dziko, kapena kutumiza mliri pakati pa anthu,
“Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef samii cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti,
14 ngati anthu anga, amene amatchedwa ndi dzina langa adzichepetsa ndi kupemphera ndi kufunafuna nkhope yanga, nasiya njira zawo zoyipa, pamenepo Ine ndidzamva kumwamba ndipo ndidzakhululuka tchimo lawo ndi kuchiritsa dziko lawo.
yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.
15 Ndipo maso anga adzatsekuka ndi makutu anga adzakhala tcheru kumva mapemphero a pamalo pano.
Ammas kadhannaa iddoo kanatti dhiʼaatuuf iji koo ni banama; gurri koos ni dhagaʼa.
16 Ine ndasankha ndipo ndapatula Nyumba yangayi kotero kuti ndidzakhala mʼmenemo kwamuyaya. Maso ndi mtima wanga zidzakhala pano nthawi zonse.
Ani akka Maqaan koo bara baraan achi jiraatuuf mana qulqullummaa kana filadhee eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira.
17 “Kunena za iwe, ukayenda pamaso panga mokhulupirika monga momwe anachitira abambo ako Davide, ndi kuchita zonse zimene ndakulamula, ndi kusamalitsa malangizo ndi malamulo anga,
“Yoo ati akkuma Daawit abbaan kee godhe sana fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde,
18 Ine ndidzakhazikitsa mpando wako waufumu, monga ndinachitira pangano ndi abambo ako Davide pamene ndinati, ‘Sipadzasowa munthu wolamulira Israeli.’
ani akkuman yeroo, ‘Ati nama Israaʼelin bulchu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawit wajjin kakuu gale sana teessoo mootummaa keetii jabeessee nan dhaaba.
19 “Koma ngati iwe udzapatuka ndi kutaya malangizo ndi malamulo amene ndakupatsa ndi kupita kukatumikira milungu ina ndi kuyipembedza,
“Garuu yoo isin duubatti garagaltanii seeraa fi ajaja ani isinii kenne sana irraa gara waaqota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan,
20 pamenepo Ine ndidzazula Aisraeli mʼdziko langa limene ndinawapatsa, ndiponso ndidzayikana Nyumba ino imene ndadzipatulira. Ndipo udzakhala ngati mwambi ndi chinthu chonyozedwa pakati pa anthu onse.
ani biyya koo kanan isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan buqqisa; mana qulqullummaa kanan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa; saboota hunda birattis waan kolfaatii fi waan qoosaa isa nan godha.
21 Ndipo ngakhale kuti tsopano Nyumba ya Mulunguyi ndi yokongola kwambiri, onse amene adzadutsa pano adzadabwa kwambiri ndipo adzati, ‘Nʼchifukwa chiyani Yehova wachita chinthu chotere mʼdziko muno ndi pa Nyumba ya Mulunguyi?’
Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa. Namni achiin darbu hundis, ‘Waaqayyo maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa.
22 Anthu adzayankha kuti, ‘Nʼchifukwa chakuti asiya Yehova, Mulungu wa makolo awo, amene anawatulutsa mʼdziko la Igupto ndipo akangamira milungu ina ndi kumayipembedza ndi kuyitumikira. Choncho Iye wabweretsa zovuta zonsezi.’”
Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu.”