< 1 Mafumu 19 >
1 Tsono Ahabu anawuza Yezebeli zonse zimene anachita Eliya ndi momwe anaphera aneneri onse ndi lupanga.
Ahaab waan Eeliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti raajota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime.
2 Choncho Yezebeli anatuma mthenga kwa Eliya kuti akamuwuze kuti, “Milungu indilange, ndipo indilange koopsa, ngati mawa nthawi ngati yomwe ino sindidzakupha iwe monga unaphera aneneriwo.”
Kanaafuu Iizaabel nama tokko Eeliyaasitti ergitee, “Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu” jetteen.
3 Eliya ataona zimenezi, ananyamuka nathawa kupulumutsa moyo wake. Atafika ku Beeriseba ku Yuda, anasiya mtumiki wake kumeneko,
Eeliyaas sodaatee lubbuu ofii isaa oolfachuuf kaʼee baqate. Innis yommuu Bersheebaa Yihuudaa keessaa sana gaʼetti hojjetaa ofii achitti dhiisee
4 ndipo Eliyayo anayenda ulendo wa tsiku limodzi mʼchipululu. Anafika pa kamtengo ka tsache, nakhala pansi pa tsinde lake napemphera kuti afe. Iye anati, “Yehova, ine ndatopa nazo. Chotsani moyo wanga. Ineyo sindine wopambana makolo anga.”
ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, “Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii” jedhe.
5 Ndipo Eliya anagona tulo tofa nato pa tsinde pa kamtengoko. Ndipo taonani, mngelo anamukhudza, namuwuza kuti, “Dzuka udye.”
Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate. Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, “Kaʼii waa nyaadhu” jedheen.
6 Eliya anayangʼana, ndipo taonani kumutu kwake kunali buledi wootcha pa makala ndi botolo la madzi. Iye anadya ndi kumwa, nʼkugonanso.
Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.
7 Mngelo wa Yehova anabweranso kachiwiri, anamukhudza, namuwuza kuti, “Dzuka udye, popeza ulendowu ndi wautali.”
Ergamaan Waaqayyoo amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, “Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii” jedheen.
8 Tsono Eliya anadzuka nadya ndi kumwa. Atapeza mphamvu chifukwa cha chakudyacho, anayenda masiku 40, usana ndi usiku mpaka anafika ku Horebu, phiri la Mulungu.
Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.
9 Kumeneko analowa mʼphanga, nakhala komweko. Ndipo taonani, Yehova anayankhula naye kuti, “Eliya, ukuchita chiyani kuno?”
Achittis holqa tokko seenee keessa bule. Dubbiin Waaqayyoos gara isaa dhufee, “Eeliyaas, ati maal asii hojjetta?” jedheen.
10 Iye anayankha kuti, “Ndakhala wodzipereka kwambiri kwa Yehova Mulungu Wamphamvuzonse. Aisraeli asiya pangano lanu, agwetsa maguwa anu ansembe, ndipo apha aneneri anu ndi lupanga. Ndatsala ine ndekha ndipo tsopano akufuna kundipha.”
Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
11 Yehova anati, “Tuluka ndipo ukayime pa phiri pamaso pa Yehova, pakuti Yehova ali pafupi kudutsa pamenepo.” Tsono mphepo yayikulu ndi yamphamvu inawomba ningʼamba mapiri ndi kuswa matanthwe pamaso pa Yehova, koma Yehova sanali mʼmphepomo. Itapita mphepoyo panachita chivomerezi, koma Yehova sanali mʼchivomerezicho.
Waaqayyos, “Gadi baʼiitii fuula Waaqayyoo dura tulluu irra dhaabadhu; Waaqayyo achiin darbuuf jiraatii” jedheen. Bubbeen guddaa fi jabaan tokko fuula Waaqayyoo duratti tulluuwwan gargari dayyaasee kattaawwanis hurreesse; Waaqayyo garuu bubbee sana keessa hin turre. Bubbee sana booddee sochii lafaa guddaa isaatu ture; Waaqayyo garuu sochii lafaa sana keessa hin turre.
12 Chitapita chivomerezicho, panafika moto, koma Yehova sanali mʼmotomo. Ndipo utapita motowo, panamveka kamphepo kayaziyazi.
Sochii lafaa booddee ibiddi ni dhufe; Waaqayyo garuu ibidda sana keessa hin turre. Ibidda sana booddee immoo hasaasa xinnaa tokkotu ture.
13 Eliya atamva kamphepoko, anakokera chovala chake naphimba kumutu. Anatuluka ndipo anayima pa khomo la phanga. Ndipo panamveka mawu akuti, “Eliya, ukuchita chiyani kuno?”
Eeliyaas yommuu waan kana dhagaʼetti uffata ofii isaa fuulatti haguuggatee gara afaan holqa sanaatti hiiqee dhaabate. Sagaleen tokkos, “Eeliyaas ati maal asii hojjetta?” jedheen.
14 Iye anayankha kuti, “Ndakhala wodzipereka kwambiri kwa Yehova Mulungu Wamphamvuzonse. Aisraeli asiya pangano lanu, agwetsa maguwa anu ansembe, ndipo apha aneneri anu ndi lupanga. Ndatsala ine ndekha ndipo tsopano akufuna kundipha.”
Innis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaaf ani akka malee hinaaffaa qaba. Sabni Israaʼel immoo kakuu kee didee, iddoowwan aarsaa keetii diigee raajota kees goraadeedhaan fixe. Ana qofatu hafe; isaan amma anas ajjeesuu barbaadu.”
15 Yehova anati kwa Eliyayo, “Bwerera njira imene unadzera, ndipo upite ku Chipululu cha ku Damasiko. Ukakafika kumeneko, ukadzoze Hazaeli kuti akhale mfumu ya ku Aramu.
Waaqayyo garuu akkana jedhee deebiseef; “Karuma dhufte sanaan deebiʼiitii Gammoojjii Damaasqoo dhaqi. Yommuu achi geessutti Hazaaʼeelin dibiitii Sooriyaa irratti mootii godhi.
16 Ukadzozenso Yehu mwana wa Nimisi kuti akhale mfumu ya Israeli, ndiponso ukadzoze Elisa mwana wa Safati wa ku Abeli-Mehola kuti akhale mneneri wolowa mʼmalo mwako.
Yehuu ilma Nimshiis akkasuma dibiitii mootii Israaʼel godhi; Elsaaʼi ilma Shaafaaxi kan warra Abeel Mehoolaa sana immoo akka inni raajii taʼee iddoo kee buʼuuf muudi.
17 Yehu adzapha aliyense amene adzapulumuke ku lupanga la Hazaeli, ndipo Elisa adzapha aliyense amene adzapulumuke ku lupanga la Yehu.
Yehuun nama baqatee goraadee Hazaaʼeel jalaa baʼu hunda ni ajjeesa; Elsaaʼis nama baqatee goraadee Yehuu jalaa baʼu hunda ni ajjeesa.
18 Komabe ndasunga anthu 7,000 ku Israeli, anthu onse amene mawondo awo sanagwadirepo Baala, onse amene pakamwa pawo sipanapsompsoneko fano lake.”
Taʼus ani nama kuma torba kanneen Israaʼel keessatti hambifadhe, warra jilbi isaanii Baʼaaliif hin jilbeenfatin, warra afaan isaaniis isa hin dhungatin qaba.”
19 Kotero Eliya anachoka kumeneko, nakapeza Elisa mwana wa Safati. Iye ankatipula ndi mapulawo khumi ndi awiri okokedwa ndi ngʼombe ziwiriziwiri zapamagoli, ndipo iye mwini ankayendetsa goli la khumi ndi chiwiri. Eliya anapita kumene anali namuveka chofunda chake.
Kanaafuu Eeliyaas achii baʼee Elsaaʼi ilma Shaafaaxi argate. Elsaaʼi yeroo sanatti qotiyyoo cimdii kudha lamaatiin lafa qotiisaa qotaa ture; inni mataan isaa immoo cimdii kudha lammaffaa qabatee ture. Eeliyaas gara isaa dhaqee kaabbaa ofii isaa isa irra buuse.
20 Pomwepo Elisa anasiya ngʼombe zake nathamangira Eliya. Iye anati, “Mundilole kuti ndikatsanzike abambo ndi amayi anga, ndipo kenaka ndidzakutsatani.” Eliya anayankha kuti, “Bwerera. Ine ndachita chiyani kwa iwe?”
Elsaaʼis qotiyyoo ofii isaa dhiisee Eeliyaas duukaa fiigee, “Mee takkaa dhaqee abbaa koo fi haadha koo dhungadhee, ‘Nagaatti’ jedheen si duukaa buʼaa” jedhe. Eeliyaas immoo, “Deebiʼi; ani maalin si godhee jira?” jedhee deebiseef.
21 Choncho Elisa anamusiya Eliyayo nabwerera kwawo. Anatenga ngʼombe zake ziwiri zapagoli nazipha. Anatenga magoli a mapulawo ake nasonkhera moto kuphikira nyamayo ndipo anayipereka kwa anthu kuti adye. Ndipo ananyamuka natsatira Eliya ndi kukhala mtumiki wake.
Kanaafuu Elsaaʼi isa dhiisee deebiʼe. Qotiyyoo cimdii tokkoo fuudhee qale. Miʼa ittiin lafa qotiisaa qotu sanas bobeessee foon sana bilcheessee namootaaf kenne; isaanis ni nyaatan. Ergasiis kaʼee Eeliyaas duukaa buʼe; tajaajilaa isaas taʼe.