< Romawa 3 >
1 Ahi ngye ha fifikon wa Bayahude he niwu? Naki ahi ngye hi mah yo gji?
Egaa Yihuudii taʼuun faayidaa maalii qaba? Yookaan buʼaan dhagna qabaa maalii?
2 Akwai muhimanci ba ninkon bari. Ni mumla de ana Yahudawa irji bu tre ni bawu.
Karaa hundaanuu buʼaa guddaa qaba! Jalqabatti dubbiin Waaqaa Yihuudootatti imaanaa kenname.
3 Inde mbru Yahudawa bana kpanyime ni njanji na fa? Wa ba na kpa njani na ani zu ndindi ndu Irji?
Isaan keessaa tokko tokko yoo hin amanin maal ree? Amantii dhabuun isaanii amanamummaa Waaqaa ni balleessaa?
4 Ana he naki ma na, maimako naki, Irji ka kma ti u njanji, na ndji ba wawu ba bi tiche, na ndji ba han hla don duba tsro ndi wu u ndindi ni mi tre me la wu kpaka ni toh wa banji u hi ni shishi tron.
Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma, “Akka ati dubbii keetiin dhuga qabeessa taatuuf, yommuu murtiitti dhiʼaattuttis akka moʼattuuf” jedhamee barreeffamee dha.
5 Ama inde meme bu a tsro ndindi Irji, naki ki tre ngye? ki ya tre ndi Irji hi meme nda nji nfu ma ni tu mbu? (Misi ti ni sen nyu u ndji).
Yoo jalʼinni keenya qajeelina Waaqaa ifa baase garuu maal jenna ree? Waaqni dheekkamsa isaa nutti fiduun isaa qajeelina dhabeetii? Kanas ani akka namaattin dubbadha.
6 Ana taba he naki na. Naki Irji ni tron gbugbu'a ni he?
Gonkumaa hin taʼu! Utuu akkas taʼee silaa Waaqni akkamitti addunyaatti muruu dandaʼa ree?
7 Inde njanji u Irji ni ti gbugbu ce mu ani kara ninkon ni nyu'u, angye sa mi hai ni tron na'u lah tre?
Namni tokko, “Yoo soba kootiin dhuga qabeessummaan Waaqaa guddatee ulfinni isaas baayʼate maaliif hamma ammaatti akka cubbamaa tokkootti natti murama ree?” jedhee falma taʼa.
8 Angye sa kina tre, ki yba shishi, ndi tre, bari ba krie nda tre, du ta tie meme, ndi du ndindi ye? Hukunci ba a ndindima.
Kunis isa namoonni tokko tokko, “Isaan, ‘Akka wanni gaariin dhufuuf hammina haa hojjennu?’ jedhu” jedhanii nurratti odeessisanii dha. Murtiin isaanitti muramus waanuma maluu dha!
9 Angye naki, ki no tumbu sen nyu'u? Ana he naki na don ki guchi tre Yahuda baba Hllinawa ye ndi tre ndi wawu mbawu ba he ni mi lahtre.
Egaa maal jenna ree? Nu Yihuudoonni warra kaan caallaa? Gonkumaa akkas miti! Akka Yihuudoonnii fi Giriikonni hundinuu cubbuu jala jiran duraan dursinee mirkaneessineerraatii.
10 Na ba nha, ba ndji u njanji, iriri na he na.
Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: “Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru; namni tokko iyyuu;
11 Ba ndji wa a toh kpie, ba wa'a ni wa Irji.
namni hubannaa qabu, kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru.
12 Wawu mbawu ba kankon don, wawu mbawu ba kma tibi wa bana he ni anfani na. Ba wa ani tie ndu ndindima, a'an iriri na he na.
Hundinuu dogoggoraniiru; walumatti warra faayidaa hin qabne taʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.”
13 Gbugbran mba he ni ho na be, Ilbe mba a ban lilo, Itso wan a he ni mi lbe mba.
“Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni gowwoomsu.” “Hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.”
14 Inyu mba a shu ni la'ah ni ri gberjerje me.
“Afaan isaanii abaarsaa fi hadhaaʼummaan guutame.”
15 Izah mba ni tsutsu gbagbla ni ka yi hle
“Miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifata;
16 Inkon mba ahi yah ni tie meme.
badiisaa fi gadadootu karaa isaanii irra jira;
17 Ndji biyi bana toh nkon sun u si na.
karaa nagaas hin beekan.”
18 Bana he ni klu sissri Irji ni shishi mba na.
“Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.”
19 Naki ki toh ndi du kpie wa itron a tre, itro ani tre ni bawu wa ba he ni mi ma, don duba ka iyu mba wawu, naki gbungblu a wawu'u ka no amsa ni shishi Irji.
Akka afaan hundi cufamuu fi akka addunyaan hundinuu murtii Waaqaa jala galuuf, wanni seerri jedhu hundinuu akka warra seera jala jiraniif dubbatu ni beekna.
20 Naki ni shishi ba ndji wa ba kpa chuwo ni tu ndu tron. Nitu tron, toh lah tre aye.
Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii.
21 Naki zizan'a nitu tron ba tsro toh njanji Irji wa itron ni annabawa basi hla.
Amma garuu qajeelummaan Waaqaan kennamu kan seeraan adda taʼe, kan Seerrii fi Raajonni dhugaa baʼaniif mulʼateera.
22 Naki ndindi Irji ahi njanji nimi Yesu Almasihu hi ni biwa ba kpa nyime ni njanji. Naki, kakan na he na.
Qajeelummaan Waaqaa kun amantiidhaan warra Yesuus Kiristoositti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru;
23 Naki, wawu'u mbawu ba lah tre, bana ya ka hi ni daraja Irji,
sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii;
24 ni ndindima ba kpa ta chuwo ni tu kpachuwo wa'a he ni mi Yesu Almasihu.
isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
25 Aman Irji a ban Yesu Almasihu no wa ahi hadaya u kpachuwo u njanji nimi iyi ma. A ban Almasihu na nimatsayi tabbacin hukunci ma, nitu ketarewa lah tre mbu wu kogon'a.
Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti;
26 Nimi vu suron ma, naki i wa yi ati ndu tsro ndindima nimi toh i du kpanyime ni tuma u hukunci, nda tsro wawu hi u kpa konha chuwo saboda, njanji wa ahe nimi Yesu.
Waaqni yeroo ammaa qajeelummaa isaa argisiisuu fi akka nama Yesuusitti amanus qajeelaa taʼuu isaa labsuuf waan kana godhe.
27 To, i wru wo ni san he ni ntsen? Ba chu'u rju. Nitu ngye? Nitu ndu? Aman nitu ndu? Ama nitu njanji.
Yoos of tuuluun eessa jira ree? Inni hafeera. Seera kamiin? Seera eeguudhaan moo? Miti; seera amantiitiin malee.
28 Nakima kikle tre a ndi ba kpa ndji chuwo, ana he nitu ndu tron na.
Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.
29 Ko naki Irji ahi Irji Yahudawa ni kankrji? Ana Irji bi kora ngame na? i ahi bi kora ngame.
Waaqni Waaqa Yihuudootaa qofa moo? Inni Waaqa Namoota Ormaas mitii? Eeyyee, inni Waaqa Namoota Ormaatis;
30 Nakima inde gbigbi ahi Irji riri, ani kpa biwa ba yo nji ni bawu chuwo nitu njani.
egaa kan dhagna qabates amantiin, kan dhagna hin qabatinis amantiidhuma sanaan qajeelaa kan taasisu Waaquma tokkicha.
31 Ki ka tron hlega nitu njanji? Ana taba he nakima na, nakima kisi hu gon tro kena.
Yoos nu amantii kanaan seera sana cabsinaa ree? Gonkumaa akkas miti! Seericha ni cimsina malee.