< 2 Mbiri 32 >

1 Zitatha zonse zimene Hezekiya anachita mokhulupirika, Senakeribu mfumu ya ku Asiriya anabwera ndi kuthira nkhondo dziko la Yuda. Iye anazinga mizinda yotetezedwa ya Yuda, kuganiza kuti ayigonjetsa.
Erga Hisqiyaas waan kana hunda amanamummaadhaan hojjetee booddee Senaaheriib mootichi Asoor dhufee Yihuudaa weerare. Moʼatee isaan qabachuudhaafis magaalaawwan dallaa dhagaa qaban marse.
2 Pamene Hezekiya anaona kuti Senakeribu wabwera ndipo wakonzeka kuchita nkhondo ndi Yerusalemu,
Hisqiyaasis yommuu akka Senaaheriib dhufee Yerusaalemin loluu barbaade argetti,
3 iye anakambirana ndi akuluakulu ake pamodzi ndi atsogoleri a gulu lankhondo za kutseka akasupe ochoka ku kasupe amene anali kunja kwa mzinda, ndipo iwo anamuthandiza.
burqaa bishaanii kan magaalaan ala jiru cufuuf qondaaltota isaa fi loltoota isaa wajjin mariʼate; isaanis isa gargaaran.
4 Gulu lalikulu la anthu linasonkhana, ndipo anatseka akasupe onse pamodzi ndi mtsinje umene umayenda mʼkati mwa nthakamo. Iwo ankanena kuti, “Nʼchifukwa chiyani mafumu a Asiriya akabwera kuno adzapeze madzi ambiri?”
Namoonni akka malee hedduun walitti qabamanii, “Mootonni Asoor maaliif dhufanii bishaan baayʼee argatan?” jedhanii burqaawwanii fi lageen biyya sana keessa yaaʼan hunda ni cufan.
5 Kenaka iye anagwira ntchito molimbika kukonza madera ogumuka a khoma ndi kumangapo msanja. Anamanganso mpanda wina kunja kwa mpanda winawo ndipo anamanga zolimbitsa Milo ku mzinda wa Davide.
Ergasii mootichi jabaatee hojjechuudhaan dallaawwan dhagaa kanneen jijjigan hunda dhaabuudhaan gamoowwan eegumsaa achi irratti ijaare. Isaan alatti immoo dallaawwan biraa ijaaree daangaa Magaalaa Daawit cimse. Akkasumas miʼoota lolaa fi gaachanawwan baayʼee hojjete.
6 Iye anasankha atsogoleri a ankhondo olamulira anthu ndipo anawasonkhanitsa pamaso pake pa bwalo la chipata cha mzinda ndi kuwalimbikitsa ndi mawu awa:
Innis ajajjoota loltootaa uummata irratti muudee oobdii karra magaalaa irratti fuula isaa duratti walitti qabee akkana jedhee isaan jajjabeesse;
7 “Khalani amphamvu ndi olimba mtima. Musachite mantha kapena kutaya mtima chifukwa cha mfumu ya ku Asiriya ndi gulu lalikulu lankhondo limene ali nalo, pakuti ife tili ndi mphamvu yayikulu kuposa imene ili ndi iye.
“Jabaadhaa; cimaa. Isin sababii mooticha Asoorii fi sababii loltoota akka malee baayʼee kanneen isa wajjin jiran sanaatiif jettanii hin sodaatinaa; humni nu wajjin jiru kan isa wajjin jiru caalaatii.
8 Iye ali ndi mphamvu ya anthu basi, koma ife tili ndi Yehova Mulungu wathu kutithandiza ndi kuchita nkhondo zathu.” Ndipo anthu anapeza chilimbikitso kuchokera pa zimene Hezekiya mfumu ya Yuda ananena.
Kan isa wajjin jiru humna foonii qofaa dha; kan nu wajjin jiru garuu Waaqayyo Waaqa keenya isa nu gargaaruu fi isa lola keenya nuuf loluu dha.” Uummanni dubbii Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin jajjabaate.
9 Nthawi ina, pamene Senakeribu mfumu ya ku Asiriya ndi gulu lake lonse lankhondo anali atazinga Lakisi, iye anatumiza atsogoleri ake ankhondo ku Yerusalemu ndi uthenga uwu kwa Hezekiya mfumu ya Yuda ndi anthu onse a ku Yuda amene anali kumeneko:
Kana booddees Senaaheriib mootichi Asoor utuma loltoota isaa hunda wajjin Laakkiish marsee jiruu, harka ajajjoota loltoota isaatti akkana jedhee gara Yerusaalemitti Hisqiyaasii fi namoota Yihuudaa kanneen achi jiran hundatti ergaa kana erge:
10 “Senakeribu mfumu ya ku Asiriya akuti: Kodi inu mukukhulupirira chiyani, kuti mukukhalabe mu Yerusalemu mutazingidwa?
“Senaaheriib mootichi Asoor akkana jedha: Yerusaalem ishee marfamte kana keessa turuun keessan of amanachuu kee maal irratti hundeeffatte?
11 Pamene Hezekiya akunena kuti ‘Yehova Mulungu wathu adzatipulumutsa kuchoka mʼdzanja la mfumu ya ku Asiriya,’ iye akukusocheretsani, kuti mufe ndi njala ndi ludzu.
Hisqiyaas, ‘Waaqayyo Waaqni keenya harka mootii Asoor jalaa nu baasa’ jechuun isaa akka isin beelaa fi dheebuudhaan dhumtaniif mitii?
12 Kodi si Hezekiya amene anachotsa malo opembedzerapo Mulungu ameneyu ndi maguwa ansembe ndi kunena kwa anthu a ku Yuda ndi Yerusalemu kuti, ‘Muzipembedza pa guwa lansembe limodzi ndi kupserezapo nsembe?’
Namni Yihuudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin iddoo aarsaa tokko duratti sagaduu fi isuma irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuu qabdu’ jedhee iddoowwan sagadaa fi iddoowwan aarsaa Waaqa kanaa balleesse Hisqiyaasuma mataa isaa mitii?
13 “Kodi inu simukudziwa zimene ine ndi makolo anga tachita kwa anthu a mitundu ina? Kodi milungu ya mitundu imeneyi inatha kupulumutsa dziko lawo kuchoka mʼdzanja langa?
“Isin waan anii fi abbootiin koo saboota biyyoota biraa hunda goone hin beektanii? Waaqonni saboota sanaa biyya isaanii harka koo jalaa takkumaa baasuu dandaʼaniiruu?
14 Kodi ndi milungu iti mwa milungu ya mitundu ina ya anthuwo, imene makolo anga anayiwononga kotheratu, inatha kupulumutsa anthu ake mʼdzanja langa? Nanga tsono Mulungu wanuyo adzakupulumutsani mʼdzanja langa motani?
Waaqota abbootiin koo balleessan kanneen hunda keessaa isa kamtu saba isaa harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqni keessan akkamitti harka koo keessaa isin baasuu dandaʼa ree?
15 Choncho inu musalole kuti Hezekiya akunamizeni ndi kukusocheretsani motere. Musamukhulupirire, pakuti palibe mulungu wa mtundu wina uliwonse kapena ufumu wina uliwonse umene unatha kupulumutsa anthu ake kuchoka mʼdzanja langa kapena mʼdzanja la makolo anga. Nanga bwanji Mulungu wanuyo, sadzatha kukupulumutsani kuchoka mʼdzanja langa!”
Ammas Hisqiyaas akkasitti isin gowwoomsee karaa irraa isin hin jalʼisin. Waaqni saba yookaan mootummaa kamii iyyuu saba isaa harka koo yookaan harka abbootii koo jalaa baasuu hin dandeenyeetii isa hin amaninaa. Waaqni keessan immoo harka kootii isin baasuuf hammam haa yaratu ree!”
16 Atsogoleri a ankhondo a Senakeribu anapitiriza kuyankhula zotsutsana ndi Yehova Mulungu ndi mtumiki wake Hezekiya.
Qondaaltonni Senaaheriibis waan kana caalaa hedduu Waaqayyo Waaqaa fi Hisqiyaas garbicha isaa irratti ni dubbatan.
17 Mfumunso inalemba makalata onyoza Yehova, Mulungu wa Israeli, ndipo inanena zotsutsana naye izi: “Monga momwe milungu ya anthu a mayiko ena sinathe kuwapulumutsa kuchoka mʼdzanja langa, chonchonso Mulungu wa Hezekiya sadzapulumutsa anthu ake kuchoka mʼdzanja langa.”
Mootichis akkasuma Waaqayyo Waaqa Israaʼel arrabsuudhaan, waan hamaa illee isatti dubbachuudhaan, “Akkuma waaqonni biyyoota biraa saba isaanii harka koo jalaa baasuu hin dandaʼin sana Waaqni Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa oolchuu hin dandaʼu” jedhee xalayaa barreesse.
18 Kenaka iwo anafuwula mu Chihebri kwa anthu a mu Yerusalemu amene anali pa khoma, kuwaopseza ndi kuwachititsa mantha ndi cholinga choti alande mzindawo.
Kana irratti isaan naasisuu fi sodaachisuudhaan magaalaa sana qabachuudhaaf saba Yerusaalem kan dallaa dhagaa irra tureetti afaan Ibraayisxiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii iyyan.
19 Iwo anayankhula za Mulungu wa Yerusalemu monga anayankhulira za milungu ya anthu ena a pa dziko lapansi, ntchito ya manja a anthu.
Isaan akkuma waaʼee waaqota saboota addunyaa biraa kanneen harka namaatiin hojjetaman sanaa dubbatan sana waaʼee Waaqa Yerusaalem dubbatan.
20 Mfumu Hezekiya ndi mneneri Yesaya mwana wa Amozi anafuwulira kumwamba mʼpemphero chifukwa cha zimenezi.
Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas raajichi ilmi Amoos waaʼee waan kanaatiif kadhannaadhaan gara samiitti ol iyyan.
21 Ndipo Yehova anatumiza mngelo amene anadzapha anthu onse odziwa nkhondo ndi atsogoleri ndiponso oyangʼanira misasa ya mfumu ya ku Asiriya. Choncho Senakeribu anabwerera kwawo wamanyazi. Ndipo atalowa mʼnyumba ya mulungu wake, ena mwa ana ake anamupha ndi lupanga.
Waaqayyos ergamaa isaa tokko itti erge; ergamaan sunis qubata loltoota mooticha Asoor keessatti loltoota, hooggantootaa fi ajajjoota loltootaa ni balleesse. Kanaafuu mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Yeroo inni galma Waaqa isaa seenettis ilmaan isaa achumatti goraadeedhaan isa cicciran.
22 Kotero Yehova anapulumutsa Hezekiya ndi anthu a ku Yerusalemu kuchoka mʼdzanja la Senakeribu mfumu ya ku Asiriya ndi mʼdzanja la anthu ena. Yehova anawateteza ku mbali zonse.
Waaqayyo akkasiin Hisqiyaasii fi namoota Yerusaalem harka Senaaheriib mooticha Asoorii fi harka diinota isaa hundaa jalaa ni baase. Inni karaa hundaan isaan eege.
23 Anthu ambiri anabweretsa zopereka kwa Yehova ku Yerusalemu ndi mphatso zamtengowapatali kwa Hezekiya mfumu ya Yuda. Kuyambira nthawi imeneyo Hezekiya ankalemekezedwa kwambiri ndi mitundu ina yonse.
Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti Waaqayyoof aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate.
24 Pa nthawi imeneyo Hezekiya anadwala ndipo anali pafupi kufa. Iye anapemphera kwa Yehova, amene anamuyankha ndi kumupatsa chizindikiro chodabwitsa.
Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼe. Innis Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos deebii kennee fi mallattoo dinqisiisaa isa argisiise.
25 Koma Hezekiya anali ndi mtima wonyada ndipo sanachite molingana ndi kukoma mtima kumene Mulungu anamuonetsera. Choncho mkwiyo wa Yehova unali pa iye ndi pa Yuda ndi Yerusalemu.
Hisqiyaas garuu garaa isaatti of tuule malee waan gaarii isaaf godhameef deebii malu hin kennine; kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo isatti, Yihuudaa fi Yerusaalemitti dhufe.
26 Koma kenaka Hezekiya analapa za kunyada kwakeko, monga anachitanso anthu a mu Yerusalemu. Choncho mkwiyo wa Yehova sunafike pa iwo pa nthawi ya Hezekiya.
Kana irratti Hisqiyaas akkuma namoota Yerusaalem sanaa of tuulummaa garaa isaa irraa ni deebiʼe; kanaafuu bara Hisqiyaas keessa dheekkamsi Waaqayyoo isaanitti hin dhufne.
27 Hezekiya anali ndi chuma ndi ulemu wambiri ndipo anamanga nyumba zosungiramo chuma cha siliva wake ndi golide ndi za miyala yokongola, zokometsera zakudya, zishango ndi mtundu uliwonse wa zinthu zamtengowapatali.
Hisqiyaas qabeenya akka malee baayʼee fi ulfina guddaa qaba ture; innis meetii isaaf, warqee isaaf, dhagaawwan isaa gati jabeeyyiif, urgooftuuwwan isaaf, gaachanawwan isaa fi miʼoota garaa garaa kanneen gatii guddaa qaban hundaaf mankuusa ni ijaare.
28 Iye anamanganso nyumba zosungiramo tirigu, vinyo watsopano ndi mafuta a olivi, ndiponso anamanga nyumba zodyeramo ngʼombe zosiyanasiyana, ndi makola a nkhosa.
Akkasumas midhaaniif gombisaa ijaare; daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaaf qodaa itti kuusan qopheesse; loon gosa hundaaf dallaa, bushaayeef immoo gola ni ijaare.
29 Iyeyo anamanga midzi ndipo anali ndi nkhosa ndi ngʼombe zambiri, pakuti Mulungu anamupatsa chuma chambiri.
Innis sababii Waaqni badhaadhummaa guddaa isaaf kenneef bushaayee baayʼee, karra loonii hedduus horatee magaalaawwanis ni ijaarrate.
30 Ndi Hezekiya amene anatseka ku mtunda kwa kasupe wa Gihoni, ndi kumuwongolera kuti madzi ake apite mbali ya kumadzulo kwa Mzinda wa Davide. Iye ankachita bwino pa ntchito iliyonse imene ankagwira.
Namni afaan burqaa Giihoon kan olii cufee bishaan isaa gara lixa Magaalaa Daawititti jalʼise Hisqiyaasuma kana. Hojiin isaa hundis ni milkaaʼeef.
31 Koma pamene nthumwi zotumizidwa ndi atsogoleri a ku Babuloni zinabwera kudzamufunsa za chizindikiro chozizwitsa chimene chinachitika mʼdzikomo, Mulungu anamusiya yekha, kumuyesa kuti adziwe zonse zimene zinali mu mtima mwake.
Garuu yeroo bulchitoonni Baabilon waaʼee hojii dinqii kan biyya sanatti hojjetamee isa gaafachuuf ergamoota erganitti Waaqni isa qoruu fi waan garaa isaa keessa jiru ilaaluudhaaf isa dhiise.
32 Zina ndi zina zokhudza ulamuliro wa Hezekiya ndi ntchito za kudzipereka kwake zalembedwa mʼmasomphenya a Yesaya mwana wa Amozi, mʼbuku la mafumu a Yuda ndi Israeli.
Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa fi gaarummaan isaa mulʼata Isaayyaas raajicha ilma Amoos, kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
33 Hezekiya anamwalira ndipo anayikidwa mʼmanda pa phiri pamene pali manda a zidzukulu za Davide. Ayuda onse ndi anthu a mu Yerusalemu anamulemekeza atamwalira. Ndipo Manase mwana wake analowa ufumu mʼmalo mwake.
Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqotee lafa awwaala sanyiiwwan Daawititti gaara irratti awwaalame. Yeroo inni duʼettis Yihuudaa fi sabni Yerusaalem hundinuu isa kabajan. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< 2 Mbiri 32 >