< Yohana 8 >
1 Yesu hi ni gbunlu Zaitun.
Yesuus garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.
2 Ni mbubele a ka ban ye ni hekeli, indji wawu'u ba kaban ye niwu, aye kuson na si tsoro ba.
Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise.
3 Se bi nha ni Farisawa ba nji Iwa wandi ba vu asi tie ngyungyu, u ba yo ni tsutsu mba.
Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii,
4 U ba tre niwu, Malan, Iwa yi ba vu ahe ni mi si ti ngyungyu.
Yesuusiin akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte.
5 Ni du Musa, a tre ki ta bi indji bi ki, Iwu u tre nigen ni tuma?”
Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?”
6 U ba tre naki ni ndu sa tre ni ndu ba fe ni ikpe wa ani kpa ndema tie meme (Ko latre), u Yesu sontu grji na si nha ni menme ni vren wo.
Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan. Yesuus garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe.
7 U ba kamba na kri ti tutu bubu miyen, wa lukri ni ndide na hla bawu, “Indji ri ni mi biwa ato ana latre na, ka guci ta.
Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu” jedheen.
8 A la sontu grji na nha ni vren woma.
Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.
9 Ba wo naki na lu shan rju ni yi yir ri ni ninkon, na ka Yesu don ni grjima, mba Iwa wa ba na yo ni tsutsu mba.
Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe.
10 Yesu lu kir dinde na miyen, “Iwa, bi wa ba nha wu ba he ni tse? Idiori na nhau na?
Yesuusis ol jedhee, “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?” jedheen.
11 Wa hla ba diori, (Ubangiji), “Yesu tre, imeme mina nhawu na, hi na la latre ganna.
Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen. Yesuusis, “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.]
12 Yesu tre niba ganri, andi, “I hi me yi mi kpan u gbungbulu, Indji iwa a hume ana tre ni bwuh na ama ani he ni kpan u re (iviri).”
Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
13 Farisawa ba tre niwu, “U zi tre nitu ikpe wa wuto'a nmitu tume, ana njanji na.
Fariisonnis, “Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti” jedhaniin.
14 Yesu sa nibawu na hla, mi ti sheda tu mu me, ahi njanji, mi to iwurji wa mi rji ni wa mi hi'a, biyi kuko bina to wurji wa mi rji'a na, bina to wurji wa mi hi'a na.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.
15 Bi tron u son tu, ime na tron to ni diori na.
Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.
16 Ko mina tron ni diori me, itron mu mu'a a u njani nitu ana me kankrji mu na, ki he mbu Iti mu wa a ton me.
Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.
17 Ee, Ana ki ni du wa ba nha mi tre bitsi, andi sheda indji hari a njanji.
Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.
18 Ahi me yi mi sheda itu mu, u Itimu iwa a ton me a sheda mu.”
Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”
19 Ba miyen, “Iti me ahe ni tsen?” Yesu hla ni bawu bina tome na, me bika tre Itimu, bina to me, bina to Iti mu'a me.
Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo deebisee, “Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan” jedhe.
20 A hla tre biyi whirewhir ni bubu wa ba zi kpi wa si tsoro ba tre Rji ni mi hekeli, idiori na vu na nitu iton ma na tsira rina.
Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.
21 Na hla bawu bru, mi hi biwa bina to me na, bi kwu ni mi latre bi. bubu wa misi hi'a, bina ya hi na.
Yesuus amma illee, “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
22 Yahudawa ba tre, ani wutuma mu, na ni tre iwurji wa mi hi'a bina ya hi na?”
Yihuudoonnis, “‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan.
23 Yesu hla bawu biyi bi rji ni meme, u me mi rji ni shu. Bi he ni gbungbulu yi, ime mina rji ni yi ni gbungbulu yi na.
Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.
24 Iki sa mi hla niyu bi kwu ni mi latre bi. Bitana kpayemmen ni soron bi andi a hi me na, bi kwu ni mi latre bi.
Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
25 U ba tre niwu, awu nha? “Yesu hla ba wu, ikpe mi hla rji ni mumla.
Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha.
26 Mi he ni kpi gbugbuwu wa mi hla ni yiwu, ni gbi ton ni yiwu ni tuma. Naki me, indji wa a ton ndu, andi u njanji, ikpi wa mi wo niwu'a a baki mi si hla ni gbungbulu ba.”
Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”
27 Bana tona ndi asi tre nitu Iti'a.
Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne.
28 Yesu tre, bita zu Vren Ndji hi ni shu ri bi to ndi a hi me, ndi mi ti kpi ri ni tumu na. Na wa Iti tsoro me, naki mi si ikpi ni yiwu.
Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.
29 Wawu wa a ton me ndu'a, ana ka me don kan grji mu na, ahe ni me nitu kpi wawu wa me ti'a ani kpa soron ma si.”
Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”
30 Wa Yesu si hla bi mba, indji gbugbu'u ba kpa yemme ni wu.
Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.
31 Yesu hla biyi ni Yahudawa biwa ba wo na kpayenmen niwu, “Bi ta kli ni mi tre mu ni njanji, bi almajere mu bi nanji.
Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.
32 Bi to njanji, u njanji ni kpayi chuwo.”
Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
33 U ba sa niwu, “Ki mir bi grji ba Ibrahim wa kina ti bre hu diori kan na, iwa tre ni genri, ba kpatachuwo?”
Isaanis, “Nu sanyii Abrahaam; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?” jedhaniin.
34 Yesu hla bawu, “Njani, njanji, mi hla ni yiwu, indji wa ani latre, ahi gran latre.
Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.
35 Igran, na son ni ko se ka se na, ata son se ka se. (aiōn )
Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata. (aiōn )
36 Naki, ivren nita kpa yi chuwo, u bi nawo wawu.
Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
37 Mi to bi, bi igrji Ibrahim, bi son bi wuma, nitu wa lan tre mu na he ni bubu son ni mi bina.
Isin sanyii Abrahaam taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu.
38 Mi hla ikpe wa mi to ni Ti mu, biyi bi ti ikpe wa bi wo ni ba ti bi'a.
Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”
39 U ba sa niwu, “Ibrahim mba a timbu, Yesu hla bawu, “Bina mir Ibrahim bina ti ikpe wa Ibrahim a ti'a.
Isaanis, “Abbaan keenya Abrahaam” jedhan. Yesuus immoo akkana jedhe; “Isin utuu ijoollee Abrahaam taatanii silaa hojii Abrahaam hojjete ni hojjettu turtan.
40 U, zizan bi son wume, indji wa a hla njani ni yiwu wa a wo rji ni Rji. Ibrahim na ti naki na.
Isin garuu ana nama dhugaa Waaqa irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam waan akkasii hin hojjenne.
41 Bi ti na Iti mbi, u ba hla niwu, “Bana grji ta ni mi gyugyu na, ki he ni Iti riri, Irji.”
Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu.” Isaanis, “Nu ejjaan hin dhalanne. Abbaa tokkicha qabna; innis Waaqa” jedhaniin.
42 Yesu hla bawu, “Irji ana Iti bi bi na son me, u mi rji ni Irji i mi he ni yi zizan, ana ni tumu mi ye na, a wawu yi ton me.
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin utuu Waaqni abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Waaqa biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.
43 Ahi genri sa bina ya to wo tre mu na? e bina wo tre mu na.
Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.
44 Bi u Ti bi, Ibrji, bi son bi hu iza ma Iti bi, ani wu ndi rji ni mumla mu ana kri ni njanji na he ni wuna, anita ni hla ice, asi hla Iti ma (isoron ma) rji ni mu a indji u ce na Iti u ce ngari.
Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
45 Wa mi si hla njanji ni yiwu u bi na kpa yenme ni kpe wa mi si hla na.
Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!
46 Ahi nha ni ri mbi a vu me ni latre? Mi ta hla njanji u bi ka na kpayemme na?
Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?
47 Indji wa a u Rji ani wo tre Rji, biyi bina wo tre Irji na, nitu wa bina u Rji na.
Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”
48 Yahudawa ba sa niwu, natre, “Kina hla njanji na nitu wa ki hla andi u indji u Samariya ni he ni meme brji?”
Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.
49 Yesu sa bawu, “ime mi na he ni Ibrji na, mi to ninkon u Timu, biyi bina to ninkon mu na.”
Yesuus immoo akkana jedhe; “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.
50 Mina wa to tu mu ti kperi u tu mu na, Indji ri he wa ani wa na ni gbi ton.
Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.
51 Njanji, njanji, mi hla ni yiwu, indji wa a hu tre mu, ana to kwu na.” (aiōn )
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.” (aiōn )
52 U Yahudawa ba tre, zizan yi ki to u he ni brji. Ibrahim ni ana bawa ba kwu, iwu u tre, indji wa a hu tre me ana to kwu na.' (aiōn )
Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam duʼeera; raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta. (aiōn )
53 Ee, u na zan Iti mbu Ibrahim ni ninkon na wa kwu, ka u zan? anabawa me ba kwu, u ban tu ndi u nha?”
Ati abbaa keenya Abrahaam caaltaa? Inni duʼeera; raajonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?”
54 Yesu sa, “Mita ban tumu ti kperi u tu mu, ani u migyen, ahi Iti mu mba ban ti kperi iwa bi tre ahi wawuyi a Irji bi.
Yesuus akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Waaqa keenya jettaniin sanaa dha.
55 Bi mebina tou na, ime mi tou, mi ta tre mina tou na, ka mi kati iriri ni yi me, indji u ce, se me, mi to ni ni hu tre ma.
Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.
56 Iti bi Ibrahim a gir ni to ivi mu, a tou na gir.”
Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”
57 Yahudawa ba hla niwu, “Una ti hamsi rina, una to Ibrahim?”
Yihuudoonnis, “Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Abrahaamin argiteertaa?” jedhaniin.
58 Yesu hla bawu, “Njanji, njanji, mi si hla ni yiwu, mi heri, ban grji Ibrahim.
Yesuusis, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Abrahaam hin dhalatin iyyuu ani anuma” isaaniin jedhe.
59 U ba vu tita ndi ba tau, u Yesu ri tuma, na rju ni mi hekeli'a.
Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme.