< Titus 3 >
1 Ba de ya bi wa ba bahtu mba nu beh chua mba wo tere mba.
Ati akka namoonni bulchitootaa fi abbootii taayitaatiif bulan, akka ajajamanii fi akka waan gaarii kam iyyuu hojjechuuf qophaaʼoo taʼan yaadachiisi;
2 U ka llah ni bawu du mba na mere idi na mba kana sen iyu ni idina. du mba zo mba ni mi sisunron.
akka isaan maqaa nama tokko illee hin balleessine, akka namoota nagaatii fi obsa qabeeyyii taʼan, akka nama hundaaf garraamummaa argisiisanis yaadachiisi.
3 Na kima khi na sun ni buh na khi na kpakyeme ni kpabuna.
Nu mataan keenyas duraan warra gowwoota, warra hin ajajamne, warra gowwoomfamnee fi warra dharraa hamaa fi gammachuu gosa hundaatiif garboomfamne turre. Namootaan jibbamaa fi walis jibbaa, hamminaa fi hinaaffaan jiraachaa turre.
4 Ni toh kima Irji a ji ikpan shishi ye.
Yommuu gaarummaa fi jaalalli Fayyisaa keenya Waaqaa mulʼatetti garuu,
5 Ana hei ni tu indu dedema wa khi ti na. irji a glata ni iyi Yesu
inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;
6 irji a nuta Ibrji Tsra tsra gbugbuu ni tu Yesu. Wa a ye kpata chuwoa.
hafuurri kunis isa Waaqni karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin arjummaadhaan nurratti dhangalaase sana;
7 A teenaki du khi sun kasaisai ni seisei. (aiōnios )
kunis akka nu ayyaana isaatiin qajeeltota taasifamnee abdii jireenya bara baraa qabaachuun dhaaltota taanuuf. (aiōnios )
8 I wayi a hi ton du jaji. Mei sun du tere tere ki bei wa ba kpa Irji teh u jaji mba zere zere u dedema.
Jechi kunis amanamaa dha. Warri Waaqa amanatan akka waan gaarii hojjechuuf of eeggannaan of kennan, akka ati cimsitee waan kana dubbattu nan barbaada. Kunis waan akka malee gaarii fi waan nama hundumaa fayyaduu dha.
9 U ka domeh ni seh yun u kukulu. ni mbala gye gyere. U sun yun ni tu ibeh U Irji. Ikpi mba ki mba na no ta ipkina.
Ati garuu falmii faayidaa hin qabnee fi hidda dhalootaa lakkaaʼuu irraa, waaʼee seeraa irratti wal mormuu fi wal loluu irraa fagaadhu; kun waan buʼaa hin qabnee fi waan hin fayyadnee dhaatii.
10 Kahme ni idi wa ani chah mba wa ana son tsrei tsrei niyi na.
Nama gargar baʼuu fidu tokko yeroo tokko akeekkachiisi; yeroo lammaffaas akeekkachiisi. Ergasii immoo isa irraa fagaadhu.
11 Bika toh nji kima ana zren tsrei tsrei na.
Namni akkasii akka micciiramaa fi cubbamaa taʼe atuu beekta; inni nama ofuma isaatti muruu dha.
12 Uwa me ton Artemas ka Tychikus ni wu, ndu ye gbagbla ni me ni Nicopolis ndu su son ni men.
Ani waanan yeroo gannaa Niqoophiliyoonitti dabarsuuf murteesseef akkuma ani Arxemaas yookaan Xikiqoosin sitti ergeen dafii kottu.
13 U tru Zinas gbagbla, wa a to mlazren ni Appolos ni kon wa ba he ni
Zenaas abukaattichaa fi Apholoosin imala isaanii irratti gargaaruuf waan dandeessu hunda godhi; waan isaan barbaachisu hunda qabaachuu isaanii illee mirkaneessi.
14 A bi duu ijinbu idi bu khi yah de te kpi dedema da yibi ulu'a ani ye gba gbla du mba na sun hlegana.
Namoonni keenya akka waan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu hojjetanii argatanii fi akka jireenya buʼaa hin qabne hin jiraanneefis waan gaarii hojjechuuf of kennuu barachuu qabu.
15 Bei wa'a ba hey ni mei mba chiu. chi bei wa'a mba kpakyeme ni ta ni mi itere u jaji. zeze i irji du sun ni yi wa wuu.
Warri na wajjin jiran hundinuu nagaa siif dhaamu. Warra amantiin nu jaallatanitti nagaa nuuf himi. Ayyaanni hunda keessan wajjin haa taʼu.