< Ndu Manzaniba 11 >
1 Zizan manzani ba, baba mri vayi wa bana he Yahudiya ba wo ndi bi kora ba ngame ba kpa lantre Rji.
Ergamoonnii fi obboloonni Yihuudaa keessa jiran akka Namoonni Ormaas dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼan.
2 Niwa Bitrus a hon ye rhi ni Urushelima, biwa ba he ni grjhi bi hanbru'a ba tre ba;
Kanaaf yommuu Phexros Yerusaalemitti ol baʼetti amantoonni dhagna qabatan isaan morman;
3 nda tre ndi, wuka zontu ni biwa bana hanbru na, ndi rhi ni ba!
akkanas jedhan; “Ati maaliif mana namoota dhagna hin qabatinii dhaqxee isaan wajjin nyaatte?”
4 Ama Bitrus alu kri mla bla kpi ba ni bawu ndi,
Phexrosis akkana jedhee waan taʼe sana tokko tokkoon isaanii ibsuu jalqabe.
5 Mi sia bre ni mi gbu Joppa, u Mi kri hra too ra, toh ekpe si grjhi ye, a rjuto kikle nk'ma bla wa basii chuwo si grji rji ni shulu, ba vuu nji ni nton nza ma. A grji ye ni me.
“Ani magaalaa Yoophee keessatti kadhannaa irran ture; akka waan yaadaan fudhatamuus taʼee waan akka wayyaa balʼaa tokko isaa roga isaa afraniin qabamee samii irraa gad buufamu mulʼataan arge. Innis iddoo ani turetti gad dhufe.
6 Mi ya'u nzrime ni rhimre nitu ma, Mi toh n'ma rju bi gbungblu meme, bi zren ni za nza, meme bi ki ni tsutsu miji, bi nha ni meme baba nchinche bi shulu.
Anis xiyyeeffadhee ilaalee bineensota miilla afurii, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii nan arge.
7 Mle mi wo lan tre nda hla nimu ndi, “Lu kri, Bitrus, wuu ndi tan!”
Anis sagalee, ‘Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
8 Mi tre ndi, “Ana toki na, Bachi, nitu ni son mu, meme kpe wu kpa ti meme na ri ninyumu na.”
“Ani garuu deebisee, ‘Yaa Gooftaa, hin taʼu! Takkumaa wanni balfamaan yookaan wanni xuraaʼaan tokko iyyuu afaan koo hin seenne’ jedhe.
9 Ama ilan a k'ma sa nimu rji ni shulu ndi, 'Ekpe wa Irji k'ma ti sa'a, wuna yo ndi a ti rji na.
“Sagaleen sunis yeroo lammaffaa samii irraa, ‘Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin’ jedhe.
10 Ikpe yi a zren ti nkpu tra, mle ba gbron k'ma hon hi ni shulu.
Wanni kunis yeroo sadii taʼe; kana booddees hundumti isaa amma illee samiitti ol fudhatame.
11 Bika mla toh, niki, ndji tra ba kri wruki ni kontra ko wa kina he nimi'a; ba ton ba ye nime rji ni Caesarea.
“Yommusuma namoonni Qiisaariyaadhaa natti ergaman sadii mana ani jiraachaa ture sana dura dhaabatan.
12 Ruhu a tre gbangban nime du mi huba hi, ni du mi na yaba ti nkan na. Mri vayi tanne biyi ba hume, u ki rihi nimiko igu'a.
Hafuurri Qulqulluunis akka ani shakkii tokko malee isaan wajjin deemu natti hime. Obboloonni kunneen jaʼaanis na wajjin deeman; nus mana namichaa ol seenne.
13 A vu bla ni tawu nitu wa a toh Maleka a kri ni koma nda hla wu ndi, “Ton ndji me hi ni Joppa du ba hi nji Siman ye, wa ba yo ndi Bitrus.
Innis akka ergamaa Waaqaa kan mana isaa keessatti itti mulʼate tokko arge nutti hime; ergamaan sunis akkana isaan jedhe; ‘Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi;
14 Ani tre niyi nitu lan tre wa ani kpayi chuwo, iwu baba bi kome!
inni ergaa sii fi namoonni mana keetii hundinuu ittiin fayyitan sitti hima.’
15 Niwa mi guchi si tre ni ba, Ruhu Tsatsra a kuni tumba, tsra ni wa a ku nita ni mumla'a.
“Akkuma ani dubbachuu jalqabeen, Hafuurri Qulqulluun akkuma jalqabatti nurra buʼe sana isaan irras buʼe.
16 Mi tika ni lan tre Bachi, niwa a tre ndi “Yohana a tie batisma ni mma, ama biyi bi kpa batisma wu Ruhu Tsatsra.”
Anis waan Gooftaan, ‘Yohannis bishaaniin cuuphe; isin garuu Hafuura Qulqulluudhaan cuuphamtu’ jedhee ture sana nan yaadadhe.
17 Niki, Irji nita nuba kpe tsra niwa a nuta hamma ni du ta han, niwa ki kpanyme ni Bachi Yesu Kristi, me mi nha, wa mi kri sen nyu ni Irji?
Kanaafuu erga Waaqni kennaadhuma yeroo nu gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne nuu kenne sana isaaniifis kennee Waaqaan mormuuf ani eenyu?”
18 Niwa ba wo kpi biyi, bana sa tre ni tuma ngana, ama nda nzu nde Irji hon nda tre ndi, “Irji niu kma sron sran vri ni biwa ba bi kora'a ngame.”
Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; “Yoos Waaqni qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera” jedhanii Waaqa galateeffatan.
19 Zizan, biwa bana vra nitu iya wa a rirhi ni tu Istifanus, ba zren gbangban ka ri ni Phoenicia, Cyprus mba Antioch, ndani bla lan tre ni Yahudawa ba megen.
Warri sababii ariʼatama Isxifaanositti kaʼeetiin bittinnaaʼanii turan sun ergaa sana Yihuudoota qofatti himaa hamma Finiiqee, Qophiroosii fi Anxookiiyaatti deeman.
20 Ama bari mba, ndji bi Cyprus mba Cyrene ba ye ni Antioch nda bla ni biwa ba Greek ngame, ndani d'bu ni bau, tre ndindi nitu Bachi Yesu.
Isaan keessaa namoonni Qophiroosii fi Qareenaa irraa dhufan tokko tokko garuu Anxookiiyaa dhaqanii oduu gaarii waaʼee Gooftaa Yesuus Giriikotattis himuu jalqaban.
21 Iwo Bachi a he niba, gbugbu ndji ba kpanyme nda k'ma ye ni Bachi.
Harki Gooftaa isaan wajjin ture; namoonni hedduunis amananii Gooftaatti deebiʼan.
22 Itre ni tu mba aka ku ni ton ekklisiya ni Urushelima, u baka ton Barnabas du rju zren gbagban mu ka ri ni Antioch.
Oduun kunis gurra waldaa kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtuu seene; isaanis Barnaabaasin Anxookiiyaatti ergan.
23 Niwa a ye nda toh ti ndindi wu Irji, a ngri nda nronba duba kri ngbangba ni Bachi ni suron mba riri.
Innis yommuu achi gaʼee Ayyaana Waaqaa argetti ni gammade; akka isaan garaa tokkoon Gooftaaf amanamanii jiraataniifis isaan hunda jajjabeesse.
24 Nitu ana ndji wu ndindi suron, shuni Ruhu Tsatsra mba suron kri ngbangban, u ndji gbugbu ba ka nhani Bachi.
Inni nama gaarii Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture; namoonni baayʼeenis Gooftaatti dabalaman.
25 Barnabas alu wruhi Tarsus nitu hi wa to Shawulu.
Barnaabaasis Saaʼolin barbaaduuf jedhee Xarsees dhaqe;
26 Niwa a too'a, a njiwu ye ni Antioch, Aye heme ndi ba ki ni ekklisiya wu seri wawu, nda du ba gbrontu yo bubu riri nda zita tsro ndji gbugbu'u. A he ni Antioch mba ba guchi yo mri ko bi hu; a ndi Krista.
Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, “Kiristaana” jedhaman.
27 Zizan ni vi biyi, anabawa bari ba grji ye ni Antioch, rji ni Urushelima.
Gidduudhuma sana raajonni tokko tokko Yerusaalemii kaʼanii Anxookiiyaatti gad buʼan.
28 Iri mba, ni nde Agabus, a lu kri, ni chon Ruhu Tsatsra, nda tre ndi mem yon ni ye ku ni ngbran meme wawu. Ekpe a ye he toki ni ba vi wu Claudius.
Isaan keessaas namichi Agaaboos jedhamu tokko kaʼee dhaabatee akka beelli guddaan isaa addunyaa hunda irratti buʼu Hafuuraan dubbate. Wanni kunis bara moʼumsa Qilaawudewoos Qeesaar keessa taʼe.
29 Nikima, mri ko bi hu'a, tsra ni gbengblen ma, ba zontu nda tru izo mba hi ni mri vayi wa ba he ni Judiya.
Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan.
30 Ba tie kpeyi, nda tru nklen hi ni bi ninkon'a zu jni wo Barnabas mba Shawulu.
Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan.