< Yohana 18 >
1 Ni kogon tre biyi wa Yesu tre ba, a rju ni almajere ma hi ni gran ko rima, ni kpa ngblu, ni bubu wa irju he'a u ba zu ri hi baba almajere Ma.
Yesuus wantoota kanneen dubbatee barattoota isaa wajjin Sulula Qeediroon gama iddoo biqiltuun ture tokkotti ceʼe; innis, barattoonni isaas achi keessa seenan.
2 Yahuda me wa ani kawu le'a a to bubu'a, nitu wa Yesu a zi hi ye ni almajere Ma.
Yesuus yeroo baayʼee barattoota isaa wajjin achitti wal argaa waan tureef, Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kennu sunis iddoo sana beeka ture.
3 Yahuda me, ka nji soja rji ni Firistoci bi ninkon, ni Farisawa, ni bi majelisa, u ba ye ni bubu'a, ba nji ba llu fitila ni ba tochi, ni ba kpi u ta ku.
Kanaafuu Yihuudaan tuuta loltootaatii fi qondaaltota luboota hangafootaa fi Fariisota biraa ergaman dura deemaa achi dhufe. Isaanis guca, ibsaa fi miʼa lolaa qabatanii turan.
4 U Yesu to kpye wa asi zren'a nitu ma wawuu, ahi ko shishi na mye ba, “Bi wa nha?”
Yesuusis waan isa irra gaʼuuf jiru hunda beeknaan gad baʼee, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
5 U ba tre, “Yesu u Nazaret.” Yesu ka hla ni bawu, “Ame yi.” Yahuda ngame wa a le niwu'a, a kri ni sojoji ba.
Isaanis deebisanii, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan. Yesuus immoo, “Ani isaa dha” jedhe. Yihuudaan inni dabarsee isa kennu sunis jara wajjin achi dhaabachaa ture.
6 Ni wa a hla bawu, “Ame,” u ba kma hi ni gon, na ka rjoku meme.
Yommuu Yesuus, “Ani isaa dha” isaaniin jedhetti dugda duubatti deebiʼanii lafatti kukkufan.
7 Ala mye ba ngari, “Bi wa nha?” u ba hla ngari ndi, “Yesu u Nazaret.”
Inni ammas, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan.
8 Yesu hla bawu, e, Mi hla ni yiwu ndi, ahi me. Anita Ime yi bi si wa, bi ka ka biyi don ndu ba hi kpa-mba.
Yesuusis deebisee, “Ani, ‘Ani isaa dha’ isiniin jedheera. Kanaafuu, isin yoo na barbaaddan namoota kanneen dhiisaa haa deemanii!” jedhe.
9 Kima ni ndu itre wa a hla ndu tsra, “Ni mi bi wa U Ne ba, ko riri me na kado na.
Kunis akka dubbiin inni, “Ani warra ati naa kennite keessaa tokko illee hin ganne” jedhee dubbate sun raawwatamuuf taʼe.
10 Siman Bitrus me, nitu wu ahe ni inji gbeni, na k'ri fya chu ka tsen vren ko kikle Prist, na chu nvunvu ton ma kori, inde vren ko ma'a hi Malkus.
Simoon Phexros goraadee qabu luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute. Maqaan garbicha sanaas Maalkoosii dha.
11 Yesu hla ni Bitrus, ka nji ngban yo ni hra ma ni bubun, Mi na so kokon wa Iti ane na?
Yesuusis Phexrosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi! Ani xoofoo Abbaan naa kenne hin dhuguu?” jedhe.
12 U soja ba ni bi ninkon mba, ni majalisa Yahudawa, ba ka vu Yesu, na lo'wu.
Tuunni loltootaa, ajajaan isaaniitii fi eegdonni Yihuudootaas Yesuusin qabanii hidhan.
13 Ni mumla ba nji hi ni Annas, nitu wa a hi iyi kayafas, wa ahi wawuyi kikle Prist ni se kima.
Isaanis duraan dursanii Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbaa niitii Qayyaaffaa ti; Qayyaaffaan immoo bara sana luba ol aanaa ture.
14 Kayafas mba ana no ba Yahudawa mre, andi ani fi bi dun indji riri ndu kwu ni tu ba indji.
Qayyaaffaan isa akka namni tokko uummataaf duʼuun wayyu Yihuudoota gorsee turee dha.
15 Siman Bitrus a hu kogon Yesu, na kime almajiri ri la ti ngame. I zizan almajiri ki me a shishi to ni kikle Prist'a, na ri hi ni kikle hra u kikle Prist me mba Yesu;
Simoon Phexrosii fi barataan biraa Yesuus faana buʼan. Barataan sunis waan luba ol aanaa biratti beekamaa tureef, Yesuus wajjin dallaa luba ol aanaa keessa seene;
16 U Bitrus a k'ri ni nyu gon tre ni nkohtra, naki me almajiri rima ti, u almajiri wa ahi shishi to ni kikle Prist a rju, na tre ni wa - wa ani gben ni gontra, na lu ri hi ni Bitrus.
Phexros garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekamaa ture kaan gad baʼee intala balbala eegdutti himee Phexrosin ol seensise.
17 U vren wa wa ani gben ni gontra aminye Bitrus, “Iwu me una he ni mi almajire gu yi na?” wa tre, “Mi na he ni mi na.”
Intalli balbala eegdu sunis Phexrosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette. Inni immoo deebisee, “Ana miti” jedhe.
18 U bi ti ndu ni doka rji u hekali'a ba kri ni ki, u ba mu lu ni kla-mbrji, na son kosan ma si wo gba-ji, ni nton ki bubu ni si. Bitrus k'ri ni ba na si wo gbaji'a.
Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonnii fi eegdonni ibidda qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan. Phexrosis isaan wajjin dhaabatee qaqqaammachaa ture.
19 Kikle Prist a minye Yesu nitu almajere ma ni tsro ma me.
Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waaʼee barattoota isaatii fi waaʼee barsiisa isaa gaafate.
20 Yesu ka sa niwu, e, Mi hla ni gbungblu'a ni hla tuma. Mi hla bawu nitu nitu ni majamiyan, ni hekeli ni bubu wa Yahudawa me ba ye gyen klan ki'a. Mi na hla kpyeri ni ri mbi na.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani ifaan ifatti addunyaatti dubbadheera; iddoo Yihuudoonni hundi itti walitti qabamanitti, manneen sagadaattii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo hunda barsiisaan ture. Ani waan tokko illee icciitiidhaan hin dubbanne.
21 U ngye ri mba sa u minye me? Minye biwa ba sren ton na wo ikpe wa mi tre'a, E, ba to ikpe Mi tre.
Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo isaan waan ani jedhe beeku.”
22 Ni wa Yeswu hla biyi, u ri ni mi biya ba wa kukri niki'a a wru Yesu nda tre ndi, “U sa ni kikle Prist tre naki?”
Yommuu Yesuus wantoota kanneen jedhetti qondaaltota achi ijaajjaa turan keessaa tokko, “Luba ol aanaaf akkana deebiftaa?” jedhee isa kabale.
23 Yesu tre niwu, Mi ta hla meme kpe to, u ka hu gon ma naki'a ta njanji Mi hla, to, u ngyeri ni sa u ka wru me?”
Yesuusis deebisee, “Yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa baʼi. Yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na rukutta?” jedhe.
24 U Annas a ton ba ndu ba nji Yesu hi lowu ni Kayafas, kikle Prist.
Haannaasis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara lubicha ol aanaa, gara Qayyaaffaatti erge.
25 U Siman Bitrus a kri si wo gbaji lu. U ndji ba ba tre niwu, “Ana iwu me u na he ni mi almajere ma na?” Wa kpa tron na tre, “A'a, mi na he mina.”
Simoon Phexros dhaabatee ibidda qaqqaammachaa ture. Kanaafuu isaan, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” jedhaniin. Inni immoo, “Ana mitii” jedhee haale.
26 U ri nimi gran kikle Prist, vayi iwa Bitrus a fu nvunvu ton'a, ahla, O'oo, mina to niwu ni rju na?
Garboota luba ol aanaa keessaas firri namicha Phexros gurra isaa irraa kute sanaa tokko, “Ani iddoo biqiltuutti isa wajjin si hin arginee?” jedheen.
27 Bitrus la kpa-tron, hihari me igba lu t'bu.
Phexros ammas ni gane; yommusuma indaanqoon iyye.
28 Nikima Kayafas ba nji Yesu hi ni kogon'a, ni buu buu mble me, baba ni titu mba me bana ni kogon'a na, andi ndu baba n ata tre na kunyre bubu ri jibi u za gran na.
Yihuudoonnis Yesuusin mana Qayyaaffaatii fuudhanii masaraa bulchaa warra Roomaatti geessan. Yeroon sun ganama barii ture; Yihuudoonnis akka hin xuroofneef jedhanii masaraa ol hin seenne; kunis akka Faasiikaa nyaachuu dandaʼaniif.
29 U Bilatus me a rju ye ni ba, na tre, “Anitu ngyeri bi nha gu yi?
Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate.
30 U ba sa niwu, “Igu yi ani na ti meme kpe na, angyeri me ni sa ki ka nji wu ye tro niwu.”
Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif.
31 Bilatus hla bawu, “Mji wu hi ni tutu mbi ni hi Furewu ni bi tron mbi!” U Yahudawa ba hla niwu,” E, kina he ni gbengblen u yo tron u wu ndji ni tu mbu na.”
Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen. Yihuudoonnis, “Nu garuu nama tokko illee ajjeesuuf mirga hin qabnu” jedhaniin.
32 Ba hla kima ni ndu itre Yesu tsra, ni biwa a tsra bibi kwu wa ani kwu'a.
Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe.
33 U Bilatus la ri ni mi tra gon gona, na yo Yesu na minye, “Iwuyi U Chu Yahudawa ba?
Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.
34 Yesu sa niwu, “Ahi wu u hla, ka ba ndrjori mu ba yo Me naki niwu?
Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.
35 Bilatus sa niwu, “Ime mina indji u Yahuda na, ka ani he?” E, ahi ndji Me ni Pristoci bi kikle ba ba nji wu ye le ni mu. “U tie ngye?”
Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen.
36 Yesu sa, “Mulki Mu ana u gbungblu yi na, Mulki ana u gbungblu yi u mri ko Mu bana tiku ni ndu bana ka Me le ni Yahudawa na, Mulki Mu ana he ni wayi na.”
Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe.
37 U Bilatus minye, “Ashe, anaki, U Chu?” Yesu sa niwu, “Anaki u hla ndi Mi Chu. Nitu ki ba ngrji Me, nitu ki mi ye ni gbungblu yi, ni ndu mi no gban ni tu njanji. Ko nha wa ani son njanji'a ani sren ton na wo lan tre Mu.”
Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen. Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise.
38 Bilatus sa niwu, “Ahi ngye njanji?” Ni kogon wa a hla naki, ala rju ni Yahudawa, na hla, “Ime de mina to guyi ni latre na.
Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne.
39 Bi to bi he ni igan ri, u idin za gran a tsra, ni chu indji ri no yi bi son mi no yi Ichu Yahudawa?”
Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?”
40 U ba kpa-gro, kpan, kpan me na tre, “A'a, a wawu yi na, se Barabas.” Barabas'a me ahi indji yibi.
Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture.