< Yeremia 23 >

1 “Ole wao wachungaji ambao huangamiza na kuwatawanya kondoo wa malisho yangu-hii ndiyo ahadi ya Bwana.”
“Tiksoota hoolota karra koo balleessanii bittinneessiniif wayyoo!” jedha Waaqayyo.
2 Kwa hiyo, Bwana, Mungu wa Israeli, asema hivi juu ya wachungaji ambao wanawachunga watu wake, “Ninyi mnawatawanya kundi langu na kuwafukuza. Hamuwajali hata kidogo. Tambueni hili! Mimi nitawalipiza uovu wa matendo yenu-hili ni tamko la Bwana.
Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel tiksoota saba koo tiksaniin akkana jedha: “Waan isin bushaayee koo bittinneessitanii ariitanii fi eegumsa barbaachisu isaaniif hin godhiniif ani kunoo hammina isin hojjettaniif adabbii isinittin fida” jedha Waaqayyo.
3 Mimi mwenyewe nitakusanya mabaki ya kondoo wangu kutoka nchi zote nilizowafukuza, nami nitawarejesha kwenye eneo la malisho, ambako watazaa na kuongezeka.
“Ani mataan koo hambaa bushaayee kootii biyyoota ani itti isaan ariʼee ture hunda keessaa walitti qabee karra isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti ni horu; ni baayʼatus.
4 Ndipo nitawainua wachungaji juu yao ambao watawachunga hivyo hawataogopa tena au kupotezwa. Hakuna hata mmoja atakayepotea-hili ni tamko la Bwana.
Anis tiksoota isaan tiksan isaaniif nan ramada; isaanis siʼachi hin sodaatan; yookaan hin rifatan, yookaan isaan keessaa tokko iyyuu hin badu” jedha Waaqayyo.
5 Angalia, siku zinakuja-hili ndilo tamko la Bwana-nitakapomuinulia Daudi tawi la haki. Atatawala kama mfalme; atatenda kwa busara na kusababisha hukumu na haki katika nchi.
“Barri ani itti Daawitiif damee qajeelaa tokko, mootii ogummaadhaan bulchuu fi waan sirrii fi qajeelaa taʼe biyya kana keessatti hojjetu tokko kaasu ni dhufa” jedha Waaqayyo.
6 Katika siku zake Yuda ataokolewa, na Israeli wataishi kwa usalama. Na jina lake atakayeitwa Bwana ni haki yetu.
Bara isaa keessa Yihuudaan ni fayya; Israaʼelis nagaan jiraata; maqaan inni ittiin waamamus: Waaqayyo Qajeelummaa Keenya jedhama.
7 Kwa hiyo, tazama, siku zinakuja-hili ndilo tamko la Bwana-hawatasema tena, 'Kama Bwana aishivyo, aliyewatoa wana wa Israeli kutoka nchi ya Misri.'
“Kanaafuu barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼeloota Gibxii baasee fide sanaa’ hin jenne tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo;
8 Badala yake watasema, 'Kama Bwana aishivyo, ambaye aliwaleta na ambaye aliwaongoza wana wa nyumba ya Israeli kutoka nchi ya kaskazini na nchi zote walizofukuzwa.' Nao watakaa katika nchi yao wenyewe.”
“Isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya Kaabaatii fi biyyoota itti isaan ariʼee ture hunda keessaa sanyiiwwan Israaʼel baasee fide sanaa’ jedhu. Ergasiis isaan biyya ofii isaanii keessa ni jiraatu.”
9 Kuhusu manabii, moyo wangu umevunjika ndani yangu, na mifupa yangu yote imetetemeka. Nimekuwa kama mlevi, kama mtu ambaye ameshindwa na divai, kwa sababu ya Bwana na maneno yake matakatifu.
Waaʼee raajotaa, onneen koo na keessatti cabeera, lafeen koo hundi ni hollata; sababii Waaqayyootii fi sababii dubbii isaa qulqulluu sanaatiif ani akkuma nama machaaʼee akka nama daadhii wayiniitiin moʼatamee nan taʼe.
10 Kwa maana nchi imejaa wazinzi. Kwa sababu ya hayo nchi imeuka. Milima katika jangwa imekauka. Njia hizi za manabii ni mbaya; nguvu zao hazitumiwi kwa namna sahihi.
Biyyattiin ejjitootaan guutamteerti, sababii abaarsaatiif biyyattiin ni boossi; kaloon gammoojjii keessaas ni goga. Raajonni karaa hamaa duukaa buʼu; aangoo isaaniittis karaa malee fayyadamu.
11 Kwa maana manabii na makuhani wote wamekufuru. Nimeona uovu wao ndani ya nyumba yangu! - hili ndilo tamko la Bwana;
“Raajonnis, lubnis Waaqaaf hin bulan; ani mana koo keessatti iyyuu hammina isaanii argeera” jedha Waaqayyo.
12 kwa hiyo njia yao itakuwa kama mahali pa kupumzika katika giza. Watasukumwa chini. Wao wataanguka ndani yake. Kwa maana nitawatuma mabaya juu yao katika mwaka wa adhabu yao; hili ndilo tamko la Bwana.
“Kanaafuu karaan isaanii mucuca taʼa; isaan dukkanatti gad darbatamu; achittis ni kufu. Bara isaan adabaman keessa, ani badiisa isaanitti nan fida” jedha Waaqayyo.
13 kwa maana nimeona uchungu kati ya manabii huko Samaria. Walitabiri kwa Baali na wakawaongoza watu wangu Israeli kwenye njia sahihi.
“Raajota Samaariyaa gidduutti, ani waan jibbisiisaa kana argeera: Isaan maqaa Baʼaaliin raajanii saba koo Israaʼelin karaa irraa jalʼisan.
14 Na miongoni mwa manabii huko Yerusalemu nimeona mambo ya kutisha: wanafanya uzinzi na huenda kwa udanganyifu. Wanaimarisha mikono ya waovu; hakuna mtu anarejea na kuacha uovu wake. Wote wamekuwa kama Sodoma kwangu na wenyeji wake kama Gomora!”
Raajota Yerusaalem gidduutti ani waan nama suukaneessu tokko argeera; isaan ni ejju; sobaan jiraatus. Akka namni tokko iyyuu hammina isaa irraa hin deebineef isaan harka jalʼootaa jajjabeessu. Isaan hundi anaaf akkuma Sodoom; sabni Yerusaalem immoo akkuma Gomoraa ti.”
15 Kwa hiyo, Bwana wa majeshi asema hivi juu ya manabii, “Tazameni, nitawafanya wale magugu na kunywa maji yenye sumu, kwa maana kufuru imetoka kwa manabii wa Yerusalemu na kuingia katika nchi yote.”
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaʼee raajotaa akkana jedha: “Sababii raajota Yerusaalemiif, waan xuraaʼummaan biyyattii keessa guuteef ani akka isaan nyaata hadhaaʼaa nyaatanii bishaan summaaʼes dhugan nan godha.”
16 Bwana wa majeshi asema hivi, “Usisikilize maneno ya manabii wanaokuhubiri. Wamekudanganya! Wanatangaza maono kutoka kwenye mawazo yao wenyewe, si kwa kinywa cha Bwana.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Waan raajonni isinii raajan hin dhaggeeffatinaa; isaan abdii sobaatiin isin guutu. Isaan utuu afaan Waaqayyootii hin taʼin mulʼata yaada ofii isaanii dubbatu; yaada isaanii keessaa fuudhanii mulʼata dubbatu.
17 Wanasema daima kwa wale wanaonidharau mimi, 'Bwana asema kutakuwa na amani kwako.' Na kila mtu anayetembea katika ukaidi wa moyo wake anasema, 'mabaya hayatakuja kwenu.'
Isaan ittuma fufanii warra na tuffataniin, ‘Waaqayyo akkana jedha: isin nagaa ni qabaattu’ jedhu. Warra mata jabina yaada ofii isaanii duukaa buʼan hundaan immoo, ‘Hamaan isin hin argatu’ jedhu.
18 Lakini nani amesimama katika mkutano wa baraza la Bwana? Ni nani anayeona na kusikia neno lake? Ni nani anayezingatia maneno yake na kusikiliza?
Garuu isaan keessaa namni dubbii isaa arguuf yookaan dhagaʼuuf waldaa Waaqayyoo keessa dhaabate eenyu? Namni dubbii isaatiif gurra kennee dhagaʼe eenyu?
19 Tazama, kuna dhoruba inayotoka kwa Bwana! Hasira yake inatoka, na dhoruba inazunguka. Inazunguka vichwa vya waovu.
Kunoo bubbeen Waaqayyoo, dheekkamsaan ni buʼa; bubbeen hamaanis mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
20 Hasira za Bwana hazitarejea mpaka zitakapotimiza nia ya moyo wake. Katika siku za mwisho, utaelewa.
Dheekkamsi Waaqayyoo hamma inni kaayyoo yaada garaa isaa guutumaan guutuutti raawwatutti duubatti hin deebiʼu. Isin bara dhumaa keessa waan kana akka gaariitti ni hubattu.
21 Sikuwatuma manabii hawa. Wao tu walionekana. Sikuwahubiri jambo lolote kwao, lakini bado wanatabiri.
Ani raajota kanneen hin ergine; isaan garuu ergaa ofii isaanii qabatanii fiiganiiru; ani isaanitti hin dubbanne; isaan garuu raajii dubbataniiru.
22 Kwa kuwa kama walisimama katika mkutano wangu wa baraza, wangeweza kuwasababisha watu wangu kusikia neno langu; wangewafanya wapate kuacha maneno yao mabaya na mazoea mabaya.
Isaan utuu waldaa koo keessa dhaabatanii jiraatanii silaa dubbii koo saba kootti labsanii, karaa isaanii jalʼaa sanaa fi hojii isaanii hamaa sana irraa isaan deebisu ture.
23 Mimi ni Mungu aliye karibu-hili ni tamko la Bwana-mimi sio Mungu aliye mbali?
“Ani Waaqa fagootis malee Waaqa dhiʼoo qofaa?” jedha Waaqayyo.
24 Je, kuna mtu yeyote anayejificha mahali penye siri ili nisiweze kumwona? -Hili ndilo tamko la Bwana-Je mbingu na nchi hazikujawa nami? -hili Ndilo tamko la Bwana.
“Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?” jedha Waaqayyo. “Ani samii fi lafa illee nan guuta mitii?” jedha Waaqayyo.
25 Nimesikia yale waliyosema manabii, wale waliokuwa wanatabiri uongo kwa jina langu. Wakisema, 'Nilikuwa na ndoto!
“Ani waan raajonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu.
26 Nilikuwa na ndoto!' Je, hii itaendelea mpaka lini, manabii wanaotabiri uongo kutoka kwa akili zao, na wanasema nini kutokana na udanganyifu mioyoni mwao?
Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa raajota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata?
27 Wana mpango wa kuwafanya watu wangu kusahau jina langu kwa ndoto ambazo wanazoripoti, kila mmoja kwa jirani yake, kama vile babu zao walivyosahau jina langu kwa ajili ya jina la Baali.
Raajonni kunneen abjuu walitti odeessaniin akka sabni koos akkuma abbootiin isaanii Baʼaalin waaqeffachuudhaan maqaa koo irraanfatanii turan sana maqaa koo irraanfachiisuu yaadu.
28 Nabii aliye na ndoto, aseme ndoto hiyo. Lakini yule ambaye nimemwambia kitu fulani, basi aseme neno langu kwa kweli. Je, majani yanahusiana na nafaka? - hili ni tamko la Bwana-
Raajiin abjuu qabu abjuu isaa haa dubbatu; namni dubbii koo qabu immoo amanamummaadhaan haa dubbatu. Cidiin midhaan irraa maal qaba?” jedha Waaqayyo.
29 Na neno langu si kama moto? -Hili ni tamko la Bwana-na kama mwamba wenye kupiga nyundo?
“Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha Waaqayyo.
30 Tazameni, ninapingana na nabii-hii ndiyo ahadi ya Bwana-yeyote anayeiba maneno kutoka kwa mtu mwingine na anasema yanatoka kwangu.
“Kanaafuu ani kunoo raajota dubbii koo wal irraa hatan sanaan nan morma” jedha Waaqayyo.
31 Tazama, ninapingana na manabii-hili ndilo tamko la Bwana-ambao hutumia lugha zao kutabiri maneno.
“Kunoo ani raajota afaanuma isaaniitiin, ‘Waaqayyo akkana jedha’ jedhaniin nan morma” jedha Waaqayyo.
32 Tazameni, ninapingana na manabii wanaoota ndoto-hii ndiyo ahadi ya Bwana-na kisha kuwahubiri na kwa njia hii kuwadanganya watu wangu kwa udanganyifu wao na kujivunia. Mimi ni juu yao, kwa kuwa sikuwatuma wala kuwapa amri. Kwa hivyo hawatawasaidia watu hawa - hili ndilo tamko la Bwana.
“Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma” jedha Waaqayyo, “Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan” jedha Waaqayyo.
33 Watu hawa au nabii au kuhani wakakuuliza, 'Je, ni nini tamko la Bwana?' basi lazima uwaambie, 'Ni tamko gani? Kwa maana nimekuacha wewe-hili ndilo tamko la Bwana.
“Yoo sabni kun yookaan raajiin tokko yookaan lubni tokko, ‘Baʼaan Waaqayyoo maal?’ jedhee si gaafatutti, ati immoo, ‘Baʼaa maalii? Ani sin gata jedha Waaqayyo’ jedhiin.
34 Kwa habari ya manabii, makuhani, na watu wanaosema, 'Hili ndilo tamko la Bwana,' nitamuadhibu mtu huyo na nyumba yake.
Yoo raajiin tokko yookaan lubni tokko yookaan namni kam iyyuu, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha,’ jedhe, ani nama sanaa fi warra mana isaa jiraatan nan adaba.
35 Endelea kusema, kila mtu kwa jirani yake na kila mtu kwa ndugu yake, 'Bwana alijibu nini?' na 'Bwana alitangaza nini?'
Tokkoon tokkoon namaa michuu isaatiin yookaan fira isaatiin, ‘Deebiin Waaqayyo kenne maali?’ Yookaan, ‘Waaqayyo maal dubbata?’ jechuu qaba.
36 Lakini usizungumze tena juu ya tamko la Bwana, kwa kuwa kila tamko kutoka kwa kila mtu limekuwa ujumbe wake mwenyewe, na umepotosha maneno ya Mungu aliye hai, Bwana wa majeshi, Mungu wetu.
Egaa isin lammata, ‘Baʼaa Waaqayyoo,’ jettanii dubbachuu hin qabdan; dubbiin nama hundaa baʼaa ofii isaa taʼee isin immoo dubbii Waaqa keenyaa, Waaqa jiraataa, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sanaa jalʼistuutii.
37 Utamuuliza nabii hivi, 'Bwana alikujibu nini? Je, Bwana alisema nini? Kisha unasema tamko kutoka kwa Bwana;
Ati ittuma fuftee raajii tokkoon, ‘Deebiin Waaqayyo siif kenne maali?’ Yookaan ‘Waaqayyo maal dubbate?’ jetta.
38 lakini Bwana asema hivi, Sema hivi, “Hili ni tamko la Bwana” ingawa nimekuagiza na kusema, “Usiseme: Hili ni tamko kutoka kwa Bwana.”
Isin, ‘Baʼaan Waaqayyo kanaa dha’ yoo jettan iyyuu, Waaqayyo akkana jedha; ani ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jechuu hin qabdan isiniin jedhu iyyuu isin jecha, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jedhutti fayyadamtu.
39 Kwa hiyo, angalia, nitawachukua na kukutupa mbali na mimi, pamoja na jiji ambalo nilikupa wewe na baba zako.
Kanaafuu ani dhugumaan isin irraanfadhee magaalaa isinii fi abbootii keessaniif kenne wajjin fuula koo duraa isin nan gata.
40 Ndipo nitaweka aibu ya milele na fedheha juu yenu ambayo haitasahauliwa.'”
Salphina bara baraa jechuunis qaanii bara baraa kan hin irraanfatamnes isinitti nan fida.”

< Yeremia 23 >