< 2 Wafalme 8 >

1 Basi, Elisha alikuwa amemwambia yule mwanamke ambaye alimfufulia mtoto wake. Akamwambia, “Inuka na uenede pamoja na nyumba yako, na uishi popote uwezapo katika nchi nyingine, kwa sababu Yahwe ameiita njaa ambayo itakuja katika hii nchi kwa miaka saba.”
Yeroo kanatti Elsaaʼi dubartii ilma ishee duʼaa kaaseef sanaan, “Sababii Waaqayyo beela waggaa torba turu tokko biyya kanatti ajajeef, maatii kee wajjin asii deemiitii iddoo jiraachuu dandeessu kam iyyuu jiraadhu” jedhe.
2 Basi yule mwanamke akainuka na akatii lile neno la mtumishi wa Mungu. Akaenda na nyumba yake na kuishi kwenye nchi ya Wafilisti miaka saba.
Dubartiin sunis kaatee akkuma namni Waaqaa sun jedheen goote. Ishee fi maatiin ishee dhaqanii biyya Filisxeemotaa keessa waggaa torba jiraatan.
3 Ikafika kama mwishoni mwa miaka saba yule mwanamke akarudi kutoka kwenye ile nchi ya Wafilisti, na kwenda kwa mfalme kumuomba nyumba yake na kwa ajili ya nchi yake.
Isheenis dhuma waggaa torbaatti biyya Filisxeemotaatii deebitee manaa fi lafa ishee kadhachuuf gara mootichaa ni dhaqxe.
4 Basi mfalme alikuwa anaongea na Gehazi yule mtumishi wa Mungu, akisema, “Tafadhali niambie yale mambo makubwa ambayo Elisha ameyafanya.”
Mootichis, “Mee waan Elsaaʼi hojjete gurguddaa natti himi” jedhee Gehaaz tajaajilaa nama Waaqaa sana wajjin haasaʼaa ture.
5 Basi alipokuwa akimwambia yule mfalme jinsi gani Elisha alivyomfufua yule mtoto aliyekufa, huyo mwanamke ambaye mtoto wake aliyekuwa amefufuliwa akaja kumuomba yule mfalme kwa ajili ya nyumba yake na nchi yake. Gehazi akasema, “Bwana wangu, mfalme, huyu ndiye yule mwanamke, na huyu ndiye mtoto wake, ambaye Elisha amemfufua.”
Utuma Gehaaz akka Elsaaʼi nama duʼe illee duʼaa kaase isatti himuutti jiruu dubartiin Elsaaʼi ilma ishee duʼaa kaaseef sun manaa fi lafa ishee kadhachuudhaaf gara mootichaa dhufte. Gehaazis, “Yaa gooftaa koo mooticha, dubartiin Elsaaʼi mucaa ishee duʼaa kaaseef sun kunoo ti” jedhe.
6 Wakati yule mfalme alipomuuliza yule mwanamke kuhusu mtoto wake, alimwelezea yule mfalme. Ndipo mfalme akamwagizia ofisa makini, akisema, “Mrudishie vyote vilivyokuwa vyake na mavuno yake yote ya kwenye mashamba tangu siku alipoondoka hadi sasa.”
Mootichi waaʼee waan sanaa dubartittii gaafate; isheenis itti himte. Innis ergasii qondaala tokko dubbii isheetti ramadee, “Galii guyyaa isheen biyyaa baatee jalqabee lafa qotiisaa ishee irraa argame hunda itti dabaliitii waan kan ishee ture hunda deebisiif” jedheen.
7 Elisha akaja Damaskasi ambako Ben Hadadi yule mfalme wa Shamu alikuwa anaumwa. Yule mfalme aliambiwa, “Yule mtu wa Mungu amekuja hapa.”
Elsaaʼi Damaasqoo dhaqe; Ben-Hadaad mootichi Sooriyaa immoo dhukkubsatee ture. Mootiin sunis yommuu, “Namni Waaqaa sun as dhufee jira” jedhanii itti himanitti,
8 Mfalme akamwambia Hazaeli, “Chukua zawadi kwenye mkono wako na uende ukakutane na mtu wa Mungu, na ukazungumze na Yahwe kupitia yeye, ukisema, “Je nitapona huu ugonjwa wangu?”
Hazaaʼeeliin akkana jedhe; “Kennaa wayii fudhadhuutii dhaqii nama Waaqaa sana simadhu. Karaa isaatiinis, ‘Ani dhukkuba kana irraa nan hafaa?’ jedhii Waaqayyoon gaafadhu.”
9 Basi Hazaeli akaenda kuonana naye na kuchukua zawadi zake za kila kitu kizuri cha Damskasi, akabeba ngamia arobaini. Hivyo Hazaeli akaja na kusimama mbele ya Elisha na kusema, “Mtoto wako Ben Hadadi mfalme wa Shamu amenituma kwako, kusema, “Je nitapona huu ugonjwa?”
Hazaaʼeelis waan Damaasqoo keessaa akka malee gaggaarii taʼe fudhatee kennaa feʼiisa gaala afurtamaatiin Elsaaʼin simachuu dhaqe. Ol seenees fuula isaa dura dhaabatee, “Ilma kee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaatu, ‘Ani dhukkuba kana irraa hafaa?’ jedhee sitti na erge” jedheen.
10 Elisha akamwambia, “Nenda, kwa Ben Hadadi, 'Utapona hakika,' lakini Yahwe amenionyesha kwamba atakufa hahkika.”
Elsaaʼi immoo, “Dhaqiitii, ‘Ati dhugumaan irraa hafta’ jedhiin; garuu Waaqayyo akka inni dhugumaan duʼu na argisiiseera” jedhee deebiseef.
11 Basi Elisha akamtumbulia macho Hazaeli hadi alipojisikia aibu, na yule mtu wa Mungu akalia machozi.
Elsaaʼi hamma Hazaaʼeel qaanaʼutti utuu ija irraa hin buqqifatin isa ilaale. Ergasii namni Waaqaa sun booʼuu jalqabe.
12 Hazaeli akauliza, kwa nini unalia, bwana wangu?” Akajibu, “Kwa sababu najua uovu ambao utakaoufanya kwa watu wa Israeli. Utazichoma moto ngome zao kwa moto, na utawaua vijana wao kwa upanga, kuwaseta vipande vipande watoto wao wachanga, na kuwapasua mimba zao wanawake wenye mimba.”
Hazaaʼeelis, “Gooftaan koo maaliif booʼa?” jedhee gaafate. Inni immoo akkana jedhee deebise; “Sababii ani miidhaa ati Israaʼelitti fiddu beekuuf; ati daʼannoo isaaniitti ibidda naqxa; dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixxa; daaʼimman isaanii lafaan dhooftee mimmiciriqsita; dubartoota isaanii kanneen ulfaaʼan garaa baqaqsita.”
13 Hazaeli akajibu, Ni nani mtumwa wako, ambaye atafanya jambo hili kubwa? Yeye ni mbwa tu.” Elisha akajibu, “Yahwe amenionyesha kwamba utakuwa mfalme juu ya Shamu.”
Hazaaʼeel, “Ani garbichi kee sareen kun akkamiin waan hamtuu akkanaa hojjedha?” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Waaqayyo akka ati mootii Sooriyaa taatu na argisiiseera” jedhee deebiseef.
14 Ndipo Hazaeli akamwacha Elisha na kuja kwa bwana wake, ambaye alimwambia, “Je Elisha alikwambiaje?” Akajibu, “Ameniambia kwamba utapona bila shaka.”
Hazaaʼeel ergasii Elsaaʼi biraa baʼee gara gooftaa isaatti deebiʼe. Yommuu Ben-Hadaad, “Elsaaʼi maal siin jedhe?” jedhee gaafatettis, Hazaaʼeel, “Inni akka ati dhugumaan irraa haftu natti hime” jedhee deebise.
15 Basi siku ya pili yake Hazaeli akachukua blangeti na kulichovya kwenye maji, na kulitandaza kwenye uso wa Ben Hadadi hivyo akafa. Basi Hazaeli akawa mfalme katika sehemu sehemu yake.
Inni garuu guyyaa itti aanu wayyaa furdaa tokko fuudhee bishaan keessa cuuphee fuula mootichaa haguuge; akkasiin mootichi duʼe. Ergasii Hazaaʼeel iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
16 Katika mwaka wa kumi na tano wa Yoramu mwana wa Ahabu, mfalme wa Israeli, Yehoramu akaanza kutawala. Alikuwa mwana wa Yehoshafati mfalme wa Yuda. Alianza wakati Yehoshafati alikuwa mfalme wa Yuda.
Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa shanaffaatti Yooraam ilmi Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu jalqabe.
17 Yoramu alikuwa na umri wa miaka thelathini na mbili alipoanza kutawala, na alitawala kwa mda wa miaka minane katika Yerusalemu.
Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche.
18 Yoramu akatembea kwenye njia ya huyo mfalme wa Israeli, kama walivyokuwa wakifanya kwenye nyumba ya Ahabu; kwa kuwa alikuwa na binti wa Ahabu kama mke wake, na alifanya uovu usoni kwa Yahwe.
Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
19 Walakini, kwa sababu ya mtumishi wake Daudi, Yahwe hakutaka kuiharibu Yuda, tangu alipomwambia kwamba atampatia wazao.
Taʼus Waaqayyo sababii garbicha isaa Daawitiif jedhee Yihuudaa balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni Daawitii fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.
20 Katika siku za Yoramu, Edomu akaasi kutoka chini ya mkono wa Yuda, na wakamfanya mfalme juu yao wenyewe.
Bara Yooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate.
21 Basi Yehoramu akaenda na maamri jeshi na magari ya farasi yote. Ilitokea kwamba akaamka usiku na kushambulia na kuwazunguka Waedomu, waliokuwa wamemzunguka na wale maamri jeshi wa magari ya farasi. Ndipo wanajeshi wa Yehoramu wakakimbilia wajumbani kwao.
Kanaafuu Yooraam gaariiwwan isaa hunda wajjin Zaaʼiiri dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe; loltoonni isaa garuu gara biyya isaaniitti baqatan.
22 Hivyo Edomu aliasi dhidi ya utawala wa Yuda katika siku hizi. Libna pia aliasi katika kipindi hicho hicho.
Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis yeruma sanatti fincile.
23 Kwa mambo mengine yamhusuyo Yehoramu, yote aliyoyafanya, je hayakuandikwa kwenye kitabu cha matukio ya mfalme wa Yuda?
Wantoonni bara mootummaa Yooraam keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii?
24 Yehoramu akafa na kuzikwa pamoja na baba zake, na akalala pamoja na baba zake katika mji wa Daudi. Ndipo Ahazi mtoto wake akawa mfalme katika sehemu yake.
Yooraam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti ni awwaalame. Ahaaziyaan ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
25 Katika mwaka wa kumi na mbili wa Yohoramu mwana wa Ahabu, mfalme wa Israeli, Ahazi mwana wa Yehoramu, mfalme wa Yuda, alianza kutawala.
Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa kudha lammaffaatti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootii Yihuudaa taʼee bulchuu jalqabe.
26 Ahazi alikuwa ana umri wa miaka ishirini na mbili wakati alipoanza kutawala; alitawala kwa mda wa mwaka mmoja katika Yerusalemu. Mama yake alikuwa anaitwa Athalia; alikuwa mtoto wa Omri, mfalme wa Israeli.
Ahaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokko ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa dha; isheenis intala ilma Omrii mooticha Israaʼel sanaa turte.
27 Ahazia alitembelea katika nyumba ya Ahabu; alifanya yale yaliyo maovu katika uso wa Yahwe, kama nyumba ya Ahabu ilivyokuwa ikifanya, kwa kuwa Ahazia alikuwa mkwe kwenye nyumba ya Aabu.
Innis karaa mana Ahaab duukaa buʼee, akkuma manni Ahaab godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni karaa fuudhaatiin maatii Ahaabitti firoomee tureetii.
28 Ahazia akaenda pamoja na Yoramu mwana wa Ahabu, kupigana dhidi ya Hazaeli, mfalme wa Shamu, katika Ramath Geleadi. Washami wakamjeruhi Yoramu.
Ahaaziyaanis Yooraam ilma Ahaab wajjin Hazaaʼeel mooticha Arraam loluudhaaf Raamoot Giliʼaaditti duule. Warri Arraamis Yooraamin ni madeessan;
29 Mfalme Yoramu akarudi ili auguzwe huko Yezreeli kwenye yale majeraha ambayo Washami walimpatia huko Rama. Wakati alipopigana dhidi ya Hazaeli mfalme wa Shamu. Hivyo Ahazi mwana wa Yehoramu, mfalme Yuda, akashuka kwa Yezreeli kumuona Yoramu mwana wa Ahabu, kwa sababu Yoramu alikuwa amejeruhiwa.
kanaafuu Yehooraam mootichi madaa warri Arraam yeroo inni Raamaat keessatti Hazaaʼeel mooticha Arraam wajjin wal loletti isa madeessan sana fayyuuf jedhee Yizriʼeelitti deebiʼe. Kana irratti Ahaaziyaan ilmi Yooraam mootichi Yihuudaa sababii inni madaaʼee tureef Yooraam ilma Ahaab arguuf gara Yizriʼeelitti gad buʼe.

< 2 Wafalme 8 >