< Yeremia 6 >

1 Tafuteni mahali salama, enyi watu wa Benjamini, kwa kuondoka Yerusalemu. Pigeni tarumbeta zaTekoa. Simamisheni ishara juu ya Beth- Hakeremu, kwa uovu unaonekana ukitokea kaskazinni; pigo kubwa linakuja.
“Yaa saba Beniyaam baqadhaa baʼaa! Yerusaalem keessaa baqadhaa! Teqooʼaa keessatti malakata afuufaa! Beet Hakerem irratti mallattoo ol qabaa! Karaa kaabaatiin balaan, badiisni suukaneessaan ni dhufaatii.
2 Binti za Sayuni, warembo na mwororo, wataangamizwa.
Ani Intala Xiyoon ishee bareedduu fi qananiituu sana nan galaafadha.
3 Wachungaji na kondoo wao watawaendea; wataweka hema zao zikiwazunguka pande zote; kila mtu atachunga kwa mkono wake.
Tiksoonni bushaayee isaanii fudhatanii isheetti dhufu; dunkaana isaaniis isheetti naannessanii dhaabatu. Tokkoon tokkoon isaaniis iddoo isaaniitti bobbaafatu.”
4 Jitakaseni wenyewe kwa miungu kwa ajili ya vita. Twendeni tukamvamie wakati wa adhuhuri. Ni vibaya sana kwamba mchana unatoweka na vivuli vya jioni vinakuja.
“Isheetti waraana kaasuuf qophaaʼaa! Kaʼaa, guyyaa saafaadhaan ishee waraanaa! Wayyoo, aduun dhiʼaa jirti; gaaddisni galgalaas dheerateera.
5 Lakini tumvamieni usiku na na tuharibu ngome zake.
Kanaafuu kaʼaa, halkaniin ishee dhoofnee daʼannoowwan ishee barbadeessinaa!”
6 Kwa kuwa BWANA wa majeshi asema hivi: Kateni miti yake, na tengenezeni vifusi vya kuitekea Yerualemu. Huu ndio mji sahihi kuuteka, Kwa sababu umejaa ukandamizaji.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Mukkeen ishee ciraa; naannoo Yerusaalemitti tuulaa biyyoo tolchaa; magaalaan kun adabamuu qabdi; isheen cunqursaadhaan guutamteertii.
7 Kama vile kisima kitoavyo maji, vivyo hivyo mji huu uzaavyo uovu. Uaribifu na jeuri vimesikika kwake. Mateso na tauni viko mbele yangu daima.
Akkuma boolli bishaanii bishaan yaasu sana, isheenis hammina ishee gad yaafti; jeequmsii fi badiisni ishee keessatti ni dhagaʼama. Dhukkubnii fi madaan ishee yeroo hunda fuula koo dura jiran.
8 Uadhibiswhe, ee Yerusalemu, vingenevyo nitaondoka kwako na kukufanya ukiwa, na nchi isiyokaliwa na watu.
Yaa Yerusaalem gorsa koo dhagaʼi; yoo kanaa achii ani sirraa garagalee, akka namni tokko iyyuu keessa jiraachuu hin dandeenyeef, biyya kee nan onsa.”
9 BWANA wa majeshi asema hivi, “Hakika wataokota mabaki ya Isreli waliobaki kama zabibu. Nyosha mkono wako ili uchume zabibu.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Akkuma wayiniin sirriitti funaanamu sana, isaanis hambaa Israaʼel haa funaanan; akkuma nama ija wayinii ciru tokkootti; ammas harka kee gara dameewwaniitti hiixadhu.”
10 Nitamwambia nani na kumwonya nani ili wasikilize? Tazama! Masikio yao hayakutahariwa; hayawezi kutilia manani! Tazama! Neno la BWANA limekuja kuwarudi, lakini hawalitaki.”
Ani eenyuttin dubbadhee akeekkachiisuu dandaʼa? Eenyutu na dhaggeeffata? Kunoo, gurri isaanii dhagna hin qabanne; dhagaʼuus hin dandaʼan. Dubbiin Waaqayyoo isaanitti hin tolu; ittis hin gammadan.
11 Lakini nimejazwa na hasira za BWANA. Nimechoka kuizuia. Aliniambia, “Imwage mbele ya watoto mitaani na katika makundi ya vijana. Kwa kuwa kila mume atachukuliwa pamoja na mke wake; na kila mzee mwenye miaka mingi.
Ani garuu dheekkamsa Waaqayyootiin guutameera; obsuus hin dandaʼu. “Ijoollee daandii irra jiran irratti, dargaggoota walitti qabaman irratti, dhirsaa fi niitii irratti, warra dulloomanittis dheekkamsa nan dhangalaasa.
12 Nyumba zao watapewa watu wengine, kwa kuwa nitawavamia wakazi wa nchi kwa mkono wangu - asema BWANA wa majeshi.
Yeroo ani harka koo warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” jedha Waaqayyo.
13 BWANA amesema hayo kutoka kwa mdogo hadi kwa mkubwa, kila mmoja anatamani mapato ya udanganyifu. Kuanzia kuhani hadi nabii, Kila mmoja anafanya hila.
“Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu.
14 Lakini wameponya vidonda vya watu wangu kwa juu juu tu. Wanasema, 'Amani! Amani! na kumbe amani haipo.
Isaan madaa saba kootii akkuma waan xinnaa tokkootti ilaalanii walʼaanu. Utuu nagaan hin jiraatinis ‘Nagaa, nagaa’ jedhu.
15 Je, waliona aibu walipofanya machukizo? Hasha, hawakuona aibu! Hawakuwa na aibu. Kwa hiyo wataanguka pamoj na wale watakaoanguka wakati nitakpowaadhibu. Wataangushwa chini,” asema BWANA.
Isaan amala isaanii jibbisiisaa sanatti ni qaanaʼuu? Lakkii, isaan qaanii tokko iyyuu hin qaban; qaanaʼuun maal akka taʼe iyyuu hin beekan. Kanaafuu isaan warra kufan wajjin ni kufu; yeroo ani isaan adabutti gad gatamu” jedha Waaqayyo.
16 BWANA asema hivi, `Simama kwenye njia panda utazame; uliza nzile njia za zamani, 'Je, hii tabia njema iko wapi?' Kisha endelea nayo na tafuta mahali pa kupumzika. Lakini watu wanasema, 'Hatutaenda.'
Waaqayyo akkana jedha: “Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa; daandii durii iyyaafadhaa; karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa; lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii. Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.
17 Niliweka walinzi juu yenu ili wasikilize tarumbeta. Lakini walisema, 'Hatutasikiliza.'
Ani eegdota isinitti ramadeen ‘Sagalee malakataa dhaggeeffadhaa!’ jedhe, isin garuu, ‘Hin dhaggeeffannu’ jettan.
18 Kwa hiyo, sikilizeni, enyi mataifa! Tazameni, enyi mashahidi, muone kile kitakachowapata.
Kanaafuu yaa saboota dhagaʼaa; yaa waldaa, waan isaanitti dhufuuf jiru hubadhaa.
19 Sikia, wewe dunia! Tazama, niko tayari kuleta janga kwa watu hawa - matunda ya fikra zao. Hawakusikiliza neno langu wala sheria zangu, badala yake walizikataa.
Yaa lafaa dhagaʼi: Ani waan isaan dubbii koo dhagaʼuu didanii seera koos tuffataniif, saba kanatti badiisa nan fida; kunis ija daba isaanii ti.
20 Huu ubani kutoka sheba unaopanda una maana gani kwangu? Au huu uudi kutoka nchi ya mbali? Sadaka zenu za kuteketezwa hazikubaliki kwangu wala dhabihu zenu.
Ixaanni biyya Shebaatii dhufu, yookaan qayyii biyya fagootii dhufu maal na fayyada? Aarsaan keessan kan gubamu fudhatama hin qabu; qalmi keessanis hin tolu.”
21 Kwa hiyo BWANA asema hivi, 'Tazama, 'Niko tayari kuweka kikwazo dhidi ya watu hawa. Watajikwaa juu yake - baba na watoto wao kwa pamoja watajikwaa. Wakazi na jirani zao pia watapotea.'
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Ani fuula saba kanaa dura gufuu nan kaaʼa. Abbootiinii fi ijoolleen walii wajjin itti gufatu; olloonnii fi michoonni ni barbadaaʼu.”
22 BWANA asema hivi, 'Tazama watu wanakuja toka nchi ya kaskazini. Kwa kuwa taifa kubwa limechochewa kutoka nchi ya mbali.
Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, gareen loltootaa tokko biyya kaabaatii dhufaa jira; sabni guddaan tokkos andaara lafaatii sosochoʼaa jira.
23 Watachukua pinde na mishale yao. Ni wakatili na hawana huruma. Sauti yao ni kama muungurumo wa bahari, na wapanda farasi katika mfumo wa wanaume wa vita, enyi binti wa Sayuni,”'
Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii, namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa Intala Xiyoon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.”
24 Tumesikia habai zao. Mikono yetu inalegea kwa dhiki. Na maumivu yametukamata kama utungu wa mwanamke anayezaa.
Nu oduu waaʼee isaanii dhageenyeerra; harki keenyas ni laafe. Dhiphinni nu qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu nu qabe.
25 Usiende nje mashambani, na usitembee barabarani, kwa kuwa upanga wa adui na hofu vimekaribia.
Sababii diinni goraadee qabatee fi sababii iddoo hunda gooliin jiruuf isin diidatti gad hin baʼinaa; yookaan karaa irra hin deemnaa.
26 Binti za watu wangu, jivikeni magunia na kugaagaa kwenye majivu ya maombolezo ya mwana pekee. Ombolezeni kwa huzuni kuu, kwa kuwa anayewaangamiza anakuja kwetu ghafula juu yetu.
Yaa saba ko, uffata gaddaa uffadhaatii daaraa keessa gangaladhaa; akka nama ilma isaa tokkicha dhabeetti hiqqifadhaa booʼaa; inni nama balleessu sun akkuma tasaa nutti dhufaatii.
27 “Nimekufanya wewe, Yeremia, kuwajaribu watu wangu kama mtu anayepima fedha, kwa hiyo utachunguza na kupima njia zao.
“Akka ati karaa isaanii qortee beektuuf ani saba koo gidduutti qorataa si godheera.
28 Wao ni watu wasumbufu miongoni mwa watu, wanaoenda huko na kule wakisingizia wengine. Wote ni shaba na chuma, wakitenda kwa dhuluma.
Hundi isaanii finciltoota mata jabeeyyii maqaa namaa balleessuuf asii fi achi jooranii dha. Isaan naasii fi sibiila; isaan hundinuu malaa maltummaa hojjetu.
29 Mifuo inafukuta kwa moto unaoziunguza; risasi inaunguzwa na moto. Risasi tu ndiyo inayotoka kati yake, lakini haifai kitu kwa sababu uovu haujaondolewa.
Buufaan dilaalii ibiddaan gubee balleessuuf humna guddaan buufa; hojiin ibiddaan qulqulleessuu kun faayidaa malee hojjetama; namoonni hamoon hin balleeffamneetii.
30 Wataitwa taka za fedha, kwa sababu BWANA amewakataa.
Sababii Waaqayyo isaan gateef isaan meetii gatamaa jedhamu.”

< Yeremia 6 >