< Yohana 14 >
1 Na ndu sron mbi tie meme na, bi kpa nyeme ni Rji, kpa nyeme ngame ni Me.
“Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa.
2 Ni ko ti mu ahe niko gbugbuwu ani na nakina, mi hla ni yiwu mi hi mla bubu'a tie ni yiwu.
Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.
3 Mi ta hi ni mla bubu'a tie ni yiowu, mi kma ye ni ye ngari ni ye vu yi hi ni kpa mu, ni ndu iwurji wa mi he'a bi ka he niki me.
Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.
4 Bi to gon uhi bubu wa me he'a.”
Isinis karaa iddoo ani dhaquu ni beektu.”
5 Toma hla ni Yesu, Bachi, kina to bubu wa u si hi'a na, kiti niheri ni to nkon'a?
Toomaasis, “Yaa Gooftaa, ati eessa akka dhaqxu nu hin beeknu; yoos akkamitti karaa sana beekuu dandeenya ree?” jedheen.
6 Yesu hla niwu, Ime yi mi nkon ni njanji ni re (ivri), Indrjori na ya hi ni Timu'a na se ka hu ni me.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
7 U na to me u na to Timu me, rjizizan hi u to ni shishi me ni to.”
Utuu na beektanii silaa Abbaa koos akkasuma ni beektu turtan; ammaa jalqabdaniis isa beektu; isas argitaniirtu.”
8 Filibu tre ni Yesu ndi, “Bachi tsro ta Iti'a, ni ndu tsra tawu naki.”
Fiiliphoos, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kun nu gaʼaatii” jedheen.
9 Yesu hla niwu, “Mi he ni yi rji lalon mu u bi na to me na Filibu? Indji wa a to me'a a to Iti'a. U tie ni he ri, ni hla ndi, mi tsro yi Iti'a?
Yesuusis akkana isaan jedhe; “Yaa Fiiliphoos, ani yeroo dheeraa akkanaa isin wajjin jiraadhee, ati amma illee na hin beeknee? Namni na arge Abbaas argeera. Yoos ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jechuu dandeessa ree?
10 U na kpa nyeme na ndi mi he ni Ti'a u Iti'a he ni me na? Ilan tre bi wa mi si tre ni yi'a mi na si tre ni gbengblen mu na, ahi Iti mu wa ahe ni mi mu'a si tie ndu yi.
Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbii isinitti dubbadhu kana ofuma kootiin hin dubbadhu. Garuu Abbaa isa na keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta.
11 Kpa nyenme ndi mi he ni Ti'a, u Iti'a ahe ni me, ko u ka kpanyeme ni indu bimba me.
Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru na amanaa; yookaan sababii hojii sanaatiif na amanaa.
12 Njanji, njanji, Mi hla ni yiwu, indji wa a kpanyeme ni me ani tie ndu wa Mi tie'a na tie ndu bi rigrama zan bi yi niwa Mi si hi ni Ti Mu.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.
13 Ko ngyeri wa minye ni mi nde mu, mi ti niwu ni ndu Ti'a ndu kpa ninkon ni Vren'a.
Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha.
14 U wu ta minye me ko san ngyeri ni mi nde Mu, Mi tie wu.
Yoo isin maqaa kootiin waan kam iyyuu na kadhattan ani nan raawwadha.
15 U wu ta ni son me, wu hu indu mu,
“Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
16 u Mi bre ni Ti'a, mi la no yi si sron ri wa ani son niyi hi tuntru - (aiōn )
Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna; (aiōn )
17 u Ibrji Tsatsra (Ruhu) u njanji gbungblu'a ana ya kpa na nitu wa a to na, iwu u to, ani son niwu ani he niwu.
inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu.
18 Mi na ka yi don ni kankrji mbi na, Mi kma ye ni yi.
Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.
19 A don tsa me yi, ni ndu gbungblu yi na la tie bre to mena, bi yi bi la to me don me mi he, biyi me bi son.
Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu.
20 Chachu ki bi to andi Mi he ni Timu, andi bi he ni me, u me mi he ni yi.
Akka ani Abbaa koo keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru gaafas ni beektu.
21 Indji wa a wo du mu, na hu ba ahi indji wa ani son me, u indji wa ani son me, Iti mu ni son'u ngame, u Me Mi son'u ni tsro tu mu niwu.”
Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa.”
22 Yahuda (ana Iskariyoti na) a tre Yesu, “Bachi, ahi ngyeri sa u tsro ta tu me, ana ni gbungblu'a na?”
Yihuudaa Keeriyoticha utuu hin taʼin inni Yihuudaan kaan, “Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti utuu hin taʼin nutti of mulʼisuu barbaadda?” jedheen.
23 Yesu sa na hla niwu, indji wa ani son me'a ani hu lantre mu. Iti mu ni son u ki ye niwu ni son baba me.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.
24 Indji wa ana son me na, ana hu tre mu na, itre wa bi wo bana rji-ni me na, ba rji ni Ti wa a ton me'a.
Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.
25 Mi hla ikpi biyi ni yiwu ni wa Mi he ni gbungblu'a, niwa Mi he niyi.
“Ani utuman isin wajjin jiruu waan kana isinitti dubbadheera.
26 Se, u si sron ibrji tsatsra (Ruhu) wa Itimu ni ton ye ni mi nde Mu ani tsro yi ko ngyeri na tie ka ko ngyeri ni yiwu.
Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.
27 Mi bri yi ni si sron, ni no yi si sron, Mi na no nawa gbungblu'a ni no'a na, na kpa sron u bi tie meme na, nda na tie sissri na.
Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.
28 Bi wo Mi hla ni yiwu, Mi hi kpa Mu, ndi Mi la kma ye niyiwu. Inde bi son Me, bi ka ngyiri don Mi hi ni Ti'a, Iti'a a zan na wa Mi he'a.
“Isin akka ani, ‘Ani nan deema; deebiʼees gara keessan nan dhufa’ jedhe dhageessaniirtu. Utuu na jaallattanii silaa gara Abbaa dhaquu kootti ni gammaddu turtan; Abbaan na caalaatii.
29 Zizan Mi hla ni yiwu ri ni ndu ka ye he (ti) nda ana ye he (ti) u bi ka kpa nyeme.
Akka yommuu wanni kun taʼutti isin amantaniif utuu wanni kun hin taʼin ani amma duraan dursee isinitti himeera.
30 Mi na la tre babran ni yi na, Ichu wa ani nji gbungblu'a ani ye ana he ni gbengblen ni tu mu na.
Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf, ani siʼachi isin wajjin baayʼee hin dubbadhu; inni narraa homaa hin qabu;
31 Ni ndu gbungblu'a ndu ba to andi Mi son Ti'a, Mi ti na wa Iti'a a yo Me, ki lunde bri bubu yi.
garuu akka ani Abbaa jaalladhu addunyaan akka beekuuf, ani akkuma Abbaan na ajajetti nan hojjedha. “Kaʼaa, asii ni deemnaa.