< Amosi 5 >

1 Sikilizeni hili neno ambalo nisemalo kama maombelezo juu yenu, nyumba ya Israeli.
Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa:
2 Bikira wa Israeli ameanguka; hatoinuka tena; ametoroka kwenye nchi yake, hakuna mtu wa kumwinua.
“Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti; isheen lammata hin kaatu; biyyuma ishee keessatti gatamtee nama ol ishee qabu tokko illee dhabde.”
3 Kwa kuwa hivi ndivyo Yahwe asemavyo: “Mji ambao umetoka nje kwa elfu watabaki mia, na walioenda nje mia watabaki kumi wa mali ya nyumba ya Israeli.”
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteef dhibba tokko qofatu hafa; magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteef kudhan qofatu hafa.”
4 Kwa kuwa hivi ndivyo Yahwe asemavyo kwa nyumba ya Israeli: “Nitafuteni na mtaishi!
Waaqayyo mana Israaʼeliin akkana jedha: “Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;
5 Msimtafute Betheli; wala kuingia Gilgali; msisafiri kwenda Bersheba. Kwa kuwa Gilgali watakwenda utumwani hakika, na Betheli haitakuwa kitu.
Beetʼeelin hin barbaaddatinaa; Gilgaal hin dhaqinaa; Bersheebaattis hin ceʼinaa. Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti; Beetʼeelis ni dhabamti.”
6 Mtafuteni Yahwe mtaishi, au atawaka kama moto kwenye nyumba ya Yusufu. Utateketeza, na hakutakuwa na mtu hata mmoja kuuzima katika Betheli.
Waaqayyoon barbaaddadhaatii jiraadhaa; yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaa mana Yoosef keessa baʼee haxaaʼaa; ibiddi sun ishee guba; Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuu hin qabaattu.
7 Wale watu wageuzao haki kuwa jambo chungu na kuiangusha haki chini!”
Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartanii qajeelummaas lafatti harcaaftanii dha.
8 Mungu aliiumba Pleidezi na Orioni; amebadilisha giza kuwa asubuhu; hufanya siku kuwa giza na usiku na kuita maji ya bahari; yeye huyamwaga juu ya uso wa dunia. Yahwe ndilo jina lake!
Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume, kan dukkana bariitti geeddaru, inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu, kan galaana keessaa bishaan ol waamee fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu maqaan isaa Waaqayyoo dha.
9 Yeye huleta uharibifu wa ghafla juu ya waliohodari ili kwamba uharibifu uje juu ya ngome.
Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida; magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa.
10 Wanamchukia kila awasahihishaye katika lango la mji, nao humchukia sana yeyote asemaye ukweli.
Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu; kan dhugaa dubbatus ni balfu.
11 Kwa sababu mnamkanyaga chini maskini na kuchukua sehemu ya ngano kutoka kwake- ingawa mmejenga nyumba za mawe yaliyochongwa, hamtaishi kwenye nyumba hizo. Mmependezwa na mashamba ya mizabibu, lakini hamtakunywa mvinyo wake.
Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu. Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu manneen sana keessa hin jiraattan; isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu daadhii wayinii isaanii hin dhugdan.
12 Kwa kuwa najua ni jinsi gani mlivyo na makosa mengi na jinsi dhambi zenu zilivyo kubwa- ninyi mnaowaonea wenye haki, chukueni rushwa, na kuwageuza wahitaji kwenye lango la mji.
Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii. Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu; hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu.
13 Kwa hiyo kila mtu mwenye busara atanyamaza kimya kwenye wakati kama huo, kwa kuwa ni wakati wa uovu.
Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata; barri kun bara hamaadhaatii.
14 Tafuteni mazuri na sio mabaya, ili kwamba mpate kuishi. Hivyo Yahwe, Mungu wa majeshi, atakuwa na ninyi tayari, kama msemavyo yeye ndiye.
Akka lubbuudhaan jiraattaniif waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa. Yoos akkuma isin jettan sana Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.
15 Chukieni uovu, imarisheni haki katika lango la mji. Huenda Yahwe, Mungu wa majeshi, atawafadhili mabaki ya Yusufu.
Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa; mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu tarii hambaa Yoosefiif garaa laafa taʼaatii.
16 Kwa hiyo, hivi ndivyo Yahwe asemavyo, Mungu wa majeshi, Bwana, “Kutakuwa na maombolezo kwenye miraba yote, na watasema kwenye mitaa yote, 'Ole! Ole!' Watawaita wakulima kuomboleza na walio hodari wa kulia na kuomboleza.
Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Daandii hunda irra booʼicha, oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira. Qonnaan bultoonni akka booʼaniif, warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu.
17 Katika mashamba yote ya mizabibu kutakuwa na kilio, kwa kuwa nitapita katikati yako,” asema Yahwe.
Ani gidduu keessan waanan darbuuf iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa” jedha Waaqayyo.
18 Ole wenu ninyi mnaoitamani siku ya Yahwe! Kwa nini mnaitamani? Itakuwa giza na sio nuru,
Isin warra guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitaniif wayyoo! Isin maaliif guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitu! Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii.
19 kama wakati mtu anamkimbia simba na kukutana na dubu, au aliingia katika nyumba na kuweka mkono wake kwenye ukuta na kung'atwa na nyoka.
Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼee afaan amaaketaa buʼu tokkoo ti; yookaan akka nama mana isaa seenee harka isaa keenyan manaa irra kaaʼatee bofti isa idde tokkoo ti.
20 Je siku ya Yahwe itakuwa giza na sio nuru? Huzuni na sio furaha?
Guyyaan Waaqayyoo ifa utuu hin taʼin dukkana mitii? Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii?
21 “Nachukia, nazidharau sikukuu zenu, naichukia mikutano yenu ya dini.
“Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas; waldaa keessanittis hin gammadu.
22 Hata kama mnanitolea sadaka ya kuteketeza na sadaka za unga, sintozipokea, wala kuzitazama kwenye sadaka za ushirika wa wanyama walionona.
Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu. Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu ani homaattuu isa hin lakkaaʼu.
23 Niondoleeni kelele za nyimbo zenu; sintosikiliza sauti za vinubi vyenu.
Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa! Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu.
24 Badala yake, acheni haki itiririke kama maji, na haki kama mkondo utiririkao siku zote.
Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa, qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!
25 Je mmeniletea dhambihu na sadaka za kuteketeza jangwani kwa mda wa miaka arobaini?
“Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
26 Mtamwinua Sikuthi kama mfalme wenu, na Kiuni, nyota yenu ya miungu-ambayo mmeifanya kwa ajili yenu wenyewe.
Isin waan harkuma keessaniin tolfattan jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii, utubaa waaqa keessan tolfamaatii fi fakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu.
27 Kwa hiyo nitawahamisha upande wa pili wa Damaskasi,” asema Yahwe, ambaye jina lake ni Mungu wa majeshi.
Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif, Damaasqoodhaan gamatti isinan erga” jedha Waaqayyo inni maqaan isaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun.

< Amosi 5 >