< ܓܠܛܝ̈ܐ 2 >
ܬܘܒ ܕܝܢ ܡܢ ܒܬܪ ܐܪܒܥܤܪܐ ܫܢܝܢ ܤܠܩܬ ܠܐܘܪܫܠܡ ܥܡ ܒܪܢܒܐ ܘܕܒܪܬ ܥܡܝ ܠܛܛܘܤ | 1 |
Ani waggaa kudha afur booddee deebiʼee Yerusaalemitti ol baʼe; ani yeroo kana Barnaabaas wajjinin ture. Tiitoo illee of duukaa fudhadhee dhaqe.
ܤܠܩܬ ܕܝܢ ܒܓܠܝܢܐ ܘܓܠܝܬ ܠܗܘܢ ܤܒܪܬܐ ܕܡܟܪܙ ܐܢܐ ܒܥܡܡܐ ܘܚܘܝܬܗ ܠܐܝܠܝܢ ܕܡܤܬܒܪܝܢ ܗܘܘ ܕܡܕܡ ܐܝܬܝܗܘܢ ܒܝܢܝ ܘܠܗܘܢ ܕܡ ܤܪܝܩܐܝܬ ܪܗܛܬ ܐܘ ܪܗܛ ܐܢܐ | 2 |
Ani mulʼataanin ol baʼe; wangeela Namoota Ormaa gidduutti lallabus isaaniif nan ibse. Kanas akka fiigichi koo kan duraa, kan ammaas akkasumaan hin hafne waan sodaadheef kophaatti warra dura buʼoota fakkaatanittin hime.
ܐܦ ܛܛܘܤ ܕܥܡܝ ܕܐܪܡܝܐ ܗܘܐ ܠܐ ܐܬܐܢܤ ܕܢܓܙܘܪ | 3 |
Garuu Tiitoon inni ana wajjin ture iyyuu utuma nama Giriik taʼee jiruu akka dhagna qabatu hin dirqisiifamne.
ܡܛܠ ܕܝܢ ܐܚܐ ܕܓܠܐ ܕܥܠܘ ܥܠܝܢ ܕܢܓܫܘܢ ܚܐܪܘܬܐ ܕܐܝܬ ܠܢ ܒܝܫܘܥ ܡܫܝܚܐ ܐܝܟܢܐ ܕܢܫܥܒܕܘܢܢܝ | 4 |
Kunis sababii obboloota sobaa tokko tokko bilisummaa nu karaa Kiristoos Yesuusiin arganne basaasuu fi nu garboomfachuuf dhokatanii nu gidduu galaniif taʼe.
ܐܦܠܐ ܡܠܐ ܫܥܐ ܐܬܪܡܝܢ ܠܫܘܥܒܕܗܘܢ ܕܫܪܪܗ ܕܤܒܪܬܐ ܢܩܘܐ ܠܘܬܟܘܢ | 5 |
Nus akka dhugaan wangeelaa isin bira jiraatuuf jennee battala tokkoof illee isaaniif hin ajajamne.
ܗܢܘܢ ܕܝܢ ܕܡܤܬܒܪܝܢ ܕܐܝܬܝܗܘܢ ܡܕܡ ܡܢ ܕܝܢ ܐܝܬܝܗܘܢ ܠܐ ܒܛܝܠ ܠܝ ܐܠܗܐ ܓܝܪ ܒܐܦܝ ܒܢܝܢܫܐ ܠܐ ܢܤܒ ܗܢܘܢ ܕܝܢ ܗܠܝܢ ܡܕܡ ܠܐ ܐܘܤܦܘ ܠܝ | 6 |
Waaʼeen warra gurguddaa fakkaatan sanaa yoo isaan waanuma fedhan taʼan iyyuu anaaf homaa miti; Waaqni fuula namaa ilaalee nama wal hin caalchisu; namoonni kunneen ergaa koo irratti waan tokko hin daballe.
ܐܠܐ ܐܚܪܢܝܐܝܬ ܚܙܘ ܓܝܪ ܕܐܬܗܝܡܢܬ ܤܒܪܬܐ ܕܥܘܪܠܘܬܐ ܐܝܟ ܕܐܬܗܝܡܢ ܟܐܦܐ ܒܓܙܘܪܬܐ | 7 |
Karaa kaaniin immoo isaan akkuma Phexros warra dhagna qabatanitti wangeela lallabuuf imaanaan itti kenname sana, anis akka warra dhagna hin qabannetti wangeela lallabuuf imaanaan natti kenname argan.
ܗܘ ܓܝܪ ܕܚܦܛ ܠܟܐܦܐ ܒܫܠܝܚܘܬܐ ܕܓܙܘܪܬܐ ܚܦܛ ܐܦ ܠܝ ܒܫܠܝܚܘܬܐ ܕܥܡܡܐ | 8 |
Waaqni akka Phexros ergamaa taʼee warra dhagna qabatan tajaajilu hojjete sun akka anis ergamaa taʼee Namoota Ormaa tajaajilu hojjeteeraatii.
ܘܟܕ ܝܕܥܘ ܛܝܒܘܬܐ ܕܐܬܝܗܒܬ ܠܝ ܝܥܩܘܒ ܘܟܐܦܐ ܘܝܘܚܢܢ ܗܢܘܢ ܕܡܤܬܒܪܝܢ ܗܘܘ ܕܐܝܬܝܗܘܢ ܥܡܘܕܐ ܝܡܝܢܐ ܕܫܘܬܦܘܬܐ ܝܗܒܘ ܠܝ ܘܠܒܪܢܒܐ ܕܚܢܢ ܒܥܡܡܐ ܘܗܢܘܢ ܒܓܙܘܪܬܐ | 9 |
Yaaqoob, Keefaa fi Yohannis warri akka “Utubaatti” ilaalaman sun yommuu ayyaana naa kenname hubatanitti anaa fi Barnaabaasiif harka mirgaa kan tokkummaa kennanii akka nu gara Namoota Ormaa deemnu, isaan immoo akka gara warra dhagna qabatanii dhaqan walii galan.
ܒܠܚܘܕ ܕܠܡܤܟܢܐ ܗܘܝܢ ܥܗܕܝܢܢ ܘܐܬܒܛܠ ܠܝ ܕܗܝ ܗܕܐ ܐܥܒܕܝܗ | 10 |
Wanni isaan nu kadhatanis akka nu hiyyeeyyii yaadannu qofa ture; kun immoo waanuma ani gochuuf hawwaa turee dha.
ܟܕ ܐܬܐ ܕܝܢ ܟܐܦܐ ܠܐܢܛܝܘܟܝ ܒܐܦܘܗܝ ܐܟܤܬܗ ܡܛܠ ܕܡܬܬܩܠܝܢ ܗܘܘ ܒܗ | 11 |
Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme.
ܕܥܕܠܐ ܢܐܬܘܢ ܐܢܫܐ ܡܢ ܠܘܬ ܝܥܩܘܒ ܥܡ ܥܡܡܐ ܐܟܠ ܗܘܐ ܟܕ ܐܬܘ ܕܝܢ ܢܓܕ ܗܘܐ ܢܦܫܗ ܘܦܪܫ ܡܛܠ ܕܕܚܠ ܗܘܐ ܡܢ ܗܢܘܢ ܕܡܢ ܓܙܘܪܬܐ | 12 |
Utuu jarri tokko Yaaqoob biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe.
ܘܐܬܪܡܝܘ ܗܘܘ ܥܡܗ ܠܗܕܐ ܐܦ ܫܪܟܐ ܕܝܗܘܕܝܐ ܗܟܢܐ ܕܐܦ ܒܪܢܒܐ ܐܬܕܒܪ ܗܘܐ ܠܡܤܒ ܒܐܦܝܗܘܢ | 13 |
Yihuudoonni kaanis itti fakkeessummaa isaa duukaa buʼan; Barnaabaas iyyuu itti fakkeessummaa isaaniitiin dogoggorfamee ture.
ܘܟܕ ܚܙܝܬ ܕܠܐ ܐܙܠܝܢ ܬܪܝܨܐܝܬ ܒܫܪܪܗ ܕܐܘܢܓܠܝܘܢ ܐܡܪܬ ܠܟܐܦܐ ܠܥܝܢ ܟܠܗܘܢ ܐܢ ܐܢܬ ܕܝܗܘܕܝܐ ܐܢܬ ܐܪܡܐܝܬ ܚܝܐ ܐܢܬ ܘܠܐ ܝܗܘܕܐܝܬ ܐܝܟܢܐ ܐܠܨ ܐܢܬ ܠܥܡܡܐ ܕܝܗܘܕܐܝܬ ܢܚܘܢ | 14 |
Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa wangeelaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; “Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree?
ܚܢܢ ܓܝܪ ܕܡܢ ܟܝܢܢ ܝܗܘܕܝܐ ܚܢܢ ܘܠܐ ܗܘܝܢ ܡܢ ܥܡܡܐ ܚܛܝܐ | 15 |
“Nu dhalootaan Yihuudoota malee Namoota Ormaa cubbamoota miti;
ܡܛܠ ܕܝܕܥܝܢܢ ܕܠܐ ܡܙܕܕܩ ܒܪܢܫܐ ܡܢ ܥܒܕܐ ܕܢܡܘܤܐ ܐܠܐ ܒܗܝܡܢܘܬܐ ܕܝܫܘܥ ܡܫܝܚܐ ܐܦ ܚܢܢ ܒܗ ܒܝܫܘܥ ܡܫܝܚܐ ܗܝܡܢܢ ܕܡܢ ܗܝܡܢܘܬܗ ܕܡܫܝܚܐ ܢܙܕܕܩ ܘܠܐ ܡܢ ܥܒܕܐ ܕܢܡܘܤܐ ܡܛܠ ܕܡܢ ܥܒܕܐ ܕܢܡܘܤܐ ܠܐ ܡܙܕܕܩ ܟܠ ܒܤܪ | 16 |
namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.
ܐܢ ܕܝܢ ܟܕ ܒܥܝܢܢ ܕܢܙܕܕܩ ܒܡܫܝܚܐ ܐܫܬܟܚܢ ܠܢ ܐܦ ܚܢܢ ܚܛܝܐ ܡܕܝܢ ܝܫܘܥ ܡܫܝܚܐ ܡܫܡܫܢܐ ܗܘ ܕܚܛܝܬܐ ܚܤ | 17 |
“Egaa nu utuu karaa Kiristoosiin qajeeltota taasifamuu barbaannuu nu mataan keenya iyyuu cubbamoota taanee yoo argamnee Kiristoos tajaajilaa cubbuuti jechuudhaa ree? Kun gonkumaa akkas miti!
ܐܢ ܓܝܪ ܠܐܝܠܝܢ ܕܤܬܪܬ ܬܘܒ ܠܗܝܢ ܒܢܐ ܐܢܐ ܚܘܝܬ ܥܠ ܢܦܫܝ ܕܥܒܪ ܥܠ ܦܘܩܕܢܐ ܐܢܐ | 18 |
Ani yoon waanan diige deebisee ijaare akkan seera cabsituu taʼen mirkaneessa.
ܐܢܐ ܓܝܪ ܒܢܡܘܤܐ ܠܢܡܘܤܐ ܡܝܬܬ ܕܠܐܠܗܐ ܐܚܐ | 19 |
“Ani akkan Waaqaaf jiraadhuuf, karaa seeraatiin seeraaf duʼeeraatii.
ܘܥܡ ܡܫܝܚܐ ܙܩܝܦ ܐܢܐ ܘܡܟܝܠ ܠܐ ܗܘܐ ܐܢܐ ܚܝ ܐܢܐ ܐܠܐ ܚܝ ܒܝ ܡܫܝܚܐ ܘܗܢܐ ܕܗܫܐ ܚܝ ܐܢܐ ܒܒܤܪ ܒܗܝܡܢܘܬܐ ܗܘ ܕܒܪܗ ܕܐܠܗܐ ܚܝ ܐܢܐ ܗܘ ܕܐܚܒܢ ܘܝܗܒ ܢܦܫܗ ܚܠܦܝܢ | 20 |
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
ܠܐ ܛܠܡ ܐܢܐ ܛܝܒܘܬܗ ܕܐܠܗܐ ܐܢ ܓܝܪ ܒܝܕ ܢܡܘܤܐ ܗܝ ܙܕܝܩܘܬܐ ܡܫܝܚܐ ܡܓܢ ܡܝܬ | 21 |
Ani ayyaana Waaqaa gatii hin dhabsiisu; utuu qajeelummaan karaa seeraatiin argamee Kiristoos akkanumaan duʼe jechuu dha kaa!”