< Hosea 2 >
1 Waambie ndugu zenu wanaume, 'Watu wangu!' na kwa dada zako, 'umeonyeshwa huruma.'”
“Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa.
2 Leteni mashtaka dhidi ya mama yenu, leteni mashtaka, kwa kuwa yeye si mke wangu, wala mimi si mumewe. Na auondoe uzinzi wake mbele yake, na matendo yake ya uzinzi kati ya matiti yake.
“Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa; isheen niitii koo mitiitii; anis dhirsa ishee miti. Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu; amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.
3 Ikiwa sio, nitamvua nguo na kumuonyesha uchi wake kama siku aliyozaliwa. Nami nitamfanya kama jangwa, kama nchi iliyoharibika, nami nitamfanya afe kutokana na kiu.
Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa; akkuma gammoojjii ishee nan godha; lafa goggogaatti ishee nan geeddara; dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa.
4 Sitakuwa na rehema kwa watoto wake, kwa maana wao ni watoto wa ukahaba.
Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif, ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu.
5 Maana mama yao amekuwa kahaba, na yeye aliye mimba amefanya mambo ya aibu. Alisema, “Nitawafuata wapenzi wangu, kwa maana wananipa mkate wangu na maji, sufu yangu na kitani, mafuta yangu na kinyweji.”
Haati isaanii amanamummaa dhabdee karaa salphinaatiin isaan ulfoofte. Isheen, ‘Ani warra na jaallatu, warra nyaata koo fi bishaan koo, warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan duukaa nan buʼa’ jette.
6 Kwa hiyo nitajenga ua wa kuzuia njia yake kwa miiba. Nitajenga ukuta dhidi yake ili asiweze kupata njia. Yeye atawafuatilia wapenzi wake, lakini yeye hatawafikia.
Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa; akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara.
7 Yeye atawatafuta, lakini hatawapata. Kisha atasema, “Nitarejea kwa mume wangu wa kwanza, kwa maana ilikuwa ni bora kwangu zamani kuliko sasa.”
Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu; isaan barbaaddi; garuu hin argitu. Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa gara dhirsa kootti nan deebiʼa; amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti.
8 Kwa maana hakujua kwamba mimi ndimi niliyempa nafaka, divai mpya na mafuta, na ambaye nilimwongezea fedha na dhahabu, ambazo walizitumia kwa Baali.
Isheen akka ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne, meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne.
9 Kwa hiyo nitachukua nafaka yake wakati wa mavuno, na divai yangu mpya katika msimu wake. Nitachukua sufu yangu na kitambaa kilichotumiwa kufunika uchi wake.
“Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo, daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti irraa nan fudhadha. Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis amma ishee irraa nan fudhadha.
10 Ndipo nitamvua nguo machoni pa wapenzi wake, wala hakuna mtu atakayemwokoa mkononi mwangu.
Ani amma ijuma michoota ishee duratti addaggummaa ishee nan saaxila; namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu.
11 Nitasitisha furaha yake yote- sikukuu zake, mwandamo wa mwezi, sabato zake na sikukuu zake zote zilizowekwa.
Ani ayyaana ishee hunda jechuunis, ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa, ayyaana ishee kan Sanbataatii fi ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa.
12 Nitaharibu mizabibu yake na mtini wake, ambayo alisema, 'Hii ni mishahara ambayo wapenzi wangu walinipa.' Nitawafanya kuwa msitu, na wanyama wa shambani watakula.
Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa. Ani daggala isaan nan godha; bineensi bosonaa isaan dheeda.
13 Nami nitamuadhibu kwa ajili ya Sikukuu ya Baali, alipowafukizia uvumba, akijipamba kwa pete zake na mavazi yake, naye akafuata wapenzi wake, akanisahau.” Hili ndilo tamko la Bwana.
Ani guyyoota isheen itti Baʼaaliif ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba; isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte” jedha Waaqayyo.
14 Kwa hiyo nitaenda kumshawishi. Nitamleta jangwani na kumwambia kwa huruma.
“Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba; gara lafa gammoojjiitti ishee geessee jaalalaan itti nan dubbadha.
15 Nami nitamrudishia mizabibu yake, na bonde la Akori kama mlango wa tumaini. Yeye atanijibu huko kama alivyofanya katika siku za ujana wake, kama katika siku ambazo alitoka katika nchi ya Misri.
Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf; Sulula Aakooris balbala abdii nan godha. Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti, akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti.
16 “Itakuwa katika siku hiyo”-hili ndilo tamko la Bwana-”kwamba utaniita, 'Mume wangu,' na hutaniita tena mimi, 'Baal wangu.'
“Ati gaafa sana” jedha Waaqayyo; “‘Dhirsa koo’ jettee na waamta; ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.
17 Kwa maana nitaondoa majina ya Baali kinywani mwake; majina yao hayatakumbukwa tena.”
Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa; maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu.
18 “Siku hiyo nitafanya agano pamoja na wanyama katika mashamba kwa ajili yao, na ndege wa angani, na vitu vya kutambaa chini. Nitaondoa upinde, upanga, na vita katika nchi, nami nitakufanya ulale kwa usalama.
Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota samii wajjin, uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin isaaniif kakuu nan gala. Ani akka isin nagaadhaan bultaniif xiyya, goraadee fi waraana lafa irraa nan balleessa.
19 Nitakuwa mume wako milele. Nitakuwa mume wako katika haki, hukumu, uaminifu wa agano, na huruma.
Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; ani qajeelummaa fi dhugaadhaan jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.
20 Nitakuwa mume wako kwa uaminifu. Nawe utanijua mimi, Bwana.
Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; atis Waaqayyoon ni beekta.”
21 Na siku ile, nitajibu”-hili ndilo tamko la Bwana. “Nitazijibu mbingu, nao watajibu dunia.
Waaqayyo akkana jedha; “Ani gaafas deebii siif nan kenna; ani samiif deebii nan kenna; samiinis lafaaf deebii ni kenna;
22 Dunia itashughulikia nafaka, divai mpya na mafuta, na watajibu Yezreeli.
laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi zayitiif deebii kenniti; isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu.
23 Nitatampanda mwenyewe katika nchi kwa ajili yangu, na nitamhurumia Lo Ruhama. Nami nitamwambia Lo Ami, 'Wewe ni Ami Ata,' nao wataniambia, 'Wewe ni Mungu wangu.'”
Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha; ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha. Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha; isaanis, ‘Ati Waaqa koo ti’ naan jedhu.”