< Ndu Manzaniba 9 >
1 ama shawulu, wa a si gbre que ni mri ko bi hu bacia, hi ni nikon firist
Gidduudhuma sana Saaʼol barattoota Gooftaa ajjeesuuf dhaadachaa gara luba ol aanaa dhaqee,
2 nda ka mye'e du nhavunvu ni du njihi ni tra u bre ni Damascus, don anita katon biwa babi nko a, ni lilon ko mmba, ka vu ba lo njiye ni Urishilima.
nama karaa kana irra jiru kam iyyuu dhiiras dubartiis yoo argate akka hidhee Yerusaalemitti geessuuf akka lubni sun gara manneen sagadaa kanneen Damaasqoo jiraniitti xalayaawwan isaaf barreessuuf isa kadhate.
3 Niwa a si zren nihi, a ye weiweire ni Damascus ilu kpan a kri bwu kpan kawu, ilua rhi ni shului;
Utuu inni deemaa jiruu akkuma Damaasqootti dhiʼaateen akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqise.
4 wa akurhoku hi meme nda wo ilan ni tre niwu ndi “Shawubu, shawulu, a ngye sa wu tsra me ni ya?”
Innis lafatti kufee sagalee, “Yaa Saaʼol, Yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta?” isaan jedhu tokko dhagaʼe.
5 Shawulu, a sa ndi “wu nha, Baci?” U Baci a tre ndi “A hi me Yesu, wa wusi tsra me ni ya;
Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate. Innis akkana jedhee deebiseef; “Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha. Arfii wayii dhiituun suma miidha.
6 ama lunde, ri hi ni mi gbu'a ba lha kpewa wutia niwu.”
Amma kaʼii magaalaa seeni; wanni ati gootu sitti himamaatii” jedheen.
7 Ndhi wa basia zren ni shawulu, ba k'ma ki whie me, nda wo lan tre a, ama nda na toh ndioria.
Namoonni Saaʼol wajjin deemaa turanis waan dubbatan dhabanii dhadhaabatan; isaanis sagalee dhagaʼan malee nama tokko illee hin argine.
8 Shawulu alu ni meme'a nda niwa u shishi'a ti buwu ana toh kpe na, mle ba vuu njiriwo ri ni Damascus.
Saaʼolis lafaa kaʼe; innis yommuu iji isaa banametti homaa arguu hin dandeenye; isaanis harka isaa qabanii Damaasqootti isa geessan.
9 A ti ri tra hamm'a ni to kpan, nda na rhi na nda na so na.
Iji isaas Guyyaa sadii guutuu arguu hin dandeenye; innis homaa hin nyaanne; homaas hin dhugne.
10 Nikima, nimi Damascus, vrekoma ri a he, wa ndema hi Ananiya. Baci a hlawu ni ra ndi “Ananiya”, A tre ndi “Igy mi he yi Bachi”
Damaasqoo keessa barataa Anaaniyaas jedhamu tokkotu ture. Gooftaanis mulʼataan, “Yaa Anaaniyaas!” jedhee isa waame. Innis, “Yaa Gooftaa, kunoo ani asin jira” jedhee deebise.
11 Baci a lhawu ndi, “Lunde, nid hi ni kon wa ba yo ndi kritrime, ni ko Yahuda, myeba ndhi wu Tarsus ri wa ndema hi Shawulu, a si bre Rji.
Gooftaanis akkana jedheen; “Kaʼii gara daandii ‘Qajeelaa’ jedhamu sanaa mana Yihuudaa dhaqiitii nama Saaʼol jedhamu kan Xarseesii dhufe tokko iyyaafadhu; inni kadhannaa irra jiraatii.
12 A toh ni ra' andi ndi ri nde Ananiya a si ye nda si sa wo ni wau ni tu don du to bubu ngari”
Saaʼolis nama Anaaniyaas jedhamu tokko isaa dhufee akka agartuun isaa deebiʼuufiif harka isa irra kaaʼu mulʼataan arge.”
13 Ama Ananiya a sawu ndi “Baci, mi wo ni nyu ndhi gbugbu'u nitu gu yi, iri kpatimeme wa a ti tsatsra ndhime ni Urishilima.
Anaaniyaasis deebisee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ani waaʼee namicha kanaa, miidhaa inni qulqulloota kee warra Yerusaalem jiraatan irratti hojjete hundumaa dhagaʼeera.
14 Aye ni hugon wu niko firist du ye vu ko nha ni wayi wa ani yo ndeme'a lo”.
Ammas warra maqaa kee waammatan hunda hidhuuf jedhee luboota hangafoota irraa aangoo fudhatee dhufeera.”
15 Ama Baci a lhawu di “Hi, mi chuti kpewundu mi, ni du nji ndemu hi ni biwabana to me na, nibi niko tuchi, baba mir Israila.
Gooftaan garuu Anaaniyaasiin akkana jedhe; “Namichi kun miʼa koo kan ani akka inni namoota Ormaatii fi mootota isaanii duratti, saba Israaʼel durattis maqaa koo baatuuf jedhee filadhe waan taʼeef kaʼii dhaqi!
16 Mi tsro u du toh bibi ya wa aniti nitu ndema”.
Ani akka inni maqaa kootiif jedhee rakkachuu qabu isattin argisiisa.”
17 Ananiya a lu vunkon nda ka ri ni ko'a. Ni sawo nituma, a tre ndi “Vayi Shawulu, Bachi yesu, wa a tsro tuma niwu ni kon niwa wu sia ye'a, a tonme du kpa kpan yame mba ruhu tsratsra duri niwu”.
Anaaniyaasis dhaqee mana sana seene. Harka isaas Saaʼol irra kaaʼee, “Yaa obboleessa koo Saaʼol, Gooftaa Yesuus inni utuu ati as dhuftuu karaa irratti sitti mulʼate sun akka ati argituu fi akka ati Hafuura Qulqulluun guutamtuuf na ergeera” jedhe.
18 Harime, ukperi to kpakpla ikle ba rhukulhe rhi ni shishi Shawulu, wa a kri kpa to Bulus a lu duba ti baptisma niwu.
Yommusuma wanni akka qolaa ija Saaʼol irraa harcaʼe; inni ammas arguu dandaʼe. Kaʼees cuuphame.
19 Wa ari biri u gbegblenma a k'ma ye ni wu A son niba mirko bi hu'a ni Damascus wu bran vi.
Nyaatas nyaatee jajjabaate. Saaʼol bultii gabaabduudhaaf barattoota Damaasqoo jiran bira bubbule.
20 Rhiniki a lu si d'bu ni bla tre yesu nimi tra wu bre Baci, nda ni lha nd wawuyi a vren Rji.
Innis akka Yesuus ilma Waaqaa taʼe yeruma sana manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe.
21 Biwa ba woowua ba bwunyu yo who nda tre ndi “Ana guyi wa vu biwa ba yo ndeyi ni Urushilima na? A ye ni wa vu balo njini nu nikon Firist.
Warri isa dhagaʼan hundinuus dinqifatanii akkana jedhan; “Namichi kun isuma Yerusaalem keessatti warra maqaa kana waammatan balleesse sana mitii? Ammas hidhee luboota hangafootatti isaan geessuuf dhufe mitii?”
22 Gbegblen Shawulu asi bran nitu nitu nda kpa Yahudawa bi son ni Damascus k'ma chon nitu wa a du ndhi mla toh ndi Yesu a wawuyi hi Kristi
Saaʼol garuu ittuma jabaachaa deeme; innis akka Yesuus kun Kiristoos taʼe mirkaneessuudhaan Yihuudoota Damaasqoo keessa jiraatan afaan qabachiise.
23 Niwa ba kai vi gbugbu'u, yahudawa ba zontu ni wa nkon wa ba zu nda wuu'a.
Erga guyyaan hedduun darbee booddees Yihuudoonni isa ajjeesuuf mariʼatan.
24 Shawulu a toh kpewa ba si son ti niwu. Ba ki si gben kikle nkontra gbua, ni rhi mba ni chun don duba wuu.
Saaʼol garuu marii isaanii kana beeke; isaanis isa ajjeesuuf jedhanii halkanii guyyaa balbala magaalaa sanaa jabeessanii eegaa turan.
25 Amm Mirko bi hu'a ba ban'u ni chu, nda ka yo grji zu ni kpagonka gbu'a, ni mi sisen.
Barattoonni isaa garuu halkaniin fuudhanii guuboodhaan dallaa irraan dabarsanii gad isa buusan.
26 Niwa a ye ri ni Urishilima, Shawulu anata ri nha ni mirko bi hu'a, ama wawu mba ba kluu, nda na kpanyme ndi wawu ngame a vrenko wuhu na.
Innis yommuu gara Yerusaalem dhufetti barattootatti dabalamuu yaale; isaanis waan barataa taʼuu isaa hin amaniniif hundi isaanii isa sodaatan.
27 Amma Barnaba a ban u njihi ni manzaniba, nda lha bawu ndi Shawulu a to Bachi ni nkon u Baci a tre niwu. mba wa hi ni damascu, Shawulu a tre hamma ni sisiri ni nde Yesu.
Barnaabaas immoo fuudhee ergamootatti isa geesse; akka Saaʼol itti karaatti gooftaa arge, akka itti gooftaan isatti dubbatee fi akka inni sodaa malee Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin lallabe isaanitti hime.
28 A he ni ba ri bi rhu kagon Urishilima. A sia tre ni gbegblen suron (Hamma ni sisiri) ni nde Baci yesu.
Saaʼolis isaan wajjin jiraatee Yerusaalem keessa sodaa malee baʼee galaa ture; maqaa Gooftaatiinis ija jabinaan lallabe.
29 Nda sisenyu ni Yahudawa bi helenenci ama ba kia wa nko u wuu.
Yihuudoota Giriikota keessa jiraatan wajjinis dubbachaa isaaniinis morkachaa ture; isaan garuu isa ajjeesuu barbaadan.
30 Niwa mir vayiba ba mla wo kima, ba njiwu grhiye ni Kaisariya nda ka tru hi ni Tarsus.
Obboloonnis yommuu waan kana beekanitti fuudhanii Qiisaariyaatti gad isa buusan; gara Xarsees isa ergan.
31 Niki, ikilisiya kagon wu Judiya, galili mba Samaria ba kpa sii nda si guci ni ndu mba ni mi zren u sisiri. baci, mba wu son piame wu ruhu tsatsra, Ikilisiya asi bran ni blamba.
Kanaafis waldaan kiristaanaa Yihuudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessa jirtu guutummaatti nagaa argatte; ni cimtes. Isheenis Hafuura Qulqulluudhaan jajjabaatee sodaa Gooftaatiin jiraachuudhaan baayʼinaan guddachaa deemte.
32 Naki, Bitrus a zrenzuni gbungblu kima wami a grjika ri ni tsatsra ndi bi Rji wa ba ki ni gbu Lidda.
Phexros utuu biyya sana keessa naannaʼaa jiruu qulqulloota Liidaa keessa jiraatan ilaaluuf gad buʼe.
33 Niki a to guri wa bayo ndema ndi Iniyasu wandi azi kru nitu bla ma ti se tandra nitu a heni lilo chan ngble.
Achittis namicha laamshaʼaa Eeniyaa jedhamu kan waggaa saddeeti siree irratti hafee ture tokko arge.
34 Bitrus a tre nimu ndi Iniyasu, yesu Kristi a chu lilo wru ni wu. Lukri ndi mla bla me ti” mle a lukri ni zande,
Phexrosis, “Yaa Eeniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyisa; kaʼiitii siree kee afadhu” jedheen. Eeniyaanis yommusuma kaʼe.
35 wawu ndhi bi son ni Lidda mba sorona ba toh yu'a nda k'ma ye ni Baci.
Namoonni Liidaa fi Shaaroon keessa jiraatan hundinuu isa arganii Gooftaatti deebiʼan.
36 Ni gbu Ayafa vrenko wuhuri, wandi ndema hi Tabitha (wandi ba k'ma sran ndi Dorcas)” Iwayi a ta ti kpi bi ndidi nda ta zo bi ya' gbugbuu.
Yoophee keessas barattuu Xaabiitaa jedhamtu tokkotu ture; Xaabiitaa jechuun Doorqaa jechuu dha. Isheenis yeroo hunda waan gaarii hojjetti; hiyyeeyyiis ni gargaarti turte.
37 A he ni vi baki, a ku kru kpa nda que niwa ba ngla kpama, ba ban'u ka yo ni tra wu koshu.
Isheenis baruma sana keessa dhukkubsattee duute; reeffa ishees dhiqanii kutaa darbii tokko keessa kaaʼan.
38 Lidda a he weiweire ni yafa mir ko ba bana wo nda Bitrus he niki, ba ton ndhi ha ni wu, nda ni breu “ye nita gbagbla.
Liidaan kun Yoopheetti dhiʼoo turte; barattoonnis yommuu akka Phexros Liidaa jiru dhagaʼanitti nama lama isatti erganii, “Maaloo dafii nu bira gaʼi!” jedhanii isa kadhatan.
39 Bitrus alunde huba. Niwa a ye ri'a ba njiwu hi ni tra wu koshu'a, u mmba be k'bo ba baki whi niwu nda si yi, nda ni tsro gbawrunklon baba zeni wa Dorcas a wran bawu niwa a he niba'a.
Phexrosis kaʼee isaan wajjin deeme; akkuma inni achi gaʼeenis gara kutaa darbii sanaatti isa geessan. Haadhonni hiyyeessaa hundinuu isa bira dhaabatanii kootii fi wayyaa biraa kan Doorqaan yeroo isaan wajjin turte hojjette sana isatti argisiisanii booʼaa turan.
40 Bitrus a dubarhu dinko ni tra'a, nda kuqugbarhu nda bre, nda k'ma ya ikmoa nda tre ndi, “Tabitha, Lunde” wa kri bwu shshi nda to Bitrus, nda luson.
Phexrosis hunda isaanii gad baasee jilbeenfatee Waaqa kadhate; reeffa sanattis garagalee, “Xaabiitaa kaʼi!” jedhe. Isheenis ija ishee banattee Phexrosin argite; kaatees ni teesse.
41 Bitrus a n'me wo nuu nda azu hon zi zande, nda niwa a yo tsatsra ndhi bi Rjiba ye baba mmba bi k'bea, a kau naba ni sisren.
Innis harka qabee ishee kaase; amantootaa fi haadhota hiyyeessaa waamee jiraattuu taatee isaan fuuldura dhaabe.
42 Kagon yafa ikpe yi a zren kagon, ndahi gbugbuu ba kpanyme ni Baci.
Kunis Yoophee hunda keessatti beekame; namoonni baayʼeenis Gooftaatti amanan.
43 Nituki Bitrus a son vi gbugbuu ni yafa, ni gu ri wa ba yo nde ma ndi Siman, wu tindu ntani.
Phexrosis Yoophee keessa gogaa duugduu Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu ture.