< Kutoka 22 >

1 Kama mwanaume akiiba ng'ombe aua kondoo na kumuua au kumuuza, kisha lazima alipe ng'ombe watano au ng'ombe mmoja, na kondoo wanne kwa mmoja.
“Namni tokko yoo sangaa yookaan hoolaa hatee qalate yookaan gurgurate, qooda qotiyyoo tokkoo sangaa shan, qooda hoolaa tokkoo immoo hoolaa afur haa baasu.
2 Kama mwizi akikutwa anavunja ndani, na kama akipigwa na kufa, hakutakuwa na hatia ya mauaji hayatakuwa juu ya mtu yeyote.
“Hattuun tokko utuu cabsee seenuu yoo qabamee tumamee kanumaan duʼe, namichi isa ajjeese sun dhiiga isaatti yakkaan hin gaafatamu;
3 Lakini kama jua limechomoza kabla ya yeye kuvunja ndani, hatia ya mauaji itakuwa juu ya aliyemuua. Mwizi lazima afanya alipe alichoiba. Kama hana chochote, kisha lazima auzwe kwa uwizi wake.
garuu yoo wanni kun erga aduun baatee taʼe, namichi dhiiga sanatti yakkaan ni gaafatama. “Hattuun waan hate haa deebisu; homaa hin qabu yoo taʼe garuu hanna isaatiif gatii baasuudhaaf haa gurguramu.
4 Kama mnyama amekutwa hai eneo lake, kama ni ng'ombe, punda, au kondoo, lazima alipe mara mbili.
Horiin hatame sun sangaa yookaan harree yookaan hoolaa taanaan yoo utuu lubbuun jiruu harka isaatti argame hattuun sun dachaa baasuu qaba.
5 Kama mwanaume akiwapeleka malishoni mifugo yake au shamba la mizabibu na akawaachia wanyama wake, na kawa wanakula shambani mwa mwanaume mwengine, lazima afanye malipo bora kutoka shambani mwake na shamba lake la mizabibu.
“Namni tokko yoo utuu lafa qotiisaa yookaan dhaabaa wayinii keessa horii tikfatuu horii isaa gad lakkisee horiin sun dhaqee kaloo nama biraa dheede, inni lafa qotiisaa ofii isaa irraa yookaan dhaabaa wayinii ofii isaa irraa kan waan hunda caalu iddoo haa buusuuf.
6 Kama moto ukitokea na kusambaa kwenye miba hadi mbegu, au mimea, au shamba kuteketezwa, yeye aliye anzisha moto lazima afanye malipo.
“Yoo ibiddi kaʼee daggala seenee akkasiin midhaan tuulame yookaan midhaan dhaabatu yookaan lafa qotiisaa gube, namichi ibidda qabsiise sun gatii baasuu qaba.
7 Kama mwanaume akitoa pesa au mali kwa jirani yake amtunzie, na kama itaibiwa nyumbani mwa huyo mwanaume, kama mwizi akipatikana, huyo mwizi lazima alipe mara mbili.
“Namni tokko yoo maallaqa yookaan miʼa imaanaa namatti kennatee, wanni sun mana namichaatii hatamee hattuun sun qabame, hattichi dachaa kaffaluu qaba.
8 Lakini kama mwizi asipo patikana, kisha mmiliki wa nyumba ata kuja mbele za waamuzi kuona kama ameeka mkono wake kwenye mali za jirani yake.
Yoo hattuun sun hin argamin garuu abbaan mana sanaa akka miʼa nama kaanii tuqee fi akka hin tuqin mirkaneessuuf fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu.
9 Kwa kila lumbano kuhusu jambo, kama ni ng'ombe, punda, kondoo, nguo, au chochote kilichopotea mtu anacho sema, “Hichi ni changu,” malalamiko ya pande zote lazima zije kwa waamuzi. Mwanaume ambaye waamuzi wanamkuta na hatia ata lipa mara mbili kwa jirani yake.
Namni tokko yoo qotiyyoo, harree, hoolaa, uffata yookaan miʼa bade tokko miliqsee namni tokko dhufee, ‘Kun kan koo ti’ jedhe, falmiin isaanii fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu. Namichi abbootiin murtii itti muran sunis ollaa isaatiif harka lama haa baasu.
10 Kama mwanaume akimpa jirani yake punda, ng'ombe, kondoo, au mnyama yeyote kumuhifadhia, na kama akifa au kuumia au akibebwa pasipo mtu kumuona,
“Yoo namni tokko ollaa isaatiif harree, qotiyyoo, hoolaa yookaan horii biraa imaanaa kennatee horiin suni utuu namni hin argin duʼe yookaan miidhame yookaan hatame,
11 kiapo kwa Yahweh lazima wafanye wote wawili, kama ndio au hapana mtu ameeka mkono wake kwenye mali ya jirani yake. Mmiliki lazima akubali hili, na mwengine hatafanya malipo.
namichi sun akka qabeenya ollaa isaa hin tuqin mirkaneessuuf fuula Waaqayyoo duratti haa kakatu; abbaan qabeenyaa sunis kakuu kana fudhachuu qaba; gatiis hin gaafatu.
12 Lakini kama iliibwa kwake, mwengine lazima afanye malipo kwa mmiliki kwa ajili yake.
Yoo horiin sun isa jalaa hatamee jiraate garuu namichi abbaa horii sanaatiif baasuu qaba.
13 Kama mnyama alikatwa vipande, acha mwanaume mwengine alete huyo mnyama kama ushahidi. Hatalipa kwa ajili ya vile vipande.
Yoo horii sana bineensatu nyaate taʼe immoo akka ragaa taʼuuf waan bineensa irraa hafe haa dhiʼeessu malee horii nyaatame sanaaf gatii hin baasin.
14 Kama mwanaume akiazima mnyama kutoka kwa jirani yake na mnyama akajeruhia au akafa pasipo mmiliki kuwa naye, mwanaume mwengine lazima afanya malipo.
“Namni tokko yoo ollaa isaa irraa horii ergifatee horiin sun iddoo abbaan horii hin jirretti miidhame yookaan duʼe, namichi ergifate sun gatii haa baasu.
15 Lakini kama mmiliki alikuwa nae, mwanaume mwengine haitaji kulipa; kama mnyama aliazimwa, atalipwa kwa gharama ya kuazima.
Yoo abbaan horii sanaa achi jiraate garuu namichi ergifate sun gatii baasuu hin qabu. Yoo horiin sun kireeffamee jiraate immoo maallaqni baafame sun kiraa horii duʼe sanaa haa taʼu.
16 Kama mwanaume akimtongoza bikra ambaye hana mchumba, na kama akilala naye, lazima amfanye kuwa mke wake kwa kulipa gharama za bibi arusi zinazo stahili.
“Namni tokko yoo durba hin kaadhimatamin gowwoomsee ishee wajjin ciise, inni gabbara misirrittiif malu baaseefii ishee haa fuudhu.
17 Kama baba yake akikataa kabisa kumpatia, lazima alipe hela inayo lingana na gharama za bibi arusi bikra.
Yoo abbaan ishee intalattii namichaaf kennuu dide immoo namichi sun gabbara durbaaf malu baasuu qaba.
18 Hautamwacha mchawi kuishi.
“Ati akka dubartiin falfaltuun lubbuun jiraattu hin eeyyamin.
19 Yeyote atakaye lala na mnyama lazima auawe.
“Namni horii wajjin ciisu kam iyyuu ajjeefamuu qaba.
20 Yeyote atakaye toa dhabihu kwa mungu mwengine isipo kuwa Yahweh lazima auawe.
“Namni Waaqayyo tokkichaaf malee Waaqa biraatiif aarsaa dhiʼeessu galaafatamuu qaba.
21 Hauta mkosea mgeni au kumnyanyasa, kwa kuwa ninyi mlikuwa wageni katika nchi ya Misri.
“Isinis waan biyya Gibxii keessatti alagoota turtaniif alagaatti daba hin hojjetinaa; hin cunqursinaas.
22 Hauruhusiwi kumtendea vibaya mjane au mtoto asiye kuwa na baba.
“Haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abbaan irraa duʼe hin hacuucinaa.
23 Ukiwadhuru ata kidogo, na kama wakiniita mimi, hakika nitasikia sauti yao.
Yoo isin isaan miitanii isaan immoo natti booʼan ani dhugumaan booʼicha isaanii nan dhagaʼa.
24 Hasira yangu itawaka, na nitakuua kwa upanga; wake zenu watakuwa wajane, na watoto wenu pasipo baba.
Aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaanan isin fixa; niitonni keessan haadhota hiyyeessaa taʼu; ijoolleen keessanis kanneen abbaa hin qabne taʼu.
25 Ukiazima hela kwa watu wangu walio maskini, haupaswi kuwa kama anaye kopesha hela kwake au kutoza faida.
“Ati yoo saba koo keessaa hiyyeessa si bira jiraatu tokkoof maallaqa liqeessite, akka nama hiiqii argachuuf kennuu hin taʼin; dhalas hin gaafatin.
26 Ukichukuwa vazi la jirani yako kwa deni, lazima umrudishie kabla jua kuzama,
Ati yoo wayyaa nama biraa qabdii qabatte, utuu aduun hin dhiʼin deebisiif;
27 kwa kuwa hilo ndilo funiko lake, ni vazi la mwili wake. Nini tena ambacho anaweza kulalia? Atakapo niita mimi, nitasikia, kwa kuwa mimi ni mwenye huruma.
wanni inni dhagna isaatti uffatu wayuma sanaatii. Wanni inni uffatee rafu biraa maali? Ani waanan gara laafessa taʼeef, yoo inni natti ol iyyate nan dhagaʼa.
28 Usinikufuru mimi, Mungu, wala kumtukana mtawala wa watu wako.
“Waaqa hin arrabsin; bulchaa saba keetiis hin abaarin.
29 Husizuie sadaka kutoka kwenye mavuno yako au kwenye hifadhi ya mvinyo wako. Lazima unipe mzaliwa wa kwanza wa wana wako.
“Mataa midhaan keetiitii fi dhangalaʼaa wayinii keetii irraa aarsaa dhiʼeessuu hin tursin. “Ilmaan kee keessaas hangafa naa kennuu qabda.
30 Lazima ufanye hivyo hivyo kwa ng'ombe na kondoo wako. Kwa siku saba lazima wabaki na mama zao, lakini siku ya nane lazima unipe mimi.
Loon keetii fi hoolota kee akkanuma godhi. Isaanis bultii torba haadha isaanii bira haa turan; guyyaa saddeettaffaatti garuu naa kenni.
31 Mtakuwa watu walio tengwa kwa ajili yangu. Hivyo hamtakula nyama iliyo uliwa na wanyama porini. Badala yake, uwatupie mbwa.
“Isin saba koo qulqulluu ni taatu. Kanaafuu foon horii bineensi alatti cabsee kam iyyuu hin nyaatinaa; foon akkanaa saree dura buusaa.

< Kutoka 22 >