< Yohana 16 >

1 Mi hla wayi ni yiwu ni ndu yi na kubu za na.
“Ani akka isin hin gufanneef jedhee wantoota kanneen isinitti himeera.
2 Ba ju yi rju ni majanmiyan u iton ni ye, niwa indji ni ta hola yi vu ni to'o (wuya), ani ya ndi wawu si tie ndu Rji.
Isaan mana sagadaa keessaa isin ariʼu; dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kam iyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa.
3 Ba ti naki niwa ba na toh Ti'a ko Me na.
Isaanis waan Abbaa yookaan na hin beekiniif wantoota kanneen godhu.
4 Mi si hla biyi ni yiwu, inde iton nita ye, waba ti'a, bika ri mren Mi na hla ni yiwu,” Mi na hla kpe biyi ni yiwu ri na rji ni mumla, niwa Mi he niyi.
Anis akka isin yommuu yeroon sun gaʼutti isaan yaadattaniif wantoota kanneen isinitti himeera. Ani waanan isin wajjin tureef jalqabatti wantoota kanneen isinitti hin himne.
5 Zizan yi Mi si hi ni Indji wa a ton me'a, naki me ni mi mbi, ba wa a minye Me, u hi ntsen?
“Amma garuu ani gara isa na ergee nan dhaqa; taʼus isin keessaa namni, ‘Ati eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu tokko iyyuu hin jiru.
6 Ni wa Mi hla ikpi biyi ni yiwu, damuwa shu ni yiwu ni sron.
Garuu waan ani wantoota kanneen isinitti himeef garaan keessan gaddaan guutameera.
7 Ime mi si hla njanji mu ni yiwu, abi ni yiwu ni ndu Mi hi kpamu, u Mi ta na hi kpamu na, wawu indji u sisron ana ye ni yi na, u Mi ta hi, u Mi ton ye niyi.
Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga.
8 Ani ta ye, wawu Indji u nji si sron ye ani tsro gbungblu'a meme ti lahtre'a, nitu njanji ni tron me -
Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa;
9 nitu lahtre, nitu wa bana kpa nyeme ni Me na;
waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef;
10 nitu tsatsra, Mi hi ni Ti'a, u bina la tie bre to mena;
waaʼee qajeelummaa, sababii ani gara Abbaa dhaquu fi sababii isinis siʼachi na hin argineef;
11 nitu hukunci me niwa ba han hukunci ni ndji u nji gbungblu'a hukunci.
waaʼee murtii immoo sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef.
12 Ikpi gbugbuwu ba he wa Mi hla ni yiwu'a, u bina ya to zizan na.
“Ani amma iyyuu waanan isinitti himu baayʼee qaba; isin garuu amma baachuu hin dandeessan.
13 Nitu ki, u Ibrji tsatsra u njanji aye'a, ani nji ni mi njanji wawu, niwa ana tre u tuma kankrji ma na, se ikpe wa awo, ani hla ki, ani hla ni yiwu ikpe wa ani tie.
Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.
14 Ani gbre Me san, nitu wa ani ban ikpi wa a u mu na hla ni yiwu.
Inni sababii waanuma koo fuudhee isinitti beeksisuuf ulfina naa kenna.
15 Ikpe iwa Iti'a ahe ni wu ahi u mu. Nitu ki, Mi hla da ani ban kpi wa a hu mu na hla ni yiwu.
Wanni Abbaan qabu hundinuu kan koo ti. Inni waanuma koo fuudhee isinitti beeksisa jechuun koos kanumaaf.
16 Ni kogon vi ton, bina tie bre la to Me na, ni kogon vi nton fime ngari, bi la toh me.
“Isin yeroo muraasa booddee na hin argitan; yeroo muraasa booddee immoo deebitanii na argitu.”
17 U bari ni mi almajere Ma, ba tre ndi, “Ahi ngyeyi mba Igu yi ni son hla nitawu, 'Ni vi nkpurju nton bina la toh Me na, u ni vi nkpurju nton ngari bi la toh me,' u, 'Nitu wa Mi hi ni Ti'a?'”
Barattoota isaa keessaas tokko tokko, “Inni, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ akkanumas ‘Ani waanan gara Abbaa dhaquuf’ nuun jechuun isaa maal jechuu isaa ti?” waliin jedhan.
18 Nitu ki ba tre ndi, “Ahi ngyeri wa asi tre'a, 'Ni vi nkpurju nton'a?' Kina to kpw wa asi tre nitu ma na.”
Isaanis, “‘Yeroo muraasaaf’ jechuun isaa maal jechuu isaa ti? Maal jechuu isaa akka taʼe nu hin beeknu” jedhan.
19 Yesu to ba si son Mye wu, na hla ni bawu ndi, “U bi kma ni mye kpa mbi Mu ikpe wa Mi si son hla andi, “Ni kogon vi nton fime u bina to me na, u ngari ni kogon vi nton fime bi la to Me?'
Yesuus immoo akka isaan isa gaafachuu barbaadan beekee akkana jedheen; “Wanni ani, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ jedhe sun maal jechuu koo akka taʼe wal gaafachaa jirtuu?
20 Njanji, njanji, Mi hla ni yiwu, bi yi ni mren, u gbungblu ni ngyiri, imre mbi ni shu ni yi nyu ni sron, u imre u yi mbi ani ka tie u ngyiri.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin ni boossu; ni gadittus. Addunyaan garuu ni gammada. Isin ni gadditu; gaddi keessan garuu gammachuutti ni geeddarama.
21 Iwa ni to lo ngrji, ni nton wa a si yi nne nitu wa inton u ngrji ye. Inde a ngri vren yo ye, ana la bre rimren ilon Ma ngana, nitu wa a si ngyiri wa ba ngrji indji ni gbungblu'a.
Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.
22 Zizan mba bi ri mre, Mi la to yi, u sron mbi ni ngyiri, u indrjori na ya ban ngyiri mbi'a rji ni yi na.
Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.
23 Chachu ki, bina mye Me kperi na. Njanji, njanji, Mi si hla ni yiwu, ko ngyeri bi bre ni mi Nde Ti'a ni mi Nde Mu ani no yi.
Gaafas isin homaa na hin kadhattan. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kenna.
24 Ye zizan me bi na bre kperi nimi nde Mu na. Bika bre, u bi kpa, niwa ingyiri mbi a shu.
Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.
25 Mi hla kpi biyi ni yiwu ni mi karin magana, inton ni ye wa Mina la hla kperi ni yiwu na ni mi karin magana na, Mi sran hla ni yiwu ni rira, nitu Ti'a wa ani karin magana.
“Ani wantoota kanneen fakkeenyaan isinitti himeera; garuu yeroon ani deebiʼee fakkeenyaan isinitti hin dubbanne ni dhufa; yommus ani waaʼee Abbaa koo ifaan ifatti isinittin hima.
26 Ni chahu ki, bu tre ni mi nde Mu u Mina hla yiwu ndi Mi tre ni Ti; a nitu mbi na.
Isin gaafas maqaa kootiin ni kadhattu. Ani Abbaa isiniif nan kadhadha isiniin hin jedhu.
27 Niwa Iti ni son yi kima, niwa bu'a bi son Me, u bi kpa nyeme ndi Mi rji ni Ti'a.
Isin waan na jaallattaniif, Waaqa biraa baʼuu koo waan amantaniif Abbaan mataan isaa isin jaallata.
28 Mi rji ni Ti'a, ni ri ni gbungblu'a, ye zizan, ngari, Mi bri ni gbungblu'a ni kma ni hi ni Ti.”
Ani Abbaa biraa baʼee gara addunyaa dhufeera; ammas addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa.”
29 Almajere Ma ba tre ndi, “To mba, zizan u si tre kpe wheme mba, una ka yiyi na.
Barattoonni isaas akkana jedhan; “Kunoo, ati amma iyyuu fakkeenyaan utuu hin taʼin ifaan ifatti dubbachaa jirta.
30 Zizan ki to u to ko ngyeri, ana wa ndrjori ni la mye na. Ni nakima, ki kpanyeme ndi u rju rji ni Irji.
Akka ati waan hunda beektuu fi akka namni tokko iyyuu gaaffii si gaafachuu hin barbaachifne nu amma ni beekna. Kanaanis nu akka ati Waaqa biraa baate ni amanna.”
31 Yesu a ka sa ni bawu ndi, “Bi kpa nyeme zizan?
Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Isin amma ni amantuu?
32 Bika to, inton ni ye, ee, inton ye wa ba vra yi ti nkankan, ko nha ni kma hi ni ko ma, bi ka me don ni grji Mu. Ko nakime Mi na he ni nkrji Mu na, Iti Mu ahe ni Me.
Kunoo yeroon isin itti kophaatti na dhiiftanii tokkoon tokkoon keessan gara feetanitti bittinnooftan tokko ni dhufa. Ammuma iyyuu dhufeera. Garuu waan Abbaan koo na wajjin jiruuf ani kophaa koo miti.
33 Mi hla wayi ni yiwu ndi bi he ni me Mu ni fe si sron. Ni gbungblu'a ba ki ti yi je, bika kri gbangban, Mi kpaka ni gbungblu'a.
“Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”

< Yohana 16 >