< Sefania 3 >

1 Ole kwa mji ulioasi! Mji wenye vurugu umenajisiwa.
Magaalaa cunqursitootaa, finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo!
2 Haukuisikiliza sauti ya Mungu, wala haukupokea masahihisho kutoka kwa Yahwe. Hakumtumaini Yahwe na hatamkaribia Mungu wake.
Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu; sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu. Isheen Waaqayyoon hin amanattu; Waaqa isheettis hin dhiʼaattu.
3 Wafalme wao ni simba wanaounguruma miongoni mwao. Waamuzi wao ni mbwa mwitu wa jioni wasiobakiza kitu ambacho kitakuwa kimemung'unywa asubuhi yake.
Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha; bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaa kanneen waan tokko illee ganamaaf hin bulfannee dha.
4 Manabii wake wanakiburi na wanaume wasaliti. Makuhani wake wamepanajisi mahali patakatifu na wameifanyia vurugu sheria.
Raajonni ishee of tuultota; isaan namoota hin amanamnee dha. Luboonni ishee iddoo qulqulluu xureessanii seeras cabsu.
5 Yahwe ni mwenye haki miongoni mwao. Hawezi kufanya makosa. Kila asubuhi husimamia haki yake! Haitafichika nuruni, hata hivyo watu wasio wenye haki hawajui kuona aibu.
Waaqayyo inni ishee keessa jiru qajeelaa dha; inni dogoggora tokko illee hin hojjetu. Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna; guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu; jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.
6 Nimeyaharibu mataifa; ngome zao zimeharibiwa. Nimeifanya mitaa yao magofu, hivyo hakuna hata mmoja anayepitia kwake. Miji yao imeharibiwa kwa hiyo hakuna mtu anayeikaa.
“Ani saboota nan balleessa; daʼannoowwan isaanii diigamaniiru. Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreef ani daandiiwwan ishee onseera. Magaalaawwan isaanii onanii nama malee, duwwaa hafu.
7 Nikasema, 'Hakika mtaniogopa mimi. Pokeeni masahihisho na msikatiliwe mbali kutoka kwenye miji yenu kwa yote yale niliyokuwa nimeyapanga kuyafanya kwenu.' Lakini walikuwa na shauku kuanza kila siku kwa kuharibu matendo yao yote.
Ani magaalaa sanaan, ‘Ati dhugumaan na sodaatta; sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe. Ergasii iddoon jireenya ishee hin badu yookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu. Isaan garuu waan hojjetan hunda keessatti daba hojjechuutti ciman.
8 Kwa hiyo ningojeni - hili ni tamko la Yahwe - mpaka siku ambayo nitainuka kwa ajili ya waathirika. Uaamuzi wangu nikuwakusanya mataifa, kuzikusanya falme, na kumwaga juu yao hasira yangu, uchungu wangu wote mkali, hivyo nchi yote itamezwa kwa moto wa hasira yangu.
Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu” jedha Waaqayyo; “Ani sabootaa fi mootummoota walitti qabee dheekkamsa kootii fi aarii koo sodaachisaa sana hunda isaanitti dhangalaasuuf murteesseera. Addunyaan guutuun ibidda hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti.
9 Ndipo nitawapa midomo safi watu, kuwaita wote kwa jina la Bwana kunitumikia wakisimama bega kwa bega.
“Ergasii ani akka hundi isaanii maqaa Waaqayyoo waammataniif, akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis afaan namootaa nan qulqulleessa.
10 Kutoka ng'ambo ya mto Ethiopia waniabuduo - watu wangu waliotawanyika - wataleta dhabihu kwa sababu yangu.
Warri anaaf sagadan, intallan koo kanneen bittinnaaʼan lageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu.
11 Katika siku hiyo hamtawekwa kwenye woga kwa matendo yenu yote ambayo mmeyafanya dhidi yangu, tangu wakati ule nitaondoa kutoka kwenu wale waliosherehekea fahari yenu, na kwa sababu hamtakuwa na muda mrefu kufanya majivuno juu ya mlima wangu mtakatifu.
Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadan magaalaa kana keessaa baasuuf, gaafas yakka ati natti hojjette sana hundaaf salphinni sitti hin dhufu. Ati lammata gaara koo qulqulluu irratti of hin tuultu.
12 Lakini nitawaacha kama wa chini zaidi na watu masikini, na mtapata kimbilio katika jina la Yahwe.
Ani garuu garraamotaa fi gad of qabeeyyii kanneen maqaa Waaqayyoo amanatan si keessatti nan hambisa.
13 Mkazi wa Israeli si muda mrefu hatafanya udhalimu au kusema uongo, na hakuna ulimi wa udanganyifu utakaoonekana mdomoni mwao; hivyo watalisha na kulala chini, na hakuna hata mmoja atakayewafanya kuogopa.”
Hambaan Israaʼel yakka tokko illee hin hojjetan. Isaan soba hin dubbatan yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu. Isaan nyaatanii boqotu; kan isaan sodaachisus hin jiru.”
14 Imba, binti Sayuni! Piga kelele, Israeli. Ufurahi na kushangilia kwa moyo wako wote, binti wa Yerusalemu.
Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu; yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi! Yaa Intala Yerusaalem gammadiitii garaa kee guutuudhaan ililchi!
15 Yahwe ameiondoa hukumu yako; amewafukuzia mbali adui zako! Yahwe ni mfalme wa Israeli miongoni mwenu. Kamwe hamtamwogopa tena mwovu!
Waaqayyo adaba kee sirraa fuudheera; inni diinota kee sirraa deebiseera. Waaqayyo Mootiin Israaʼel, si wajjin jira; ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu.
16 Katika siku hizo watasema kwa Yerusalemi, “Usiogope, Sayuni. Usiiache mikono yako ilegee.
Isaan gaafas Yerusaalemiin akkana ni jedhu; “Yaa Xiyoon hin sodaatin; harki kees hin laafin.
17 Yahwe Mungu wako yuko katikati yenu, mwenye nguvu wa kuwaokoa. Atasherehekea juu yenu na kwa furaha atakuwa kimya juu yenu kwa upendo wake. Atakuwa na furaha juu yenu na atashangilia kwa furaha,
Waaqayyo Waaqni kee inni si wajjin jiru jabaa dha. Inni baayʼee sitti gammada; inni jaalala isaatiin si boqochiisa; faarfannaadhaanis sitti gammada.”
18 katika siku maalumu ya sherehe. Nitaondoa maafa kutoka kwenu; si muda mrefu hamtabeba aibu kwa ajili yake.
“Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditu sirraa nan fuudha; isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu.
19 Tazama, Niko tayari kuwashughulikia watesi wenu wote. Katika wakati ule, Nitawaokoa waliolemaa na kuwakusanya waliotupiliwa mbali. Nitawafanya kuwa sifa, na nitaibadilisha aibu yao iwe sifa katika dunia yote.
Ani yeroo sanatti warra si cunqursan hunda nan adaba; ani okkolaa nan baraara; warra gatamanis walitti nan qaba. Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessatti maqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf.
20 Katika wakati ule nitawaongoza; katika wakati ule nitawakusanya pamoja. Nitawafanya mataifa yote ya dunia kuwaheshimu na kuwasifu, wakati mtakapoona hivyo, Nitakuwa nimewarudisha”, asema Yahwe.
Ani yeroo sanatti walittin isin qaba; yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha. Ani yeroo utuma isin argitanuu boojuu keessan deebisutti saba lafaa hunda gidduutti ulfinaa fi maqaa isiniifin kenna” jedha Waaqayyo.

< Sefania 3 >