< Ndu Manzaniba 21 >

1 Niwa ki hi don ba ni vu zren hu nkon mma, ki hu tri me hi ni gbu Cos, e ni bi wa aka hua ni gbu Rhodes, mba rhini ki hi ni gbu patra.
Erga isaaniin gargar baanee booddees dooniidhaan kaanee utuu mirgaa bitaatti hin gorin Qoositti qajeelle. Guyyaa itti aanutti Roodees dhaqnee achii immoo Phaaxaraatti dabarre.
2 Niwa ki to jirgima wa a ta ru hini Funisiya, ki ri huba dran hi.
Doonii Finiiqeetti ceʼu tokkos argannee isa yaabbannee adeemsa itti fufne.
3 Hu wa ki nzu shishi to Cyprus, ki kawdon ni wo mrha wu kpran jirgia, ki dran hi ni Syria, ndi ka kukri ni Tyre, bubu wa kikle jirgi a ta ju kpi wa anjia.
Yommuu Qophiroosin arguu dandeenyetti, harka bitaatti ishee dhiifnee Sooriyaatti qajeelle; nus iddoo dooniin keenya feʼiisa isaa itti buufachuuf ture Xiiroositti irraa buune.
4 Hu wa ki to mri ko bihuba, ki kii ni ki wu vi tangban. Hu kpere sron brji, basi yo tre ni Bulus du na hi Urushelima na.
Achitti barattoota argannee guyyaa torba isaan bira turre. Isaanis akka Phaawulos Yerusaalem hin dhaqneef Hafuura Qulqulluun isa akeekkachiisan.
5 Niwa ivimbu niki a kle, ki donba ni kunkon mbu, i wawumbu, baba mbamba ni mri mba ba huta zren rjuni gbu'a. Niki ki kukwu ngbarju ni nyu kpe tre ma'a ni bre Irji,
Garuu yeroon keenya dhumnaan achii kaanee deemsa keenya itti fufne; barattoonni hundinuu niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii wajjin magaalattii keessaa nu baasanii nu geggeessan; nus qarqara galaanaatti jilbeenfannee kadhanne.
6 ni tre ndi se vi ri niki ki rini jirgi'a, i ba kma hi komba.
Erga nagaatti waliin jennee booddees doonii yaabbanne; isaan immoo mana isaaniitti deebiʼan.
7 Niwa ki kle zren mbu rji ni Tyre, ki ye ni Ptolemais. Niki chi mri vayi ba ni son niba wu vi ri.
Xiiroosii kaanee adeemsa keenya itti fufuudhaan Phitolemaayisitti galle; achittis obboloota dubbifnee guyyaa tokko isaan bira oolle.
8 Nivi wa a hu kima ki hi ni Kaisariya. Ki ri ni ko Filibus, ndji wu zren ni bla tre Irji, wa ana iri nimi tangban ba, ndi ka son niwu.
Guyyaa itti aanutti achii kaanee Qiisaariyaa geenye; achittis mana lallabaa wangeelaa tokkoo mana Fiiliphoos isa warra torbaan keessaa tokko ture sanaa dhaqnee isa bira turre.
9 Inji yi a he ni mri mba nza wa bana to lilon na, i bata nran kpi bi ye ni ko shishi.
Innis ijoollee durbaa kanneen hin heerumin afur qaba ture; isaanis raajii dubbatu turan.
10 Niwa ki kii niki wu vi fon bran, indji ri wa ri to koshishi, ni nde Agabus, grji ye rhi ni Judiya.
Erga nu guyyaa hedduu achi turree booddee raajiin Agaaboos jedhamu tokko Yihuudaadhaa gad buʼe.
11 A ye nita nda ban rjirji trii Bulus. Niki a lo za mba woma ni rjirji trii'a nda tre ndi, “Ikpe wa Brji Tsatsra ni tre'a, toki Yahudawa bi Urushelima ba lo indji wu rjirji trii yi, i ba vuu yo ni wo Bikora.”
Innis gara keenya dhufee sabbata Phaawulos fuudhee harkaa fi miilla ofii isaa hidhee, “Hafuurri Qulqulluun, ‘Yihuudoonni Yerusaalem jiraatan abbaa sabbata kanaa akkanatti hidhanii dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu’ jedha” jedhe.
12 Niwa ki wo kpi biyi, kita baba indji wa ba ki ni ki, ki krubre Bulus ni du na hi ni Urushelima na.
Nus yommuu waan kana dhageenyetti akka Phaawulos Yerusaalemitti ol hin baaneef namoota achi jiran wajjin isa kadhanne.
13 Niki Bulus a sa bawu ndi, “Bisi ti ngye, kpa gro nini yra me sron? Mi kpanyime ndi du ba na lo me negen na, mba du me kwu ngame ni Urushelima nitu nde Bachi Yesu.”
Phaawulos immoo deebisee, “Isin maaliif boossanii garaa na raaftu? Ani maqaa Gooftaa Yesuusiitiif jedhee Yerusaalemitti hidhamuu qofa utuu hin taʼin duʼuuf illee qophaaʼeeraatii” jedhe.
14 Nitu wa Bulus na kma sron ni bre mba na, ki son ngbangbi ni lu tre ndi, “Du kpe wa Irji kpanyime niwu du he toki.”
Yommuu inni nuu sarmuu didettis, “Fedhiin Gooftaa haa taʼu” jennee dhiifne.
15 Hu vi biyi, ki vu ba mbu zren mbu ni hi ni Urushelima.
Guyyoota kanneen booddees qophoofnee Yerusaalemitti ol baane.
16 Mri ko bi hu bari wa ba rhini Kasariya ba huta ngame. Ba nji indji ri wu nde Mnason, indji wu Cyprus, nha ni kpamba, wa ana he ni mi bi mri ko bi hu, wa ki hi ki niwu.
Barattoonni Qiisaariyaa keessaa tokko tokko nu miiltessanii gara mana Minaason nu geessan; innis nama Qophiroos kan barattoota durii keessaa tokko turee dha.
17 Niwa ki ye ri ni Urushelima, mri vayi ba ba kpata ni wo ha ni ngyiri.
Yommuu nu Yerusaalem geenyetti obboloonni gammachuudhaan nu simatan.
18 Nivi wa a ka hu ki, Bulus a njita hi ni ko Yakubu, i bi chiche ba bana he niki.
Guyyaa itti aanuttis Phaawulos nu wajjin Yaaqoob bira dhaqe; jaarsoliin hundinuus achi turan.
19 Niwa a chi ba, a vu bla ni yiyri kpi wa Irji a ti nimi Bikora ni nkon ndu wa a ti'a.
Phaawulosis nagaa isaan gaafatee waan Waaqni tajaajila inni kenneen Namoota Ormaa keessatti hojjete hunda tokko tokkoon isaanii ibse.
20 Niwa bawo kima ba gbre san ni Irji, nda hlawu ndi, “Wu to, vayi, ka indji dubu bren ni mi Yahudawa ba ba kpanyime. Ba yo sron kri gbangban ndi ba hu du a.
Isaan yommuu waan kana dhagaʼanitti Waaqa galateeffatan. Phaawulosiinis akkana jedhan; “Yaa obboleessa, ati akka Yihuudoonni kuma hedduun amanan ni argita; hundi isaaniis hinaaffaa seeraaf qabu.
21 Ba hla bawu nitu me, ndi wu tsro Yahudawa wa baki nimi Bikora'a du ba ka Musa don, mba ndi wu hla bawu dubu na yoyi ni mri mba, mba du bana zren nitu nkon ba tii na.
Ati akka Yihuudoonni Namoota Ormaa keessa jiraatan hundinuu ilmaan isaanii dhagna hin qabnee fi akka isaan akka duudhaa keenyaatti hin jiraanne itti himtee akka isaan seera Musee irraa gara galan barsiisuun kee isaanitti himameera.
22 Ki ti ni he? Njanji ba wo ndi wu ye.
Isaan akka ati dhufte dhugumaan ni dhagaʼu; egaa maal gochuu wayya?
23 Nitu ki, wuka ti kpe wa ki hla niwu. Ki he ni indji nza wa ba chu nyu.
Kanaaf ati waan nu sitti himnu godhi; namoonni wareega of irraa qaban afur nu bira jiru.
24 Vuu indji ba ni ngla kpame niba, ni han nklen ni tumba, ni du ba kron nfutu mba. Ko nha ni to ndi kpe wa ba bla nitu me a hi che. Ba to ndi iwu ngame wu son tsra, nini hu du'a.
Akka isaan mataa isaanii haaddataniif namoota kanneen ofitti fuudhiitii isaan wajjin of qulqulleessiitii baasii isaanii ati baasi. Kanaanis namoonni hundinuu akka oduun waaʼee kee odeeffame sun dhugaa hin taʼin, akka ati mataan kee iyyuu seeraaf ajajamtee jiraattu ni beeku.
25 I nitu Bikora wa ba kpanyime'a, ki nha nitu krimbu ndi duba chu kpamba ti nkan ni kpi wa ba ton ni kpi bi brji, ni iyi, ni kpe ba wuu ni nkon nduto, mba ni ti fa'a.”
Waaʼee Namoota Ormaa kanneen amananii immoo akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagataniif nu murtii keenya isaaniif barreessineerra.”
26 Niki Bulus a vuu indji ba, i ni vi wa aka hu'a, a ngla kpama bi ni babaa. Niki ba ri hi ni mi hekali, yo tre ni zi ndi vi wu nglakpa ani ye he toki, i ba nu beko nitu yiyri mba.
Phaawulosis guyyaa itti aanutti namoota sana ofitti fuudhee isaan wajjin of qulqulleesse; ergasii immoo gaafa guyyoonni qulqullaaʼummaa sun itti xumuramanii fi yeroo itti aarsaan maqaa tokkoo tokkoo isaaniitiin dhiʼeeffamuu malu beeksisuuf mana qulqullummaa seene.
27 Niwa vi tangban ba ba ye kle, Yahudawa bari rhini Asiya, ni ku shishi ni bulus ni mi hekalia, chon kpaandji ba nfu, nda yo wo nitu ma.
Yommuu guyyoonni torban sun xumuramuu gaʼanitti Yihuudoonni biyya Asiyaatii dhufan tokko tokko Phaawulosin mana qulqullummaa keessatti argan. Isaanis nama hundumaa kakaasanii isa qaban.
28 Ba sia kpa gro ndi, “Indji bi Israila, zo ta. Indji yi yi ni tsro ndji wawu kagon, kpi wa ahi nkan ni kri mba, ni dua, mba ni bubu yi. Hama kima me, a nji indji bi Greek bari ye ni mi hekali nda kpa bubu tsatsra yi ti meme.”
Iyyaniis, “Yaa namoota Israaʼel nu gargaaraa! Namichi kun nama saba keenyaan mormaa, seera keenyaa fi mana qulqullummaa mormaa nama hunda iddoo hundatti barsiisuu dha. Kana malees inni Giriikota mana qulqullummaatti ol galchee iddoo qulqulluu kana xureesseera” jedhan.
29 Nitu bana to Trofimus, gu wu Afisus niwu nimi gbua, nda yo ndi Bulus a nji ba ri ni mi hekali.
Isaan waan duraan namicha Efesoon kan maqaan isaa Xiroofiimoos jedhamu tokko Phaawulos biratti magaalaa keessatti arganii turaniif, waan Phaawulos mana qulqullummaatti ol isa galche seʼaniitii.
30 Igbu'a wawu a chu nzan, i indji ba ba yo tsu ka vu Bulus. Ba gbiwu rju ni hekalia, nda kaa nkon ba gbagbla.
Magaalaan sunis guutummaatti ni raafamte; namoonnis karaa hundumaan fiigaa dhufan. Isaanis Phaawulosin qabanii lafa irra harkisaa mana qulqullummaatii gad baasan; yommusuma karroonni cufaman.
31 Niwa ba ta son wuu, tu tre a ye ri ni ton kapti wu bi gben ndji Urushelima wawu ni kri gro tsishishi.
Utuu isaan isa ajjeesuu yaalanuu akka magaalaan Yerusaalem guutummaatti raafamaa jirtu oduun ajajaa waraana Roomaa gaʼe.
32 Niki a tsi kri vu bi lokpa baba bi ya ndji deri ri, nda tsutsu grji nimi jbu indji ba. Niwa indji ba ba to ninkon kaptin mba bi lokpa ba, ba donme ni tsi Bulus.
Innis yeruma sana loltootaa fi ajajjuuwwan dhibbaa tokko tokko fudhatee fiigichaan isaanitti gad buʼe. Isaanis yommuu ajajaa sanaa fi loltoota isaa arganitti Phaawulosin tumuu dhiisan.
33 Niki ninkon kapti a zren hi ka vu Bulus, nda mmha yo ndi du ba lowu ni sraka ha. Niki a mye ka a hi nha mba a hi ngye wa a tia.
Ajajaan sunis dhufee isa qabe; akka inni foncaa lamaan hidhamus ajaje; akka inni eenyu taʼee fi akka inni maal hojjechaa tures isa gaafate.
34 Bari nimi jbu indji ba ba kpagro kperi i bari kpe nkan. Niwa kaptia ana mla to tu tre'a na, nitu hanton mba, a yo ba du ba nji Bulus hi ni bubu wa ba mla ziri.
Tuuta sana keessaas garri tokko waan tokko jedhanii iyyaa, garri kaan immoo waan biraa jedhanii iyyaa turan; ajajaan sunis sababii waca namaatiif waan mirkana taʼe argachuu waan dadhabeef akka Phaawulos gara qubata loltootaatti geeffamu ajaje.
35 Niwa a zren ye ni bubu ban za grji'a, bi lokpa a ba banwu nitu nfu jbu indji ba.
Phaawulos gulantaa ittiin gad baʼan bira geenyaan sababii goolii namootaatiif loltoonni isa baatan.
36 Nitu jbu indji ba ba sia huba nda ni kpagro ndi, “Niwu hi.”
Namoonni hedduunis, “Isa ajjeesi!” jedhanii iyyaa duukaa buʼan.
37 Niwa bataa nji Bulus ye ni bubu wu mlazia, a tre ni ninkon kaptia, ndi “Wu kpanyime ni du mi hla kpe niwu?” Kaptia a tre ndi, “Wu tre lan Greek?
Phaawulos yommuu loltoonni isa fuudhanii qubata loltootaatti ol isa galchuuf jedhanitti, ajajaa sanaan, “Akka ani waa sitti himu naa eeyyamtaa?” jedhee gaafate. Ajajaan sun immoo deebisee akkana jedhe; “Ati afaan Giriik ni dubbattaa?
38 Ana wuyi igu masra wa alu kpagbu tsi nda gbron indji dubu nza u bi wuundi rju hi ni miji'a na?”
Ati namicha biyya Gibxi kan dhiʼeenya kana goolii kaasee shororkeessitoota 4,000 fudhatee gammoojjiitti gale sana mitii?”
39 Bulus a tre ndi, Mi ndi Yahudawa, rji ni gbu Tarsus ni Cilicia. Mina vren meme wu gbu wa a hi fii me na. Mi bre, du me tre ni indji ba.
Phaawulosis, “Ani Yihuudii Xarsees magaalaa beekamtuu Kiilqiyaa keessaa sanaa ti. Maaloo, akka ani namoota kanatti dubbadhu naa eeyyami” jedhee deebise.
40 Niwa kaptin a nu kpanyime'a, Bulus a lu kri ni bubu ban zaa nda ti wo ni indji ba. Niwa bubua a ti gbi me, a tre niba ni lan Ibraniyawa ba. A tre nde,
Phaawulos akkuma eeyyama ajajaa sanaa argateen gulantaa sana irra dhaabatee akka namoonni calʼisaniif harkaan mallattoo kenne; yommuu isaan hundinuu calʼisanitti immoo afaan Araamaayikiitiin akkana jedheen.

< Ndu Manzaniba 21 >