< Ndu Manzaniba 2 >

1 Niwa ivi pentacos a ye, bana ki ni bubu riri wawumbawu.
Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
2 Mle, kikle gyungyu ri, rhi ni shulu, a lu fu grji ye ka ko wa bana ki nima'a.
Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute.
3 Elem to ilu kri ku gason nitu mba ni yiyri.
Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan.
4 Ruhu Tsatsra a ri shu ku ni ko aha mba, e ba lu kri ku tre ni leme kankan, wa ruhu a tsro ba.
Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
5 Ni kima, Yahudawa bi hu nkon Irjhi, rhi ni gbu gbungblu kankan ni meme, bana he ni Urishilima.
Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.
6 Niwa baa wo langyungyua, akpa ba rhikice u ba ye bubu riri ikpea a kpa ba tsi shishi, nitu ko nha asi wo ba ni lan tre gbumma
Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii.
7 Kpe a k'ma nuba sisiri ni mre; i ba tre ndi, “E biyi wawumba, bi si trea, bana ndhi bi Galilee na?
Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii?
8 A ngye ti du ta niwo ba ni lan tre gbunbu, lan wa ba grjita niwa a?
Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree?
9 Parthians mba medes mba Elamites mba biwa ba ki ni mesopotamia, ni Judea mba Cappodia, wu Pontus mba Asia.
Nu warri Phartee, warri Meedii fi warri Elaam, jiraattonni Mesophotaamiyaa, warri Yihuudaa fi Qaphadooqiyaa akkasumas jiraattonni Phonxoosii fi Asiyaa,
10 Phrygia mba Pamphylia, ni Egypt mba mbru bubu bi Libya hi ni Cyrene, mba Bitsri wa ba rhi ni Rome.
Firiigiyaa fi Phamfiliyaa, Gibxii fi kutaawwan biyya Liibiyaa kanneen naannoo Qareenaatti argaman, nu warri Roomaadhaa dhufne,
11 Yahudawa baba biwa ba kpa hu irjhi wu Yaudawa ba, Cretans baba larabawa, ki wo ba si tre ni lan mbu nitu kikle ndu Irjhi.
nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!”
12 A nuba rhimre ni sisiri i ba tre ni kpa mba ndi, “A hi ngye to yi?”
Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
13 Bari banza ba nda tre ndi, “Basi huwa hi sa.”
Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
14 E bitrus a lu kri nimi wlon donri mba, nda nzu lan nda tre gbangban me niba ndi, ndhi lilon be gbu Judea, baba ndhi wawu'u biwa, bi ki ni Urishilima, sren to ni lan tre mu nidu yi mlaa toh.
Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa.
15 Ndhi biyi bana si hwu na wa bi ban na, zizan ni ton wu tra wu hwumble genri.
Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne!
16 Kpe yi a tsra ni tre anabi Joel;
Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
17 Ani he vi bi kle kle, Irjhi a tre, “Mi vra ruhumu nitu rima ndhi wawu. Mri mbi lilon baba mrimba ba rira ikpi bi ye ni ko shishi mri nzembi ba to ko waayi e bi chiche mbi hra ra nitu ra.
“‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo, ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa; ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; dargaggoonni keessan mulʼata argu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
18 Jaji bi ndu mu, lilon baba mba, mi buwa ba ni ruhu mu u ba nra kpi biye ni ko shishi.
Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee, Hafuura koo nan dhangalaasa; isaanis raajii ni dubbatu.
19 Mi tsro kikle ndu mu ni shu shulu, mba ni alamu mu ni meme (gbugblu), iyi ilu mba ntse Ikpan irjhi ni k'ma ti bwu,
Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis mallattoo, dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
20 Kpan iwha ni k'ma ti iyi, ri du kikle vi wu Baci ni ye, vi wa ko nha ni to nda rhimre nitu ma.
Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi ulfina qabeessi sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
21 Ani to ki, ndhi wa a yo nde Bacia ani nawo
Namni maqaa Gooftaa waammatu, hundinuu ni fayya.’
22 Ndhi bi Israila, wo lan tre biyi, Yeshu wu Nazarat ana ndhi wa Irjhi a nzu hon ni shishi mbi, ni kikle ndu ni kpi bi du ndhi bwunyu yo hyo ni wuo Irjhi ati ni woma ni mimbi, me wa biyi me bito.
“Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
23 Ndi yi wa ba vuu nu tsra ni kpe wa Irjhi ana mla zi nda to; ni wo meme; ndhi wa bana zren ni tu nkon na ba wuu ni kpan u ni kunkro (kros).
Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan.
24 Ama Irjhi a nzu lu, nda chuchuwo ni ya wu qu, nitu iqu na he ni gbengble wu vu u nji na
Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.
25 Ni kima Dawuda a tre ni tuma ndi “me to Baci chachu ni shishi mu; ngye a he ni kosan worhimu di du mina c'bi rhuna.
Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate: “‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture. Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu.
26 Nitu ki, mi ngri ni suron mu e line mu a takpe. N'makpa mu ngame ni son ni yo suron.
Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos abdiidhaan jiraata.
27 Wu na kamedon ni meme ko iu na ni na du Tsatra me du gla na. (Hadēs g86)
Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii; qulqullichi kee akka tortoru hin gootu. (Hadēs g86)
28 Wu bwu nkon wu rai ni mu du mi mla to, wu du me ngri kpukpo me ni shishi me
Karaa jireenyaa na barsiifteerta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’
29 Mri vayi, ani bi numu dumi tre ni yi ni suron wu kpanyme, (hamma ni sisiri), nitu chiche baci. Dawuda, ndi a qu e ba rhuwu, e ibe ma he ni ta ya ni vi wu luwa.
“Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa.
30 Nitu kima ana anabi wa a toh ndi Irjhi a shirhi ni ban niwu ndi eh'pu wu nchinema ni hon son nitu tuchuma.
Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke.
31 A to kpe wa ani ye he ni shishia ndda tre ni tu lu tashme Kristi, ndi bana kawdon ni ko qu na; e n'mama na gla na. (Hadēs g86)
Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate. (Hadēs g86)
32 Yesu yiwa Irjhi a nzu lunde, e kita wawumbu, ki bla ikpe wa kito di wo nitu ma'a.
Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti.
33 Nitu ki, niwa ba nzu hon hi wo ko rhi wu Irjhi, nda kpa Ruhu Tsatsra wa titi baci a shirhi niwu, a vu vra grhi, ikpi wa bisi to nini wo'a.
Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.
34 Dawuda ana hon hi ni shuluna, ama nda tre ndi “Baci a lha ni Bacimu,” ku son ni wo rhimu.
Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha: “‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Gara mirga koo taaʼi;
35 Di gben dumi k'ma bi kamba (yo shishi) niwu ti ruron wu sa za me.”
hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii siif godhutti.”’
36 Niki ma, du ko Israila wawu mla toh ndi janji, Irjhi du he Baci mba Kristi, Yesu yi wa bi Kpanwu nitu kros'a.
“Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
37 Niwa ba wo tre yi a yra ba suron, e ba lha ni Bitrus baba mbru manzani ba, ndi “Mri vayi, ki ti nihe?”
Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
38 Bitrus lha bawu di k'ma gon nu latre, ni kpa baptisma, ko nha bi ni nde Yesu kristi, ni wru latre bi ni Irjhi hlega, ndi kpa Ruhu Tsatsra wa ani nu hamma ni du ui han kpe.
Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
39 Shirhi'a ahi wumbi, baba mrimbi, niwa ba he gbagban me ngame; wawundhi wa Baci Irjhi mbu ni yo ba'a”
Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
40 Ni lan tre gbugbuwu, a tre ni tu kima'a nda nrooba ndi.” Nhawo rhu ni k'ba bi kawatre yi.
Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse.
41 Mle ba kpa tre ma e ba ti baptisma ni bawu, ndhi dubu tra ka ru nha ni ba.
Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
42 Ba ye suron mba ni bubu riri ni kpa Isro manzani mba zumunta, nda ni ga bredi wu jibi, mba bre Irjhi.
Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
43 Sisiri a vu ko nha e anabawa'a ba ti ndu gbugbu baba ekpi bi tsro (sisir) ya.
Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame.
44 Biwa ba kpanyme ba ki ni bubu rii nda ti ko ngye to u ndi riri, hamma ni chuti nkan,
Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan.
45 Ba vu ba kpimba le nda ga ni ko nba nmba tsra ni kpe wa ko nha ni son.
Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan.
46 Nivi hi nivi, ba yo tu mba ni suron riri ni ko Irjhi,
Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan.
47 Ba ga bredi niko rikomba, nda ga birhi ni nroo kpamba hamma ni nzutu, ndani gbre nde Irjhi ndi ba ba kpanyme ni ba e chachu, Baci a si gbron ndhi wa basi nhawo ni ye niba nda du gbrumba a si hon
Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.

< Ndu Manzaniba 2 >