< Maombolezo 4 >

1 Dhahabu imechakaa; jinsi gani dhahabu safi imebadilika! Mawe matakatifu yamezagaa katika kila njia ya mtaa.
Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe? Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame! Dhagaawwan iddoo qulqulluu fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru.
2 Wana wa dhamani wa Sayuni walikuwa na dhamani ya uzito wa dhahabu safi, lakini sasa hawana dhamani zaidi ya majagi ya udogo, kazi ya mikono ya mfinyazi!
Ilmaan Xiyoon kanneen akka warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun amma akkamitti akka okkotee supheetti, akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu!
3 Ata mbwa wa mitaani wanatoa maziwa yao kuwanyonyesha watoto wao, lakini binti wa watu wangu amekuwa katili, kama mbuni katika jangwa.
Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf harma isaanii ni kennu; sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii gara jabeessa taʼeera.
4 Ulimi wa mtoto mchanga anaye nyonya unagota juu mdomo wake kwa kiu; watoto wanaomba chakula, lakini hakuna kwa ajili yao.
Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii laagaatti maxxana; ijoolleen buddeena kadhatti: garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru.
5 Wao walizoea kula chakula cha gharama sasa wana shinda njaa mitaani; wao walio lelewa kwa kuvaa nguo za zambarau, sasa wamelala katika majalala.
Warri dur cidha nyaachaa turan, rakkatanii daandii irra jiru. Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan harʼa tuullaa dikee hammatu.
6 Hukumu ya binti wa watu wangu ni kubwa kuliko hiyo ya Sodoma, na ilipinduliwa kwa dakika na hakuna aliye yanyua mkono kumsaidia.
Adabbiin yakka saba koo adabbii yakka Sodoom kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin tasa badde sanaa caalaa guddaa ture.
7 Viongozi wake walikuwa wasafi kuliko theluji, weupe kuliko maziwa; miili yao ilikuwa imara kuliko jiwe, mwili wao ulikuwa kama yakuti samawi.
Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu, aannan caalaa adaadii turan; dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa, bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture.
8 Muonekano wao umekuwa mweusi kama giza; hawatambuliki mitaani. Ngozi zao zimesinya kwenye mifupa yao; imekuwa kavu kama kuni.
Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru; daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru. Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera; akka mukaas gogeera.
9 Hao walio uawa kwa upanga walikuwa na furaha zaidi kuliko hao walio kufa kwa njaa, walio potea, wakatobolewa kwa ukosefu wa mavuno shambani.
Warra beelaan dhumanii mannaa, warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya; Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii beelaan alatti goggoganii dhumu.
10 Mikono ya wanawake wenye huruma imewachemsha watoto wao; wamekuwa chakula chao wakati ambapo binti wa watu wangu alipo kuwa akiharibiwa.
Yeroo sabni koo dhumetti dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin akka nyaata isaanii taʼaniif ijoollee ofii affeelan.
11 Yahweh alionyesha gadhabu yake yote; alimwaga hasira yake kali. Aliwasha moto Sayuni uliteketeza misingi yake.
Waaqayyo dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise; aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase. Xiyoon keessattis ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise.
12 Wafalme wa dunia hawaku amini, wala wakazi wa dunia, kwamba maadui au wapinzani waliweza kuingia malangoni ya Yerusalemu.
Akka diinonni yookaan amajaajonni karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan, mootonni biyya lafaa yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne.
13 Haya yalitokea kwasababu ya dhambi za manabii na na maasi ya makuhani walio mwaga damu ya wenye haki mbele zake.
Garuu wanni kun sababii cubbuu raajota isheetii fi balleessaa luboota ishee kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiif taʼe.
14 Walitanga, kwa upofu, mitaani. Walikuwa wamejitia unajisi kwa damu hiyo ambapo hakuna aliye ruhusiwa kushika nguo zao.
Isaan akkuma jaamotaa daandii irra gatantaru. Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru.
15 “Kaa mbali! Wewe mnajisi!” Watu waliwapazia sauti. “Kaa mbali! Kaa mbali! Usiguse!” Hivyo wakatanga; watu walisema miongoni mwa mataifa, “Hawawezi kukaa hapa tena.”
Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa! Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu. Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran, “Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu.
16 Yahweh mwenyewe akawatawanyisha; hawatazami tena. Hawa waheshimu makuhani, na hawaonyeshi upendeleo kwa wazee.
Waaqayyo mataa isaatu isaan bittinneesse; inni siʼachi isaan hin eegu. Luboonni hin kabajamne; maanguddoonni surraa hin arganne.
17 Macho yetu yalikwama, yakitazama bure kwa msaada; kutoka minara yetu ya ulinzi tulitazama taifa lisilo weza tuokoa.
Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan iji keenya dadhabe; gamoo keenya irra teenyee saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne.
18 Walifuata hatua zetu, hatukuweza kutembea mitaani mwetu. Mwisho wetu ulikuwa karibu na siku zetu zilihesabiwa, mwisho wetu ulifika.
Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef namoonni tarkaanfii keenya eegu. Dhumni keenya dhiʼaateera; guyyoonni keenyas gabaabataniiru; badiisni keenya dhufeeraatii.
19 Walio tukimbiza walikuwa wepesi kuliko tai wa aangani. Walitukimbiza kwenye milima na kutuwinda nyikani.
Warri nu ariʼan risaa samii caalaa saffisu; isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu.
20 Pumzi katika pua zetu - mpakwa mafuta wa Yahweh - ndiye aliye kamatwa katika shimo; ambaye ndiye aliye semewa, “Chini ya kivuli chake tutaishi miongoni mwa mataifa.”
Hafuurri lubbuu keenyaa kan Waaqayyo dibe, kiyyoo isaaniitiin qabame. Nu waan gaaddidduu isaa jala, Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre.
21 Shangilia na ufurahi, binti wa Edomu, wewe unaye ishi nchi ya Uzi. Lakini kwako pia kikombe kitapitishwa; utalewa na kuvua nguo.
Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu ati ililchi, gammadis. Garuu xoofoon sun siifis ni kennama; atis machooftee qullaa kee hafta.
22 Binti wa Sayuni, hukumu yako itafika mwisho, hataongeza mateka yako lakini binti wa Edomu, ata muhadhibu; ata funua dhambi zako.
Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma; inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu. Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe; hammina kees ifatti baasa.

< Maombolezo 4 >