< Mark 11 >
1 da baye ni urshalima baye wiewiere ni bethphage mba Bethany ni gbuku olives u yesu ton mrikoh ma hari
Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii, Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen Tulluu Ejersaa biraa sana gaʼaniin Yesuus Barattoota isaa keessaa lama erge;
2 da hla ni hawu hi ni vi gbumu wakisiya biti rhi bi toh ba lo vre wadi idro na honni wu to na siwu ngrji mu
akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu; isa hiikaatii as fidaa.
3 idan itro miyei yi di bichninu nha tre bachi hu niwa ida akle ki ji kamye hari
Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif waan kana gootu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada; dafees deebisee ni erga’ jedhaa.”
4 se ha rhi ni vi gbua da ba to vre
Isaanis dhaqanii ilmoo harree kan balbala duratti, karaa irratti hidhame tokko argan. Akkuma isaan hiikaniinis,
5 da si ndi bari ba mie ba bisi tigye?
namoonni achi dhadhaabachaa turan tokko tokko, “Maal gochuuf ilmoo harree sana hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan.
6 u ba hla bawu bachi ni wa indi ba bana tre kpe na
Isaanis akkuma Yesuus isaaniin jedhe sanatti deebisaniif; namoonni sunis akka isaan deeman isaan dhiisan.
7 ba ji vre ye no yesu da ju nklon ba sur niwu du kusun ni tuma
Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe.
8 gbugbu ndi bari ba ju nklon ba sur ni wu du nzere zu nituma bari ba wa vuvu sur niwu du nzre zunituma
Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan.
9 biwa bana huba ba ya sei da guluzan da nitre hosanna lulu hei nitu ndia wadi a niye ni mi de bachi
Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”
10 ite bu Dauda akpa lulu ni mulkima Hossana nimi shulu
“Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu sun eebbifamaa dha!” “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!”
11 da yesu rhi nimi urushalima da hi nitra irji da ya konitsen da yaluti wa ka rhu hi ni Bethany baba mrikohma ulon don ha
Yesuusis Yerusaalem seenee mana qulqullummaatti ol gale. Gara galees waan hundumaa ilaale; sababii galgalaaʼee tureefis warra Kudha Lamaan wajjin baʼee Biitaaniyaa dhaqe.
12 ni vi uha ni bethanu u iyoun tiu
Guyyaa itti aanutti utuu Biitaaniyaadhaa baʼanuu Yesuus beelaʼe.
13 wa toh chi kukro ri ni gbugba n mu da hi ko ani fe iwo kukro a ni to ma da ahi dana toh kpei na sei vuvu migye ana hei niton u klomana
Innis muka harbuu baala qabu tokko fagootti argee ija qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa ilaaluu dhaqe. Garuu waan yeroon sun waqtii harbuu hin taʼiniif inni yommuu muka sana bira gaʼetti baala malee waa tokko illee hin arganne.
14 wa ka tre indio na ka ri klo mana u mri koh ma baka woh (aiōn )
Yesuusis muka sanaan, “Namni tokko iyyuu deebiʼee ija sirraa hin nyaatin” jedhe. Barattoonni isaas ni dhagaʼan. (aiōn )
15 da baye ni urushalima da ri hi ni tra irji da zu bi le kpei nitra irji da zu ruron ba hle ga ni bi sran klen nibi le gu
Yommuu Yerusaalem gaʼanittis Yesuus mana qulqullummaa seenee warra achitti bitatanii fi gurguratan ariʼuu jalqabe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche.
16 ana kpanyeim duba ji kpei ule rinikina
Akka namni tokko iyyuu waan tokko illee baatee mana qulqullummaa keessa darbus hin eeyyamne.
17 q hlatre rbawu bana han na ba you ikoh mu di ikoh u bre ni gbugbuku bi kan iko bi yib
Innis akkana jedhee isaan barsiise; “‘Manni koo saba hundumaaf mana kadhannaa ni jedhama’jedhamee hin barreeffamnee? Isin garuu ‘Holqa saamtotaa’gootaniirtu.”
18 binna baba bi ti du irji ba wa nkon u wuu amma ba klu ndi ba, Gbugbu ndi ba wohtrea
Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan kana dhagaʼanii karaa ittiin isa ajjeesan barbaaduu jalqaban; isaan sababii namoonni hundinuu barsiisa isaa dinqisiifataniif isa sodaatanii turaniitii.
19 niwa yalu a tin a rhu don gbua
Isaanis yommuu galgalaaʼetti magaalaa sana keessaa baʼan.
20 da ba zu da toh kunkro wadi yesu lau a klu rhini njama ba bwu nyu yo ni woho daya
Isaanis ganamaan utuu karaa sana darbanuu akka mukti harbuu sun hidda isaatii jalqabee goge argan.
21 Bitrus a rimre da tre malla wu toh kukro wawu lau? a kuq wawu
Phexrosis yaadatee Yesuusiin, “Yaa barsiisaa ilaa! Harbuun ati abaarte sun gogeera!” jedhe.
22 yesu ka sa u you suron irji
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Waaqatti amanaa.
23 jaji me hla yuwu ndi wa a you suron ni irji da hla ni ghu gbulu du grji joku ani joku
Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf.
24 naki mi hla yuu di ikpei wa bi mie di kpa gyeim bikpa ana kam ti u me
Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.
25 da u kri di bre wuka kpayiem di wur hle duka ndia da lah u don du iti bi u shulu ni wur latre me hle niwu game
Yeroo kadhachuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii. [
26 ihan Mark ana hla duta wur hle na
Yoo dhiisuufii baattan garuu Abbaan keessan inni samii irraas cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”]
27 baye ni urushalima gari yesu si nzre ni mikoh irji
Isaanis deebiʼanii gara Yerusaalem dhufan; utuu Yesuus mana qulqullummaa keessa deddeebiʼaa jiruu luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni gara isaa dhufan.
28 bi han ibe ni bi bla be ni baba bini koh baye niu da mie ni gbrgbrnlen han wu si ti kpe bi yi ahan nuu gbegbeblen u tiba
Isaanis, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Akka wantoota kanneen hojjettuufis eenyutu taayitaa siif kenne?” jedhaniin.
29 yesu ka sa du tre mime yi kpe ri bi ti ne tre a i mi hla u koni gbegbenlen nhami si ti kpi biyi
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo deebii naaf kennaa; anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.
30 sukpa Yohana agri ri nishu ko ani ni meme
Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe? Mee natti himaa!”
31 baka san iyue ni kpaba da tre kita tre a irji ni shulu wa ani tre ngye sa kina kpa jiem ni u na
Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata;
32 ama kika tre arji ni ndi ba klu sisir wa di batre si yohana ana ndi u ton du irji u ba hla ni yesu bana toh na
Yookaan, ‘Nama biraa dhufe’ jennuu?” jedhan. Sababii namni hundinuu dhugumaan Yohannisin akka raajiitti ilaaleef uummata sodaatan.
33 yesu ka tre meme mina hla ni yiwu ko ni gbengbenlen nha misi ti kpi bi yi
Kanaaf isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.