< Ndu Manzaniba 10 >
1 Nikima, ndji ri a he nimi gbu Kaisairiya, wa nde ma hi Koneliyus, ana ninkon soja derhi ri, wa ba ta yo ndi Regiment wu Italiya.
Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko Qiisaariyaa keessa ture; innis kutaa, “Humna waraana Iixaaliyaa” jedhamu keessatti ajajaa dhibbaa ture.
2 Ana ndji wa towu, wa ata klu sissri Irji baba bi ko ma wawu, nda ta nu ndji biya zaka ma, nda ni bre Iri chachu.
Qorneelewoosii fi maatiin isaa hundinuu warra Waaqaaf bulanii fi warra Waaqa sodaatan turan; innis warra rakkataniif arjummaadhaan kenna ture; yeroo hundas Waaqa kadhata ture.
3 Mla ni nton wu tya wu irhi, a mla to ni ra Maleka Irji si'a grji si ye niwu. Maleka a hla niwu ndi, “Cornelius!”
Innis gaafa tokko ergamaa Waaqaa tokko isaa gara isaa dhufee, “Yaa Qorneelewoos!” jedhuun guyyaa keessaa gara saʼaatii sagaliitti ifaan ifatti mulʼataan arge.
4 Cornelius a nzu ya Maleka u sissri a vu wa a lu tre ndi, “Wayi hi ngye, ninkon mu?” Maleka a hlawu ndi, “Bre me mba zaka me ba hon hi ni ton mren ndindi ni shishi Irji.
Qorneelewoosis sodaan ija babaasee isa ilaalee, “Yaa Gooftaa, maal barbaadda?” jedhee gaafate. Ergamaan Waaqaa sun immoo akkana jedhee deebise; “Kadhannaa keetii fi kennaan ati hiyyeeyyiidhaaf kennitu aarsaa yaadachaa taʼee fuula Waaqaa duratti ol baʼeera.
5 Zizan ton ndji me bari hi ni gbu Joppa du ba hi yo ndji wa ba yo ndema ndi Bitrus, du wuba ye niwa.
Amma Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana as fichisiisi.
6 Ani son ni ndji wu tindu ntan wa ba yo ndi Siman, wa ikoma he ni nyu kpama teku'a
Innis namicha gogaa duugu kan Simoon jedhamu kan manni isaa qarqara galaanaatti argamu tokko bira jira.”
7 Niwa Maleka wa tre niwu a hi kpama, Cornelius a yo mri ko ma harhi mba soja ri wa ani toh wo tre ma'a.
Qorneelewoosis yommuu ergamaan Waaqaa kan isatti dubbate sun deemetti tajaajiltoota isaa keessaa nama lama, warra isa eegan keessaa immoo loltuu Waaqaaf bulu tokko waamee,
8 Cornelius a hla bawu wawu kpewa a si zren niwu'a nda ton ba hi ni Joppa.
waan kana hunda itti himee Yoopheetti isaan erge.
9 Zizan ni nton wu tanne wa ahuri kima, ba sia zren ni ti weiwiere ni mi gbu, Bitrus a hon hi kasi bre ni ko tu nka.
Guyyaa itti aanuttis utuu warri ergaman sun karaa jiranuu, yeroo isaan magaalaatti dhiʼaatanitti Phexros gara saʼaatii jaʼaatti kadhannaaf bantii manaatti ol baʼe.
10 E iyon a vu wa aluta wa ikpe wu rhi, ama niwa ndji ba basia sron biri, a si toh tsro too ra,
Innis beelaʼee waan nyaatu barbaade; utuu isaan qopheessaafii jiranuus akka waan yaadaan fudhatamee taʼe.
11 wa atoh shulu bwu, nda toh nklan kpe si grji, ikpe a rju ngma ibla wa asi grji ni ye ni meme, wa ba vuu nji ni ton nza ma nda siwu si grji.
Samii banamee fi waan akka wayyaa balʼaa tokkos isaa roga isaa afraniin qabamee lafatti gad buufamu arge.
12 Ni mi ma innma kanka wu mriza nza baba biwa ba nnha ni meme, baba chinche bi bwa ni shulu.
Wayyaan sunis bineensota miilla afurii, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii kanneen gosa hundaa of keessaa qaba ture.
13 E lan ri a tre niwu ndi, “Lukri Bitrus, wuu ni tan.”
Sagaleen tokkos, “Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu” jedheen.
14 Bitrus a tre ndi “Ana to ki na, Bachi; Rjhimu, mina tan kpe wa a he ni rjhina nda na kpanya ni shishi Irji na.
Phexros garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, hin taʼu! Ani takkumaa waan balfamaa yookaan waan xuraaʼaa hin nyaanne” jedhe.
Sagaleen sunis yeroo lammaffaa, “Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin” jedheen.
16 Ama ilan ala kma tre niwu nkpuwu ha ngari ndi “Kpe wa Irji ngla ti sa'a, na yo ndi a he ni Irji na.”
Wanni kunis yeroo sadii taʼe; wayyaan sunis yommusuma deebiʼee samiitti ol fudhatame.
17 Niwa kpeyi ari si kpa Bitrus tsi shishi nitu ko ka a hi ngye tu kpe wa a toh nimi ra ma, niki, har hi, ndji wa Cornelius a ton ba'a ba ye ki ni nyu kikle nkontra nitu bana mye u ba tsro ba nkon wa ba hu zu ye ni ko'a.
Utuu Phexros waaʼee hiikkaa mulʼata sanaa dinqisiifachaa jiruus namoonni Qorneelewoos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii karra dura dhaabatan.
18 Ba d'bu yo nda mye ka Siman, wa ba yo ndi Bitrus ngame, ni son niki.
Isaanis lallabanii, “Simoon inni Phexros jedhamu tokko as jiraa?” jedhanii gaafatan.
19 Niwa Bitrus a rhisi rhimren nitu ra wa ato'a, Ruhu a hlawu ndi, “Toomba, ndji tra asi waw/chiche nha nvunvu bi sen bari ba nha andi/ndji haarhi basi waw.
Ammas utuu Phexros waaʼee mulʼata sanaa yaadaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun akkana isaan jedhe; “Yaa Simoon, kunoo namoonni sadii si barbaaduutti jiru.
20 Lu grji huba hi, na ti ngri ni huba na, nitu a hi me mi tonba.”
Kaʼiitii gad buʼi. Isaan wajjin deemuus hin shakkin; anatu isaan ergeetii.”
21 Nikima, Bitrus a grji hi ni ndji ba nda tre ndi, “A hi meyi wa bisi wa'a. A ngye njiyi ye?”
Phexrosis gara namoota sanaatti gad buʼee, “Namni isin barbaadaa jirtan ana; maaliif dhuftani?” jedheen.
22 Ba tre ndi, kikle soja wu ya ndji derhi ri wa ba yo ndema ndi Cornelius, ndji wu tsatsra zren, nda ni ti sissri Irji, wa ndji Yahudawa ni gbungblu wawu ba tre ndindi nitu ma, Maleka Irji a nji tre rhi ni Irji niwu ndi du ton ba hi yoo hi ni koma, nitu du wo tre wa a toon niwu.
Jarri sunis akkana jedhanii deebisan; “Nu ajajaa dhibbaa kan Qorneelewoos jedhamu tokko biraa dhufne; inni nama qajeelaa fi nama Waaqa sodaatu kan Yihuudoota hunda birattis kabajamuu dha; ergamaan Waaqaa qulqulluun tokko akka inni mana isaatti si waamsisee waan ati jettu dhagaʼuuf isatti dubbate.”
23 Niki Bitrus a yoba ri ye niwu. Niwa ble nhran, a lu huba, baba mri vayi bari wa ba ka ngo ni bawu hi ni Joppa.
Phexrosis namoota sana manatti ol galchee keessumsiise. Guyyaa itti aanutti Phexros kaʼee isaan wajjin deeme; obboloonni tokko tokkos Yoopheedhaa kaʼanii isa wajjin deeman.
24 Nivi wa a hukima, ba ye ri ni Caesarea. Cornelius a sia gbanba, ana yo mlama baba kpukpan bi weiweire du ba ye zon tu ki.
Isaanis guyyaa itti aanu Qiisaariyaatti galan; Qorneelewoosis firoota isaatii fi michoota isaa warra isatti dhiʼaatan walitti waamee isaan eegaa ture.
25 A he niwa Bitrus a ri'a, Cornelius a rju ye too nda kri kukru ni gbarhu ma ni meme nda ni nzuhon.
Akkuma Phexros mana seeneen Qorneelewoos isa simatee isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irratti kufe.
26 Ama Bitrus a tiwo nzu lu nda tre ndi, “Lunde kri! Mi ndji too wu.”
Phexros garuu, “Kaʼi! Anis namumaatii” jedhee ol isa qabe.
27 Niwa Bitrus si tre niwu, a ri hi ka to ndji gbugbuwu ba zontu ki si gben.
Phexrosis isa wajjin dudubbachaa mana seenee namoota walitti qabaman hedduu arge.
28 A tre niba ndi, “Biyi me bita ndi ana he nitu nkon du ndji wu Yahudawa du zontu nitu kpe mba du zren tsri hini bi kora na. Ama Irji tsro me ndi du mina yo ndrjo ndi a vu meme rjhi wa a kpaa ti meme wawu na.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Akka Yihuudiin tokko nama ormaa wajjin tokkummaa qabaachuu fi itti dhiʼaachuun seera keenya hin taʼin isin mataan keessan iyyuu beektu; garuu Waaqni akka ani nama tokkoonuu jibbamaa yookaan xuraaʼaa hin jenne natti argisiiseera.
29 Kimayi sa dume grji ye hamma ni sen nyu, niwa wu ton ba ye yome'a, zizan mi myeu, a ngye du wu yome?”
Kanaaf yommuu isin nama natti ergitanitti ani mormii tokko malee dhufe; egaa waan isin na waamtaniif beekuu nan barbaada.”
30 Cornelius a tre ndi, ivi nza wa ki kaba yo gon ye ni ton towa, mi sia bre Irji ni nton wu tiya ni komu, mle mi toh ndji ri a wrhu kri ni shishi mu, ni nklon ma wa asia zan.
Qorneelewoosis akkana jedhee deebise: “Bultii afuriin dura, saʼaatiidhuma kanatti, ani saʼaatii sagalitti mana kootti kadhachaan ture. Akkuma tasaa namichi wayyaa adii qaanqee uffatu tokko na dura dhaabatee
31 A hla nimu ndi, Cornelius, Irji wo bre me, e sadaka me a du Rji tika niwuu.
akkana jedhe; ‘Yaa Qorneelewoos, Waaqni kadhannaa kee dhagaʼeera; kennaa ati hiyyeeyyiif kennitus yaadateera.
32 Nikima, ton ndji ri hi ni Joppa, nda hi yo ndji wa ba yo ndema ndi Sima, wa ba yoo Bitrus. A ni son ni ko ndji wu tindu ntan wa ba yondi Siman, weiweire ni kpa teku'a. / Chiche vunvu bi sen bari ba sa nha ndi / Anita ye, a ni tre niwu./
Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi. Inni mana Simoon namicha gogaa duugu kan qarqara galaanaa jiraatu sanaa jira.’
33 Mle, hama ni ti ngri, mi ton ba ka yo. Abi wa wuye'a zizan, wawu umbu khiki ni shishi Irji ni duta wo wawu kpe wa Bachi ton du ye hla tawu'a,” /Hamma ni tre ndi / Bachi a tru du ye tre / chiche vunvu bi sen bari ba yondi / Irji a tru du ye hla ndi /.
Kanaaf ani yeruma sana nama ergeen si waamsise; atis baga dhufte. Egaa nu hundinuu waan akka ati nutti himtu Gooftaan si ajaje hunda dhagaʼuuf jennee as fuula Waaqaa dura jirra.”
34 Niki Bitrus a bwu nyu ma nda tre ndi, Njanji, miti too ndi Irji na chutinkan na.
Phexrosis akkana jedhee dubbachuu jalqabe; “Ani amma akka Waaqni nama Wal hin caalchifne dhugumaan nan hubadha.
35 Nitu ki, ni gbungblu wa konha rhi, ndji wa ani ti sissri ma nda ni hu nkon tsatsra ndindi, ani kpaw.
Garuu saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi namni waan qajeelaa hojjetu kam iyyuu fuula isaa duratti fudhatamaa dha.
36 Bi to tre ma wa a ton hi ni ndji bi Israila, niwa a bwu hla ndindi tre nitu son pian wa a ye zu ni Yesu Kristi, wandi wawu yi hi Bachi nitu ko nha -
Isin ergaa Waaqni karaa Yesuus Kiristoosiin nagaa labsuudhaan saba Israaʼelitti erge sana beektu; Yesuus Kiristoos kun Gooftaa waan hundaa ti.
37 biyi kimbi bi toh kpi wa ba zren kagon Judiya wawu, rhi ni Galili wa a hu gon batisma wa Yohana a guchi bwu tsro;
Isin waan Cuuphaa Yohannis lallabee booddee Galiilaadhaa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti taʼe sana ni beektu.
38 ikpe wa a zren nitu Yesu ba Nazaret, niwa Irji a chu tinka ni lulu Ruhu Tsatsra mba gbengble. A zren si ti kpi bi ndindi nda ni nu sikpa ni biwa brjhi a vu ba lo'a, nitu Irji a he niwu.
Kunis akka Waaqni Yesuus nama Naazreeti sana Hafuura Qulqulluu fi humnaan dibee fi akka Yesuus waan gaarii hojjechaa fi warra humna diiyaabiloos jala turan fayyisaa biyya hunda keessa nanaannaʼee dha; Waaqni isa wajjin tureetii.
39 Ki biwa ki to zren kpi biyi ni shishi mbu, kpi wa Yesu ati, ni gbungblu Yahudawa mba ni Urushelima. Ba klo wuu ni tu kunkro,
“Nus waan inni biyya Yihuudootaatii fi Yerusaalem keessatti hojjete hundaaf dhuga baatota. Isaanis fannoo irratti fannisanii isa ajjeesan.
40 ama Irji a nzulu ni vi wu tra nda du ba toou,
Waaqni immoo guyyaa sadaffaatti warra duʼan keessaa isa kaase; akka inni namatti mulʼatus godhe.
41 ana ndji wawu na, ama ni biwa Irji ana mla guchi chu ni mi biwa bana toh ni shishi mba, ni mi mbu wa ki ri ni so niwu, hu lunde ni qu.
Inni nama hundatti hin mulʼanne; garuu nu dhuga baatota Waaqni duraan dursee filatettii fi erga inni warra duʼan keessaa kaʼee booddee isa wajjin nyaannee dhugnetti mulʼate.
42 A yo tre gbangban ni tawu ni du ta dbu hla ni ndji ni mla hla ndi wawuyi Irji chuu du ga tre ni bi vri mba biwa ba qu ye.
Innis akka nu namootatti lallabnuu fi akka inni nama Waaqni warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa murtii godhee muude taʼe akka dhugaa baanuuf nu ajaje.
43 Ahi ni wawuhi, anabi wawu ba vu bla, ni du ko nha wa a kpanyeme niwu ani kpa wruhle latre ma ni nde Ma.”
Raajonni hundinuu akka namni isatti amanu hundi maqaa isaatiin dhiifama cubbuu argatu waaʼee isaa dhugaa baʼu.”
44 Niwa Bitrus a risi tre kpi biyi, Ruhu Tsatsra a ku nhi tu wawumba, wa basia sren ton ni tre ma.
Utuma Phexros amma illee waan kana dubbachaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun warra dubbii sana dhagaʼaa turan hunda irra buʼe.
45 Ndji biwa bana he ni igrjhi bi hanbru ni mi bi wa kpanyme, wawu ndji wa ba hu gon Bitrus ye'a, ba bwu nyu yo hwo, nitu wa ruhu Tsatsra a ku kra nitu bi kora ngame.
Amantoonni dhagna qabatan kanneen Phexros wajjin dhufan sun waan kennaan Hafuura Qulqulluu Namoota Ormaa irrati illee dhangalaʼeef ni dinqifatan;
46 Ba wo bi kora ba basia tre ni lmen kanka nda ni nzu nde Irji hon. Niki, Bitrus a kma sa ndi,
isaan jaraa afaan haaraa dubbatanii fi Waaqas jajatan dhagaʼaniiruutii. Phexrosis akkana jedhe;
47 “A nha ni zu du ndji biyi du ba kpa batisma wu ma, ndji biyi wa ba kpa Ruhu Tsatsra ye too kita ngame'a?
“Akka namoonni akkuma keenya Hafuura Qulqulluu argatan kunneen hin cuuphamneef namni bishaan dhowwachuu dandaʼu eenyu?”
48 Mle a yo tre ni gbangban nitu duba ti batisma ni bawu ni nde Yesu Kristi. Hu kima, ba bre du son wu vi fon bran ni ba.
Innis akka isaan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphaman ajaje; isaanis akka Phexros bultii xinnoo isaan bira turuuf isa kadhatan.