< 1 Nyakati 8 >

1 Wana watano wa Benjamini walikuwa Bela mwana wake wa kwanza, Asibeli, Ahara,
Beniyaam ilma isaa hangafa Belaa, ilma isaa lammaffaa Ashbeel, ilma isaa sadaffaa Aharaa,
2 Noha, na Rafa.
ilma isaa afuraffaa Nohaa fi ilma isaa shanaffaa Raafaa dhalche.
3 Wana wa Bela walikuwa Adari, Gera, Abihudi,
Ilmaan Belaa: Adaar, Geeraa, Abiihuud,
4 Abishau, Naamani, Ahoa,
Abiishuuwaa, Naʼamaan, Ahooʼaa,
5 Gera, Shefufani, na Huramu.
Geeraa, Shefuufaanii fi Huuraam.
6 Hawa walikuwa uzao wa Ehudi ambao walikuwa vichwa vya koo kwa wakazi wa Geba, ambao walihimizwa kuhamia Manahati:
Isaan kun ilmaan Eehuudii kanneen hangafoota maatiiwwan warra Gebaa keessa jiraatanii boojuudhaan Maanahatitti geeffamaniiti:
7 Naamani, Ahijahi, na Gera. Wa mwishi, Gera, aliwaongoza katika kuhama. Alikuwa baba wa Uza na Ahihudi.
Naʼamaan, Ahiiyaa fi Geeraa; Geeraan kun abbaa Uzaa fi Ahiihudii ti; namni boojuudhaan fuudhee isaan geesses isa ture.
8 Shaharaimu akawa baba wa watoto katika ardhi ya Moabu, baada ya kuwatariki wake zake Hushimu na Baara.
Shaharaayim erga niitota isaa Hushiimii fi Baʼaraa of jalaa ariʼee booddee Moʼaab keessatti ilmaan dhalche.
9 kwa mke wake Hodeshi, Shaharaimu akawa baba wa Yobabu, Zibia, Mesha, Malkamu,
Niitii isaa Hoodesh irraa Yoobaab, Zibiyaa, Meeshaa, Maalkaam,
10 Yeuzi, Shachia, na Mirima. Hawa walikuwa wana wake, viongozi katika koo zao.
Yeʼuuxi, Saakiyaa fi Miirmaa dhalche; isaan kunneen ilmaan isaa warra hangafoota maatii turanii dha.
11 Alikwisha kuwa baba wa Abitubi, na Elipaali kwa Hushimu.
Niitii isaa Hushiim irraa immoo Abiituubii fi Elphaʼal dhalche.
12 Wana wa Elipaali walikuwa Eba, Mishamu, na Shemedi ( ambao walijenga Ono na Lod pamoja na vijiji vilivyozunguka.)
Ilmaan Elphaʼalii: Eeber, Mishaam, shemedi isa magaalaawwan Oonooniitii fi Lood gandoota naannoo ishee jiran wajjin ijaare;
13 Pia walikuwako Beria na Shema. Walikuwa vichwa vya koo walizoishi Aijalon, Ambao waliwaondoa wakazi wa Gati.
Beriiyaa fi Shemaa kanneen hangafoota maatiiwwan warra Ayaaloon keessa jiraatan sanaa taʼanii jiraattota Gaatii ariʼanii biyyaa baasanii dha.
14 Beria alikuwa na wana watatu: Ahio, Shashaki, Jeremothi,
Ahiiyoon, Shaashaaq, Yereemooti,
15 Zebadia, Aradi, Eda,
Zebaadiyaan, Aaraad, Ederi,
16 Mikaeli, Ishipa, na Joha.
Miikaaʼel, Yishiphaa fi Yoohaan ilmaan Beriiyaa turan.
17 Elipaa alikuwa na wana hawa: Zebadia, Meshulamu, Hiziki, Heba,
Zebaadiyaan, Meshulaam, Hizqii, Hebeer,
18 Ishimerai, Izilia, na Yobabu.
Yishimraay, Yizliyaa fi Yoobaab ilmaan Elphaʼalii turan.
19 Shimei alikuwa na wana hawa: Yokimu, Zikri, Zabdi,
Yaaqiim, Zikriin, Zabdiin,
20 Elienai, Zilletai, Elieli,
Eliiʼeenaayi, Ziletaayi, Eliiʼeel,
21 Adaia, Beraia, na Shimrati.
Adaayaa, Beraayaa fi Shiimraat ilmaan Shimeʼii turan.
22 Shashaki alikuwa na wana hawa: Ishipani, Eba, Elieli,
Yishiphaan, Eeber, Eliiʼeel,
23 Abdoni, Zikri, Hanani,
Abdoon, Zikriin Haanaan,
24 Hanania, Elamu, Antotoja,
Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiiyaa,
25 Ifdeia, na Penueli.
Yifdeyaa fi Phenuuʼeel ilmaan Shaashaaq turan.
26 Yerohamu alikuwa na wana hawa: Shamsherai, Sheharia, Atli,
Shamisheraayi, Shehaariyaa, Ataaliyaa,
27 Yaareshia, Elija, na Zikri.
Yaʼireshiyaa, Eeliyaasii fi Zikriin ilmaan Yiroohamii turan.
28 Hawa walikuwa vichwa vya koo na viongozi walioishi Yerusalemu.
Isaan kunneen hundi akkuma hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti abbootii maatiitii fi hangafoota turan; isaanis Yerusaalem keessa jiraatu ture.
29 Baba wa Gibeoni, Jeieli, ambaye mke wake aliitwa Maaka, aliishi ndani ya Gibeoni.
Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture; maqaan niitii isaa Maʼakaa dha.
30 Uzao wake wa kwanza alikuwa Abdoni, akafatia Zuri, Kishi, Baali, Nadab,
Ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab,
31 Gedori, Ahio, na Zekari.
Gedoor, Ahiiyoo, Zekeerii fi
32 Mwana mwingine wa Yeieli alikuwa Mikloti, ambaye akaja kuwa baba wa Shimea. Pia wanaishi karibu na ndugu zao Yerusalemu.
Miiqlooti abbaa Shimeʼaa turan; isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
33 Neri alikuwa baba wa Kishi. Kishi alikuwa baba wa Sauli. Sauli alikuwa baba wa Yonathani, Malkishua, Abinadabu, na Ishbaali.
Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
34 Mwana wa Yonathani alikuwa Meribu Baali. Meribu Baali alikuwa baba wa Mika.
Ilmi Yoonaataan: Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
35 Wana wa Mika walikuwa Pithoni, Meleki, Tarea, and Ahazi.
Ilmaan Miikaa: Phiitoon, Meleek, Taareʼaa fi Aahaaz.
36 Ahazi akawa baba wa Yehoada. Yehoada alikuwa baba wa Amelethi, Azimavethi, na Zimri. Zimri alikuwa baba wa Moza.
Aahaaz abbaa Yihoʼaadaa ti; Yihooʼadaan abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti.
37 Moza alikuwa baba wa Binea. Binea alikuwa baba wa Rafa. Rafa alikuwa baba wa Eleasa. Eleasa alikuwa baba wa Azeli.
Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Raafaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
38 Azeli alikuwa na wana sita: Azrikamu, Bokeru, Ishimaeli, Obadia, na Hanani. Wote hawa walikuwa wana wa Azeli.
Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen hundi ilmaan Aazeelii ti.
39 Wana wa Esheki, kaka yake, walikuwa Ulamu mzaliwa wake wa kwanza, Yeushi wa pili, na Elifeleti wa tatu.
Ilmaan obboleessa isaa Eseeqii: Ilmi isaa hangafni Uulaam, ilmi isaa lammaffaan Yeʼuushi, ilmi isaa sadaffaan Eliiphelexi.
40 Wana wa Ulamu walikuwa wanaume wa mapambano na warusha mishale wa zuri. Walikuwa na wana wengi na wajukuu, jumla ya 150. Wote hawa walikuwa uzao wa Benjamini.
Ilmaan Uulaam loltoota jajjaboo xiyyaan loluu dandaʼan turan. Isaanis ilmaanii fi ilmaan ilmaanii hedduu walumatti nama 150 qabu turan. Isaan kunneen hundi ilmaan Beniyaam turan.

< 1 Nyakati 8 >