< Ndu Manzaniba 7 >
1 Ninko Prist a tre ndi, “ikpi biyi ba janji?”
Lubni ol aanaanis, “Wanni kun dhugumaa?” jedhee isa gaafate.
2 Istifanus a tre ndi “mir ya ni bati, wo me'. Irjhi wu shulu a tsro kpama ni timbu Ibrahim, niwa ana he ni Mesopotamia, ri nda ka son ni Haran;
Innis akkana jedhee deebise; “Yaa obbolootaa fi yaa abbootii, mee na dhagaʼaa! Waaqni ulfinaa, yeroo abbaan keenya Abrahaam Mesophotaamiyaa turetti, utuu inni biyya Kaaraan hin dhaqin isatti mulʼate.
3 A lha wu ndi “Don ngbran meme me baba mir vayime, ni rhu hini ngbran meme wandi mi tsro wu.
Waaqnis, ‘Biyya keetii fi saba kee dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi’ jedheen.
4 Mle, a lu don ngran meme Chaldeans nda ka kru ni Haran, rhi niki, ni wa tima a qu'a, Irjh i a njiwu ye ni ngbran meme yi, wa bi ki nituma'a.
“Innis biyya Kaldootaatii baʼee dhaqee Kaaraan keessa jiraate. Erga abbaan isaa duʼe immoo Waaqni achii isa baasee biyya isin amma keessa jiraattan kanatti isa erge.
5 Ana fon nklan bubu nu du kpa zi ni h'pu mana, a'an, ko wa ani kaza satuma me. Ama, a shirhi, ko da shike Ibrahim ana he ni vivren rhina-andi ani nu bubu ti uma du mba h'puma du k'ma tiwumba kasai-kasai.
Taʼus Waaqni dhaala tokko illee, lafa taakkuu tokkittii illee biyya sana keessatti hin kennineef; garuu Waaqni akka Abrahaamii fi sanyii isaa warra isaan booddeetiif biyya sana akkuma qabeenyaatti kennuuf waadaa galeef. Abrahaam yeroo sana ijoollee tokko illee hin qabu ture.
6 Irjhi a si a tre niwu tyi, andi h'puma ba son ki ni gbu ndi bari u ndhi bi bgukima ba vu ba ti grand nda du ba tiya wu se derinzia.
Waaqni akkana jedhee karaa kanaan isatti dubbate; ‘Sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼa; waggaa dhibba afuris ni garboomfama; ni cunqurfamas.’
7 Ama mi sharanta ni dhi bi wa ba tindu gran nibawua, kpe wa irji tre'a hu gon kima, ba rhu don bubuki nda ye kuqungba rhu nda gbresan ni mu ni bubu yi.
Waaqni akkana jedhe; ‘Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan biyya sanaa baʼanii lafa kanatti na waaqeffatu.’
8 Niki Irji a nu Ibrahim shirhi wu hanbru ni duta tika, rhini kima, Ibrahim a ngrjhi Ishaku nda hanbru ma ni riwu tandra baya ngrjhi. Ishaku ngame a ngrjhi Yakubu, u Yakubu a ye ngrjhi bacimbu Wlondoha ba.
Waaqnis kakuu dhagna qabaa Abrahaamiif kenne; Abrahaamis abbaa Yisihaaq taʼee guyyaa saddeettaffaatti dhagna isa qabe; Yisihaaqis ergasii abbaa Yaaqoob taʼe; Yaaqoob immoo abbaa abbootii gosoota kudha lamaanii taʼe.
9 Bacimbu ba ti ngu ni Yusufu, ba banwu le hi ni masar ama Irjhi a he ni wu.
“Abbootiin sunis waan Yoosefitti hinaafaniif akka inni biyya Gibxitti garba taʼuuf isa gurguran; Waaqni garuu isa wajjin ture;
10 nda kpa' chuwo ni ya wa a hon tuma'a. A kpayem ni Yusufu mba mren wu tondindi ni shishi kikle Ichu Firona wu Masar wa a ban wu sa ni ruron gomna wu Masar mba nitu koma wawu.
rakkina isaa hunda keessaa isa baase; Waaqnis fuula Faraʼoon mooticha Gibxi duratti ulfinaa fi ogummaa Yoosefiif kenne; Faraʼoonis biyya Gibxii fi mana mootummaa isaa hunda irratti bulchaa isa godhe.
11 Ni ntukima, meme iyon a ri kagon Masar mba Canaan, ni meme ya wa a du ba timbu ba wa biri hamma.
“Baruma sana biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan hundatti beelli buʼee rakkina guddaa fide; abbootiin keenyas waan nyaatan tokko illee argachuu hin dandeenye.
12 Niwa Yakubu a wo ndi wlo biri he ni Masar a ton ba timbu hi ni zrenmba wu mumla.
Yaaqoobis akka Gibxi keessa midhaan jiru dhageenyaan yeroo jalqabaatiif abbootii keenya achi erge.
13 Ni zren wu ha, Yusufu a tsro tuma ni ba mirvayima, u firona a mla to mmla Yusufu nikima.
Imala isaanii lammaffaa irrattis Yoosef eenyummaa isaa obboloota isaatti hime; Faraʼoonis waaʼee obboloota Yoosef beeke.
14 Yusufu a ton mir vayima du ba k'ma hi hla ni timba du vu mmla wawu, ndhi saba'in don ton mba, nda ye ni Masar.
Yoosefis ergasii nama ergee abbaa isaa Yaaqoobii fi maatii isaa hunda jechuunis walumatti qabaatti nama 75 waamsise.
15 Nituki, Yakubu a grjhi hi ni Masar nda ka que niki, ni wawu ba timbu ngame.
Yaaqoobis Gibxitti gad buʼe; innis, abbootiin keenyas achitti duʼan.
16 Ba vu ba hi ni Shekem, nda ka rhu'ba ni ibe wa titi Ibrahim a le nitu nkle silva ni wo mir Hamor wu Shekem.
Reeffi isaaniis Sheekemitti geeffamee lafa awwaalaa kan Abrahaam ijoollee Hamoori irraa horii wayiitiin bitee ture sanatti awwaalame.
17 Niwa nton wa shirhi a ye weiweire, shirhi wa Irjhi a ti ni Ibrahim. Indhi ba ba ki bran gbugbuwu ni masar.
“Akkuma yeroon waadaa Waaqni Abrahaamiif gale sun itti raawwatamu dhiʼaachaa dhufeen baayʼinni saba keenyaa Gibxi keessatti akka malee guddate.
18 Da a tsra wa kikle chu ri a hon ni ruron wu masar wa ana to njo nitu Yusufu na.
Ergasii ‘Mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe.’
19 A kyurh ndhimbu nda yo ba ni gbengble du ba rhuni mir nhanha lilon mbu ni duba que.
Innis akka malee saba keenya cunqurse; abbootii keenyas akka daaʼimman isaanii dhumaniif akka isaan gad gatan dirqisiise.
20 Ni nton kima ba ngrhi Musa, wa ka bi kpokpome ni Rji ba lura ti wua tra ni ko tima.
“Yeroon Museen dhalates yeruma kana ture; innis fuula Waaqaa duratti miidhagaa ture; jiʼa sadiifis mana abbaa isaatti kunuunfamee guddate.
21 Niwa ba banwu ka zi ni ra, vrenwa Firona a ban'u ti wuma nda njiwu ti vren ma.
Yommuu inni alatti gatametti intalli Faraʼoon fudhattee akka ilma isheetti isa guddifatte.
22 Ba yo Musa ni bubu tsro mba, niki a mla to tsro ndindi nitu kpi kankan wu bi U bi masarawa ba, ndu ni he ma ba bi hikima.
Museen ogummaa warra Gibxi hunda barate; innis dubbii isaatii fi hojii isaatiin jabaa ture.
23 Niwa isema wu ngrjhi ba ti weiweire ni tso-tra-don nza (arbain), a kpre suron du zren hi ni mir vayi ma, ih'pu Isra'ila.
“Museen yommuu umuriin isaa waggaa 40 guutetti dhaqee obboloota isaa ijoollee Israaʼel ilaaluu murteesse.
24 A krito basi ndhi Israila ri ya'. Musa alu kpa nyu ni ndhi wa basia tiwu ya'a nda wru gu masar wuh.
Museenis utuu namni Gibxi tokko nama isaanii tokko miidhuu arge. Kanaafis nama isaanii gargaaruu dhaqee namicha Gibxi sana ajjeesuun haaloo baaseef.
25 A yotrendi vayima ba mla to ndhi a hi Irjhimba ni tindu ni wu du ba bguc'bu ni womba, ama ba ka'a na mla to na.
Museen waan sabni isaa akka Waaqni karaa isaatiin saba Israaʼel furu hubatu seʼee ture; sabni sun garuu hin hubanne.
26 Nivi wuhama, a to ndhi harhi ba si tsi, wa ay'e gaba nda tre ndhi, 'Lilon, be mir vayi; a hi ngye du yi ni tsi kpambi?
Guyyaa itti aanutti immoo utuu namoonni Israaʼel lama wal lolanuu itti dhufee, ‘Jarana, isin obboloota walii ti; yoos maaliif wal miitu ree?’ jedhee walitti araarsuu yaale.
27 Irimba wandi wa wuhi a kpa la ni kpanma'a, a tru yo kosan nda tre ndi “A nha banwu sa nitumbu ichu, wu ga tre nitawu?
“Namichi hiriyaa isaa miidhaa ture sun garuu Musee achi of irraa darbatee akkana jedhe; ‘Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe?
28 Wu son wu U me to wandi wu wuu gu masra laren'a?
Akkuma kaleessa namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?’
29 Niwa Musa a tre yi'a, a vu tsu wru nda ka son tindi u tsir ni kasa Midian, niki a ka ngrjhi mri lon ha.
Museenis waan kana dhageenyaan biyya Midiyaanitti baqatee galtuu taʼee achi jiraate; achittis ilmaan lama dhalche.
30 Niwa ise tso-tsra-don-nzang ati ka hi, U malaika a tsro tuma niwu ni ngbranmiji ni kikle ngblu Sinai, ni lu ni miji.
“Erga waggaan afurtamni darbee booddees ergamaan Waaqaa tokko gammoojjii naannoo Tulluu Siinaa keessatti daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan Museetti mulʼate.
31 Niwa Musa a to ilu'a, a ti sisir kpe wa a to ni shishima, nda lu si zren hi weiweire du ni mla ya, a kri wo ilan Baci ni tre ndi,
Innis waan kana arginaan waan arge sana dinqifate. Yommuu ilaaluuf itti dhiʼaatettis sagalee Gooftaa dhagaʼe.
32 Mmyi mi Irjhi wu ba timbi, Irjhi wu Ibrahim, mba Ishaku, mba wu Yakubu” Musa kri si tsenzankpa nda na la vu suron nda ya ngana.
Sagaleen sunis, ‘Ani Waaqa abbootii keetii, Waaqa Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob’ jedheen. Museenis ni hollate; ilaaluus ni sodaate.
33 Baci a lhawu ndi, jhu lagban wa ahe ni za me rhu domin bubu wa wu kri mba ahi tsatra bubu.
“Gooftaan immoo akkana jedheen; ‘Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu.
34 Mi to iyawa basi nu ndhimu ni masra mi wo gran yimba, m'ba mi grjhiye ye chubachuwo. ye zizan, mi ton hi ni masra.
Ani akka sabni koo biyya Gibxi keessatti cunqurfamaa jiru dhugumaan argeera; booʼicha isaaniis dhagaʼee isaan bilisoomsuuf jedhee gad buʼeera; egaa kottu Gibxittin deebisee si ergaatii.’
35 Musa yi, wa bana kamba niwu, niwa bana tre ndi, “a nha yo tituchu mba wu ga'atre nitawu'a?” a hi wawuyi wa Irjhi a ton du hi ti chu mba wu chubachuwo. Irjhi a ton wu hi zuni wo malaika wa a tsro tuma ni Musa ni miji'a.
“Namni isaan, ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii si godhe?’ jedhanii tuffatan sun Museedhuma kana. Isas Waaqni akka inni bulchaa fi furaa isaanii taʼuuf harka ergamaa Waaqaa kan daggala keessaan isatti mulʼate sanaatiin erge.
36 Musa njiba rhuni masra, kima a hu gon ti kpi bi wa ndhi ba kaahon to tuma, baba bi tron yani masra mba kikle ma wu Reeds, mba ni tsutsu miji niwa ba ti se tsro-tra-don-nza (arbain).
Innis Gibxi keessatti, galaana diimaa irratti akkasumas waggaa 40 gammoojjii keessatti dinqii fi mallattoo hojjechaa Gibxi keessaa isaan baase.
37 Ahi Musa kima wa a lhani ndhi bi Israila ndi, “Irjhi ni nzu anabi ri hon yiwu rhinimi vahimbi, anabi ton me”.
“Museen kun isuma saba Israaʼeliitiin, ‘Waaqni sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa’ jedhe sanaa dha.
38 Ndhi yi yi a he niba ni tsutsu miji mba malaika wa atre niwu nitu kikle ngblu Sinai, wa ahe niba timbu, mba wa a kpa lantre wu sisren ye nota.
Innis, Ergamaa Waaqaa kan Tulluu Siinaa irratti isatti dubbate sanaa fi abbootii keenya wajjin gammoojjii keessatti waldaa keessa ture; dubbii jiraataas nutti kennuuf fudhate.
39 Ama ba timbu ba kamba ni hutrema, ba tru lhega wru ni kpamba, du ni misuron mba k'ma hi ni masra.
“Abbootiin keenya garuu isaaf ajajamuu didan; qooda ajajamuu isa tuffatanii garaa isaaniitiinis gara Gibxitti deebiʼan.
40 Ni nton kima ba lha ni Hasuna, “La' mir rjhi ni tawu wa a ni njita zren hi. Musa yi, a njita wru rhini meme masra, kina toh ikpe wa a ka tiwu a na
Arooniinis, ‘Waaqota nu dura deeman nuu tolchi; Museen Gibxii nu baase sun maal akka taʼe hin beeknuutii!’ jedhan.
41 Niki ba la' vrenlando ni ri baki nda nji ba hadaya (ton?) ni gunki waba la'a, nda ngiri nitu ndu wu womba.
Yeroon isaan Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin qopheeffatanis baruma sana; isaanis Waaqa sanaaf aarsaa dhiʼeessanii waanuma harka isaaniitiin tolfame sanaaf ayyaana ulfinaa ayyaaneffatan.
42 Irjhi a kaba chuwo du ba boata ni tsitse ni shulu, tohwa bana nha ni mi vunvu wu ba anabawaba. “Bi gon nimu nma miji mba haday ni ise tso-tsra-don-nza wa bi na he ni tsutsu miji'a ko mri Isra'ila?
Waaqni garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota samii irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba raajotaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha; “‘Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
43 Bi kpa ka'che' molech mba ntse wu vi irjhi Rephan, mba whi ki ba biti ni du yi kugungbarhu ni nzub hon. Nikima, mi vu yi vra zan gbran Babylon.
Isin fakkii waaqota waaqeffachuuf tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii fi urjii waaqa keessan Reefaan ol qabdaniirtu. Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.’
44 Ba timbu bana he ni ka'che' wu kpewa ba to ni shishimba ni tsutsumiji, me wa Irjhi a noba niwa a tre ni Musa'a, andi du ti tsra ni wa a toa.
“Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Waaqni akka Museen akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture.
45 Hu kima, ba timbu ni wo Joshua ana njiba to ninkomba, ba kpa ka'achea nda njiwu hu kpamba niwa ba vu meme a kpa. Irjhi a kpa meme ni wo gbungblu bi bubuki nda zu ba wru ni shishi ba timbu. kaachea a son ni meme'a ye ni nton Dawuda.
Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Waaqni isaan duraa ariʼee baase sanaatti Iyyaasuu wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawitiitti biyya sana ture.
46 Wa Irjhi a kpanyme ni wu nda lhawu ni du wa bubu son ni ko Yakubu.
Daawitis fuula Waaqaa duratti fudhatama argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate.
47 Ana Suleimanu mba amme ko ni Irjhi.
Garuu kan mana sana ijaareef Solomoon ture.
48 Ama kitoh ndi kikle wushu na son ni ko wa wondhi mme na, toh wa anabawaba ba tre.
“Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha:
49 “Shulu mbahi bubu son tu chu mu, u meme mba hi kpran roro saza mu. A bibi ko rime wa bi mme ni mu inj Baci, ka a ngye bubu u kusi mu?
“‘Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree? jedha Gooftaan. Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
50 Ana womu mba ti kpi biyi wawu na?
Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’
51 Biyi bi sen tu, biwa bana he kacia surona mba iton mba na, chachu bi kan bi ruhu tsatsra, bi ti to ba tumbi bana ti.
“Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.
52 Ahi anabi rime wa ba timbu bana tibayana. Ba wuh anabawa wa ba wru guci ni ye ndi wa ba yo wu di 'Analatre na', u zizan biyiyi bibi le ni wu dini wu'u ngame.
Raajiin abbootiin keessan hin ariʼatin tokko iyyuu jiraa? Isaan warra duraan dursanii dhufaatii isa qajeelaa sanaa himan illee ni ajjeesan; isinis amma isa dabarsitanii kennitanii ajjeeftaniirtu;
53 Biyi wa bi kpa doka wa malaika mba ba mla yowozi, ama bina kpa ti dun na.
warri karaa ergamoota Waaqaatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma.”
54 Niwa bi niko bawo kpi biyi wa ka ri ba ni suron baka tan nyren ni Istifanus.
Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti aariin guggubatanii isatti ciniinnatan.
55 Don a shu ni Ruhu tsatsra, a nzu ya shulu nda toh dokaka Rji, nda to Yesu kri ni wo korhi wu Irjhi.
Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluun guutamee gara samii ol ilaalee ulfina Waaqaatii fi Yesuusinis isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru arge.
56 Istifanus a tre ndi. “Toh, mi si to ni shishimu, shulu bwu, U vren Ndhi a kri ni worhi wu Irjhi
Innis, “Ani kunoo samiin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru nan arga” jedhe.
57 Nitu ki, biwaba son ni tra son bi ninkoa ba ka tonmba, nda yo gro ni kikle lan, nda lu honwu nitu kpe riri.
Kana irratti isaan hundi gurra isaanii qabatanii sagalee guddaan iyyaa isatti girrisan.
58 Ba gbi'e wru ni mi gbu'a, nda ni ta ni tita. Bi wa ba toh zren kpeyi ba ju nklonba wu kora nda kazi ni za vrenze ri wa ndema a hi shawulu.
Magaalaa keessaas gad isa baasanii dhagaan isa tumuu jalqaban. Yeroo sana dhuga baatonni uffata isaanii miilla dargaggeessa Saaʼol jedhamu tokkoo jala kaaʼatan.
59 Niwa basia ta Istifanus ni tita, a sia yo baci nda ni tre ndi “Baci Yesu, kpa viri mu.
Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate.
60 A kuqungbarhu nda yo ni kikle lan Baci, na vule nitu latre wa ba ti yi na” Niwa a tre kle, a ku rhoku kruna
Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!” jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe.