< Isaya 9 >
1 Hata hivyo, hapatakuwepo huzuni tena kwa wale waliokuwa katika dhiki. Wakati uliopita aliidhili nchi ya Zabuloni na nchi ya Naftali, lakini katika siku zijazo ataiheshimu Galilaya ya Mataifa, karibu na njia ya bahari, kando ya Yordani:
Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja.
2 Watu wanaotembea katika giza wameona nuru kuu, wale wanaoishi katika nchi ya uvuli wa mauti, nuru imewazukia.
Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera; warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.
3 Umelikuza taifa, na kuzidisha furaha yao, wanafurahia mbele zako, kama watu wanavyofurahia wakati wa mavuno, kama watu wafurahivyo wagawanyapo nyara.
Ati saba baayʼiftee gammachuu isaanii illee guddifteerta; isaan akkuma uummanni yeroo midhaan haamamutti gammadu sana, akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.
4 Kama vile siku ya kushindwa kwa Wamidiani, umevunja nira iliyowalemea, ile gongo mabegani mwao na fimbo yake yeye aliyewaonea.
Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa, waanjoo isaanitti ulfaate somaa gatiittii isaanii irraa ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.
5 Kila kiatu cha askari kilichotumiwa vitani, na kila vazi lililovingirishwa katika damu vitawekwa kwa ajili ya kuchomwa, vitakuwa kuni za kuwasha moto.
Kopheen loltuun ittiin duulte hundi, uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi ibiddaan gubama; qoraan ibiddaas taʼa.
6 Kwa maana, kwa ajili yetu mtoto amezaliwa, tumepewa mtoto mwanaume, nao utawala utakuwa mabegani mwake. Naye ataitwa Mshauri wa Ajabu, Mungu Mwenye Nguvu, Baba wa Milele, Mfalme wa Amani.
Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama.
7 Kuongezeka kwa utawala wake na amani hakutakuwa na mwisho. Atatawala katika kiti cha enzi cha Daudi na juu ya ufalme wake, akiuthibitisha na kuutegemeza kwa haki na kwa adili, tangu wakati huo na hata milele. Wivu wa Bwana Mwenye Nguvu Zote utatimiza haya.
Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.
8 Bwana ametuma ujumbe dhidi ya Yakobo, utamwangukia Israeli.
Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera; kunis Israaʼel irra buʼa.
9 Watu wote watajua hili: Efraimu na wakazi wa Samaria, wanaosema kwa kiburi na majivuno ya mioyo,
Uummanni hundi, Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku; isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;
10 “Matofali yameanguka chini, lakini tutajenga tena kwa mawe yaliyochongwa, mitini imeangushwa, lakini tutapanda mierezi badala yake.”
“Xuubiiwwan diigamaniiru; nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra; mukkeen harbuu murmuramaniiru; nu garuu birbirsa iddoo buusna.”
11 Lakini Bwana amemtia nguvu adui wa Resini dhidi yao na kuchochea watesi wao.
Kanaafuu Waaqayyo amajaajota Reziin isaanitti jabeesse; diinota isaanii illee isaanitti kakaase.
12 Waashuru kutoka upande wa mashariki na Wafilisti kutoka upande wa magharibi wameila Israeli kwa kinywa kilichopanuliwa. Hata kwa haya yote, hasira yake haijageukia mbali, mkono wake bado umeinuliwa juu.
Warri Sooriyaa gama baʼaatiin, Filisxeemonni immoo gama lixaatiin afaan banatanii Israaʼelin liqimsan. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
13 Lakini watu hawajamrudia yeye aliyewapiga, wala hawajamtafuta Bwana Mwenye Nguvu Zote.
Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine yookaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.
14 Kwa hiyo Bwana atakatilia mbali kutoka Israeli kichwa na mkia, tawi la mtende na tete katika siku moja.
Kanaafuu Waaqayyo Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta; damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;
15 Wazee na watu mashuhuri ndio vichwa, nao manabii wanaofundisha uongo ndio mkia.
maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha; raajonni soba barsiisan immoo eegee dha.
16 Wale wanaowaongoza watu hawa wanawapotosha, nao wale wanaoongozwa wamepotoka.
Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu; warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.
17 Kwa hiyo Bwana hatawafurahia vijana, wala hatawahurumia yatima na wajane, kwa kuwa kila mmoja wao hamchi Mungu, nao ni waovu, na kila kinywa kinanena upotovu. Hata kwa haya yote, hasira yake haijageukia mbali, mkono wake bado umeinuliwa juu.
Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu; namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii; afaan hundinuus hamaa dubbata. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
18 Hakika uovu huwaka kama moto; huteketeza michongoma na miiba, huwasha moto vichaka vya msituni, hujiviringisha kuelekea juu kama nguzo ya moshi.
Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa; inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa, bosona gobbuus ni qabata; akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.
19 Kwa hasira ya Bwana Mwenye Nguvu Zote nchi itachomwa kwa moto, nao watu watakuwa kuni za kuchochea moto. Hakuna mtu atakayemhurumia ndugu yake.
Dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti ni gubatti; namoonnis qoraan ibiddaa taʼu; namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.
20 Upande wa kuume watakuwa wakitafuna, lakini bado wataona njaa; upande wa kushoto watakuwa wakila, lakini hawatashiba. Kila mmoja atajilisha kwa nyama ya mtoto wake mwenyewe:
Karaa mirgaatiin ni butatu; garuu beela hin baʼan; karaa bitaatiin ni nyaatu; garuu hin quufan. Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;
21 Manase atamla Efraimu, naye Efraimu atamla Manase; nao pamoja watakuwa kinyume na Yuda. Hata kwa haya yote, hasira yake haijageukia mbali, mkono wake bado umeinuliwa juu.
Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata; isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.