< James 5 >
1 ye ziza be yi bi wo bi ka ta yi ni sa wonyu niyu ine shiji wa ani ye ni u gbugbuu
Isin yaa sooreyyii, sababii dhiphinni isinitti dhufuuf jiruutiif booʼaa; wawwaadhaas.
2 iwo bi a gla ikulon bi immaran ni lri ba
Qabeenyi keessan tortoreera; biliinis uffata keessan nyaateera.
3 zinariya ba azurfar bi ba kuklu kuklu a ani no shaida ni tu bi ani gon nmama kpabi na illu be vu ikpi u son bi kari nde ni gbe i vi u kaikle
Warqee fi meetiin keessan sameera. Dandaaʼuun isaaniis isinitti dhugaa baʼa; akkuma ibiddaattis foon keessan nyaata. Isin bara dhumaatiif qabeenya walitti qabattaniirtu.
4 yga ie bi ti ndu aniyi ide wa be kayu be wa ba ka chah ikpi ni irju ni yiwu u yi be chah ikpi a hi ito u irji ruduna
Kunoo, mindaan isin warra midhaan keessan haaman dhowwattan sun ni iyya. Iyyi warra midhaan keessan walitti qabaniis gurra Gooftaa Waan Hunda Dandaʼu sanaa seeneera.
5 bi son ni mi son ikpi u gbuuglu de yo tubi ni mi be yo isonron bi du wuloga ni gbi ivi u hha
Isin qananii fi gammachuun lafa irra jiraattaniirtu. Guyyaa qalmaatiifis of gabbiftaniirtu.
6 bi hukunta de wo idid dede u ana san nyu ni yi na
Nama qajeelaa isiniin hin morminetti murtanii ajjeeftu.
7 ni tu naki be ka vu sonran mrivayi khi gbie ye yesu na wa be ron ba gbie iga da cha ikpi mba ye niko ni vu sonron nda kpailu u mumla ni ilu u kaikle
Kanaafuu yaa obboloota, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa.
8 beyi me bi ka vu sonro be ka no gbegbele isonro bi i ye irji a ti hwiehwire
Isinis akkasuma obsaa; jabaadhaa dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.
9 na chaba gbugburu na mrivayimu ni kpa bu nde ndu mba na la yina ya ba u turon a khiri kutara.
Yaa obboloota, akka isinitti hin muramneef walitti hin guunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabateera.
10 ban na ki mrivayi ni sha ya ni vu sonron annabawa be wa mba tre mba ni mi ide irji
Yaa obboloota, raajota maqaa Gooftaatiin dubbachaa turan sana akka fakkeenya dhiphinaa fi obsaatti fudhadhaa.
11 ya khi yo be wa mba vu sonrona ba be ti lulu be wo be be vu sonron wa Ayuba a tia be ka toh nde a hi idu irji na wa a he ni lo sonro ni jikai
Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha.
12 nituwawu mrivayimu na shidi ni me me mba ni shu ko ni meme ko ni ikpiri u shidi nitu naki e a hi e u be ta tre nde a du hi a a du yi na joku ni mi hukunci na?
Hundumaa caalaa immoo yaa obboloota ko, hin kakatinaa; samiin yookaan lafaan yookaan waan biraa tokkoon illee hin kakatinaa. Wanni isin jechuu qabdan, “Eeyyee” yookaan “waawuu” haa taʼu. Yoo kanaa achii isinitti murama.
13 u irbi a si shaya kpukpome? du herai irji u idri a ni giri? wa ka yosai u gberesa
Isin keessaa namni dhiphachaa jiru jiraa? Inni haa kadhatu. Namni gammadu jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu.
14 iri ni lo ni mi bi? wa a ka yo be nikon u tra irji du mba bere irji ni a u da gbah iyee ni wu ni mi nde irji
Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa kadhataniif.
15 ibere u kponji ani den idi u liloirji ni zu lude wa ani ta latre irji a ni wuru kalle wu
Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf.
16 ni tu naki be kahla latre bi ni kpabi nde ta bere irji du no yi gbegble wawa bi ibere idi u dede a he ni gbegbele du u njaaji
Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.
17 iliya a hi idime na khi ta a bere ni kpohji an de illu na juna i illuwa na ku ni gbula na ti isai tra ni hwatahne
Eeliyaas namuma akka keenyaa ture. Innis akka bokkaan hin roobneef jabeessee kadhate; bokkaanis waggaa sadii fi jiʼa jaʼa lafa irratti hin roobne.
18 u illiya ka labere irji na ki u shulu ka du illu ku u meme ka no ikolo kugrua
Ammas deebiʼee kadhate; samiin bokkaa kenne; laftis midhaan baafte.
19 mrivayimu u iribi ni ta baude ni mi njaaji u idior ji u kwmaye
Yaa obboloota ko, isin keessaa namni tokko yoo dhugaa irraa fagaate, namni biraa immoo yoo isa deebise,
20 indi ki ka toh ande idi wa a kwhandi sanra ni latre ma ani kpa a chuwo ni ohu nda ka gbu gbu latre ma
inni nama cubbamaa karaa jalʼaa irraa deebisu lubbuu namicha sanaa akka duʼa jalaa baasu, cubbuu baayʼees akka dhoksu haa beeku.