< 1 Mafumu 18 >
1 Patapita masiku ambiri, mʼchaka chachitatu cha chilala, Yehova anayankhula ndi Eliya kuti, “Pita ukadzionetse kwa Ahabu ndipo ndidzagwetsa mvula pa dziko lapansi.”
Yeroo dheeraa booddee, waggaa sadaffaatti dubbiin Waaqayyoo, “Dhaqiitii Ahaabitti of mulʼisi; anis lafa irratti bokkaa nan roobsaa” jedhee gara Eeliyaas dhufe.
2 Choncho Eliya anapita kukadzionetsa kwa Ahabu. Tsono nthawi imeneyi njala inakula kwambiri mu Samariya,
Kanaafuu Eeliyaas Ahaabitti of mulʼisuu dhaqe. Yeroo kanatti Samaariyaa keessatti beelli hammaatee ture.
3 ndipo Ahabu anayitana Obadiya amene ankayangʼanira nyumba yake yaufumu. (Obadiya ankaopa Yehova kwambiri.
Ahaabis Obaadiyaa itti gaafatama masaraa mootummaa isaa waamee ture. Obaadiyaan nama akka malee Waaqayyoon sodaatu ture.
4 Pamene Yezebeli ankapha aneneri a Yehova, Obadiya anatenga aneneri 100 ndi kuwabisa mʼmapanga awiri, phanga lililonse aneneri makumi asanu, ndipo ankawapatsa chakudya ndi madzi).
Yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota dhibba tokko fuudhee shantama shantamaan holqa lama keessa dhoksee nyaataa fi bishaan dhiʼeessaafii ture.
5 Ahabu anawuza Obadiya kuti, “Pita mʼdziko kulikonse kumene kuli zitsime za madzi ndi ku zigwa zonse. Mwina mwake tingapeze udzu oti nʼkumadyetsa akavalo ndi abulu kuti akhale ndi moyo, kuti tisaphe chiweto chilichonse.”
Ahaabis Obaadiyaadhaan akkana jedhe; “Biyyattii keessa deemiitii gara burqaawwanii fi sululawwan hundaa dhaqi. Akka horii keenya keessaa tokko iyyuu nu jalaa hin duuneef fardeenii fi gaangolii keenya jiraachifachuuf marga muraasa arganna taʼaatii.”
6 Choncho anagawana dziko loti apiteko, Ahabu anapita mbali ina, Obadiya nʼkupita ina.
Kanaafuu isaan biyya keessa deemanii waliin gaʼuu barbaadan sana gargari qooddatan; Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan immoo karaa kaan qajeele.
7 Obadiya akuyenda mʼnjira anakumana ndi Eliya. Ndipo taonani, Obadiya anamuzindikira Eliyayo, naweramira pansi ndipo anati, “Kodi ndinu, mbuye wanga Eliya?”
Utuma Obaadiyaan karaa deemuu Eeliyaas isatti dhufe. Obaadiyaan isa beekee gad jedhee harka fuudhee, “Eeliyaas gooftaan koo dhugumaan siʼii?” jedheen.
8 Eliya anayankha kuti, “Inde. Pita kawuze mbuye wako kuti, ‘Eliya wabwera.’”
Innis deebisee, “Eeyyee, anuma. Dhaqiitii, ‘Eeliyaas as jira’ jedhii gooftaa keetti himi” jedheen.
9 Obadiya anafunsa kuti, “Kodi ndalakwa chiyani kuti inu mupereke mtumiki wanu kwa Ahabu kuti akaphedwe?
Obaadiyaanis akkana jedhee gaafate; “Ati akka inni na ajjeesuuf garbicha kee dabarsitee Ahaabitti kennuun kee ani maal balleesseeti?
10 Pali Yehova Mulungu wanu wamoyo, kulibe mtundu wa anthu kapena ufumu uliwonse kumene mbuye wanga sanatumeko anthu okakufunafunani. Ndipo pamene mtundu wa anthu kapena ufumu unena kuti kuno kulibe, Ahabu ankawalumbiritsa kuti atsimikizedi kuti inuyo kulibe kumeneko.
Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, sabni yookaan mootummaan gooftaan koo si barbaaduuf jedhee nama itti hin ergin tokko iyyuu hin jiru. Yeroo sabni yookaan mootummaan tokko, ‘Nu isa hin argine’ jedhutti, inni akka isaan akka si hin argin kakatan godha ture.
11 Koma tsopano mukundiwuza kuti ndipite kwa mbuye wanga ndi kukanena kuti, ‘Eliya wabwera.’
Amma garuu ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jetta.
12 Ine sindikudziwa kumene Mzimu wa Yehova udzakupititsani ine ndikachoka. Ngati ndipita kukamuwuza Ahabu ndipo iye wosadzakupezani, adzandipha. Komatu ine mtumiki wanu ndakhala ndi kupembedza Yehova kuyambira ubwana wanga.
Ani gara Hafuurri Waaqayyoo erga ani si biraa deeme itti si geessu hin beeku. Yoo ani dhaqee Ahaabitti himee inni immoo si arguu baate inni na ajjeesa. Garuu ani garbichi kee dargaggummaa kootii jalqabee Waaqayyoon waaqeffachaan jira.
13 Mbuye wanga, kodi simunamve zimene ndinachita pamene Yezebeli ankapha aneneri a Yehova? Ine ndinabisa aneneri 100 a Yehova mʼmapanga awiri, mʼphanga lililonse aneneri makumi asanu, ndipo ndinkawapatsa chakudya ndi madzi akumwa.
Yaa gooftaa ko, ati waan ani yeroo Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti hojjedhe hin dhageenyee? Ani raajota Waaqayyoo dhibba tokko shantama shantamaan holqa lama keessa dhokseen nyaataa fi bishaan dhiʼeesseef.
14 Ndiye inu tsopano mukundiwuza kuti ndipite kwa mbuye wanga ndi kukanena kuti, ‘Eliya wabwera.’ Iyeyo adzandipha ndithu!”
Amma immoo ati, ‘Dhaqiitii, “Kunoo Eeliyaas as jira” jedhii gooftaa keetti himi’ naan jetta. Inni dhugumaan na ajjeesa!”
15 Eliya anati, “Pali Yehova Wamphamvuzonse wamoyo, amene ndimamutumikira, ine lero ndidzaonekera ndithu pamaso pa Ahabu.”
Eeliyaasis deebisee, “Dhugaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan ani isa tajaajilu sanaa, ani harʼa Ahaabitti ofan mulʼisa” jedhe.
16 Choncho Obadiya anapita kukakumana ndi Ahabu, namuwuza, ndipo Ahabu anapita kukakumana ndi Eliya.
Kanaafuu Obaadiyaan gara Ahaab dhaqee itti hime; Ahaabis Eeliyaasin Simachuu dhaqe.
17 Pamene Ahabu anaona Eliya, anati kwa iye, “Kodi ndiwedi, munthu wovutitsa Israeli uja?”
Innis Eeliyaasin argee, “Kan Israaʼelin jeequ sun siʼii?” jedheen.
18 Eliya anayankha kuti, “Ine sindinavutitse Israeli, koma ndinuyo ndi banja lanu. Mwasiya malamulo a Yehova ndipo mwatsatira Abaala.
Eeliyaas immoo deebisee akkana jedheen; “Siʼii fi mana abbaa keetiitu jeeqe malee ani Israaʼelin hin jeeqne. Isin ajaja Waaqayyoo diddaniirtu; atis Baʼaal duukaa buuteerta.
19 Tsopano sonkhanitsani anthu a mʼdziko lonse la Israeli kuti akumane nane pa Phiri la Karimeli. Ndipo mubwere nawo aneneri a Baala 450 ndi aneneri a fano la Asera 400, amene amadya pa tebulo la Yezebeli.”
Egaa amma akka isaan Tulluu Qarmeloos irratti na arganiif saba Israaʼel hunda walitti naaf waami. Raajota Baʼaal dhibba afurii fi shantamaa fi raajota Asheeraa dhibba afran maaddii Iizaabel irraa nyaatan sanas naaf fidi.”
20 Choncho Ahabu anatumiza mawu mʼdziko lonse la Israeli, ndipo anasonkhanitsa aneneri a Baala ku Phiri la Karimeli.
Kanaafis Ahaab guutuu Israaʼel keessa ergaa ergee Tulluu Qarmeloos irratti raajota sana walitti qabe.
21 Eliya anapita patsogolo pa anthuwo ndipo anati, “Kodi mudzakhala anthu a mitima iwiri mpaka liti? Ngati Yehova ndi Mulungu, mutsateni; koma ngati Baala ndi Mulungu, mutsateni.” Koma anthu aja sanayankhe.
Eeliyaasis fuula sabaa duratti gad baʼee, “Isin hamma yoomiitti yaada lama gidduu deddeebitu? Yoo Waaqayyo Waaqa taʼe, isa faana deemaa; yoo Baʼaal Waaqa taʼe immoo isa faana deemaa” jedhe. Sabni garuu waan tokko illee hin jenne.
22 Pamenepo Eliya ananena kwa iwo kuti, “Ine ndilipo ndekha mneneri wa Yehova, koma Baala ali ndi aneneri 450.
Eeliyaasis akkana isaaniin jedhe; “Raajota Waaqayyoo keessaa ana qofatu hafe; Baʼaal garuu raajota dhibba afurii fi shantama qaba.
23 Tibweretsereni ngʼombe zazimuna ziwiri. Iwo asankhepo okha ngʼombe imodzi, ndipo ayidule nthulinthuli ndi kuziyika pa nkhuni nthulizo, koma osakolezapo moto. Ndipo ine ndidzadula nthulinthuli ngʼombe inayo ndi kuyika pa nkhuni koma sindikolezapo moto.
Mee jiboota lama nuuf fidaa. Isaan dibicha tokko ofii isaaniitiif filatanii qalanii gargar ciranii qoraan irra haa naqan; garuu ibidda itti hin qabsiisin. Anis dibicha isa kaan qopheessee qoraan irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu.
24 Kenaka inu muyitane dzina la mulungu wanu, ndipo ine ndidzayitana dzina la Yehova. Mulungu amene ati ayankhe potumiza moto, iyeyo ndiye Mulungu.” Pamenepo anthu onse anati, “Izi mwanena zamveka bwino.”
Ergasii isin maqaa Waaqa keessanii waamaa; anis maqaa Waaqayyo nan waama. Kan ibiddaan deebii kennu inni Waaqa dhugaa ti.” Kana irratti namoonni hundinuu, “Wanni ati jettu kun gaarii dha” jedhan.
25 Eliya anawuza aneneri a Baala kuti, “Yambani ndinu. Sankhani ngʼombe yayimuna imodzi, muyikonze, popeza mulipo ambiri. Muyitane dzina la mulungu wanu, koma musakoleze moto.”
Eeliyaasis raajota Baʼaaliin akkana jedhe; “Jiboota keessaa isa tokko filadhaatii sababii isin nama hedduu taataniif jalqabatti qalaa qopheessaa. Maqaa Waaqa keessanii waammadhaa; garuu ibidda hin bobeessinaa.”
26 Choncho iwo anatenga ngʼombe yayimunayo imene anawapatsa, nayikonza. Kenaka anayitana dzina la Baala kuyambira mmawa mpaka masana. Iwo anafuwula kuti, “Inu Baala, tiyankheni ife.” Koma panalibe yankho; palibe amene anayankha. Ndipo anavinavina mozungulira guwa lansembe limene anapanga.
Kanaafuu isaan dibicha isaaniif kenname fudhatanii qalanii qopheessan. Ergasii immoo ganamaa jalqabanii hamma saafaatti maqaa Baʼaal waammachaa oolan. “Yaa Baʼaal deebii nuuf kenni!” jedhanii iyyaa oolan. Garuu deebiin tokko illee hin argamne; kan deebii kennuuf tokko iyyuus hin turre. Iddoo aarsaa kan tolchan sanattis naannaʼanii shubbisan.
27 Nthawi yamasana Eliya anayamba kuwanyogodola ndipo anati, “Fuwulani kwambiri. Ndithudi, iye ndi mulungu! Mwinatu akulingalira kwambiri, kapena watanganidwa, kapena ali paulendo. Mwina wagona ndipo nʼkofunika kuti adzutsidwe.”
Gara saafaattis Eeliyaas, “Mee sagalee ol fudhadhaatii iyyaa! Inni dhugumaan Waaqa! Yaadni itti baayʼateera taʼa yookaan hojiin qabamee yookaan karaa deemee jira taʼaatii. Inni rafuutti jira taʼaatii dammaquu qaba” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe.
28 Choncho iwo anafuwula kwambiri ndi kudzichekacheka ndi malupanga ndi mikondo, potsata miyambo yawo, mpaka kutuluka magazi.
Kanaafuu isaan akkuma amala isaanii sagalee ol fudhatanii iyyaa, goraadee fi eeboodhaan of ciranii dhiiga ofii isaanii dhangalaasan.
29 Nthawi yamasana inadutsa, ndipo anapitiriza kunenera mwakhama mpaka nthawi yopereka nsembe ya madzulo. Koma panalibe yankho. Palibe amene anayankha, kapena kulabadira zimenezo.
Erga saafaan darbees isaan hamma yeroon aarsaa galgalaa gaʼutti raajii dubbachaa turan. Garuu sagaleen tokko iyyuu hin dhagaʼamne; kan deebii kenneef tokko iyyuu hin turre; kan wayittuu isaan hedes hin jiru.
30 Pamenepo Eliya anati kwa anthu onse, “Senderani pafupi ndi ine.” Ndipo anthu onsewo anasendera pafupi ndi iye, ndipo iye anakonza guwa lansembe la Yehova limene linali litawonongeka.
Eeliyaas immoo ergasii saba hundaan, “Mee as gara koo kottaa” jedhe. Isaan gara isaa dhufnaan inni iddoo aarsaa Waaqayyoo kan caccabee ture sana deebisee tolche.
31 Eliya anatenga miyala 12, mwala uliwonse kuyimira fuko lililonse la Yakobo, amene Yehova anamuwuza kuti, “Dzina lako lidzakhala Israeli.”
Eeliyaasis akkuma baayʼina gosoota ilmaan Yaaqoob namicha dubbiin Waaqayyoo gara isaa dhufee, “Maqaan kee Israaʼel ni taʼa” jedheen sanaatti dhagaa kudha lama walitti qabe.
32 Ndi miyala imeneyo anamanga guwa mʼdzina la Yehova, ndipo anakumba ngalande yayikulu yolowa malita 15 a madzi kuzungulira guwalo.
Dhagaawwan sanaanis maqaa Waaqayyootiin iddoo aarsaa tolche; naannoo isaattis boʼoo bishaan gara liitira kudha shan qabatu baqaqse.
33 Anayika nkhuni zija mʼmalo mwake nadula nthulinthuli ngʼombe yayimuna ija ndi kuyika nthulizo pa nkhunipo. Pamenepo Eliya anati, “Dzazani mitsuko inayi ndi madzi ndipo muwathire pa nyama ya nsembeyo ndi nkhunizo.”
Innis qoraan qopheessee, dibicha kaan qalee gargar ciree qoraan sana irra foon naqe. Ergasii immoo, “Mee okkotee gurguddaa afur fidaa bishaaniin guutaatii aarsaa fi qoraan irratti naqaa” jedheen.
34 Eliya anati, “Thiraninso kachiwiri.” Anthu aja anathiranso madziwo kachiwiri. Iye analamula kuti, “Thiraninso kachitatu.” Ndipo iwo anathiranso kachitatu.
Innis, “Amma illee akkasuma godhaa” jedheen; isaanis amma illee akkasuma godhan. Innis, “Yeroo sadaffaaf godhaa” jedhee ajaje; isaanis yeroo sadaffaa illee akkasuma godhan.
35 Madziwo anayenderera pansi kuzungulira guwa lansembe, nadzaza ngalande yonse.
Bishaan sunis naannoo iddoo aarsaa sanaa lolaʼee boʼoo guute.
36 Pa nthawi yopereka nsembe, mneneri Eliya anasendera pafupi ndi guwa lansembe, napemphera kuti, “Inu Yehova, Mulungu wa Abrahamu, Isake ndi Yakobo, lero zidziwike kuti ndinu Mulungu mu Israeli ndipo kuti ine ndine mtumiki wanu, kuti ine ndachita zonsezi chifukwa mwalamula ndinu.
Yeroo aarsaan dhiʼaatutti, Eeliyaas raajichi gad baʼee akkana jedhee kadhate; “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel, akka ati Israaʼel keessatti Waaqa taatee fi akka anis garbicha kee taʼee amma illee waan kana hunda ajajuma keetiin akkan hojjedhe harʼa haa beekamu.
37 Ndiyankheni, Inu Yehova, ndiyankheni, kuti anthu awa adziwe Inu Yehova, kuti ndinu Mulungu, ndipo kuti mutembenuziranso mitima yawo kwa Inu.”
Yaa Waaqayyo deebii naa kenni; yaa Waaqayyo akka sabni kun akka ati Waaqa taatee fi akka ati garaa isaa illee gara keetti deebiftu beekuuf deebii naaf kenni.”
38 Pamenepo moto wa Yehova unagwa, nunyeketsa nsembe yopserezayo, nkhuni, miyala ndi dothi lomwe. Unawumitsanso madzi amene anali mʼngalande.
Kana irratti ibiddi Waaqayyoo gad buʼee aarsaa, qoraan, dhagaa fi biyyoo gubee bishaan boʼoo keessaa sanas xuuxee fixe.
39 Anthu onse ataona zimenezi, anaweramitsa nkhope zawo pansi, nafuwula kuti, “Yehova ndiye Mulungu! Yehova ndiye Mulungu!”
Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti addaan lafatti gombifamanii, “Waaqayyo inni Waaqa! Waaqayyo inni Waaqa!” jedhanii iyyan.
40 Pamenepo Eliya analamula anthuwo kuti, “Gwirani aneneri a Baala. Musalole kuti wina aliyense athawe!” Anagwira onsewo ndipo Eliya anabwera nawo ku Chigwa cha Kisoni, nawapha kumeneko.
Eeliyaasis, “Raajota Baʼaal kanneen qabaa. Tokkoon isaanii iyyuu hin miliqin!” jedhee isaan ajaje. Isaanis jara ni qaban; Eeliyaasis gara Sulula Qiishoonitti geessee achitti isaan gogorraʼe.
41 Ndipo Eliya anati kwa Ahabu, “Pitani, kadyeni ndi kumwa, pakuti kukumveka mkokomo wa mvula.”
Eeliyaasis Ahaabiin, “Deemi; nyaadhuu dhugi; huursaa bokkaa guddaa isaatu dhagaʼamaa jiraatii” jedhe.
42 Choncho Ahabu anapita kukadya ndi kumwa, koma Eliya anakwera pamwamba pa Phiri la Karimeli, ndipo anawerama mpaka pansi, nayika mutu wake pakati pa mawondo ake.
Kanaafuu Ahaab nyaachuu fi dhuguuf deeme; Eeliyaas garuu fiixee Qarmeloos ol baʼee gad jedhee fuula isaa jilba isaa gidduu kaaʼate.
43 Eliya anawuza mtumiki wake kuti, “Pita kayangʼane ku nyanja.” Ndipo iye anapita nakayangʼana. Mtumikiyo anati, “Kulibe kanthu.” Kasanu nʼkawiri Eliya anati, “Pitanso.”
Innis hojjetaa isaatiin, “Dhaqiitii gara galaanaa ilaali” jedhe. Hojjetaan sunis ol baʼee ilaale. Innis, “Wanni tokko iyyuu achi hin jiru” jedhe. Eeliyaasis, “Yeroo torba, deddeebiʼii ilaali” jedheen.
44 Ulendo wachisanu ndi chiwiri mtumikiyo anafotokoza kuti, “Taonani, kamtambo kakangʼono kokhala ngati dzanja la munthu kakutuluka ku nyanja.” Pamenepo Eliya anati, “Pita, kamuwuze Ahabu kuti, ‘Konzani galeta lanu ndipo mutsike mvula isanakutsekerezeni.’”
Hojjetaan sun yeroo torbaffaatti, “Duumessa xinnaa hamma konyee namaa gaʼu tokkotu galaana irraa ol kaʼaa jira” jedhee itti hime. Kanaafuu Eeliyaas, “Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii kee yaabbadhuutii utuu bokkaan si hin qabatin gad buʼi’ jedhii itti himi” jedheen.
45 Nthawi imeneyi nʼkuti kuthambo kutayamba kusonkhana mitambo yakuda, mphepo inawomba, mvula yamphamvu inagwa ndipo Ahabu anakwera galeta napita ku Yezireeli.
Yeruma sana samiin duumessaan gurraachaʼee bubbeen bubbise; bokkaan guddaan isaa dhufnaan Ahaab gulufee Yizriʼeelitti baqate.
46 Dzanja la Yehova linali pa Eliya ndipo atamangira lamba chovala chake, anathamanga ndi kumupitirira Ahabu mpaka kukhala woyamba kukafika ku Yezireeli.
Humni Waaqayyoos Eeliyaas irra buʼe; innis mudhii isaa hidhatee hamma karra Yizriʼeelitti Ahaab dura darbee fiige.