< Hosea 6 >

1 “Njoo, turudi kwa Bwana. Kwa maana ametuvunja vipande vipande, lakini atatuponya; ametujeruhi, lakini atatufunga majeraha yetu.
“Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana.
2 Baada ya siku mbili atatufufua; siku ya tatu atatuinua, na tutaishi mbele yake.
Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.
3 Nasi tumjue Bwana; tukaendelee kumjua Bwana. Kuja kwake ni hakika kama asubuhi; atakuja kwetu kama mvua, kama mvua ya vuli ambayo huinyeshea ardhi.”
Kottaa Waaqayyoon haa beeknu; isa beekuufis haa tattaaffannu. Akkuma aduun dhugumaan baatu sana inni dhugumaan ni dhufa; inni akkuma bokkaa gannaa, akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.
4 Efuraimu, nikufanyie nini? Yuda, nikufanyie nini? Uaminifu wako ni kama wingu la asubuhi, kama umande unaoondoka mapema.
“Yaa Efreem, ani maalan si godha? Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu ti.
5 Kwa hiyo nimewavunja vipande vipande kwa vinywa vya manabii, nimewaua kwa maneno ya kinywa changu. Maagizo yako ni kama nuru inayoangaza.
Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree dubbii afaan kootiin isin fixe; murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.
6 Kwa maana natamani uaminifu wala si dhabihu, na kumjua Mungu kuliko sadaka za kuteketezwa.
Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.
7 Kama Adamu wamevunja agano; hawakuwa waaminifu kwangu.
Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; achittis anaaf hin amanamne.
8 Gileadi ni jiji la wahalifu wenye miguu ya damu.
Giliʼaad magaalaa hamootaa kan dhiigaan faalamtee dha.
9 Kama makundi ya wanyang'anyi wanaomngojea mtu, hivyo makuhani hujiunga pamoja kufanya mauaji kwa njia ya Shekemu; wamefanya uhalifu wa aibu.
Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, gareen lubootaas akkasuma godhu; isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.
10 Katika nyumba ya Israeli nimeona jambo baya; Uzinzi wa Efraimu ukopale, na Israeli ametiwa unajisi.
Ani mana Israaʼel keessatti waan suukaneessaa tokko argeera. Achitti Efreem ni sagaagale; Israaʼelis ni xuraaʼe.
11 Kwa maana wewe, Yuda, mavuno yameteuliwa, nitakaporudisha urithi wa watu wangu.
“Yaa Yihuudaa sittis haamamuun murteeffameera. “Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,

< Hosea 6 >