< Yohana 17 >

1 Ni kogon wa Yesu tre yi, a nzu shishi hi ni shulu na tre, “Iti, inton yeye, no Vren Me ninkonni ndu Vren Me ndu no'u ninkon -
Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe: “Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni.
2 ni wa u no gbengblen nitu bi nama kpa wawu ni ndu no re (ivri) u son hi ni tuntur ko indji ri me wa wu no'a. (aiōnios g166)
Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii. (aiōnios g166)
3 Iwa ahi re (ivri) u tuntur, wa ba to, ba to wuyi nkrji Me Wu Irji, niwa u ton Yesu Kristi. (aiōnios g166)
Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif. (aiōnios g166)
4 Mi no ninkon me ni meme, Mi kle indu wa u ne ndi Mi tiwu'a.
Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera.
5 Zizan, “Bachi ne ninkon wa me he niwu rji niwu ri ni ndu ba me gbungblu'a.
Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.
6 Mi ye yar inde rju ni ndi biwa u ne ba ni gbungblu'a. Bana bi Me u wu ne ba, u ba nji tre me.
“Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.
7 Zizan, ba to ndi ikpe wa u ne wawu ba rji ni wu yi,
Isaan akka wanni ati anaaf kennite hundumtuu si biraa dhufe amma beekaniiru.
8 Mi no ba wawu lan tre Me wa wu ne. Ba kpa ba na to nda a njanji Mi rji ni Wu, na kpa nyeme ndi a wu u ton me.
Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa baʼes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru.
9 Mi tre niwu bawu (addu'a), Mi tre niwu ni bi gbungblu'a na, se ni bi wa u ne ni ba, biki babi Me.
Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.
10 Ikpe wawu wa ahi u Mu'a, a hi u Me. U Me ahi u Mu. Mi kpa ninkon ni ba.
Wanni ani qabu hundinuu kan kee ti; wanni ati qabdu hundinuus kan koo ti. Anis kanaan ulfina nan argadha.
11 Mi na la u gbungblu'a ngana, u ba ndji biyi ba he ni gbungblu'a, u Mi si yi niwu. Tsatsra Ti, zi ba ni mi nde Me wa u ne ni ndu ba riri, nawa kita me ki riri.
Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi.
12 Niwa mina he ni ba, Mi ziba pyan me ni mi nde Me, ni wa u ne, Mi ka ba, u riri ni mi mbu ana yra tu na, se mri bi zyi bubu'a, ni ndu lantre'a shu.
Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne.
13 Zizan Mi si ye niwu, Mi si tre kpi biyi ni gbungblu'a ni ndu ingyiri Mu ndu shu ni ba.
“Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu taʼuuf, ani amma iyyuu utuman addunyaa keessa jiruu wantoota kanneen nan dubbadha.
14 Mi no ba lan tre Me'a, u gbungblu'a kama ni ba nitu wa ba u lantre na, na wa Mi na u gbungblu'a na.
Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.
15 Mi tre ni ndu vu ba rju ni gbungblu'a na ni ndu zi ba zizyime ni mi bi meme ba.
Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si hin kadhadhu.
16 Ba na bi gbungblu'a na, na wa mina u gbungblu'a na.
Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti.
17 Zi ba nkan nitu Me u njanji lantre Me a njanji.
Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
18 Na niwa u ton Me ni gbungblu'a, naki Mi ton ba hi ni gbungblu'a.
Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera.
19 Mi mla tu Mu zi niwu nitu mba, ni ndu ba mla tu-mba zi me niwu ni mi njanji.
Akka isaanis dhugumaan qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa.
20 Mina tre niwu nitu iwa kankrji ma na, ani biwa ba kpa nyeme ni Me nitu tre mba'a
“Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu;
21 ni ndu ba wawu mba hi ririi, nawu, Bachi, Wu he nimi Mu, u Ime nimi Me. Mi bre ni ndu ba he nimi Mbu, ni ndu gbungblu'a kpa nyeme ndi u ton Me.
kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.
22 Ninkon wa U ne'a, Ime me Mi ka no ba, ni ndu ba hi ririi, nawa kita me ki riri'a:
Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera;
23 Ime nimi mba, u Wu nimi Mu - ndi dun ba nji tu-mba ye katu bi, ni ndi dun gbungblu'a ni to ndi u ton Me, andi U son ba na wa U son Me.
kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.
24 Iti, Mi son biwa U kaba ne ndu ba he ni Me ni wurji wa Mi he yi, na to ninkon Mu, ninkon wa U Ne u nitu U son Me ri kuko ndi zi nchi gbungblu'a.
“Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.
25 Tsatsra Ti, gbungblu'a na to Wu na, Ime Mi to'u, u ba ton nda ahi Wu yi U ton Me.
“Yaa Abbaa Qajeelticha, addunyaan si hin beeku; ani garuu sin beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku.
26 Mi hla bawu inde Me, Mi la hla ni bawu nitu son Me wa U ndu he ni Me ni mi mba.
Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”

< Yohana 17 >