< Torati 18 >

1 Makuhani, ambao ni Walawi, na makabila yote ya Lawi, hayatakuwa na mgao wala urithi pamoja na Israel; wanapaswa kula dhabihu ya Yahwe iliyotengenezwa kwa moto kama urithi wao.
Luboonni warri Lewwota taʼan jechuunis gosti Lewwii hundi Israaʼel wajjin qooda lafaa yookaan dhaala hin argatan. Isaan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu irraa haa nyaatan; kun qooda isaaniitii.
2 Hawatakuwa na urithi miongoni mwa ndugu zao; Yahwe ni urithi wao, kama alivyosema nao.
Isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala tokko iyyuu hin qabaatin; akkuma inni isaan abdachiisetti Waaqayyo dhaala isaaniitii.
3 Hii ni sababu ya makuhani kutoka kwa watu, kutoka kwa wale wanaotoa dhabihu, kama itakuwa ng'ombe au kondoo: wanapaswa kutoa kwa kuhani bega, mashavu mawili, na sehemu za ndani.
Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti.
4 Mazao ya kwanza ya nafaka zako, mvinyo wako mpya, na mafuta yako, na manyoya ya kwanza ya kondoo zako, unapaswa umpe.
Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda;
5 Kwa kuwa Yahwe Mungu wako amemchagua kutoka kwenye makabila yote yako kusimama kutumika kwa jina la Yahwe, yeye na wana wake milele.
kunis sababii Waaqayyo Waaqni kee akka isaan yeroo hunda dhaabatanii maqaa Waaqayyootiin tajaajilaniif gosoota kee hunda keessaa sanyii isaanii filateef.
6 Kama Mlawi anatoka kati ya miji yenu nje ya Israel yote kutoka ambapo anaishi, na utamani kwa moyo wake wote kuja katika eneo Yahwe atachagua,
Lewwichi tokko yoo magaalaawwan kee kanneen guutummaa Israaʼel keessatti argaman kam iyyuu keessaa iddoo jiraatuu baʼee garaa guutuudhaan iddoo Waaqayyo Waaqni filatu dhufe,
7 basi anapaswa kutumika kwa jina la Yahwe Mungu wake kama ndugu zake wote Walawi wanafanya, wanaosimama mbele ya Yahwe.
innis akkuma Lewwota fuula Waaqayyoo dura dhaabatanii tajaajilaniitti achitti maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiin haa tajaajilu.
8 Wanapaswa kuwa na mgao wa kufanana wa kula, badala ya kile kinachokuja kutokana na mauzo ya urithi wa familia yake.
Inni qabeenya maatii isaa kan gurguramu irraa maallaqa argatu illee Lewwota michoota isaa wajjin faayidaa argamu wal qixxee hirmaachuu qaba.
9 Wakati mmekuja katika nchi ambayo Yahwe Mungu wenu anawapa, mnapaswa kujifunza kuangalia machukizo ya mataifa.
Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galtutti, hojii balfamaa saboonni achi jiraatan hojjetan sana hojjechuu hin baratin.
10 Pasipatikana miongoni mwenu mmoja anayemweka kijana wake au binti yake kwenye moto, yeyote anatumia uganga, yeyote anatabiri, au mchawi, mchawi yeyote,
Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun,
11 yeyote aongeae na wafu, au yeyote aongeae na roho.
yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin.
12 Kwa yeyote afanyae mambo haya ni chukizo kwa Yahwe; ni kwa sababu ya machukizo haya ambayo Yahwe Mungu wenu anawaondosha mbele zenu.
Namni waan akkasii hojjetu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; sababii hojii jibbisiisaa kanaatiifis Waaqayyo Waaqni fuula kee duraa saboota ariʼee ni baasa.
13 Mnapaswa kuwa wakamilifu mbele ya Yahwe Mungu wenu.
Ati fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti hirʼina malee jiraachuu qabda.
14 Kwa mataifa haya ambayo mtayafukuza kusikiliza wale wafanyao uchawi na uganga; lakini kwenu, Yahwe Mungu wenu amewakataza ninyi kufanya hivyo.
Saboonni ati lafa isaanii irraa buqqiftu warra falfala hojjetan yookaan warra ilaalanii dha. Garuu akka ati waan akkasii hojjettu Waaqayyo Waaqni kee siif hin eeyyamamne.
15 Yahwe Mungu wenu atainua kwa ajili yenu nabii kutoka miongoni mwenu, mmoja wa ndugu zenu, kama mimi. Mnapaswa kumsikiliza.
Waaqayyo Waaqni kee obboloota kee keessaa raajii akka kootii tokko siif kaasa. Atis isa dhagaʼuu qabda.
16 Hiki ndicho mlichouliza kutoka kwa Yahwe Mungu wenu huko Horebu katika siku ya kusanyiko, kusema, “Acha tusisikie tena sauti ya Yahwe Mungu wetu, wala kuona moto mkuu tena, wala tutakufa.”
Wanni ati gaafa waldaan Kooreebitti walitti qabame, “Ani akka hin duuneef lammata sagalee Waaqayyo Waaqa kootii hin dhagaʼu yookaan ibidda guddaa kana siʼachi hin argu” jettee Waaqayyoon Waaqa kee kadhatte kanaatii.
17 Yahwe alisema nami, “Kile walichosema ni kizuri.
Waaqayyo akkana naan jedhe: “Wanni isaan jedhan gaarii dha.
18 Nitamwinua nabii kwa ajili yao kutoka miongoni mwa ndugu zao, kama wewe. Nitaweka maneno yangu katika kinywa chake, na ataongea nao yote niliyowakuamuru.
Ani raajii akka keetii obboloota isaanii gidduudhaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa; innis waan ani isa ajaju hunda isaanitti hima.
19 Itakuwa kama yeyote hatasikia maneno yangu ambayo anazungumza kwa jina langu, nitalitaka kwake.
Nama dubbii koo kan raajiin maqaa kootiin dubbatu dhagaʼuu didu kam iyyuu, ani mataan koo isa nan gaafadha.
20 Lakini nabii ambaye anazungumza neno kwa kiburi kwa jina langu, neno ambalo sijamuamuru kusema, au ambaye anayezungumza kwa jina la miungu mingine, huyo nabii atakufa.
Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”
21 Hivyo ndivyo unapaswa kusema katika mioyo yenu: “Tutagunduaje kuwa ujumbe ambao Yahwe hajazungumza?
Ati garaa keetti, “Nu dubbii Waaqayyo nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?” jetta taʼa.
22 Mtagundua ujumbe ambao Yahwe amezungumza pindi nabii azungumzapo kwa jina la Yahwe. Kama hiyo haitokei wala kufanyika, basi hicho ni kile ambacho Yahwe hajazungumza na nabii amezungumza kwa kiburi, na hampaswi kumuogopa.
Yoo wanni raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Waaqayyo hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.

< Torati 18 >