< 1 Samweli 8 >

1 Samweli alipozeeka, aliwaweka watoto wake wawe waamuzi juu ya Israeli.
Saamuʼeel yeroo dulloometti ilmaan isaa abbootii murtii godhee Israaʼeliif muude.
2 Mtoto wake wa kwanza aliitwa Yoeli, na mtoto wake wa pili aliitwa Abiya. Hawa walikuwa waamuzi katika Bersheba.
Maqaan ilma isaa hangaftichaa Yooʼeel, kan isa lammaffaa immoo Abiyaa jedhama; isaanis Bersheebaa keessatti abbootii murtii turan.
3 Watoto wake hawakuenenda katika njia za baba yao, bali walipiga mbio kutafuta mapato ya udhalimu. Walipokea rushwa na na kupotosha hukumu.
Ilmaan isaa garuu fakkeenya abbaa isaanii duukaa hin buune. Buʼaa hin malle argachuuf jedhanii mattaʼaa fudhatan; murtiis jalʼisan.
4 Ndipo wazee wote wa Israeli walikutana pamoja na kumwendea Samweli huko Rama.
Kanaafuu maanguddoonni Israaʼel wal gaʼanii Saamuʼeel bira gara Raamaa dhufan;
5 Wakamwambia, “Angalia, wewe umekuwa mzee, na watoto wako hawaenendi katika njia zako. Tuchagulie mfalme wakutuamua kama yalivyo mataifa yote.”
isaanis, “Ati dulloomteerta; ilmaan kee immoo fakkeenya kee duukaa hin buune; akkuma saboonni kaan hundi mootii qaban sana mootii nu bulchu nuu muudi” jedhaniin.
6 Lakini haikumpendeza Sameli waliposema, “Utupatie mfalme wa kutuamua.” Hivyo akamwomba BWANA.
Garuu, “Mootii nu bulchu nuuf muudi” jechuun isaanii waan Saamuʼeelin hin gammachiisiniif inni Waaqayyoon kadhate.
7 Na BWANA akamwambia Samweli, “Sikiliza sauti ya watu kwa kila jambo wanalokwambia; kwa sababu hwajakukataa wewe, bali wamenikataa mimi nisiwe mfalme wao.
Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Waan sabni sun siin jedhu hunda dhagaʼi; isaan akka ani mootii isaanii hin taaneef na tuffatan malee si hin tuffanne.
8 Sasa wanafanya kama vile walivyotenda tangu siku ile nilipowatoa huko Misri, kwa kuniacha, na kuwatumikia miungu mingine, na ndivyo hivyo pia wanakufanyia na wewe.
Isaan waanuma gaafa ani Gibxii isaan baasee jalqabee hamma harʼaatti na dhiisanii waaqota gara biraa tajaajiluudhaan natti hojjetan sana sittis hojjechaa jiru.
9 Basi sasa uwasikilize; lakini uwaonye sawasawa na uwafahamishe tabia ya mfalme atakaye waongoza.
Egaa amma waan isaan jedhan dhagaʼi; garuu sirriitti isaan akeekkachiisiitii haala mootii isaan irratti mooʼu sanaa isaanitti himi.”
10 Kwa hiyo Samweli akawaambia watu waliokuwa wakiomba mfalme maneno yote ya BWANA.
Saamuʼeelis dubbii Waaqayyoo hunda namoota akka mootiin isaaniif moosifamuuf gaafatan sanatti hime.
11 Akasema, “Hivi ndivyo jinsi mfalme atakavyowatawala.
Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni mootiin isin irratti mooʼu sun godhu kana: Inni ilmaan keessan fudhatee akka isaan gaariiwwan isaa irra tajaajilan godha; abbootii fardaas isaan godhata; isaanis gaariiwwan isaa dura fiigu.
12 Atawachukua watoto wenu wa kiume na kuwaweka juu ya magari ya vita na kuwa wapanda farasi wake, na kukimbia mbele ya magari yake. Atawaweka ma- kapteni wake juu ya maelfu ya askari, na ma-kapteni juu ya askari hamsini. Wengine atawafanya wakulima wamashamba yake, wengine wavunaji wa mazao yake, wengine watatengeneza silaha zake na zana za magari yake.
Gariin isaanii ajajjuuwwan kumaa, gariin isaanii immoo ajajjuuwwan shantamaa, kaan immoo akka isaan lafa isaa qotanii midhaan isaa walitti qaban godha; warra hafanis akka isaan miʼa lolaatii fi miʼa gaariiwwan isaa hojjetan godha.
13 Naye atawachukua binti zenu kuwa watengeneza manukato, wapishi, na waoka mikate.
Intallan keessan fudhatee qopheessitoota dibata urgaaʼaa, qopheessitoota ittoo fi tolchitoota buddeenaa godhata.
14 Atachukua mashamba yenu mazuri, mashamba ya mizabibu, na yale ya mizeituni na kuwapa watumishi wake.
Lafa qotiisaa keessan isa filatamaa, iddoo dhaabaa wayiniitii fi iddoo itti ejersa cuunfan isin irraa fudhatee hojjettoota isaatiif kenna.
15 Atachukua moja ya kumi ya nafaka zenu na mizabibu na na kuwapa maofisa na watumishi wake.
Midhaanii fi ija wayinii keessanii harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltota isaatii fi hojjettoota isaatiif kenna.
16 Atawachukua watumwa wenu na wajakazi wenu na vijana wenu waliowazuri na punda wenu; atawatumikisha wote kwa ajili yake.
Garboota dhiiraatii fi garboota dubartii, horii gagaarii fi harroota keessan fudhatee hojii ofii irratti bobbaafata.
17 Atawatoza moja ya kumi ya mifugo yenu, na mtakuwa watumwa wake.
Bushaayee keessan keessaa harka kudhan keessaa harka tokko ni fudhata; isin mataan keessanuu garboota isaa taatu.
18 Ndipo mtalia siku ile kwa sababu ya mfalme wenu mliyemchagua kwa ajili yenu; lakini siku ile BWANA hatawajibu
Gaafas isin mootii keessan isa ofii keessaniif filattan sana jalaa furamuuf ni iyyitu; garuu guyyaa sana Waaqayyo deebii isinii hin kennu.”
19 Lakini watu walikataa kumsikiliza Samweli; wakasema, “Hapana!” Lazima awepo mfalme juu yetu.
Namoonni sun garuu Saamuʼeelin dhagaʼuu didanii akkana jedhan; “Hin taʼu! Nu mootii nu bulchu feena.
20 Ili tuweze kuwa kama mataifa mengine yote, na hivyo mfalme wetu aweze kutuamua na atoke mbele yetu na atupiganie vita yetu.
Ergasiis akkuma saboota kaanii taana; mootiin keenyas nu hooggana; nu dura baʼees lola keenya nuu lola.”
21 Naye Samweli aliposikia maneno yote ya watu, akayarudia katika masiko ya BWANA.
Saamuʼeel yeroo waan namoonni sun jedhan hunda dhagaʼetti fuula Waaqayyoo duratti waanuma sana deebisee dubbate.
22 BWANA akamwambia Samweli, “Sikiliza sauti yao na uwafanyie mfalme.” Hivyo Samweli akawaambia watu wa Israeli, “Kila mtu na arudi mjini kwake.”
Waaqayyos Saamuʼeeliin, “Waan isaan jedhan dhagaʼiitii mootii moosisiif” jedhe. Saamuʼeelis namoota Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan magaalaa keessanitti deebiʼaa” jedhe.

< 1 Samweli 8 >