< Romawa 4 >

1 Ki tre ndi ngye nitu Ibrahim Bachi mbu u kpa afe?
Egaa Abrahaam inni fooniin abbaa keenya taʼe sun haala kanaan maal argate jenna ree?
2 Ibrahim andi fe kpa chuwo nitu nduma, andi na wruwo ni san, wruwo ni san ma ndina he ni shishi Irji na.
Abrahaam utuu hojiin qajeelaa taasifamee jiraatee silaa waan ittiin of jaju qaba ture; fuula Waaqaa duratti garuu akkas miti.
3 Ahi ngye nassi hla? Ibrahim a kpanyime ni Irji, u baka bla yo niwu ndi ahi ndi tsratsra.
Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”
4 Zizan wawu wa a tie ndu'a, bana bla lulu ma yo ni mi tsratsra na, bayo ni kpe wa a he u ma.
Nama hojjetu tokkoof Mindaan gatiidha malee akka kennaa tolaatti hin hedamu.
5 Wawu wa ana he ni ndu na, a kpa nyime niwa ani wruhle nibi lahtre'a ba bla yo suron ma ni son tsratsra.
Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf.
6 Dauda a tre tre lulu nitu nji wa Irji bla yo nimi tsratsra hama ni ndu'a
Daawitis akka namni Waaqni qajeelummaa hojii malee argamu lakkaaʼuuf eebbifamaa taʼe yommuu dubbatu akkana jedha:
7 A tre ndi, “Lulu he nitu biwa ba wru lah tre mba hle'a ni biwa ba ka lah tre mba kaka ni bawu'a.
“Warri yakki isaanii dhiifameef, kanneen cubbuun isaanii haguugameef eebbifamoo dha.
8 Lulu he nitu nji wa Irji na bla lah tre ma memle'e mu na'a.”
Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin lakkoofne eebbifamaa dha.”
9 U lulu yi he nitu biwa ba yonji ni bawu ka gji, ka nitu biwa bana yonji ni bawu ngame'a na?
Eebbi kun warra dhagna qabatan qofaaf moo warra dhagna hin qabatiniifis? Abrahaamiif amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼame jenneerraatii.
10 Ba bla yo niwu nihe? Ahe ni nton wa ba yonji ni Ibrahim ka ni nton wa ba na rhi he yo nji niwu'a? Ana he ni nton wa ba yo nji niwu'a na, a heni nto wa bana yo nji niwu'a na.
Kun egaa akkamitti isaaf lakkaaʼame ree? Erga inni dhagna qabatee moo duraanii? Durumaan malee erga dhagna qabate miti!
11 Ibrahim kpa ngban u yo nji'a. Wawu yi a he hatimi (seal) u yo suron wa a he niwu rhi ni nton wa ana yo nji rhi na. A tie wayi ndu ka tie tie bi wa ba yo suron'a, amma bana yo nji ni bawu rhi na, ndi duba blaba yo nimi bi wa ba tsratsra me'a.
Inni mallattoo dhagna qabaa fudhate; kunis chaappaa qajeelummaa inni utuu dhagna hin qabatin dura amantiin argate sanaa ti. Kanaafis inni warra utuu dhagna hin qabatin amanan kanneen amantiin isaanii qajeelummaatti lakkaaʼameef hundaaf abbaa dha.
12 Ahi tie biwa ba yo nji ni bawu'a, ana wa ba yo nji migyen na, bi wa ba zren ni nkon ndindi wa Ibrahim a hu rhi nda fe yo nji'a.
Akkasumas inni warra dhagna qabataniif, dhagna qabachuu qofas utuu hin taʼin warra karaa amantii abbaan keenya Abrahaam utuu dhagna hin qabatiniin dura fudhate sana duukaa buʼan hundaaf abbaa dha.
13 Alkawali wa bana tie ni Ibrahim ni hama ndi ani gaje (heir) mgbumgblu'a ana doka na a rhi ni tsratsra u yo suron.
Abrahaamii fi sanyiin isaa waadaa akka inni dhaaltuu addunyaa taʼu kenname sana karaa qajeelummaa amantiin dhufuutiin argatan malee karaa seeraatiin miti.
14 Biwa bana son nitu doka ba ni gaji koh Irji'a, iyo suron ani migyen (empty), u alikawali a ndi na kpe na.
Yoo warri seeratti bulan dhaaltota taʼan, amantiin gatii hin qabu; waadaanis homaa hin fayyaduutii;
15 Doka ni nji nfu ye, doka nita hama lah tre hamma.
kunis sababii seerri dheekkamsa fiduuf. Lafa seerri hin jirre yakki hin jiruutii.
16 Ani tu tre yiyi ani kponji, ni ndu nno nyu mba ndu si nitu zizi nda bwu (nno) nkon ni grji Ibrahim.
Kanaafuu waadaan kun akka ayyaanaan taʼuu fi akka sanyii isaa hundaaf wabii taʼuuf amantii irratti hundeeffame; innis warra akka Abrahaam amananiif malee warra seeratti bulan qofaaf miti; Abrahaam abbaa hunduma keenyaa ti.
17 Na wa ba nha, “Mi chu ndu he tie u mgbumgblu gbugbu'u” Ibrahim ahe ni shishi ndji wa a kpau nyime'a, wato Irji wa ani nu vri (life) ni biwa ba gyu nda ndu kpe biwa bana he na ndu ba he.
Kunis akkuma, “Ani abbaa saboota baayʼee si taasiseera” jedhamee barreeffamee dha. Abrahaam Waaqa amanate; innis Waaqa warra duʼaniif jireenya kennuu fi isa waan hin jirre akka waan jiruutti waamu sana duratti abbaa keenya.
18 Ibrahim a kpa nyime ni Irji nitu kpe wa ba he ni ko shishi'a. Na kati tie ni mgbumgblu gbugbuwu, ni tu kpe wa ba hla niwu'a, igrji me ba he naki.
Abrahaamis akkuma, “Sanyiin kee akkas ni taʼa” jedhametti utuu abdiin tokko iyyuu hin jiraatin abdiidhaan amanee abbaa saboota baayʼee taʼe.
19 Ana khwumgble ni yo suron mana, a kpa nyime ndi wawu ceye, don ana tie whewhre ni se dari, a kpa nyime ndi ikrju (Womb) Saratu na nji vren ngana.
Innis akka umuriin isaa gara waggaa dhibbaa gaʼee dhagni isaa duʼe, akkasumas akka gadameessi Saaraa duʼe beeku illee amantii isaatti hin laafne.
20 Nitu Alkawali Irji, Ibrahim ana senyu (hesitate) nitu ka kpa nyime mana, a fe mgbemgblen nitu son suron ma, nda gbre Irji San.
Inni amantii isaatti jabaachuun Waaqaaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Waaqaa hin shakkine;
21 A kpa nyime gbigbi ni kpe wa Irji hla ani tieu.
akka Waaqni waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera.
22 U ba bla kma yo niwu ndi ahi tsratsra ndji.
Kanaafuu, “Amantiin isaa qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame.”
23 Bana nha ndi ndu zo nika khji ma na.
Dubbiin, “Qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame” jedhu kun Abrahaam qofaaf hin barreeffamne;
24 Ba nha ni tawu ngame, ba bla ni tawu biwa ki yo suron niwu wa a ton Yesu Almasihu shime ni khyu'a.
nuufis, warra Waaqa Gooftaa keenya Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sanatti amannuufis, qajeelummaatti ni lakkaaʼama.
25 Ahi wa ndi ba kamba niwu nitu lah tre mbu'a nda tashime nitu kpata chuwo'a.
Yesuus cubbuu keenyaaf dabarfamee duʼatti kenname; qajeeltota nu taasisuuf immoo duʼaa kaafame.

< Romawa 4 >