< Luke 15 >
1 Ni bi kpa ban ni bi lah tre ba wa Yesu ye nasi wo wu.
Gaaf tokko warri qaraxa fuudhanii fi cubbamoonni hundi Yesuusin dhaggeeffachuudhaaf isa biratti walitti qabamaa turan.
2 Farisawa ni bi nha wawu mba u baluni chi ba gurgu ni kpa mba ndi, “I gu yi ani kpa bi lahtre nani ri la me niba.”
Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu, “Namichi kun cubbamoota simata; isaan wajjinis ni nyaata” jedhanii guunguman.
3 Yesu tre ka yiyi ni ba wu na yi.
Yesuusis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
4 A nha nimi mbi, nita he ni nt'ma deri, u iri kado, “wa ana ka teseyi don tiya don na hi wa iriri njiye na?
“Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu?
5 I dan a ka toh wu, ani ban sah kan to na ngyiri.
Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee,
6 Inde a k'maye ko, ani yo kpukpan ma, ni mri vayi bi yiu nkon kahlan ma kabi, “Ye ki ngyiri mi ka toh nt'ma mu'a wa a kado a.
mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha.
7 Mi hla ni yiwu, ahe naki me ni shu me, ba ngyiri nitu indji iriri u lahtre wa a tuba'a zan indji teseyin don chiya bi wa bana lahtre na.
Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
8 Ka ana he na iwa wa ahe ni glegbe nklen a zurfa wulon, u glegbe ri ni mi ma a nawo chuku miko kado, ana mbru lu yo ni fitila ma vu kagon sran ma na wa glegbe inklen, wa a nawo kado na?
“Yookaan mee dubartii saantima meetii kudhan qabdu jalaa tokko badeera haa jennuu; isheen ibsaa qabsiifattee, manas hartee hamma saantima sana argatutti jabeessitee hin barbaaddattuu?
9 Inde a toh, “ani yo kpukpan ma ni mri vayi bi yiu kon kahlan ma wawu ye, na hla ni bawu,” ki ngyiri, mi toh glegbe iklen azurfa mu wa a kado'a ye.
Isheenis yommuu argatutti michoota isheetii fi olloota ishee walitti waamtee, ‘Ani saantima koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jetti.
10 Ko na ki me, “Igir he ni shishi maleku Irji ni tu indji riri u lahtre wa a kpa tre Irji sisah, a (tuba).
Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif ergamoonni Waaqaa akkasuma ni gammadu.”
11 U Yesu tre a ndi indji ri he ni mri hari,
Yesuus ittuma fufee akkana jedhe; “Namicha ilmaan lama qabu tokkotu ture.
12 Ivren tsitsa, yo tima, “Iti mu, “ne” ikpi wa a ni u mu ni mi wa (dukiya) mewa u he ni wu'a “u timba a vu ikpi bi wo ma ga ni bawu hamba.
Ilmi quxisuun abbaa isaatiin ‘Yaa abbaa ko, qabeenya kee irraa qooda na gaʼu naa kenni’ jedhe. Abbaanis qabeenya isaa lamaan isaaniitiif ni hire.
13 Wa a na gbron knkon na, u vren tsitsa a kblu kpi wa ba ga ba wa'a ye sru ba ni wrji ri, na vuba, ri hi ni migu gbugban mu, hi zren ma ni gbungblu, “naka ri uma kle.
“Ilmi quxisuun sunis utuu hin turin waan qabu hunda walitti qabatee biyya fagoo dhaqe; achittis qabeenya isaa jireenya bashannanuu irratti balleesse.
14 U iyon nri ni gbu'a kagon wawu'u meme da ndi me. “I wa lu ni wa kpi u ri (iya vu).
Erga inni waan hunda fixee booddee beelli hamaan biyya sanatti buʼe; innis rakkachuu jalqabe.
15 Wa hi na ka wa ndu niti ni guri ni mi gbu'a, “Wa, ton hi ni rju mari ni ndu ta no lede ma biri.
Kanaafuu dhaqee lammiiwwan biyyasii keessaa isa tokkotti gale; namichi sunis akka inni booyyee tiksuuf lafa tikaatti isa erge.
16 Wa tie tilan u ri gbala biri wa lede ba ri don mbru'a.
Gurbichis qola booyyeen nyaattu sana nyaatee garaa guutachuu kajeela ture; garuu namni tokko iyyuu waa isatti hin kennu ture.
17 U, imeme ma ye niwu nikpa ma, “Wa tre, A hi gran bre Itie mu vu ba ndu na ni nhan ba, u ba rila ma lan tu ba u mi son ni tiya ni yon.
“Innis yommuu of beeketti akkana jedhe; ‘Tajaajiltoonni mana abbaa kootti qacaraman hammamitu buddeena gaʼee irraa hafu qaba! Ani garuu asitti beelaan nan duʼa.
18 Mi lunde, ni wa yi hi ni itie mu, “ni bre wu, “Itie mu, mi lahtre ni shulu mba ni wu.
Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera.
19 Na ban me ti vren me na, “Ban me tie na iri ni mi gran me wa ba tie ndu niwu.
Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.”’
20 U vren tsitsa lunde k'ma ye ni itie ma, wa aa ri he gbron kon ria u itie'a toh, na ya lo suron, na tsutsu ka kriu wu na ma wu yiu.
Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate.
21 U vren tre, Itie mu, mi lahtre ni shulu ni lah tre ni wu, mi na la son ndu yo me tie vren me na.
“Gurbichis, ‘Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera; siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu’ jedheen.
22 U itie ma hla ni gran ma ri ni ndu hi ya inkon lon ndindima iri na ban ye, sru niwu na ban zobe ye yo niwu ni wo ni lagban ye son ni niwu ni zah.
“Abbaan isaa garuu garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dafaatii uffata uffata hunda caalu fidaa isatti uffisaa; quba isaatti qubeelaa, miilla isaattis kophee kaaʼaa.
23 Ni hi vu Ikrju u gon gon ma ye han wa niki ti gan.
Dibicha gabbataa fidaatii qalaa; haa nyaannuu; haa gammannus.
24 Ivren mu ana kyu, zizan a he ni re
Ilmi koo kun duʼee tureetii; amma immoo jireenyatti deebiʼeeraa. Badees ture; amma immoo argameera.’ Isaanis gammaduu jalqaban.
25 U vren ni kon'a, a na he ni rju. Wa ye whibuhir ni ko na wo ba tsi kangan na ni yo se na ni nglu.
“Yeroo sanatti ilmi inni hangafti lafa qotiisaa ture; innis yeroo dhufee manatti dhiʼaatetti muuziiqaa fi sirba dhagaʼe.
26 Wa yo iri ni mi igran ba, na miyen a ndi a hi nge itu kpi yi.
Kanaafuu tajaajiltoota keessaa nama tokko waamee waan taʼaa jiru gaafate.
27 U igran hla ni wu, anitu wa tsitsa me a kma ye koh, u tie mendu ba nhan kikle krju u gon gon ma ni tu wa a kma ye ko pyan me.
Tajaajilaan sunis deebisee, ‘Obboleessi kee galeera; abbaan kees waan ilma isaa nagaa fi fayyaadhaan argateef dibicha gabbataa qale’ jedheen.
28 U ninkon ma tie nfu na kama ri koh, u itie mba a rju ye bre wu.
“Obboleessi hangafni garuu aaree ol seenuu dide; kanaaf abbaan isaa gad baʼee isa kadhate.
29 Vren ninkon lu miyen itie, “Ya Ise gbugbu wa mi tiya niwu, mina kamu ni wo tre mena, i wu na taba ne vren yawo ri ni ndu me kpa han tan ni kpukpan mu na, ni toh ro mana.
Inni immoo deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe; ‘Ilaa ani waggoota kanneen hunda akkuma garbaatti siif hojjechaan ture; ajaja kee illee didee hin beeku. Ati garuu akka ani michoota koo wajjin gammaduuf takkumaa ilmoo reʼee tokko illee naa hin kennine.
30 U vren me mba ye, iwa aka yan wo me kle ni bi ti ntran, “U ye nhan kikle ikrju niwu.
Garuu ilmi kee inni sagaagaltoota wajjin qabeenya kee balleesse kun deebiʼee manatti gallaan dibicha gabbataa qalteef!’
31 Itie ma yo, Ivren mu, u he ni me koko ni tana Ikoh nge wa mi he ni wu'a a hi u me.
“Abbaan isaas akkana jedheen; ‘Yaa ilma koo ati yeroo hunda anuma wajjin jirta; wanni ani qabu hundinuus kanuma kee ti.
32 Mi toh abi ni tawu ndu ki ta tie gan, ni ta ngyiri, ama vayi me yi na kyu, “I wa he ni re zizan, ana kado, u ki la toh.
Garuu obboleessi kee inni duʼee ture kun waan jireenyatti deebiʼeef nu gammaduu fi ililchuu qabna. Inni badee ture; amma immoo argameera.’”