< 2 Wafalme 2 >

1 Hivyo ilipokuja kuhusu, wakati Yahwe alipokuwa akienda kumchukua Eliya kwenda mbinguni kwa uvumi, ambapo Eliya aliondoka pamoja na Elisha kutoka Gigali.
Yeroo Waaqayyo bubbeedhaan Eeliyaasin gara Samiitti ol fudhachuu gaʼetti Eeliyaasii fi Elsaaʼi Gilgaalii kaʼanii karaa deemaa turan.
2 Eliya akamwambia Elisha, '“kaa hapa, tafadhali, kwa sababu Yahwe alinituma kwa Betheli.'” Elisha akajibu, “Kama Yahwe aishivyo, na kama uishivyo, sintokuacha.'” Hivyo wakashuka chini kulekea Betheli.
Eeliyaasis Elsaaʼiin, “Ati asuma turi; Waaqayyo Beetʼeelitti na ergeeraatii” jedhe. Elsaaʼi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan Beetʼeelitti gad buʼan.
3 Wana wa manabii ambao walikuwa Betheli walikuja kwa Elisha na kumwambia, je unajua kwamba Yahwe atamwondoa bwana wako kuanzia leo?”' Elisha akajibu, “Ndiyo, nalijua hilo, ila msizungumze kuhusu hilo.”'
Ergasiis waldaan raajotaa kanneen Beetʼeel turan gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii ni gaafatan. Elsaaʼi immoo, “Eeyyee, ani nan beeka; garuu isin waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
4 Eliya akamwambia, “Elisha, subiri hapa, tafadhali, kwa kuwa Yahwe amenituma niende Yeriko.” Kisha Elisha akajibu, '“Kama Yahwe aishivyo, na kama uishivyo, sintokuacha.” Hivyo wakaenda Yeriko.
Eeliyaasis “Yaa Elsaaʼi, ati asuma turi; Waaqayyo gara Yerikootti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan gara Yerikoo deeman.
5 Kisha wana wa manabii ambao walikuwa Yeriko wakaja kwa Elisha na kumwambia, “'Je unajua kwamba Yahwe atamwondoa bwana wako kutoka kwako leo?” Elisha akajibu, “Ndiyo, nalijua hilo, lakini msilizungumzie hilo.”
Waldaan raajotaa kanneen Yerikoo turan sun gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii gaafatan. Innis, “Eeyyee nan beeka; isin garuu waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
6 Kisha Eliya akamwambia, '“kaa hapa, tafadhali, kwa kuwa Yahwe amenituma kwenda Yeriko.” Elisha akajibu, “Kama Yahwe ishivyo, na kama uishivyo, sintokuacha.” Hivyo wawili wakaenda mbele.
Eeliyaasis, “Ati asuma turi; Waaqayyo Yordaanositti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan lamaanuu kaʼanii deeman.
7 Baadaye watu hamsini wa watoto wa wale manabii wakasimama kuwakabili kwa mbali kidogo wale wawili wakasimama karibu na Yordani.
Isaanis Yordaanos bira dhaabatan; waldaa raajotaa keessaa namoonni shantamni dhaqanii irraa fagaatanii fuula isaanii dura dhadhaabatan.
8 Eliya akachukua vazi lake, akaliviringisha, na kuyapiga maji kwa kutumia lile vazi. Ule mto ukagawanyika katika sehemu mbili hivyo basi wawili hao wakatembea hadi nchi kavu.
Eeliyaasis kaabbaa isaa of irraa baasee dadachaasee ittiin bishaan dhaʼe. Bishaan sunis mirgaa fi bitaatti gargar qoodame; isaan lamaanuu lafa gogaa irra ceʼan.
9 Ilitokea, walipokwisha kuvuka, kwamba Eliya akamwambia Elisha, “Niambie unachotaka nifanye kwako kabla sijaondolewa kutoka kwako.” Elisha akajibu, “Naomba sehemu kubwa ya roho yako ije kwangu.
Eeliyaasis erga ceʼanii booddee Elsaaʼiin, “Mee waan ani utuu si biraa hin fudhatamin siif gochuu dandaʼu natti himi” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Hafuurri kee dachaadhaan narra haa buʼu” jedhee deebiseef.
10 Eliya akajibu, “Umeomba jambo gumu. Hata hivyo, kama ukiniona wakati nitakapoondolewa kutoka kwako, hii itatokea kwako, lakini kama sivyo, haitatokea.”
Eeliyaas immoo, “Ati waan rakkisaa kadhatte; taʼus yoo ati yeroo ani si biraa fudhatamutti na argite, hafuurri kun kan kee taʼa; yoo kanaa achi kan kee hin taʼu” jedheen.
11 Ikawa walipokuwa bado wakienda mbele na kuzungumza, gari la kukokotwa na farasi lenye moto na farasi wa moto ikatokea, ambapo iliwatenga wale watu wawili kutoka kila mmoja, na Eliya akaenda juu kwa uvumi wa upepo kwenda mbinguni.
Utuma isaan haasaʼaa deemanuu gaariin ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa akkuma tasaa mulʼatanii isaan lamaan gargari baasan; Eeliyaasis bubbeedhaan samiitti ol fudhatame.
12 Elisha akaiona akalia kwa sauti, “Baba yangu, baba yangu, gari la kukokotwa na farasi la Israeli na waendesha farasi!'” Hakumwona Eliya tena, na akashikilia nguo zake mwenyewe na kugawanya kwenye vipande viwili.
Elsaaʼi waan kana argee, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Gaariiwwanii fi abbootii farda Israaʼel!” jedhee sagalee ol fudhatee iyye. Elsaaʼi ergasii deebiʼee isa hin argine. Innis uffata isaa qabee iddoo lamatti gargar tarsaase.
13 Akachukua vazi la Eliya lililokuwa limemwangukia, na kurudi kusimama kwenye ukingo wa Yordani.
Innis kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fuudhee deebiʼee qarqara laga Yordaanos dhaabate.
14 Akayapiga maji pamoja na lile vazi la Eliya alilokuwa ameliangusha na kusema, “Yahwe yuko wapi, Mungu wa Eliya?'” Wakati alipoyapiga yale maji, yaligawanyika katika pande mbili na Elisha akavuka.
Ergasii kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fudhatee ittiin bishaan dhaʼee, “Waaqayyo Waaqni Eeliyaas sun amma eessa jira?” jedhee gaafate. Yommuu inni dhaʼetti bishaan sun mirgaa fi bitaatti gargari qoodame; Elsaaʼis ni ceʼe.
15 Wakati hao wana wa manabii ambao walitoka Yeriko walipomuona akikatiza kwao, wakasema, “roho ya Eliya imepumzika kwa Elisha!” Hivyo wakaja kuonana naye, na wakasujudu aridhini mbele yake.
Waldaan raajotaa kanneen Yerikoodhaa dhufanii waan kana ilaalaa turan, “Hafuurri Eeliyaas Elsaaʼi irra buʼuutti jira” jedhan. Isaanis isa simachuudhaaf dhaqanii fuula isaa duratti lafatti gombifaman.
16 Wakamwambia, “Ona sasa, miongoni mwa watumishi wako kuna watu hamsini hodari. Tunakuomba Waache waende, na kumtafuta bwana wako, endapo huyo Roho wa Yahwe alipomchukua juu na kumtupa juu ya mlima mmoja au kwenye bonde moja.” Elisha akajibu, “Hapana, msiwatume.”
Akkanas jedhaniin; “Kunoo, nu tajaajiltoonni kee namoota ciccimoo shantama of biraa qabna. Isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Hafuurri Waaqayyoo ol isa fuudhee tulluu wayii irra yookaan sulula wayii keessa isa buuse taʼaatii.” Elsaaʼi immoo, “Akkas miti; isaan hin erginaa” jedhee deebise.
17 Lakini walimsihi Elisha hadi akaona aibu, akasema, “Watume.”Ndipo wakawatuma watu hamsini, na wakatafuta kwa mda wa siku tatu, lakini hawakumpata.
Isaan garuu hamma inni isaan jalaa diduu qaanaʼutti isa dirqisiisan. Kana irratti inni, “Isaan ergaa” jedhe. Isaanis nama shantama ni ergan; namoonni sunis bultii sadii barbaadanii isa dhaban.
18 Wakarudi kwa Elisha, wakati alipokuwa bado yuko Yeriko, na akasema, “Je sikusema, 'msiende'?”
Isaanis utuma inni Yerikoo jiruu deebiʼanii gara isaa dhufan; innis, “Ani hin deeminaa isiniin hin jennee?” jedheen.
19 Watu wa mjini wakamwambia Elisha, “Ona, tunakuomba, hali ya mjini hapa ni pazuri, kama bwana wangu awezavyo kuona, lakini maji ni mabaya na hiyo nchi haiwezi kuzaa matunda.”
Namoonni magaalaa sanaa Elsaaʼiin, “Kunoo yaa gooftaa keenya, akkuma ati argitu kana haalli magaalaa kanaa namatti tola; garuu bishaan ishee faalamaa dha; lafti ishees midhaan hin baaftu” jedhan.
20 Elisha akajibu, “Nileteeni bakuli jipya na muweke chumvi ndani ya hilo bakuli,” hivyo wakamletea.
Innis, “Mee waciitii haaraa naa fidaatii soogidda itti naqaa” jedheen. Kanaafuu isaan waciitii sana itti fidan.
21 Elisha akaenda hadi kwenye chemichemi za maji na kutupia chumvi ndani; halafu akasema, “Yahwe asema hivi, 'Nimeyaponya haya maji. Kuanzia mda huu, hakutakuwa na kifo au nchi isiyozaa matunda.
Innis gara burqaatti gad buʼee, soogidda sana itti naqee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Bishaan kun lammata duʼa hin fidu yookaan maseenummaa biyyatti hin fidu.’”
22 “Hivyo hayo maji yakaponya hata leo, kwa lile neno ambalo Elisha aliongea.
Bishaan sunis akkuma dubbii Elsaaʼi dubbate sanaatti hamma ammaatti fayyeera.
23 Ndipo Elisha akapanda kutoka pale mpaka Betheli. Naye alipokuwa akienda hadi kwenye barabara, wakatokea vijana nje ya mji na kumtania, wakamwambia, “Panda juu, wewe mwenye kipara! Panda juu, wewe mwenye kipara!”
Ergasii Elsaaʼi kaʼee Beetʼeel dhaqe. Utuma inni karaa deemuu ijoolleen tokko magaalaa keessaa yaatee, “Namicha mataa moluu nana deemi asii! Namicha mataa moluu nana deemi asii!” jedhanii itti qoosan.
24 Elisha alipotazama nyuma yake na kuwaona; alimwambia Yahwe awalaani. Ndipo dubu wa kike wawili wakatokea kichakani na kuwajeruhi vijana arobaini na mbili.
Inni of irra garagalee isaan milʼatee maqaa Waaqayyootiin isaan abaare. Yommus amaakenni lama bosona keessaa baʼanii ijoollee sana keessaa afurtamii lama cicciranii fixan.
25 Ndipo Elisha alipoondoka pale na kuelekea Mlima Karmeli, na kutoka huko alirudi samaria.
Elsaaʼis ittuma fufee gara Tulluu Qarmeloos dhaqe; achii kaʼees Samaariyaatti deebiʼe.

< 2 Wafalme 2 >