< 1 Mbiri 17 >

1 Davide atakhazikika mʼnyumba yake yaufumu, anawuza mneneri Natani kuti, “Ine pano ndikukhala mʼnyumba yaufumu yomanga ndi mitengo ya mkungudza, pomwe Bokosi la Chipangano la Yehova lili mu tenti.”
Daawit erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee booddee Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni kakuu Waaqayyoo garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
2 Natani anayankha Davide kuti, “Chitani chilichonse chimene chili mu mtima mwanu, chifukwa Mulungu ali nanu.”
Naataan immoo deebisee Daawitiin, “Waaqni si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
3 Usiku umenewo mawu a Mulungu anafika kwa Natani, ndipo anati,
Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
4 “Pita kamuwuze mtumiki wanga Davide kuti, ‘Yehova akunena kuti, sudzandimangira ndiwe nyumba yokhalamo.’
“Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼi miti.
5 Ine sindinakhalepo mʼnyumba kuyambira tsiku limene ndinatulutsa Israeli mʼdziko la Igupto mpaka lero lino. Ndakhala ndikuyenda kuchoka mʼtenti ina kupita mʼtenti ina, kuchoka malo ena kupita malo ena.
Ani gaafan Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani dunkaana tokkoo irraa gara isa kaaniitti, iddoo bultii tokkoo irraa gara iddoo bultii isa kaaniitti darbaan ture.
6 Konse ndakhala ndikuyenda ndi Aisraeli onse, kodi ndinanenapo kwa wina aliyense wa atsogoleri awo amene ndinamulamula kuweta anthu anga kuti, ‘Kodi nʼchifukwa chiyani simunandimangire nyumba ya mitengo ya mkungudza?’”
Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu hooggantoota akka isaan saba koo eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
7 Ndipo tsopano umuwuze mtumiki wanga Davide kuti, “Yehova Wamphamvuzonse akuti, Ine ndinakutenga ku busa ukuweta nkhosa, kuti ukhale mtsogoleri wa anthu anga, Aisraeli.
“Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf, lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.
8 Ineyo ndinali nawe kulikonse kumene unkapita, ndipo ndachotsa adani ako onse pamaso pako. Tsopano ndidzakuza dzina lako kuti likhale mʼgulu la mayina a anthu otchuka kwambiri pa dziko lapansi.
Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii nan godha.
9 Ndipo ndidzawapatsa malo anthu anga, Aisraeli ndipo ndidzawadzala pamalo awoawo kuti asadzavutitsidwenso. Anthu oyipa sadzawazunzanso monga ankachitira poyamba paja;
Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi akka isaan siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;
10 monga akhala akuchitira kuchokera nthawi imene ndinasankha atsogoleri a anthu anga Aisraeli. Ine ndidzagonjetsanso adani anu onse. “‘Ine ndikulengeza kwa iwe kuti Yehova adzakhazikitsa banja lako.
akka yeroo ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan; ani diinota kee hundas siifin garboomsa. “‘Ani akka Waaqayyo mana siif ijaaru sittin hima:
11 Masiku ako akadzatha ndipo ukadzatsatira makolo ako, Ine ndidzawutsa mphukira yako imene idzalowa mʼmalo mwako, mmodzi mwa ana ako, ndipo ndidzakhazikitsa ufumu wake.
Yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii keetti dabalamuuf dhaqxutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee keessaa, ilmaan kee keessaa tokko nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.
12 Iye ndiye amene adzandimangira nyumba, ndipo ndidzakhazikitsa ufumu wake kwamuyaya.
Kan mana naaf ijaaru isa; anis teessoo isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.
13 Ine ndidzakhala abambo ake, ndipo iye adzakhala mwana wanga. Ine sindidzasiya kumukonda monga ndinachitira ndi amene unalowa mʼmalo mwawo.
Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Ani akka namicha si dura ture sana irraa fudhadhe, jaalala koo gonkumaa isa irraa hin fudhadhu.
14 Ndidzamuyika kukhala wolamulira nyumba yanga ndi ufumu wanga kwamuyaya. Mpando wake waufumu udzakhazikika kwamuyaya.’”
Ani mana koo fi mootummaa koo irratti bara baraan isa nan muuda; teessoon isaas bara baraan jabaatee ni dhaabata.’”
15 Natani anafotokozera Davide mawu onse avumbulutso limene analandira.
Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
16 Choncho Mfumu Davide analowa mu tenti nakhala pamaso pa Yehova, ndipo anati, “Ine ndine yani, Inu Yehova Mulungu, ndipo banja langa nʼchiyani kuti mundifikitse pamene ndafikapa?
Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, kan ati asiin na geesse, ani eenyu? Maatiin koos maali?
17 Inu Mulungu, kukhala ngati izi ndi zosakwanira pamaso panu, Inuyo mwayankhula zatsogolo la banja la mtumiki wanu. Mwandiyangʼana ndipo mwandiyesa ngati munthu wolemekezeka kwambiri pakati pa anthu, Inu Yehova Mulungu.”
Yaa Waaqi, ati akka waan wanni kun fuula kee duratti quubsaa hin taʼiniitti ilaaltee waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duraa illee dubbatte. Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati akka waan ani nama hunda caalaa kabajamaa taʼeetti na ilaalte.
18 “Kodi Davide anenenso chiyani kwa Inu, pakuti mwachitira ulemu wotere mtumiki wanu? Pakuti Inu mukumudziwa mtumiki wanu.
“Waan ati garbicha kee ulfeessiteef Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Ati garbicha kee ni beektaatii.
19 Inu Yehova, chifukwa cha mtumiki wanu komanso mwa chifuniro chanu, mwachita chinthu chachikulu ichi ndipo mwawulula malonjezo anu aakulu onse.
Yaa Waaqayyo, ati sababii garbicha keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana goote; akka waadaawwan gurguddaan kunneenis beekaman gooteerta.
20 “Palibe wina wofanana nanu, Inu Yehova, ndipo palibe Mulungu wina koma Inu nokha monga tamvera ndi makutu athu.
“Yaa Waaqayyo, kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
21 Ndipo ndi ndani wofanana ndi anthu anu Aisraeli, mtundu wokhawo pa dziko lapansi umene Mulungu wake anapita kukawuwombola, monga anthu akeake ndi kukadzitchukitsa yekha pochita zinthu zodabwitsa zazikulu, pothamangitsa mitundu ina pamaso pa anthu ake, amene Inu munawawombola ku Igupto?
Sabni akka saba kee Israaʼel kan Waaqni saba lafa irra jiraatu keessaa saba tokkicha ofii isaatiif furachuu fi ofii keetiitiifis maqaa tolfachuuf jettee fuula saba keetii duraa saboota ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa hojjechuudhaaf baʼe, kan ati Gibxii baafte sanaa tokko iyyuu jiraa?
22 Inu munawapanga anthu anu Aisraeli kukhala anuanu kwamuyaya, ndipo Inu, Inu Yehova ndinu Mulungu wawo.
Ati saba kee Israaʼelin bara baraan kan ofii keetii goote; Yaa Waaqayyo, ati Waaqa isaanii taateerta.
23 “Ndipo tsopano Yehova, sungani kwamuyaya lonjezo limene mwachita ndi mtumiki wanu ndi banja lake, likhazikitseni kwamuyaya. Chitani monga mwalonjezera,
“Ammas yaa Waaqayyo, waadaan ati garbicha keetii fi mana isaatiif galte sun bara baraan jabaatee haa dhaabatu. Ati akkuma waadaa galte sana raawwadhu;
24 kotero dzina lanu likhazikike ndi kukhala lotchuka mpaka muyaya. Ndipo anthu adzanena kuti, ‘Yehova Wamphamvuzonse, Mulungu wa woyangʼanira Israeli, ndi Mulungu wa Israeli!’ Ndipo banja la mtumiki wanu Davide lidzakhazikika pamaso panu.
kunis akka maqaan kee jabaatee dhaabatee, bara baraanis guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Israaʼel irratti Waaqa; inni Waaqa Israaʼel!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
25 “Inu Mulungu wanga, mwaululira mtumiki wanu kuti mudzamumangira nyumba. Nʼchifukwa chake ine mtumiki wanu ndalimba mtima kupemphera motere.
“Yaa Waaqa ko, ati akka mana isaaf ijaartu garbicha keetti mulʼifteerta. Kanaafuu garbichi kee si kadhachuudhaaf ija jabina argateera.
26 Inu Yehova, ndinu Mulungu! Mwalonjeza zinthu zabwinozi kwa mtumiki wanu.
Yaa Waaqayyo, ati Waaqa! Ati waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.
27 Ndipo chakukomerani kudalitsa banja la mtumiki wanu kuti likhale pamaso panu mpaka muyaya. Pakuti Inu Yehova mwalidalitsa, lidzakhala lodalitsika mpaka muyaya.”
Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee taʼeera; yaa Waaqayyo sababii ati isa eebbifteef, inni bara baraan ni eebbifama.”

< 1 Mbiri 17 >