< Zekaria 6 >
1 Kisha nikageuka na kuinua macho na nikaona vibandawazi vinne vya farasi vikija kutoka kati ya milima miwili; na milima hiyo ilikuwa imetengenezwa kwa shaba.
Ani ammas ol nan milʼadhe; kunoo gaariiwwan afur kanneen gaarran lama jechuunis tulluuwwan naasii gidduu gad baʼan nan arge!
2 Kibandawazi cha kwanza kilikuwa na farasi wekundu, kibandawazi cha pili kilikuwa na farasi weusi,
Gaariin jalqabaa fardeen didiimoo, lammaffaan gugurraa,
3 kibandawazi cha tatu kilikuwa na farasi weupe, na kibandawazi cha nne kilikuwa na farasi wa kijivu.
sadaffaan adaadii, afuraffaan immoo farda daamaa qaba ture; isaan hundinuu jajjaboo turan.
4 Hivyo nikamwuliza malaika aliyesema nami, “Ni vitu gani hivi bwana wangu?”
Anis, “Yaa gooftaa ko, isaan kunneen maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
5 Malaika akajibu na kuniambia, “Hizi ni pepo nne za mbinguni zisimamazo mbele ya Bwana wa dunia yote.
Ergamaan Waaqayyoo sunis akkana jedhee naaf deebise; “Isaan kunneen hafuurota samii afran fuula Gooftaa lafa hundaa dura iddoo dhaabachaa turanii gad baʼanii dha.
6 Lenye farasi weusi linakwenda nchi ya kaskazini; farasi weupe wanakwenda nchi ya magharibi; na farasi wa kijivu wanakwenda nchi ya kusini.”
Kan fardeen gugurraa qabu gara biyya kaabaa deema; kan fardeen adaadii qabu gara biyya lixa biiftuu deema; kan fardeen daamaa qabu immoo gara biyya kibbaa deemaa.”
7 Farasi hawa wenye nguvu walitoka na wanatafuta kwenda na kuzunguka juu ya nchi, hivyo malaika akasema, “Nendeni na mzunguke juu ya nchi!” nao wakaenda juu ya dunia yote.
Fardeen jajjaboon sun yeroo gad baʼanitti guutummaa lafaa irra asii fi achi deemuu barbaadanii turan. Innis “Guutummaa lafaa irra deemaa!” jedheen. Kanaafuu isaan guutummaa lafaa irra deeman.
8 Kisha akaniita na kuniambia, “Tazama wale wanaokwenda nchi ya kaskazini, wataituliza roho yangu juu nchi hiyo.”
Ergasii inni na waamee, “Ilaali, warri gara biyya kaabaa deeman sun biyya kaabaatti Hafuura koo boqochiisaniiru” naan jedhe.
9 Hivyo neno la Yahwe likanijia kusema,
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
10 “Chukua sadaka kutoka kwa waliohamishwa - kutoka kwa Helidai, Tobiya na Yedaya - leo hii uende na kuipeleka katika nyumba ya Yosia mwana wa Zefania, aliyetoka Babeli.
“Boojiʼamtoota Baabilon irraa dhufan jechuunis Heldaayi, Xoobbiyaa fi Yedaaʼiyaa irraa meetii fi warqee fuudhi. Gaafasuma gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi.
11 Kisha uchukue fedha na dhahabu, ufanye taji na uivike katika kichwa cha Yoshua mwana wa Yehosadaki kuhani mkuu.
Meetii fi warqee sana fuudhiitii gonfoo tolchi; gonfoo sanas mataa Iyyaasuu lubicha ol aanaa ilma Yehoozaadaaq irra kaaʼi.
12 Ongea naye na useme, Yahwe wa majeshi asema hivi: Mtu huyu, jina lake Tawi! Naye atakuwa alipo na kisha atajenga hekalu la Yahwe!
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii itti himi: ‘Kunoo namichi maqaan isaa Damee jedhamu tokko as jira; innis damee baasee iddoo isaatii dagaagee dhaqee mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaara.
13 Ndiye atakayejenga hekalu la Yahwe naye atauinua utukufu wake; kisha ataketi na kutawala katika kiti chake cha enzi. Atakuwa kuhani juu ya kiti cha enzi na ufahamu wa amani utakuwa kati ya vyote viwili.
Namni mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaru isa; inni ulfina uffatee teessoo isaa irra taaʼee ni bulcha. Inni teessoo isaa irratti luba taʼa. Walii galteen nagaas isaan lamaan gidduu ni jiraata.’
14 Taji itawekwa hekaluni mwa Yahwe kwa heshima ya Heldai, Tobiya na Yedaya na kama kumbukumbu ya ukarimu wa mwana wa Zefania.
Gonfoon sunis yaadannoo Heelem, Xoobbiyaa, Yedaaʼiyaatii fi Heeni ilma Sefaaniyaa tiif mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ni kaaʼama.
15 Ndipo waliombali watakapokuja na kulijenga hekalu la Yahwe, hivyo mtajua kuwa Yahwe wa majeshi amenituma kwenu; kwani ikiwa kweli mnaisikiliza sauti ya Yahwe Mungu wenu hili litatendeka!”
Warri fagoo jiraatan dhufanii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqayyoo ni gargaaru; isinis akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu. Yoo isin akka gaarii Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamtan wanni kun ni taʼa.”