< Luke 24 >

1 Ni bwu mble, ni vi mumla wu Sati'a, ba ye ni bubu ibe'a nda nji nnye wu bwa ni kmo, wandi bana ti'a.
Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara awwaalaa dhaqan.
2 Ba to ndi ba nyi kikle tita wa ka nyu ibe rju.
Isaanis dhagaa sana balbala awwaalaa irraa gara galfamee argan;
3 Ba ri nimi nda toh ndi k'mo Bachi Yesu na he na.
yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne.
4 A hye niki, ba ri he ni tsishishi ni tu kpe yi, ndji ha ba rju kri ni ba ni inklon wa zan pri me.
Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan.
5 Niki mba-ba ba ti sissri nda kukru ni shishi mba ni meme, i ba tre ni mba-ba ndi, “Ngye du yi ni wa ndji wu vrhi nimi biwa ba qu ye'a?”
Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu?
6 Ana he ni wayi na, ba nzu lunde ye. Rhimre ni tre ma niwa a rhi he ni Galili,
Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa.
7 ndi ba guchi vu Vren Ndji nu ndji bi lah tre, ba gran ni kunkro, ni vi wu tra ani la lunde.
‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii.”
8 Imba ba ba tika itre ma,
Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan.
9 nda kma don bubu ibe'a nda bla ni wlon don ri'a baba mbru ndji bari, wawu ikpi biyi ba
Isaanis yommuu iddoo awwaalaatii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan.
10 Niki, Maryamu Magdalin, Joanna, Maryamu iyi Yakubu, ni mba ba rima, mle, baka vu bla ni manzani ba.
Warri waan kana ergamootatti himanis Maariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha.
11 Ama itre wa a bla bawu a rju choloncho ni manzani ba, i bana kpanyime ni mba-ba na.
Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne.
12 I Bitrus a lu kri vu tsu hi ni bubu be'a, nda ku dran nda ya mima. A to ba pri nklon wu kpa ma ba shii zini kosan. Bitrus a kma hi ni koh ma, nda ni rhimre ikpi wa ba he'a
Taʼus Phexros kaʼee gara awwaala sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.
13 Ni vi baki, ndji ha ni mimba ba vu nko tayi ni vi gbu Emmawus, wandi a mili ttamgba ni mbru rji ni Urushelima.
Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata.
14 Ba si tre ni kpamba nitu ikpi biwa ba si zren'a.
Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan.
15 Niwa basi tre nda ni mye kpamba, Yesu kima a ye nda si zren ni ba.
Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Yesuus mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe.
16 Shishi mba ana bwu du ba mla toh ka ahi nha na.
Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.
17 Yesu a hla bawu ndi, Bi ki zren nini tre nitu ngye, hambiwu ni ton nkoh? Ba kma kuki nda kri ngbonme.
Innis, “Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan.
18 Iri mba, ni nde Cleopas a sa niwu ndi, “Wu nklen me yi ni gbu Urushelima wuna toh ikpi wa basi zren ni vivi yi na?
Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, “Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?” jedheen.
19 Yesu a mye ba ndi, “ikpi bi rime?” Ba sa wu ndi, “Ikpi nitu Yesu wu Nazarat wandi ana Anabi kikle ni ndu, mba lan tre ni shishi Irji mba ni ndji wawu'u,
Innis, “Maal faatu taʼe?” jedhee gaafate. Isaanis deebisanii akkana jedhan, “Waaʼee Yesuus nama Naazreeti; inni raajii ture; fuula Waaqaatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture.
20 Wawu yi kikle Prist, baba bi ninkon wu gbu'a ba vu nu du ba lo u wu qu nda klo ni giciye.
Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis.
21 Kina yo suron ndi wawu yi ni ye kpa Israila chuwo. E, nha ni kima, a vi tra zizan wa ikpi biyi ba he.
Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha.
22 Ngari, mba bari, nimi mbu ba rju ni tre wa anuta sissri, nitu hi mba ni bubu ibe ni bwubwu mble.
Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara awwaala sanaa dhaqanii,
23 Ba hi ka toh ndi kmo ma na he na, nda kma ye si tre baka toh Maleka wa a hla bawu ndi a he ni sissren.
reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka ergamoonni isaanitti mulʼatanii, Yesuus jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan.
24 Ndji mbu bari ba hi ni bubu ibe nda ka to tsra ni kpe wa mbaba ba hla'a. Ama bana to'o na.
Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara awwaalaa dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine.”
25 Yesu a hla bawu ndi, “Bi ruru ndji, bi si sron kpanyime ni kpe wa anabawa ba tre!
Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan!
26 Ana bi zan du Kristi sha ya ikpe biyi rhi nda ri ni nzuhon ma na?”
Kiristooswaan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?”
27 Niki rji ni Musa, zu ni anabawa wawu, Yesu a mla bla ni bawu ikpi nitu kpama nimi nvunvu tre Irji.
Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
28 Ni ba tie whiwhre ni vi gbu wa bata hi niwu'a, Yesu a ti to ani zren hi guchi.
Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse.
29 Mle ba bre u ndi, “Son nita, yalu si tie, i ivi'a ti wiewiere wu kle ye. Mle Yesu a kpanyime nda ka son niba.
Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.
30 Niwa a kuson nda ni rhi niba, a ban bredi'a, yo lulu niwu, nda nziga nu ba.
Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne.
31 Shishi mba a kri bwu i baka mla toh wu, wa kri kado ni shishi mba.
Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate.
32 Ba hla ni kpamba, “Suron mbu ana si'a gon ni mi-mbu niwa a si tre ni nkon, nda tsro ta nimi nvunvu tre Irji na?”
Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan.
33 Ba kri lunde ni ton kima nda vu nkon kma hi ni Urushelima. Ba ka ri ni wlon don ri ba, nda toh ba baba bi wa bana he ni ba'a,
Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan.
34 nda hla ndi “A njanji, Bachi mbu lunde, nda tsro tuma ni Siman,”
Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan.
35 Niki ba vu kpi wa ba toh ninkon mba wa ba mla toh Yesu ni andi a ban bredi si ga nuba a.
Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.
36 Niwa basi tre kpi biyi, Yesu kima, a rju kri ni mimba nda tre ndi, “Si suron son niyi.”
Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Yesuus mataan isaa isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen.
37 Ba ti gbri me i sissri a vu ba. Ba ban ndi ba toh ibrji ma mu.
Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis.
38 Yesu a hla bawu ndi, “A ngye du yi ni tie sissri? A hi ngye ni lo yi ni suron?
Innis akkana isaaniin jedhe; “Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama?
39 Toh iwo mba iza mu. A hi me kimu. Sa wo nitu mu ni toh. Ibrji na he ni nma kpa mba ququ na wandi bisi to mi he niwu na.”
Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba.”
40 Niwa a kle tre toyi a tsro ba iwo mba iza ma.
Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise.
41 Niki me, bana kpanyime na, nitu ngyiri ni sissri. Yesu a mye ba ndi, “Bi he ni ikpe wu rhi?”
Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, “Isin waan nyaatamu asii qabduu?” jedhee isaan gaafate.
42 Ba nu vi lambe wa ba sron'a.
Isaanis qurxummii waadame kennaniif;
43 Akpa nda rhi ni shishi mba.
innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate.
44 A hla bawu ndi, “Biyi yi ba lan tre mu, wandi mi hla ni yiwu niwa mi he ni yi, ndi ikpi wa ba nha ba ni nvunvu doka Musa baba anabawa ni Zabura ba wrhu he toki.
Innis, “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Musee keessatti, kitaabota raajotaatii fi kitaaba faarfannaa keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana” jedheen.
45 Alu bwu mre suron mba du ba mla to nvunvu tre Irji.
Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef.
46 A hla bawu ndi, toki ba nha ndi Kristi ni shaya nda lunde rji ni qu ni vi wu tra.
Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Kiristoos ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa;
47 Kma suron wrhu ni la tre ni kpa wrehle lah tre ma. Hi bla ni ndi kagon ngbungblu rhi ni Urushelima, ni ndema.
maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’
48 Bi toh ikpi biyi ni shishi-mbi.
Isinis dhuga baatota waan kanaa ti.
49 Ya, mi si ton yi nitu ikpe wa Timu a rhentse ni tuma. Bi gben ni mi gbuyi nitu ba kayi ni nklon gbengblen rji ni shulu ri.
Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa.”
50 Niki Yesu a wrhu ni ba nda hi wiewiere ni Betani, nda nzu wo ma nda yo lulu ni bawu.
Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise.
51 Ni wa a ta yo lulu ni bawu, ba kri ban'u hi ni shulu.
Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame.
52 Mle ba ku nzu ndema, nda k'ma yi ni Urushelima kikle ngyiri.
Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan.
53 Ba si'a ki chachu ni tra Irji nda ni tie lulu niwu.
Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Waaqa galateeffachaa turan.

< Luke 24 >