< Hesabu 27 >

1 Kisah wakaja kwa Musa binti wa Zelofehadi mwana wa Hefa mwana wa Gilied mwana wa Machiri mwana wa Manase, wa ukoo wa Manase mwana wa Yusufu. Hawa ndio waliokuwa binti zake: Mahala, Noha, Hogla, Milika, na Tiriza.
Balbala Minaasee ilma Yoosef keessaas intallan Zelofehaad ilma Heefer, ilma Giliʼaad, ilma Maakiirii fi ilma Minaaseetu dhiʼaate. Maqaan intallan sanaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.
2 Walisimama mbele ya Musa, Eliazari kuhani, kwa. viongozi, na mbele ya watu wote langoni mwa hema ya kukutania. Walisema,
Isaanis balbala dunkaana wal gaʼii dura, fuula Musee fi Eleʼaazaar lubichaa dura, fuula hooggantootaatii fi waldaa hundaa dura dhaabatanii akkana jedhan;
3 “Baba yetu alifia jangwani. Hakuwa mmoja wa wale waliompinga BWANA katika lile kundi la Kora. Alikufa kwa dhambi zake, na hakuwa na watoto wa kiume.
“Abbaan keenya Gammoojjii keessatti duʼe. Inni hooggantoota Qooraahi kanneen Waaqayyotti fincilan sana keessa hin turre. Garuu inni cubbudhuma ofii isaatiin duʼe. Ilmaanis hin qabu ture.
4 Kwa nini jina la baba yetu liondolewe mioingoni mwa ukoo wa jamaa zake kwa sababu ya kukosa wana? Tupeni ardhi miongoni mwa ndugu wa baba zetu.”
Maaliif maqaan abbaa keenyaa sababii inni ilma hin qabneef balbala isaa keessaa bada? Firoota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuu kenni.”
5 Kwa hiyo Musa alileta shauri hilo mbele za BWANA.
Museen dubbii isaanii sana fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse;
6 BWANA akanena na Musa akamwambia, “Binti wa
Waaqayyos akkana jedheen;
7 Zelofehadi wanasema kitu sahihi. Lazima uwaptie ardhi kama urithi miongoni mwa ndugu wa baba zao, na uhakikishe kuwa urithi wa baba zao wanapata.
“Wanni intallan Zelofehaad jedhan kun sirrii dha. Atis firoota abbaa isaanii gidduutti dhaala kenniif; dhaala abbaa isaaniis isaaniif dabarsi.
8 Utawaambia wana wa Israeli na kusema, 'Kama mtu anakufa na hana mtoto wa kiume, basi utaufanya urithi wake wapewe binti zake.
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu ilma hin dhalchin duʼe, dhaala isaa intala isaatiif dabarsaa.
9 Kama hana binti, basi urithi wake atapewa kaka zake.
Yoo inni intalas qabaachuu baate dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa.
10 Kama hana kaka zake basi huo urithi watapewa ndugu wa baba yake.
Yoo inni obboloota qabaachuu baate dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennaa.
11 Kama baba yake hana ndugu, basi huo urithi atapewa ndugu yake wa karibu katika ukoo, na utauchukua kuwa wake. Hii itakuwa sheria iliyoanzishwa kwa amri kwa ajili ya watu wa Israeli kama BWANA akivyoniamuru.”
Yoo abbaan isaa obboloota qabaachuu baate immoo dhaala isaa balbala isaa keessaa fira aanteef kennaa; firri sun haa dhaalu. Kunis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti saba Israaʼeliif sirna seera qabeessa haa taʼu.’”
12 BWANA alimwamia Musa, “Nenda juu ya mlima Abaraimu na uitazama nchi ambyo nimewapa wana wa Israeli.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Tulluu Abaariim kanatti ol baʼiitii biyya ani saba Israaʼeliif kenne ilaali.
13 Baada ya kuwa umeiona, pia lazima ufe, kama Haruni kaka yako.
Erga biyya sana argitee booddee atis akkuma obboleessa kee Aroon gara saba keetiitti walitti qabamta;
14 Hii itatokea kwa sababu ulipinga amri yangu katika jangwa la Sini. Pale ambapo maji yalitoka kwenye mwamba, katika hasira yako ulishindwa kuniheshimu mimi kama mtakatifu mbele ya macho ya watu wote.” Haya ni yale maji ya Meriba ya Kadeshi katika jangwa la Sini.
yeroo waldaan Gammoojjii Siin keessatti natti finciletti isin lachanuus ajaja kootti finciltanii turtaniitii. Isin bishaanota sana biratti fuula isaanii duratti qulqullina koo hin mulʼifne.” Bishaanonni kunneenis bishaanota Mariibaa Qaadesh kan Gammoojjii Siin keessa jiranii dha.
15 Ndipo Musa akamwambia BWANA akisema,
Museenis Waaqayyoon akkana jedhe;
16 “Wewe, BWANA, Mungu wa wote wenye mwili, uchague mtu awe juu ya watu,
“Waaqayyo Waaqni hafuurota nama hundaa waldaa kana irratti nama tokko haa muudu;
17 mtu ambaye atatoka na kuingia kuja kwao na kuwatoa kisha kuwarudisha, ili kwamba watu wako wasije kuwa kama kondoo wasiokuwa na mchungaji.”
namichi kunis akka sabni Waaqayyoo akkuma hoolota tiksee hin qabnee hin taaneef kan isaan dura gad baʼuu fi ol galu, kan gad isaan baasuu fi ol isaan galchuu dha.”
18 BWANA akanena na Musa, “Mchukue Joshua mwana wa Nuni, mtu ambaye Roho yangu hukaa, na umwekee mikono yako juu yake.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Iyyaasuu ilma Nuuni, namicha hafuurri keessa jiru sana fuudhii harka kee isa irra kaaʼi.
19 Umweke mbele ya Eliazari kuhani na mbele ya watu wote, na umwamuru kuwaongoza mbele ya macho yao.
Akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhi; fuuluma isaanii durattis isa muudi.
20 Utaweka baadhi ya mamlaka yako kwake, ili kwamba watu wote wa Isareli wamtii.
Akka sabni Israaʼel hundi isaaf ajajamuuf aangoo kee irraa kenniif.
21 Ataenda mbele ya Eliazari kuhani ili kutafuta mapenzi yangu kwake kwa ajili ya maamuzi ya kura. Yeye ndiyo atakayetoa amri ili watu kutoka na kuingia, yeye pamoja na watu wa Israeli, ambao ni watu wote.”
Innis fuula Eleʼaazaar lubichaa kan fuula Waaqayyoo duratti Uriimiidhaan gaafatee murtii isaaf kennuu dura dhaabachuu qaba. Innii fi waldaan Israaʼelootaa hundi ajaja isaatiin baʼu; ajajuma isaatiinis galu.”
22 Kwa hiyo Musa akafanya kama alivyoagizwa na BWANA. Alimchukua Joshua na kumweka mbele ya Eliazari kuhani na mbele ya jamii yote.
Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Innis Iyyaasuu geessee akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhe.
23 Akaweka mikono yake juuy ake na kumwamuru aongoze, kama BWANA alivyokuwa amemwamuru kufanya.
Ergasiis akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sana harka ofii isaa isa irra kaaʼee isa muude.

< Hesabu 27 >