< Yohana 13 >

1 Igan idin tsatsra rigyen u ye, u Yesu to andi inton tsra wa a lu ni gbungblu hi ni Ti'a. Niwa ani son bi ma wa ba he ni gbungblu, a son ba ye ni kekle.
Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Yesuusis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate.
2 Ibrji yo ni sron Yahuda Iskariyoti ivren Saminu, aka Yesu le.
Yeroo irbaataatti diiyaabiloos akka inni Yesuusin dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe.
3 Ato ndi Iti a ka kongeri no ni woma, na rji ni Rji, ani la kma hi ni Rji.
Yesuusis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Waaqa biraa dhufee fi akka gara Waaqaatti deebiʼu illee beeka ture;
4 A lunde ni bubu ri biri, na ju kpima, na ban inklon u se ma kpa na ka kpa ma niwu.
kanaaf irbaata irraa kaʼee, wayyaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaaʼe; fooxaas mudhiitti hidhate.
5 Wa sur ima ni konko na si ngla za ni almajere ma ba na se za ba wu ni inklon u se kpa wa a ka kpama niwu'a.
Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.
6 Na ye ni Siman Bitrus, u Bitrus tre niwu, “Bachi, u ngla za mu me?”
Inni gara Simoon Phexros dhufe; Phexrosis, “Yaa Gooftaa, situ miilla koo naa dhiqaa?” jedheen.
7 Yesu sa niwu na tre, “Ikpe wa mi si ti'a una to na zizan? U to ni ton u ye (ajima).
Yesuus immoo deebisee, “Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; booddee garuu ni hubatta” jedheen.
8 Bitrus hla niwu, una ti bre ngla za mu.” Yesu hla niwu, “Mita ngla niwu na, una he ni san me ni me na.” (aiōn g165)
Phexrosis, “Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu” jedheen. Yesuusis deebisee, “Yoo ani siif dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabaattu” jedheen. (aiōn g165)
9 Siman Bitrus hla niwu, “Bachi, na ngla zamu migyen na, ngla womu ni tu mu.”
Simoon Phexrosis deebisee, “Yaa Gooftaa, yoos harka koo fi mataa koos malee miilla koo qofa hin taʼin” jedheen.
10 Yesu hla niwu, “Indji wa a sukpa'a ana wa sukpa na, se ka ngla za, wa ahi tsatsra ndji wawu bi tsatsra, ama ani wawu mbi na.
Yesuusis, “Namni dhagna isaa dhiqate tokko miilla isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; dhagni isaa guutuun qulqulluu dha. Isin qulqulluu dha; garuu hunda keessan miti” jedheen.
11 (Yesu a to indji wa ani kawu le, kima sa wa tre naki, ana wawu mbi bi tsatsra na).
Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, “Qulqulluun hunda keessan miti” jedheefis kanuma.
12 Ni kokon wa Yesu ngla za bawu, a ban konlon ma na kuson ngari, na hlabawu, “Bito kpe wa mi ti ni yiwu'a?
Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; “Isin waan ani isiniif godhe hubattanii?
13 Bi yo me ni 'Mala' ni 'Bachi,' u bi yo me tsra, a naki mi he.
Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan.
14 U to Me wa mi Bachi ni Mala, u mi ngla za mbi, biyi ngame bika ngla za ni kpambi.
Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu.
15 U mi tsro yi misali, ni ndu ti na wa mi tie ni yiwu.
Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera.
16 Gbigbi njanji mi si hla ni yiwu, igran na zan tiko ma ni ninkon na, ivren u ton ndu ana zan indji wa ton'u ndu ninkon na.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; ergamaanis kan isa erge hin caalu.
17 Bita to kpi biyi, bi-bi lulu ni nde bi ti ba.
Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.
18 Mi na si tre yi wawu na; Mi to biwa mi chu ba'a - nitu ndi nassi tsra indji wa a tan bredi a tayar nimu.
“Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe nan beeka. Kun garuu dubbiin Katabbii Qulqulluu kan, ‘Inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate’jedhu sun akka guutamuuf.
19 Mi si hla wa yi ni yiwu zizan ri ni ndu ka ti naki ni ndu yi ka kpa-nyeme ni me ni nton wa ani ti naki'a.
“Isin yommuu wanni kun taʼutti akka ani Isa taʼe akka amantaniif utuu inni hin taʼin amma isinitti nan hima.
20 Njanji, njanji, mi si hla ni yiwu, indji wa a kpa ndi wa mi ton'wu, ahi Me a kpa, indji wa a kpa Me, a kpa Indji wa a ton Me.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata.”
21 Ni kogon wa Yesu tre naki, na lo sron ni (Ruhu), na ti gban (shada) andi, gbigbi njanji, mi si hla ni yieu ndi iri ni mibi ani le ni me.”
Yesuusis erga kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee dhugaa baʼe.
22 Almajire ba ba kma ya kpa mba, na ni tamre, ka ahi nha ni mi mba a si tre ni tu ma.
Barattoonni akka inni waaʼee eenyuu dubbate wallaalanii wal ilaalan.
23 Iri nimi almajire ma, wa Yesu ni son, ahe ni tebru, na kunyre ni san Yesu.
Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaallatu tokko Yesuusitti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture.
24 Siman Bitrus hla ni almajire bika minye, “Ndu hla tawu a hi nha a si tre ni tu ma.”
Simoon Phexrosis, “Mee eenyuu jechuu isaa akka taʼe isa gaafadhu!” jedhee nyaaraan barataa sanatti hime.
25 Wa hla bru kunyre ni san Yesu, na tre niwu, Bachi, ahi nha?
Innis qoma Yesuusiitti hirkatee, “Yaa Gooftaa, eenyu innii?” jedhee gaafate.
26 U Yesu hla niwu, a wawu yi wa mi ka cichon bredi sun ni kano. Naki ri na ka bredi sun, na ka no Yahuda ivren Siman Iskariyoti.
Yesuusis deebisee, “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa” jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne.
27 Ni kogon bredi'a u ibrji a ri ni wu, u Yesu hla niwu, “Ikpe wa u son ti'a, uka ti gbagbla.”
Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale. Yesuusis, “Waan gochuuf jirtu dafii godhi” isaan jedhe.
28 Indrjori na la he ni tebru na, wa ani to ikpe wa yo'a hla niwu naki'a.
Warra nyaataaf tataaʼan keessaas namni tokko iyyuu waan inni akkas isaan jedheef hin hubanne.
29 Bari mba ba ya ndi, a Yahuda yi ni nji imbu nklen Yesu hla niwa, “Le ikpe wa ki son ti ndu niwu ni idin,” ko ka no ikpe ni bi wa ba kunyre'a.
Sababii Yihuudaan korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Yesuus, akka inni waan Ayyaanaaf barbaachisu bitu yookaan akka inni hiyyeeyyiif waa kennu isatti hime seʼan.
30 Ni kogon wa Yahuda a kpa bredi'a, wa rju gbagbla gbagbla me ni chu me.
Yihuudaanis akkuma buddeena sana fudhateen gad baʼe. Yeroon sunis halkan ture.
31 Ni kogon wa Yahuda hi'a, Yesu tre, zizan ba no Vren Indji ni kon, ngari ba no Irji ninkon ni mi ma.
Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Yesuus akkana jedhe; “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqnis isaan ulfina argateera.
32 Irji ni no ninkon ni mi ma, ani no ninkon zizan zizan.
Waaqni erga isaan ulfina argatee, Waaqni ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.
33 Imri bi tsitsa mi he ni yi ni vi ton tsa me, biwa me na wa mi hla Yahudawa, bubu wa me mi hi bi na ya hi na. Zizan mi hla wa yi ni yiwu.
“Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.
34 Mi si no yi indu ri sama, son kpa mbi, na wa mi son yi, na bi ka son kpambi.
“Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa.
35 Na ko nha ni to yi ndi bi almajire mu, inde bi son kpambi.”
Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”
36 Siman Bitrus tre niwu, Bachi, u hi ni ntsen?” Yesu hla ni wu, bubu wa mi si hi'a, una ya hina me zizan hi na, u wuka ye hu me ni kogon.”
Simoon Phexrosis, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate. Yesuusis, “Ati amma iddoo ani dhaqu na faana dhaquu hin dandeessu; gara booddeetti garuu na duukaa buuta” jedhee deebiseef.
37 Bitrus hla niwu, “Bachi, a ngyeri mba sa mi na hu zizan na? Mi no re (ivri) mu ni tu me.”
Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen.
38 Yesu hla niwu, u ka re (ivri) me no ni tu mu? Gbigbi njanji, mi si hla niwu, u kame ni me ni kpatron ingyu tra ri ndu mble ndu kpan
Yesuusis deebisee, “Ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.

< Yohana 13 >