< 1 Korinthians 9 >

1 Ime mena son bi na? Ime mena wu whu Rji na? Ime mena to Yesu Irji mbu na? Ana biyi bi tindu ni me ni blater Rji na?
Ani bilisa mitii? Ani ergamaa mitii? Ani Gooftaa keenya Yesuusin hin arginee? Isin buʼaa hojii ani Gooftaaf hojjedhee mitii?
2 Idan me na wu blater Rji nibari na u me bla niyiwu, Biyi bi Zame ndi kapyeme nime nitabatar ni ndumu ni bla ter Rji.
Ani yoon warra kaaniif ergamaa taʼuu baadhe iyyuu isiniif dhugumaan ergamaa dha! Isin Gooftaadhaan chaappaa ergamtummaa koo ti.
3 Wayi yiter wa me Kle kpamu idan ndi ba tre nitu mu.
Deebiin ani warra na qoraniif kennu kana.
4 Kina hei yanci wa kiri ndi sou na?
Nu nyaachuu fi dhuguuf mirga hin qabnuu?
5 Kina hei ni yanci wa ki ba vayi mbu iwah, na wa ibru bi tundu Baci, ni mir vayi ni ndu Rji naba Kefas na?
Nu akkuma ergamoota kaanii, akkuma obboloota Gooftaatii fi akkuma Keefaa niitii amantu tokko of faana fudhannee deemuuf mirga hin qabnuu?
6 Biya kome ni Barnabas megye ki na hei ni iko u kambu ni ndu?
Yookaan anaa fi Barnaabaas qofatu hojii dhiisuuf mirga hin qabnee?
7 Anha ni ti ndu soja ni tuma ki mu? Anha ni ron biri ni woma da na rhi iya ma na? wu nha ni ho lando dana so u imasesan mba na?
Namni baasii ofii isaatiin loltuu taʼee tajaajilu eenyu? Namni iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabee ija isaa hin nyaanne eenyu? Namni bushaayee tiksaa aannan hin dhugne eenyu?
8 Biya me tre tre yi ni gbegble ter ndi mu? Bina to di doka me tre tokina?
Kanas ani akka taayitaa namaa qofaanan dubbadhaa? Seerris kanuma dubbata mitii?
9 U ni doka Musa a tre di na yau takunkumi ni wa ni mla biri tei na. A hi jiji lando wandi Irji ni kwa ha?
Seera Musee keessatti, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin” jedhamee barreeffameeraatii. Egaa Waaqni qotiyyoodhaaf yaaduu isaatii ree?
10 Ana si tre ni tumbu, indi na? ba han ta wu ndi indi u yoh sor, anife indi wa ase tat take hiri, wa wumw du tei ni suron riri anife.
Inni guutummaatti sababii keenyaaf dubbachuu isaa mitii? Eeyyee, kun sababii keenyaaf barreeffame; sababiin isaa inni qotu qotuun isaa, inni midhaan siribsiisus siribsiisuun isaa akka midhaan sana keessaa qooddatu abdachaa hojjechuu qaba.
11 U kita cu wu ru haniya ni yiwu ani kpe rigra ma duta girbi kpibi wu kpah ni yi?
Nu waan hafuuraa isin keessatti facaafnee yoo waan foonii isin irraa haammanne kun ni guddataa?
12 Indan bari ba te yana yi ni yi, kina zan ba na? Ama ki na miye yanci kina kita de ki vu suron ni koga don ki na kpa tre Bishara Kristi ti meme na zuta tendu Bishara Yesu Almasihu.
Erga warri kaan mirga gargaarsaa kana isin irraa qabaattanii, nu immoo kan caalu hin qabaannuu ree? Nu garuu mirga kanatti hin fayyadamne. Nu wangeela Kiristoositti gufuu taʼuu mannaa waanuma hunda obsuu qabna.
13 Bina to biwa ba tindu ni mi tar Rji ba fe hla ni sau mba ni kiyi na? Biwa basi tindu ni tra Rji ba hai ni rabo mba ni kpi biwa ba rhi ni myi hai kalin.
Isin akka warri mana qulqullummaa keessa wantoota qulqulluu irra tajaajilan nyaata isaanii mana qulqullummaa irraa argatan, akka warri iddoo aarsaa tajaajilan immoo waan iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamu irraa qooddatan hin beektanii?
14 Ana kiwi Rji tre bi tendu ni terma Bishara bari da sau ni tunko bishara.
Akkasuma immoo akka warri wangeela lallaban waan ittiin jiraatan wangeela irraa argatan Gooftaan ajajeera.
15 Ama ime mina miye yanci ri me na me na nah du ba ti kep ni muna; croma du me kwuu ni du indi hana ni me ni bubu grie ni tu kpe u bi yi.
Ani garuu mirga kana keessaa tokkotti illee hin fayyadamne. Kanas isiniif barreessuun koo waan akkasii naa gootu jedhee abdadhee miti. Namni tokko waan ani ittiin of jaju kana na jalaa busheessuu mannaa ani duʼuu naa wayya!
16 Indan me bla tre bishara me ha hei ni kpe wu wurwo ni suron na a hei nimu hello du me ti ndu ki. Ani meme ni idan me na bla tre Bishara
Ani yoon wangeela lallabe of jajuu hin dandaʼu; lallabuun dirqama kootii. Yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf wayyoo!
17 Meta tei wayi ni suron mu riri, me kpa kpe wa Irji a zinimu u bima. Ama hle ta na ti ni suron riri na. u me rhi he ni nauwaya nitu mu.
Ani yoon fedhii kootiin lallabe badhaasa qaba; yoon fedhii kootiin hin taʼin garuu ani imaanaadhuma natti kenname sana raawwachuu koo ti.
18 Wagye a rabo mu? U meta bla tre Rji me ya ni no Bishara nina kpa gbe wa a hi yancu mu ni ti bishara na.
Yoos badhaasni koo maali ree? Badhaasni koo, lallaba koo keessatti ani mirga wangeelaan qabutti guutuumaan guutuutti utuu hin fayyadamin kaffaltii malee wangeela lallabuu koo ti.
19 Ko da ike iwo mu na sa kpe na mi kati grah ni ndi don mi ndi gbron gbuglu wu ye ni Rji.
Ani nama hunda irraa bilisa taʼu iyyuu nama gara caaluuf buʼaa buusuuf jedhee nama hundaaf of garboomse.
20 Ni Yahudawa, me k'mati bayabude, don ndi gbi yahuda. Ni bi wa ba hei ni zha bi blah ter, do kpa me, mi hei ni mi mba meni gbi wa ba hei ni zha bi blah tre me ti na ki ko da shike mi na hei ni bi blah tre na.
Ani Yihuudootaaf buʼaa buusuuf jedhee Yihuudootaaf akka Yihuudii nan taʼe. Yoon ofii kootii seera jala jiraachuu baadhe iyyuu, warra seera jala jiraniif buʼaa buusuuf jedhee akka nama seera jala jiruu nan taʼe.
21 Bi wa bana hei ni karkashi sharia na ime me k'ma hei na bi wa ba na he ni shari'a na ko shike me na hamma ni shiriya u Rji na Du naki me hei karkashi doka Rji me ti naki me ndi kpadi bi wa ba na he mi sharia na.
Ani utuun seera Waaqaatiin ala hin taʼin, garuu utuman seera Kiristoos jala jiruu, warra seera hin qabneef buʼaa buusuuf jedhee warra seera hin qabneef akka nama seera hin qabneen taʼe.
22 Ni biwa bana hei ni gbegble na, me hei naki niba don me gbro bi hama ne gbengblen.
Ani warra dadhaboof buʼaa buusuuf jedhee warra dadhaboo biratti dadhabaan taʼe. Ani karaa dandaʼamu hundaan namoota tokko tokko fayyisuuf jedhee nama hunda biratti waanuma hunda nan taʼe.
23 Me tei kogye don bishara me ndi yoh woh ni min biwa ba kiti ndu don me ndi kpa albarka game.
Akkan wangeela keessatti hirmaadhuufis sababii wangeelaatiif jedhee waan kana hunda nan hojjedha.
24 Bina to ndi indi gbugbu u bari ni gasa tsutsu, u bi waba tsutsu a, indi riri ni kpah sakamaka na?
Dorgommii fiigichaa keessatti akka warri fiigan hundinuu dorgoman, garuu akka namni tokko qofti badhaasa argatu hin beektanii? Isinis akkasuma akka badhaasa argattaniif fiigaa!
25 Indi u tsutsu ani mla kpama ti naki dafe gbegble kpama du hyi gyegyer. Ba tei naki du ba kpakpe wa ni ti meme wu bi gasa tsutsu bati nda kpa kpe wa ni kri ko'b ana wu te meme na.
Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona.
26 Anayi me tsutsu na me na he ni manufei na, yada me ti dambe an a kama me ndi da si tsi ni gwugwu na.
Kanaafuu ani akka nama kaayyoo malee fiiguutti hin fiigu; akka nama qilleensa rukutuutti hin lolu.
27 Me mean ni kpa mu ti u yah, na mi gra don idan me bla tre Rji ni bari ime tumu mika na ti meme na.
Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.

< 1 Korinthians 9 >