< 1 Wafalme 17 >

1 Eliyas Mtishibi, kutoka Tishibi ya Gileadi, akamwambia Ahabu, “Kama BWANA, Mungu wa Israeli aishivyo, ambaye ninasimama, hakutakuwa na umande wala mvua isiipokuwa kwa neno langu.”
Eeliyaas namichi Tishbii kan biyya Giliʼaad keessaa magaalaa Tishbiitii dhufe tokko Ahaabiin akkana jedhe; “Dhugaa Waaqa Israaʼel, Waaqayyo jiraataa ani isa tajaajilu sanaa! Yoo ani dubbadhe malee waggoota muraasa dhufan keessa fixeensi yookaan bokkaan hin jiraatu.”
2 Kisha nenola BWANA, likammjia Eliya, likisema,
Dubbiin Waaqayyoos akkana jedhee gara Eeliyaas dhufe;
3 “Ondoka hapa uende mashariki; ukajifiche karibu na kijito cha Kerithi, mashariki mwa Yorodani.
“Asii deemiitii gara baʼa biiftuutti qajeelii Laga Keriit kan gama baʼa Yordaanositti argamu keessa dhokadhu.
4 Nawe utakunywa maji ya kijito, na nimewaamuru kunguru kukulisha mahali hapo.”
Ati Laga sana keessaa bishaan ni dhugda; anis akka isaan achitti si sooraniif arraageyyii ajajeera.”
5 Kwa hiyo Eliya akaenda kama neno la BWANA lilivyomwamuru. Akaenda kuishi karibu na kijito cha Kerithi, mashariki mwa Yorodani.
Kanaafuu inni dhaqee waan Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Gara Laga Keriit kan gara baʼa Yordaanositti argamu sanaas deemee achi jiraate.
6 Nao kunguru wakamletea mkate na nyama asubuhi, na mkate na nyama jioni, naye akanywa maji ya kijito kile.
Arraageyyiinis ganama ganama buddeenaa fi foon, galgala galgalas buddeenaa fi foon fidaafii turan; innis bishaan Laga sanaa dhuga ture.
7 Lakini baada ya muda kile kijito kikakauka kwa sababu hapakuwepo na mvua katika nchi.
Yeroo gabaabaa booddee sababii biyya sana keessa roobni hin jiraatiniif lagichis ni goge.
8 Neno la BWANA likamjia, likisema,
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe;
9 “Inuka, uende Sarepta, ambao ni mji wa Sidoni, na ukaishi huko. Tazama nimemmwamuru mjane kukulisha.”
“Dafii gara Saraaphtaa Siidoonaa keessatti argamtu sanaa dhaqiitii achi jiraadhu. Ani akka isheen waan ati nyaattu siif kennituuf haadha hiyyeessaa tokko achitti ajajeeraa.”
10 Kwa hiyo akainuka na akaenda Sarepta, na alipofika kwenye lango la mji, kulikuwa na mjane akiokota kuni. Kwa hiyo akamwita na akamwambia, “Tafadhali niletee maji kidogo kwenye jagi ninywe.”
Kanaafuu inni kaʼee Saraaphtaa dhaqe. Yommuu inni karra magaalaa sanaa bira gaʼetti haati hiyyeessaa tokko qoraan funaannachaa turte. Innis ishee waamee, “Maaloo akka ani dhuguuf bishaan xinnoo naa fidi” jedheen.
11 Naye alipokuwa akienda kuleta maji alimwita, akamwambia, “tafadhali uniletee na kipande cha mkate mkononi.”
Akkuma isheen bishaan fiduuf deemuu jalqabdeenis ishee waamee, “Maaloo buddeena xinnaa isaa illee naa fidi” jedheen.
12 Naye akamjibu, “Kama BWANA Mungu wako aishivyo, sina mkate wowote, bali konzi moja ya unga katika chombo na mafuta kidogo kwenye chupa. Tazama, ninaokota kuni mbili ili niende kupika kwa ajili yangu na mwanangu, ili tule, na tusubiri kufa.”
Isheen immoo akkana jettee deebifte; “Dhugaa Waaqayyo Waaqa kee jiraataa sanaa, ani daakuu konyee tokkittii okkotee keessa jirtuu fi zayitii xinnoo kubbaayyaa keessa jirtu tokko malee buddeena tokko illee hin qabu. Ani akka nu nyaannee duunuuf manatti galee ofii kootii fi ilma kootiif nyaata qopheessuuf jedhee qoraan funaannachaan jira.”
13 Eliya akamwambia, “Usiogope. Nenda ukafanye kama usemavyo. lakini nitengenezee kwanza mimi na uniletee. Ndipo baadaye ujitenegenezee wewe na mwanao.
Eeliyaasis akkana jedhee deebiseef; “Hin sodaatin. Galiitii akkuma jette sana godhi. Jalqabatti garuu waanuma qabdu sana irraa Maxinoo xinnaa isaa tolchii naa fidi; ergasii immoo ofii keetii fi mucaa keetiif qopheessi.
14 Kwa kuwa BWANA, Mungu wa Israeli anasema 'Lile pipa la unga halitaisha, wala ile chupa ya mafuta kukoma kutoa mafuta, mpaka siku ile BWANA atakapotuma mvua duniani.”
Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Hamma guyyaa Waaqayyo lafa irratti bokkaa roobsuutti daakuun okkotee keessaa hin dhumu; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumu.’”
15 Kwa hiyo yule mjane akafanya kama Eliya alivyomwelekeza, yeye, na Eliya, na mwanae wakala kwa siku nyingi.
Isheenis dhaqxee akkuma Eeliyaas jedheen sana goote. Kanaafuu Eeliyaas, dubartiin sunii fi maatiin ishee guyyaa baayʼee nyaatan.
16 Lile pipa la Unga halikuisha, wala ile chupa ya mafuta haikukoma kutoa mafuta, kama vile neno la BWANA lilivyosema, kupitia kinywa cha Eliya.
Akkuma dubbii Waaqayyoo kan inni karaa Eeliyaasiin dubbate sanaatti daakuun okkotee keessaa hin dhumne; zayitiinis cuggee keessaa hin dhumne.
17 Baada ya hayo mambo, yule mwana wa yule mwanamke, yule mwanamke mwenye nyumba, aliugua. Ugonjwa wake ukazidi hata akaishiwa pumzi kabisa.
Ergasiis ilmi haadha mana sanaa ni dhukkubsate. Dhukkubni isaas ittuma jabaachaa deemee dhuma irratti hafuura baafachuu dadhabe.
18 Kwa hiyo mama yake akamwambia Eliya, “Je, una nini nami, ewe mtu wa Mungu? Je, umekuja kwangu ili kunikumbusha dhambi zangu na kumwua mwanangu?”
Isheenis Eeliyaasiin, “Yaa nama Waaqaa, ati hammina maalii narraa qabda? Ati waaʼee cubbuu koo na yaadachiiftee ilma koo ajjeesuuf dhuftee?” jette.
19 Naye Eliya akamjibu, “Nipe hapa mwanao.” Akambeba mtoto mikononi mwake na akampeleka mpaka chumbani alimokuwa akikaa, akamlaza yule mtoto kitanadani pake mwenyewe.
Eeliyaas immoo, “Mee ilma kee natti kenni” jedheen. Innis harka isheetii fuudhee baatee kutaa manaa kan ol aanu iddoo ofii jiraatutti geessee siree isaa irra isa ciibse.
20 Akamlilia BWANA akisema, “BWANA Mungu wangu, kwa nini umeleta majanga kwa mjane ambaye mimi ninakaa, kwa kumwua mwanae?”
Ergasii inni, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati akka mucaan ishee duʼu gochuudhaan haadha hiyyeessaa kan ani gargaarsa isheetiin jiraadhu kanatti illee rakkoo fiddee?” jedhee gara Waaqayyootti iyye.
21 Kisha Eliya akajinyosha mwenyewe juu ya mtoto mara tatu; akamlilia BWANA akisema, “BWANA Mungu wangu, Ninakuomba, tafadhali uhai wa mtoto huyu umrudie.”
Innis yeroo sadii mucaa sana irratti diriiree, “Yaa Waaqayyo Waaqa ko, mucaa kana lubbuun isaa itti haa deebitu” jedhee gara Waaqayyootti iyye.
22 BWANA akaisikiliza sauti ya Eliya; uhai wa mtoto ukamrudia, na akawa hai.
Waaqayyos iyya Eeliyaas ni dhagaʼe; lubbuun mucaa sanaas itti deebite; innis ni jiraate.
23 Eliya akamchukua mtoto na akamtoa toka chumbani kwake akamleta kwenye ile nyumba; akampatia mama yake yule mtoto na akasema, “Tazama, mwanao yuko hai.”
Eeliyaasis mucaa sana baatee kutaa ol aanu sana keessaa gad buusee gara manaatti isa geesse. Haadha isaattis isa kennee, “Kunoo mucaan kee jira!” jedheen.
24 Yule mwanamke akamwambia Eliya, “Sasa natambua kuwa wewe ni mtu wa Mungu, na kwamba neno la BWANA kinywani mwako ni la kweli.”
Kana irratti dubartiin sun Eeliyaasiin, “Ani amma akka ati nama Waaqaa taatee fi akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan keetii baʼu dhugaa taʼe beekeera” jette.

< 1 Wafalme 17 >