< Luke 12 >

1 Ni nton kima, indji dubu gbugbuwu ba rju ye shubi nitu bran mba ba hon ta chan kpamba. Alu kri tre ni guchi ni mri ko ma ndi, “Mla ya yist wu Farisawa, wandi ahi gyuru ndji nitu zren mba
Gidduu sana yommuu tuunni namoota kuma hedduu tokko hamma isaan wal irra ejjetanitti walitti qabametti, Yesuus duraan dursee barattoota isaatiin akkana jechuu jalqabe; “Raacitii Fariisotaa irraa of eeggadhaa; kunis fakkeessitummaa dha.
2 Ba kpe wa ba kawu wandi ana rju kri ndende ni ra na, ba kpe wa ba kari wandi bana toh na.
Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiru.
3 Nitu kima, ikpi wa wu tre ni bwu ba wo ni kpan, i wuta tre kpe ni riri ni ton, nimi tra, ba dbu hla ni tu nkan.
Wanni isin dukkana keessatti dubbattan, ifa guyyaatiin dhagaʼama; wanni isin gola keessatti gurratti hasaastanis bantii manaa irraa labsama.
4 Mi hla ni yiwu, kpukpanmu, na tie sissri bi wa ba wu ikpa megyen, dana he ni kpe wa ba la tie na.
“Yaa michoota ko, ani isinittin hima; warra dhagna ajjeesanii ergasii immoo kana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa.
5 Ama, mi gbron ton mbi nitu wa be klu'u klu wandi anita wu, a he ni gbengble wu ta u yo ni lu shetan. Ee, Mi hla ni yiwu, klu'u. (Geenna g1067)
Ani garuu kan isin sodaachuu qabdan isinittin argisiisa; isa erga ajjeesee booddee gahaannamitti darbachuudhaaf taayitaa qabu sana sodaadhaa; eeyyee, ani isinittin hima; isa sodaadhaa. (Geenna g1067)
6 Bana leni chinche sparo ton nitu wlo bubo tra na? Ni kima me, Irji na kparisu ni iri mba na.
Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Waaqni hin irraanfatu.
7 Infutu wu tume me a bla ba pempe. Natie sissri na. Wu he ni ndu zan chinchen sparo gbugbuwu.
Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
8 Mi hla ni yiwu ndji wa a kri nda tre ni tu mu ni shishi ndji, Vren Ndji ngame ni tre ni tuma ni shishi Maleku Irji,
“Ani isinittin hima; nama fuula namootaa duratti ifaan ifatti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, Ilmi Namaas fuula ergamoota Waaqaa duratti dhugaa ni baʼa.
9 Anita kama ni me ni shishi ndji, ba kama niwu ni shishi Maleku Irji.
Namni fuula namootaa duratti na ganu kam iyyuu garuu fuula ergamoota Waaqaa duratti ni ganama.
10 Ko nha wa a tre lan tre meme nitu Vren Ndji, bakpa wru hle niwu, ama wuta tra valala wu gbron gbrongrji, nitu Ruhu Tsatsra, bana wru hle niwu na.
Nama Ilma Namaatiin mormee jecha tokko dubbatu hundaaf ni dhiifama; nama Hafuura Qulqulluudhaan mormee dubbatu kamiif iyyuu garuu hin dhiifamu.
11 Bati ngrji wu ye ni shishi kikle bi mitra Sinagog, bi tie chu baba bi ninkon gbu, na du suron mbi rjoku nitu kpe wandi bi tre wa ani kpauyi chuwo na.
“Yommuu manneen sagadaa, bulchitootaa fi abbootii taayitaa duratti dhiʼeeffamtanitti akkamitti akka falmattan yookaan maal akka jettan hin yaaddaʼinaa.
12 Ruhu Tsatsra ni tsro yi ni nton kima, ikpe wa bi tre'a.
Hafuurri Qulqulluun yeruma sana Waan isin jechuu qabdan isin barsiisaatii.”
13 Ndji rinimi ikpan ndji ba a tre niwu ndi, Ticha, hla ni vayi mu ni du ga gado mbu ni me.
Tuuta sana keessaa namichi tokko, “Yaa Barsiisaa, akka obboleessi koo dhaala naa hiruuf maaloo itti naa dubbadhu” jedheen.
14 Yesu a hla wu ndi Ndji, anha yo me mi ga tre koh du mi ri nimi tre mbi?
Yesuus garuu deebisee, “Namana, eenyutu isin gidduutti abbaa murtii yookaan hirtuu dhaalaa na godhe?” jedheen.
15 A tre ni ba andi, mla toh ni na du son tu do honyi na, nitu mlason ndji ni vrhi ana nitu kri ni gbugbu ikpi wa a he ni wuna.
Innis, “Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii” jedheen.
16 Nikima, Yesu a tre parabul ni bawu ndi, “Irju ndji wu wo ri nu birhi gbugbuwu.
Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Lafti qotiisaa namicha sooressa tokkoo midhaan guddaa kenneef.
17 A son nda mla ya ni kpama nda tre ndi, 'Mi tie ni he, nitu mina he ni bubu wa mi zi biri wu wru mu na?'
Namichi sunis, ‘Ani waan lafan itti midhaan koo galfadhu hin qabneef maal gochuu naa wayya?’ jedhee garaa isaatti yaade.
18 A tre ndi, ngye kpe wa mi ti a yi. Mi zi ba wronmu ni mme bi rigrama, nike mi zi biri wu wrhu mu mba mbru ikpi mu wawu.
“Innis akkana jedhe; ‘Wanni ani godhu kana; gombisaa koo diigee guddaa isaa nan ijaarradha; midhaan koo fi miʼa koo hunda achittin kuufadha.
19 Mi hla ni suron mu, “Suron, wu he ni kpi gbugbuwu wa wu mla zi wu ise gbugbu ni ko shishi. Kuson si rhi ni so, son piyame.'”
Lubbuu kootiinis, “Yaa lubbuu ko, ati waan gaarii hedduu kan waggaa baayʼeef kuufame qabda; boqodhu; nyaadhu; dhugi; gammadis” nan jedha.’
20 Ee, Irji hla wu ndi, 'Ruhu ndji, ni chu wu luwa, ba kpa vrhi suron meluwa, i ikpi ba wu mla zi ba, wu don ni nha?'
“Waaqni garuu, ‘Yaa gowwicha, edanuma lubbuu kee sirraa fudhachuu barbaadu; egaa wanni ati walitti qabatte sun kan eenyuu taʼa?’ jedheen.
21 Kima he na bibi ndji bari, ba vu kpi si mla zi ni tu mba, nda k'ma tie bi kpla ni Irji.
“Kanaafuu namni ofii isaatiif badhaadhummaa kuufatee fuula Waaqaa duratti immoo hin sooromin kam iyyuu akkasuma taʼa.”
22 Yesu a hla ni mri koh ma ndi, Mi hla yiwu, na dame ni tu me na, ikpe wa wuri, ko ni kpame, ikpe wa wu sru.
Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘maal nyaanna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa.
23 Vri son a zan biri i kpa zan nklon wu sru.
Jireenyi nyaata caala; dhagnis uffata caalaatii.
24 Ya kikle chinche ravins, bana chu ndana han na. Ba na he ni tra wu zi kpi ko wron na, ama Irji ni nuba irhi-mba. Wu na zan chinche ba ni anfani ni shishi Irji na?
Mee arraageyyii ilaalaa: Isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan; gombisaa yookaan gumbii hin qaban; taʼus Waaqni isaan soora. Isin immoo hammam simbirroota caalaa gatii guddaa qabdu!
25 Inha nimi-mbi, nitu son rhimre nitu kpe, ani du vi wu vri ma hon zan cubit?
Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼu eenyu?
26 Wuta na toh tie mri kpi toh wayi na, nitu ngye wu du suron me du na kuson si na?
Yoos isin erga waan xinnoo akkasii illee godhachuu hin dandeenye, maaliif waan biraaf yaaddoftu ree?
27 Ya mri vunvu bi kpan mbi ni shishi to lilies, ni lu gbron mbu, bana tiya na, bana k'ma ya bubu na, ee, Solomon me ni nzu hon ma ana sru ikpi wu bi toh iri-mba na.
“Daraaraawwan bosonaa akkamitti akka guddatan mee ilaalaa; isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.
28 Irji nita nu ghiga wu wrhu, wandi luwa ahe, i mble ba kau taga ni lu, ani tie he ndana nu nklon wu sru na? Wu ndji wu kpanyime ni wu fime.
Isin yaa warra amantii xinnoo nana! Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo hammam kana caalaa haa uffisuu ree.
29 Na yo shishi ni kpe wa wu rhi ndi sona, na du suron me hamma ni kukru na.
Qalbii keessan waan nyaattan irra yookaan waan dhugdan irra hin kaaʼatinaa; waaʼee isaas hin yaaddaʼinaa.
30 Gbungblu wawu ba yo suron wa ikpi biki, i Timbi toh wu son kpi baki ngame
Addunyaan ormootaa waan kana hunda ni barbaaduutii; Abbaan keessan akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
31 Wuka yo suron meni iko mulki Irji guchi, i ba vu kpibiyi nha niwu tuma.
Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.
32 Na tie sissri na, ikran mri nitu Iti-mbu toh a bi ni du nuta ri ko mulki ma.
“Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.
33 Le ni ikpi me ni nu sadaka. Wran ngomble ni kpa-mbi wa ana y'ba na - ikpe ndindi ni shulu wandi ana kle na, i ndji wu y'bi na ye whiewhiere na, i imra na kpa timeme na.
Waan qabdan gurguraatii hiyyeeyyiif kennaa. Korojoo hin moofofne, qabeenya dhuma hin qabnes samii irratti, iddoo hattuun itti hin dhiʼaannee fi biliinis hin balleessinetti ofii keessaniif kuufadhaa.
34 Bubu wa ikpe ndindi me he'a, suron me ni he ngame.
Idduma badhaadhummaan keessan jiru sana garaan keessanis jiraatii.
35 Lo kpa mla tie ni rjirji ni nchi, ni du ilu me si kpan,
“Tajaajilaaf hidhadhaatii qophaaʼaa; ibsaa keessanis ibsadhaa;
36 nna ndji biwa basi gben ti-kohmba du k'ma rjini ko gran, anita ye wrunko, baka bwu niwu gbagbla.
akkuma namoota yommuu Gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee balbala dhadhaʼutti dafanii isaaf banuuf jedhanii qophaaʼanii isa eeganii taʼaa.
37 Lulu he ni tu igran biwa tikomba niye to ba si gben yemma. Njanji, mi hla yiwu, ani mla kpama tie wu tindu nda du ba son nitu tabur, wa a ni lu tindu bawu.
Garboonni gooftaan isaanii yeroo galutti isaanii dammaqanii jiran argu sun eebbifamoo dha; ani dhuguman isinitti hima; inni marxifatee akka isaan nyaataaf taaʼan ni godha; dhufees isaan tajaajila.
38 Tikoh anita ye ni nh'ma wu ha ko nh'ma wu tra nda ye toh bi ki ni sisren si gben i lulu ni tu igran baki.
Garboonni gooftaan isaanii halkanicha keessaa kutaa lammaffaatti yookaan kutaa sadaffaatti dhufee akkasuma isaanii dammaqanii jiran isaan argu sun eebbifamoo dha.
39 Ama bika toh, tikoh nita toh nton wa ndji wu y'bi ni ye'a, ana du rhi ni ko'a na.
Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu saʼaatii kamitti akka hattuun dhuftu beekee, silaa akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.
40 Son ni sro, wuna toh nton wa vren ndji ni yena.
Isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.”
41 Bitrus a tre, “Bachi wusi hla tre yi ni tawu megyen ka ni konha?”
Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ati fakkeenya kana nu qofatti moo nama hundumatti himta?” jedhee gaafate.
42 Bachi a sa ndi, “A hi nha ndji ndindi wa tikoma ni nu ndu ya mbru igran ma, ani mla ta nuba biri mba ni ntonma?
Gooftaanis akkana jedhee deebise; “Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu?
43 Lulu he ni tu igran wa tikoh niye toh si ti ndu wa bana nu anita k'ma ye.
Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.
44 Njanji mi hla yiwu, ani yo ni tu ikpi koh ma wau.
Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.
45 Igran a nita tre ni suron ma ndi, “Bachi mu ani ti grji ni ye, nda lu si tsi igran lilon baba mba biwa ba he ni wo ma, nda rhi nda so nda wha,
Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe,
46 Bachi igran niye ni ivi wa ana tie mre na mba nton wa ana to na, anic'ba tie tsitsa nda ban yo ni bubu bi ka toti ndindi.
gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada.
47 Igran kima, nitu ana toh suron bachima ye, ama dana mla son nda tie kpi wa ani son na, ba tsiwu branbran.
“Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama.
48 I waa ana toh na ama nda tie ikpe wa du ba tsiwu a, ba tsiwu ifimeyi. Ndi wa banu ikpi bran bran, ni wo ma, ba kpa branbran. Wandi ba zi kpi gbugbuwu ni woma, ba mye ikpi wa azan kima.
Nama utuu hin beekin waan isa adabamsiisu hojjete garuu adaba salphaatu isa irra gaʼa. Nama wanni baayʼeen itti kenname hunda irraa waan baayʼeetu eegama; nama imaanaan guddaan itti kenname irraa immoo kan caalutu barbaadama.
49 Mi ye nitu ye yo lu ni gbungblu mem, i mi son ndi ilu anina nu ye.
“Ani ibidda lafa irra buusuufin dhufe; utuu inni ammuma iyyuu qabatee ani akkam hawwa!
50 Ama mi he ni baptisma wa batie nimu'a, suron mu ni lo nitu du ba kle kima.
Garuu cuuphaa ani cuuphamu tokkotu jira; hamma inni raawwatamutti ani akka malee nan dhiphadha!
51 Bi ya mi ye nji isi ye ni gbungblu meme? Ana toki na, mi hla yiwu, ahi iga.
Isin waan ani lafa irratti nagaa buusuuf dhufe seetuu? Akkas miti; ani isinittin hima; ani gargar baʼuu fiduufan dhufe malee nagaa buusuuf hin dhufne.
52 Rji ni zizan, hini shishi, ndi ton ba he niko, iga ni ri, ndi tra nitu ndi ha, i iha nitu tra.
Siʼachi maatiin nama shan qabu tokko gargar qoodama; namni sadii nama lamatti kaʼa; namni lama immoo nama sadiitti kaʼa.
53 Baga ni kpamba, iti mba vren wa ni ihi ma. Ihi wa vren ma mba iwa vren ma, i wa vren ni ihi lonma.
Abbaan ilmatti, ilmi abbaatti, haati intalatti, intalli haadhatti, amaatiin niitii ilmaatti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaʼuudhaan gargar baʼu.”
54 Yesu asia hla ni kpa ndi ba, ngame ndi, “Bita toh kpa lu ni lunde rhi ni yalu, bika gbla tre ndji, tenlu ni ye wa ani he toki.
Yesuusis tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yommuu duumessa karaa lixa biiftuutiin ol baʼu argitanitti yeruma sana, ‘Bokkaan ni rooba’ jettu; innis ni rooba.
55 Gyungwu nita ni fu ni rji ni kogbo, bi tre ndi, gbaji wu hwuma ni ye, wa ani ye toki.
Yommuu bubbeen kibbaa bubbisutti immoo, ‘Ni hoʼa’ jettu; innis ni hoʼa.
56 Bi gyru tu-mbi, bi to sran, tsro kpa ikpi nimemembani shulu, i ti tie nihe nina toh sran ikpi wa si zren zizan na.
Fakkeessitoota nana! Isin bifa lafaatii fi samiitiif hiikkaa kennuu ni beektu. Bara ammaa kanaaf immoo hiikkaa kennuu akkamitti wallaaltu?
57 Bi ti he mu nina gatre ni kpame na?
“Isin maaliif ofuma keessanii waan qajeelaa hin murteessine?
58 Wuta hi niwandia no son na, ni shishi ndji wu ga tre, bita rhi he ni nko, bika mla ti ni kpambi, nitu du na njiwu hi lo, ni du ndji wu ga tre kana vu nuwa ani, njiwu hi tro na.
Ati yommuu amajaajii kee wajjin gara abbaa murtii dhaqxutti, karuma irratti isaan walitti araaramuu cimsii yaali; yoo kanaa achii amajaajiin kee abbaa seeraatti si geessa; abbaan seeraas dabarsee poolisiitti si kenna; poolisiin immoo mana hidhaatti si darbata.
59 Mi hla niwu, wuna to wru na, se wu han kubu wa ba han pempyeme
Ani sitti nan hima; ati hamma saantima ishee dhumaa of irraa baaftutti achii hin baatu.”

< Luke 12 >