< Zaburi 59 >

1 Uniokoe dhidi ya adui zangu, Mungu wangu; uniweke mahali pa juu mbali na wale wanaoinuka dhidi yangu.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo Daawit kan “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Miiktaamii. Daawitis yeroo Saaʼol isa ajjeesuudhaaf jedhee namoota ergee mana isaa eegsisetti faarfate. Yaa Waaqi, diinota koo jalaa na baasi; warra natti kaʼan jalaas na furi.
2 Uniweke salama mbali na wafanyao kazi ya uovu, na uniokoe dhidi ya watu wenye kiu ya damu.
Warra hammina hojjetan jalaa na baasi; namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari.
3 Maana, tazama, wanasubiria uvamizini waniue. Wafanya maovu wenye nguvu hujikusanya wenyewe pamoja dhidi yangu, lakini sio kwa sababu ya makosa yangu au dhambi yangu, Yahwe.
Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu! Yaa Waaqayyo, namoonni hamoon, utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu.
4 Wao wanajiandaa kunikimbiza ingawa sina kosa; amka unisaidie na unitazame.
Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee; isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru. Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!
5 Ewe, Yahwe Mungu wa majeshi, Mungu wa Israeli, inika uwaadhibu mataifa yote; usiwe na huruma kwa mhalifu mwovu yeyote. (Selah)
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu, yaa Waaqa Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi; warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin.
6 Wao wanarudi jioni, wanabweka kama mbwa na kuuzungukia mji.
Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu.
7 Tazama, wanapiga kelele mbaya kwa midomo yao; panga ziko kwenye midomo yao, maana wanasema, “Ni nani anaye tusikia?”
Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali; hidhii isaanii irra goraadeetu jira; isaanis, “Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhu.
8 Lakini wewe, Yahwe, utawacheka; wewe huwadhihaki mataifa yote.
Yaa Waaqayyo, ati garuu isaanitti kolfita; saboota sana hundumattis ni qoosta.
9 Mungu, nguvu yangu, nitakuwa msikivu kwako; wewe ni mnara wangu mrefu.
Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha; yaa Waaqi ati daʼoo koo,
10 Mungu atakutana nami akiwa na uaminifu wa agano lake; Mungu atanifanya nione shauku yangu juu ya adui zangu.
Waaqa na jaallatuu dha. Waaqni fuula koo dura deema; akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.
11 Usiwaue, hivyo watu watasahau. Uwatawanye kwa nguvu zako na uwaangushe, Bwana ngao yetu.
Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya, ati garuu isaan hin ajjeesin; yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata. Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis.
12 Kwa ajili ya dhambi za midomo yao na maneno ya midomo yao, wakamatwe katika majivuno yao, na kwa laana na uongo ambao wao huelezea.
Sababii cubbuu afaan isaaniitiif, sababii dubbii hidhii isaaniitiif, isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman. Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,
13 Uwamalize katika gadhabu yako, uwamalize ili kwamba wasiwepo tena; wajue kuwa Mungu anatawala katika Yakobo na mwisho wa nchi. (Selah)
dheekkamsaan isaan balleessi; akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi. Kanaanis akka Waaqni Yaaqoob irratti mootii taʼe, hamma handaara lafaatti ni beekama.
14 Wakati wa jioni wao hurudi, wakibweka kama mbwa wakiuzungukia mji.
Isaanis galgala galgala deebiʼanii, akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu.
15 Wanatangatanga wakitafuta chakula na wanabweka kama mbwa kama hawajatosheka.
Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru; yoo quufuu baatan immoo ni iyyu.
16 Lakini nitaimba kuhusu nguvu zako, na asubuhi nitaimba kuhusu upendo wako imara! maana umekuwa mnara wangu mrefu na kimbilio la usalama katika siku ya taabu.
Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha; ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha; ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
17 Kwako, nguvu yangu, nitaimba sifa; kwa kuwa Mungu ni mnara wangu mrefu, Mungu wa uaminifu wa agano.
Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha; yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti; ati Waaqa ani abdadhuu dha.

< Zaburi 59 >