< Luke 11 >

1 Naki Yesu a si'a bre Irji ni bubu ri, ni-andi a kle bre'a, iri ni mri koh ma bi hu'a a tre ni wu ndi, “Bachi, tsro ta kini toh bre bib-andi Yohana a tsro mri koh bi hu'a.
Gaaf tokko Yesuus iddoo tokkotti kadhachaa ture; yommuu inni fixatettis, barattoota isaa keessaa namni tokko, “Yaa Barsiisaa, akkuma Yohannis barattoota isaa barsiise sana, atis kadhachuu nu barsiisi” jedheen.
2 Yesu a hla bawu ndi, “Bita bre, bika tre ndi, 'Iti mbu, du ndeme ndu kpa ninkon. Du ikoh Irji ni shulu du ye.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yommuu kadhattan akkana jedhaa: “‘Yaa Abbaa, maqaan kee haa qulqullaaʼu; mootummaan kee haa dhufu.
3 Nu ta biri mbu wu vi chachu.
Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa, guyyuma guyyaan nuu kenni.
4 Wru latre mbu hlega, toh-andi ki wru hle ni ko nha wandi a rhi ihla mbu. Na duta rjoku ni tsra na.'”
Akkuma nus warra cubbuu nutti hojjetaniif dhiifnu sana atis cubbuu keenya nuu dhiisi; qoramatti nu hin galchin.’”
5 Yesu a hla ni bawu ndi, nnha mbi ani he ni kpan wandi ani hi niwu ni tsutsu chu ndahi bre ndi “Ikpanmu, nne ihla bredi tra,
Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennuu; innis halkan walakkaa michuu isaa sana bira dhaqee, ‘Yaa michuu ko, mee buddeena sadii naa liqeessi;
6 nitu ikpanma ri a ye wru sru zizan rji ni zren, i mina he ni ikpe wandi minu ri na.
michuun koo kan karaa deemu tokko natti goreeraatii; anis waanan dhiʼeessuuf tokko illee hin qabu’ haa jedhu.
7 Wawu wandi a he ni miko ma a sa niwu nda tre ndi, na nne yratu na. Mi tronkon mu ye, i mri mu ni me ki ri kruna ye. Mina la lunde ni nu bredi na.”
Namichi mana keessaa sunis, ‘Na hin rakkisin; balballi cufameera; ijoolleen koos na wajjin siree irra jiru; ani kaʼee waan tokko illee siif kennuu hin dandaʼu’ jedhaanii?
8 Mi hla ni yiwu, anita na lunde nda nu bredi nitu wu kpanma na, nitu kri nhatu myeme, ani lunde nda nhu gbugbu bredi wandi wu wa'a.
Ani isinittin hima; sababii inni michuu isaa taʼeef jedhee kaʼee buddeena sana isaaf kennuu baatu illee, sababii ija jabina namicha sanaatiif jedhee kaʼee waan isa barbaachisu hunda ni kennaaf.
9 Mi la hla ni yiwu, mye ba nuhi, wa i bi to, wru nkon, i ba bwu ni yiwu.
“Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.
10 Ndji wandi ani mye, ni waa anito, i ndji a wru ba bwu niwu.
Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
11 Iti nha ni mi mbi, vren ma nita mye ni du nu lambe ani ban iwan nu nitu lambe? Chiche nvunvu bi sen bari nha ba hi nkpurju, i bari wu mba gbron, toh ikpe wandi ba nha ni Matta 7:9. Iti rime ni mi mbi wa ivren nita mye bredi waka ban tita nu? Ka anita mye lambe ka ban iwan nu?
“Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu?
12 Ka anita mye inchen'ko waka ban illan nu?
Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu?
13 Ni kima, biyi bi meme dri bita toh nu mri mbi ikpi bi ndindi, nitu ngye Itimbi ni shulu na nuyi Ruhu Tsatsra ma ni ko nha wandi a mye na?”
Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!”
14 Yesu asi'azu brji mamgbi ri ni rju brji ni kpa ma, Igu'a ani mamgbi a lu kri tre, i kpa ndji biwa ba he niki ba bwu nyu yo ra ni sissri.
Yesuusis hafuura hamaa arrab-didaa taʼe tokko baasaa ture. Yommuu hafuurri hamaan sun baʼetti arrab-didaan sun ni dubbate; namoonnis ni dinqifatan.
15 I ndji bari nimi mba ba tre ndi Beelzebul, ninkon brji ba si zu brji mba ni rju
Isaan keessaa namoonni tokko tokko garuu, “Inni Biʼeelzebuuliin, hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
16 Bari ba tsra ni du ba toh alama rji ni shulu.
Warri kaan immoo mallattoo samii irraa isa gaafachuudhaan isa qoran.
17 Yesu a toh kpe-andi a si zren ni suron mba nda tre ndi, “Khikle Koh andi a yra kpama ni kpama, ani yra kado, i ikoh wandi a yra tuma ni tuma ani zii rjoku.
Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu kam iyyuu ni diigama; manni gargar of qoodus ni jiga.
18 Shetan nita ga kpama ni kpama, hikle koma tie he nda kri? Bita toh ndi mi zu brji rju ni Beelzebul.
Seexanni yoo gargar of qoode, mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa? Wanni ani akkana jedhuuf sababii isin akka waan ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasuu dubbattaniif.
19 Mita zu brji rju ni Beelzebul, i bi wa ba huyi ba zu ba ni nha? Nitu wayi, baba yi ba ga tre ni yiwu.
Egaa yoo ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ilmaan keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.
20 Mita zu brji ni rju ni vren-wo Irji, nikima, kikle koh Irji ni grji ye ni yi.
Garuu ani quba Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.
21 Ndji wu gbengblen wandi a kri ni sro ni koh ma, ikpe koh ma ba nawo.
“Yommuu namni jabaan guutummaatti miʼa lolaa hidhate tokko mana isaa eeggatutti, qabeenyi isaa nagaadhaan taaʼaaf.
22 Ndji ri wandi a zan ni gbengbeln anita ye suu, wandi azan gbengble ani vu kpe wu sro ma wa ana yo suron niba nda vu kpi wu koh nda hi kpama.
Garuu namni jabinaan isa caalu tokko yoo lolee isa moʼate, miʼa lolaa kan namichi sun amanate sana isa irraa fudhatee boojuu isaas qoqqooda.
23 Wandi ana he nime na ana nyime nime na. I wa'a ana vu shubi ni me na, ni vre hle.
“Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.
24 Meme ibrji nita wru ni kpa ndji, a ni zren zu ni kuklu bubu nda wa bubu kuson. Anita na toh na, ani hlandi “Mi k'ma hi ni ko wandi mina he'a.”
“Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaakeessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha.
25 Aniti k'ma ye nda toh ba se ikoh pempeme nda mla wu tie.
Yommuu achi gaʼuttis manicha haramee qulqulleeffamee argata.
26 Ani k'ma hi yo brji tangba bari du ba hu ye son ni ko'a. I isran gu ni zan wandi a he ni mumla'a.
Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata.”
27 A he me, niwa a tre kpi biyi, iwa ri a d'bu hla nimi kpa'a ndji ba nda hla wu ndi, “Lulu ku ni nne wandi a ngrji wu, mba sisan wandi wu ma.”
Utuu Yesuus waan kana dubbachaa jiruu, dubartiin tokko namoota gidduudhaa sagalee ishee ol fudhattee, “Garaan si baate, harmi ati hootes eebbifamaa dha” jette.
28 Wa a sa ni wu ndi, “Ni kima du lulu son nitu bi wandi ba wo tre Irji nda tie ndu (ziwu) ni wu.”
Inni garuu deebisee, “Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Waaqaa dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha” jedhe.
29 Wa ndji ba basi bran nha, Yesu a lu si wa ndji, “Ik'ba biyi ba meme ik'ba. Ba wa ingba, i bana nuba ingba na - se ingba wu Jonah.
Akkuma baayʼinni namootaa dabalameen Yesuus akkana jedhe; “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha. Inni mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon tokko iyyuu isaaf hin kennamu.
30 Ni-andi Jonah ana ingba ni mi bi Ninevit, toki me, vren Ndji ani ingba ni k'ba yi.
Akkuma Yoonaas mallattoo saba Nanawwee ture sana, Ilmi Namaas mallattoo dhaloota kanaa ni taʼaatii.
31 Ichu-mba wu kogon ani lunde ni bla tre ni lilon wu k'ba yi nda lo ba, nitu a ye rhi ni gbagban meme, du ye wo wrji nyu Solomon, nda toh ndji wa a zan Solomon he niayi.
Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti namoota dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii. Kunoo kan Solomoonin caalu as jira.
32 Ndji bi Nineve ba kri ni bla han tre ni k'ba ndji biyi, nda lo ba, nitu ba kpa tre Irji nda tan ntsan niwa ba wo tre Irji ni nyu Jonah, bi ka toh Ndji wa azan Jonah he ni yi.
Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo kan Yoonaasin caalu as jira.
33 A nha ni yo lu ni glogo nda ban ri ni sisen ndana ka sa ni tu kpe tsame na ni du bi ri miko du ba toh kpan lu.
“Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee iddoo hin mulʼanne yookaan gombisaa jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa isaa arganiif baattuu isaa irra kaaʼu.
34 Shishi meyi hi glogo wu kpa me wawu. Shishi me nita bi, wawu kpame ni shu ni kpan-lu. U Shishi me nita na bi na, ikpa me wawu ni tie bwu.
Iji kee ibsaa dhagna keetii ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu dhagni kees dukkanaan guutama.
35 Nikima, bi ka mla zren ni du ikpan mbi du na k'ma tie bwu na.
Kanaafuu akka ifni si keessaa dukkana hin taaneef of eeggadhu.
36 Ikpa mbi wawu niti na shu ni kpan-lu, ni hamma ngbala ri ni bwu, niki, kpa mbi wawu ani kpan toh glogo ni kpan-lu ma niwu.
Egaa yoo dhagni kee hundinuu ifaan guutame, yoo kutaan tokko iyyuu dukkana hin qabaatin, akkuma waan ifni ibsaa tokkoo ifa isaatiin siif ibsuutti dhagni kee guutummaatti ifa ni qabaata.”
37 Ni wa a kle tre'a, Farasi ri a mye'u du hu hi rhi biri ni koma, Yesu a kpa nyime nda hu'u.
Akkuma Yesuus haasaa isaa fixateen Fariisota keessaa namichi tokko akka Yesuus isa wajjin nyaata nyaatuuf mana isaatti isa waame; Yesuusis ol seenee maaddiitti dhiʼaate.
38 Farasi a yi mamaki ni toh ndi Yesu ana ngla kpama ri nda son ni ba ni bubu rhi biri'a na.
Fariisichi garuu akka Yesuus nyaataan dura hin dhiqatin argee dinqisiifate.
39 I Bachi a hla ni wu ndi, “Zizan, biyi Farasi bi ngla kogon vuvanho mba gbugba'a (kungo) nda don mima shu ni sontu ba meme kpi.
Gooftaanis akkana isaan jedhe; “Isin Fariisonni duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu saamichaa fi hamminaan guutameera.
40 Biyi ndji bi kha toh, Ana wandi a tie kogon a tie mima ngame na?
Yaa namoota gowwoota! Inni duuba isaa uume sun keessa isaa immoo hin uumnee?
41 Nu kpi wandi ba he ni mi tu beko, i kpiba wawu ba rju pyempyen me niwu.
Isin garuu waan xoofoo fi caabii keessa jiru hiyyeeyyiif kennaa; yoos wanni hundinuu isinii qulqullaaʼaa.
42 Iya mbi biyi Farasi, nitu bi nu zaka wlon mint mba rue, i mri vunvu bi koh p'ma, nina k'magon nu ti bi mba son Irji. Ani bi du yi zren bi ni son Irji, hamma ni mbru kpi ba ngame.
“Fariisota nana isiniif wayyoo! Isin insilaala, cilaaddaamaa fi biqiltuu gosa hundaa kudhan keessaa tokko Waaqaaf ni kennitu; murtii qajeelaa fi jaalala Waaqaa garuu ni tuffattu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa booddee hojii irra oolchuu qabdu ture.
43 Iya mbi Farisawa, bi son bubu u son bi ko shishi ni sinagog mba kpa ichi bi nzu lu ni chuchu.
“Yaa Fariisota, isiniif wayyoo! Isin manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallattu.
44 Iya mbi, bi he toh ibe wandi bana chu tsro nkana, ndji ba hon zu ndana toh na.
“Isin sababii awwaala mallattoo hin qabne kan namoonni utuu hin beekin irra deeman fakkaattaniif isinii wayyoo!”
45 Iri nimi bi ninkon ni tre doka'a hla wu ndi, “Ticha, ikpi wandi wu tre a kpata tsri ngame.”
Hayyoota seeraa keessaas tokko deebisee, “Yaa Barsiisaa, ati yommuu waan kana jettutti nuus arrabsaa jirta!” jedheen.
46 Yesu a tre ndi, “Iya-mbi, Tichas bi doka! Bi yo kikle kpi ni ndji wandi ani tiba ya nji, ama ni na yo wo kpre ni vren wo mbi riri na.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Hayyoota seeraa, isiniifis wayyoo! Isin baʼaa namni baachuu hin dandeenye isaanitti feetu; ofii keessanii garuu isaan gargaaruudhaaf qubaan illee hin tuqxan.
47 Iya-mbi, bi meh ibe ni anabawa, wa ba bachi-mbi ba wuba.
“Isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; kan isaan ajjeeses abbootuma keessan.
48 Niki biti shaida ni kpanyime ni ndu ba bachi-mbi'a, Baba yi ba wuba i biyi bi meh ibe mba.
Kanaafuu isin akka waanuma abbootiin keessan hojjetan sana deeggartan dhugaa baatu; isaan raajota ajjeesan; isin immoo awwaala raajotaa ijaartu.
49 Ni tu kima'a, wri Irji a tre ndi, 'Mi ton anabawa mba manzani ye ni ba, i ba tiba ya nda wu bari mba.
Sababii kanaaf Waaqni ogummaa isaatiin, ‘Ani raajotaa fi ergamoota isaanittin erga; namoonni sunis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu; kaan immoo ni ariʼatu’ jedhe.
50 Ik'ba biyi ye mi vu ba nitu iyi ba anabawa wandi ba ka hle rji ni mumla,
Kanaaf dhaloonni kun dhiiga raajota hundaa kan uumama addunyaatii jalqabee dhangalaʼetti ni gaafatama;
51 rji ni iyi Habila, ye ni iyi Zakariya, wandi ba wu ba ni kpa bubu ton ba koh Irji. E, mi hla niwu, mi vu ik'ba yi ni tumba.
dhiiga Abeel irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa gidduutti ajjeefame sanaatti ni gaafatama. Eeyyee ani isinittin hima; dhaloonni kun waan kana hundumatti ni gaafatama.
52 Iya-mbi bi zan toh tre Irji, bi ban ih'ra wu toh, nina ri ngame na, ni zu bi wandi bason ri'a.
“Yaa hayyoota seeraa, isiniif wayyoo! Isin furtuu beekumsaa fudhattaniirtu. Ofii keessanii hin seenne; warra seenaa turanis dhowwitaniirtu.”
53 Ni wandi Yesu a bri bubu kima, marubuchi, baba Farisawa ba kri nda sen nyu ni wu nitu kpi gbugbuwu, nda son,
Yommuu Yesuus achii deemetti, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa jabeessanii isaan mormuu, akka inni waan baayʼee dubbatuufis isa tuttuquu jalqaban.
54 si gben'u du ba vu ni tre nyu ma.
Waan afaan isaatii baʼuun isa qabuufis eeggachaa turan.

< Luke 11 >