< Warumi 1 >
1 Paulo, mtumishi wa Yesu Kristo, aliyeitwa kuwa mtume, na kutengwa kwa ajili ya Injili ya Mungu.
Phaawulos tajaajilaa Kiristoos Yesuus, kan ergamaa taʼuuf waamamee fi akka wangeela Waaqaa lallabuuf addaan baafame irraa:
2 Hii ndio ile Injili aliyoiahidi zamani kupitia manabii wake katika maandiko matakatifu.
Wangeelli kunis kan Waaqni duraan dursee karaa raajota isaatiin Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti waadaa galee dha.
3 Ni kuhusu Mwana wake, aliyezaliwa kutoka ukoo wa Daudi kwa jinsi ya mwili.
Wangeelichis waaʼee ilma isaa kan akka namummaatti sanyii Daawit irraa dhalatee,
4 Yeye alitangazwa kwa Mwana wa Mungu kwa nguvu ya Roho ya utakatifu kwa ufufuo wa wafu, Yesu Kristo Bwana wetu.
akka Hafuura qulqullummaatti immoo warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin Ilma Waaqaa humna qabeessa taʼuun isaa labsamee dha; innis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos.
5 Kupitia yeye tumepokea neema na utume kwa utii wa imani kati ya mataifa yote, kwa ajili ya jina lake.
Nus karaa isaatiin, maqaa isaatiif jecha ormoota hunda keessaa akka gara ajajamuu amantii irraa dhufuutti namoota waamnuuf ayyaanaa fi ergamtummaa arganneerra.
6 Kati ya mataifa haya, ninyi pia mmeitwa kuwa wa Yesu Kristo.
Isinis warra akka kan Yesuus Kiristoos taʼaniif waamaman sana keessa jirtu.
7 Barua hii ni kwa wote walioko Rumi, wapendwao na Mungu, walioitwa kuwa watu watakatifu. Neema na iwe kwenu, na amani kutoka kwa Mungu Baba yetu na Bwana Yesu Kristo.
Warra Waaqaan jaallatamtanii qulqulloota taʼuuf waamamtan kanneen Roomaa jirtan hundaaf: Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
8 Kwanza, namshukuru Mungu wangu katika Yesu Kristo kwa ajili yenu nyote, kwa sababu imani yenu inahubiriwa katika dunia nzima.
Sababii amantiin keessan guutummaa addunyaa irratti odeeffamaa jiruuf, ani duraan dursee waaʼee hunda keessaniitiif karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa koo nan galateeffadha.
9 Kwa maana Mungu ni shahidi wangu, ambaye ninamtumikia kwa roho yangu katika injili ya Mwana wake, jinsi ninavyodumu katika kuwataja.
Akka ani kadhannaa koo keessatti utuu wal irraa hin kutin isin yaadadhu Waaqni ani wangeela Ilma isaa lallabuudhaan hafuura kootiin isa tajaajilu sun dhuga baatuu koo ti;
10 Daima naomba katika sala zangu kwamba kwa njia yoyote nipate mwishowe kuwa na mafanikio sasa kwa mapenzi ya Mungu katika kuja kwenu.
ani akka ammas dhuma irratti gara keessan dhufuuf fedhii Waaqaatiin karaan naa banamu nan kadhadha.
11 Maana natamani kuwaona, ili nipate kuwapa ninyi baadhi ya karama za rohoni, nipate kuwaimarisha.
Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa;
12 Yaani, natazamia kutiwa moyo pamoja nanyi, kwa njia ya imani ya kila mmoja wetu, yenu na yangu.
kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf.
13 Sasa ndugu, sitaki mkose kufahamu kwamba, mara nyingi nimekusudia kuja kwenu, lakini nimezuiliwa mpaka sasa. Nilitaka hivi ili kuwa na matunda kwenu kama ilivyo pia miongoni mwa watu wa mataifa.
Yaa obboloota ko, ani akkuma Namoota Ormaa kaan keessatti ija qabaadhe sana isin keessattis akkasuma akkan qabaadhuuf yeroo baayʼee gara keessan dhufuu yaadaa turuu ko, garuu hamma ammaatti dhowwamuu koo akka isin beekuu dhabdan hin barbaadu.
14 Nadaiwa na Wayunani na wageni pia, werevu na wajinga.
Ani namoota Giriikii fi warra nama Giriik hin taʼiniif, beektotaa fi wallaaltotaaf gatii of irraa nan qaba.
15 Kwa hiyo, kwa upande wangu, mimi niko tayari kutangaza injili kwenu pia ninyi mlio huko Roma.
Sababiin ani isin warra Roomaa jirtanittis wangeela lallabuuf akka malee hawwuuf kanuma.
16 Kwa maana siionei haya injili, kwa kuwa ni uweza wa Mungu uletao wokovu kwa kila aaminiye, kwa Myahudi kwanza na kwa Myunani pia.
Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
17 Kwa maana haki ya Mungu imedhihirishwa kutoka imani hata imani, kama ilivyo andikwa, “Mwenye haki ataishi kwa imani.”
Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha.
18 Maana ghadhabu ya Mungu imedhihirishwa kutoka mbinguni dhidi ya uasi na uovu wote wa watu, ambao kwa njia ya udhalimu huificha kweli.
Dheekkamsi Waaqaa, Waaqa malee jiraachuu fi hammina namootaa hunda irratti samii irraa ni mulʼata; namoonni kunneen hammina isaaniitiin dhugaa ukkaamsu;
19 Hii ni kwa sababu, yote yanayoweza kujulikana juu ya Mungu ni wazi kwao. Maana Mungu amewafahamisha.
kunis sababii wanni waaʼee Waaqaa beekamuu malu isaaniif ifa taʼeef; Waaqni isaaniif ibseeraatii.
20 Maana mambo yake yasioonekana vizuri yamekuwa wazi tangu kuumbwa kwa ulimwengu. Yanaeleweka kupitia vitu vilivyoumbwa. Mambo haya ni uwezo wake wa milele na asili ya uungu. Matokeo yake, watu hawa hawana udhuru. (aïdios )
Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban. (aïdios )
21 Hii ni kwa sababu, ingawa walijua kuhusu Mungu, hawakumtukuza yeye kama Mungu, wala hawakumpa shukrani. Badala yake, wamekuwa wapumbavu katika mawazo yao, na mioyo yao yenye ujinga ilitiwa giza.
Isaan yoo Waaqa beekan illee akka waaqummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe.
22 Walijiita kuwa ni werevu, lakini wakawa wajinga.
Isaan yoo ogeeyyii ofiin jedhan iyyuu gowwoota taʼan;
23 Waliubadili utukufu wa Mungu asie na uharibifu kwa mfano wa sura ya binadamu aliye na uharibifu, na ya ndege, ya wanyama wenye miguu minne, na ya viumbe vitambaavyo.
ulfina Waaqa hin duunees nama duʼutti, simbiratti, horii miilla afuriitti akkasumas uumamawwan lafa irra looʼanitti fakkeessuudhaan geeddaran.
24 Kwa hiyo Mungu aliwaacha wafuate tamaa za mioyo yao kwa uchafu, kwa miili yao kufedheheshwa baina yao.
Kanaafuu Waaqni akka isaan dhagna walii isaanii salphisaniif hawwii garaa isaanii hamaadhaan dabarsee xuraaʼummaatti isaan kenne.
25 Ni wao walioibadili kweli ya Mungu kuwa uongo, na ambao waliabudu na kutumikia viumbe badala ya Muumbaji, ambaye anasifiwa milele. Amina. (aiōn )
Isaanis dhugaa Waaqaa sobatti geeddaran; Uumaa dhiisanii uumama waaqeffatan; ni tajaajilanis. Uumaan bara baraan eebbifamaa dha. Ameen. (aiōn )
26 Kwa sababu hii, Mungu aliwaacha wafuate tamaa zao za aibu, kwa kuwa wanawake wao walibadilisha matumizi yao ya asili kwa kile kilicho kinyume na asili.
Sababii kanaaf Waaqni dabarsee hawwii jibbisiisaatti isaan kenne. Dubartoonni isaaniis karaa ittiin fedhii fooniitiif dhiira wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii, gara isa uumamaan isaaniif hin kennaminitti geeddaran.
27 Hali kadhalika, wanaume pia wakaacha matumizi yao ya asili kwa wanawake na kuwakwa na tamaa dhidi yao wenyewe. Hawa walikuwa wanaume ambao walifanya na wanaume wenzao yasiyo wapasa, na ambao walipokea adhabu iliyostahili upotovu wao.
Warri dhiiraas akkasuma karaa ittiin fedhii fooniitiif dubartoota wajjin wal bira gaʼan isa uumamaan kennameef dhiisanii kajeellaa walii isaaniitiin gubatan. Warri dhiiraa, dhiira biraa wajjin gocha jibbisiisaa raawwatan; dogoggora isaanii kanaafis adaba isaaniif malu ofuma isaaniitiin fudhatan.
28 Kwa sababu walikataa kuwa na Mungu katika fahamu zao, aliwaacha wafuate akili zao zisizofaa, wafanye mambo yale yasiyofaa.
Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne.
29 Wamejawa na udhalimu wote, uovu, tamaa na ubaya. Wamejawa na wivu, uuaji, ugomvi, udanganyifu, na nia mbaya.
Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota,
30 Wao pia ni wasengenyaji, wasingiziaji, na wenye kumchukia Mungu. Wenye vurugu, kiburi, na majivuno. Wao ni watunga mabaya, na wasiotii wazazi wao.
warra maqaa nama balleessan, warra Waaqa jibban, warra nama arrabsan, warra of jajanii fi warra of tuulanii dha; isaan warra karaa ittiin jalʼina hojjetan yaadan, warra abbaa fi haadha isaaniitiif hin ajajamnee dha;
31 Wao hawana ufahamu; wasioaminika, hawana mapenzi ya asili, na wasio na huruma.
isaan warra hubannaa hin qabne, warra walii galtee diigan, warra jaalala hin qabnee fi warra namaaf garaa hin laafnee dha.
32 Wanaelewa kanuni za Mungu, ya kwamba watu watendao mambo ya jinsi hiyo wanastahili kifo. Lakini si tu wanafanya mambo hayo, wao pia wanakubaliana na wale wanaofanya mambo hayo.
Isaan seera Waaqaa kan, “Warra waan akkanaa hojjetan duʼuutu isaaniif mala” jedhu sana yoo beekan iyyuu ofii isaaniitiif waan akkanaa hojjechuu qofa utuu hin taʼin warra waan kana hojjetan iyyuu ni jajjabeessu.